cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Mafatihul - Kheyr/ مفاتح الخير

Kheeyritti wal yaamuun hojjachuu waliin wal qixa.! (الدال عل الخير كفاعله) contact:- @mafaatihulkeeyrbot

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
750
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Yaa rabbi dilii teenya nuuf araarami
إظهار الكل...
AnimatedSticker.tgs0.27 KB
Dubartii Amaloota Armaan Gadii Qabdu Hin Ta'in Dhiirsa Dhabdaatii •••••••••////// 1. Al-Annaanatu- Dubartii nyakkistu 2. Al-mannaanatau- Tola dhiirsa irratti oolteef tan irratti ofjaju- akkana siif godhe akkana siif godhe jechuun tan tola irratti oolte hundaa yaadachistu 3. Al-Hannaanatu- tan dhiirsa biraa kajeeltu ykn dhiirsa biraa irraa ilma kajeeltu 4. Al-haddaaqatu- Wantuma argite dhiirsa bichisiisuf tan dirqisiistu 5. Al-barraaqatu- dubartii guyyaa guutu osoo of tottolchituu fi bareechistu ooltu fuulli ishii akka balaqqeesa'a akka ta'uuf.(dubartiin of tottolchuu fi miidhagsuun wanta jiru garuu yeroo fi qabeenya ofii kanarratti qisaasessu hin qabdu.) Ykn dubartii nyaata irratti dallantuu, adda malee nyaachu hin barbaanne. Waa hunda keessatti qooda ofii xiqqaa guute ilaalti, itti hin gammaddu 6.Ash-shaddaaqatu- lawwistu, dubbii yommuu dubbattu tan nama arrabsituu fi dubbiin ishii sirna kan hin qabne, tan oduu baay'istu" Kanaafu, obboleetti, dubartii gosa akkanaaa hin ta'in. Amala kee bareechisuuf guyyaa guyyaan tattaafadhu. Namni niiti gaarii laallatus dubartii akkanaa irraa haa fagaatu. Akkasumas, innis amala akkanaa irraa haa fagaatu.! @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
"Haadha manaatiifi Abbaa manaati.... #Abbaa manaati qur'aanan haffazuu barbaada garu qur'aanni natti jabaata jennaan #haati manaatis kakhatteeti ati qur'aana kana #haffazdee yoo fixxe an haadha manaa biraa akka ati narratti fuutuuf siifin heyyama jetteeti kakhatteef sana booda abbaan manaatis jaarti #lammaaffaatin si fuusisa jechu kana dhageenyaan #qur'aana duraan haffazu dadhabe jedhe kana #ji'a (6) keessatti haffazee fixe sana booda haati manaatis abbaan manaa isii qur'aana haffazee fixu isaa yero argite #kakhuu kakhattee sin fuusisa jette saniif #soomanteeti cal-jette akkasittiin #Abbaan manaatis fuudha malee hafe.! #jaarti akkasi yoo feete #Rabbi siif haa kennu.😂😂😂😂😂😂 @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
“Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne” Jecha hiikkaa bal’aa qabu kana Sheeka keenya guddaa Sheek Adam Tuulaatu gaafa waldhaba Soomaleefi Oromoo san furuuf tattaafannu san. ummanni lamaan atakaaroo daangaa dhiisanii biyya boru isaan lachuufu taatu akka jaaran gorsuuf nuuf himan. Har’a hayyuu seenaa, siyaasaafi amantii dhuka isii beekan dhabne. Bara Sheek Bakrii Saphaloo irraa kaasee hanga gadaa Qeerrootti, qabsoo ummata Oromoo suduudaan keessa turan Sheekni. Namootan jireenya kiyya keessatti dhaggeeffadhee hin quufne keessaa kan hangafaa turan. Har’a gara fuula rabbii deeman. Rabbi warra jannataa haa godhu.! (إنا لله وإنا إليه راجعون) @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
MAQAALEE JANNATAA !!! •••••••••••••••••••••••••• Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa Hadiisa Qudsii keessatti Jannata isaa akkana jechuun ibse. “ Waan ijji arkitee hin beeyne, waan gurri dhagahee hin beeyne, akkasumaas waan qalbii Nama tokkorrahuu dhufee hin beeyne, Gabrroottan kiyya Gaariif Qopheesseetiin jiraa je’e. Hadiisa kana Abuu Hureeyraatu Rasuularraa Nuuf Odeeyse. Maqaaleen Balbala Jannataa Isaan Kana …. 1: Jannatul Firdoows 2: Jannatul Ma’awaa 3: Jannatul Koowsar 4: Jannatu Adnaan 5: Jannatu Na’iim 6: Daarul Maqaam 7: Daarul Khuld 8: Daarussalaam Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam yeroo Jannata Rabbii kadhattan irra ol’aanaa isaa Jannatul Firdoows kadhadhaa nuun ja’an. Rabbiin Warra jannatul Firdoows keessatti qanani’u Nu Haa Taasisuu. Barreffama kana yoo isinitti tole dubbisaatii eegasii Share waliif godhaa. Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran.! @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
DU’AA’IILEE ERGA SALAATA HIDHATAN BOODA QARA’AN •••••••••••••••• Yeroo Takbiirtaa Hidhannaa ja’anii salaata hidhatan, osoo faatihaa Hin qaraane dura Du’aa’ii Qara’amtuutu jira Du’aa’iileen tun akka heddutti dhufte. Mee san keessaa waa xiqqoon afaan keenyaan isiniif barreessaa, dubbisaatii irraa baradhaa 1: Allaahumma Baa’id beeynii wa beeyna khaxaayaaya, kamaa baa’atta beeynal mashriqi wal Maghribi, Allaahumma Naqqinii minal khaxaayaa, kamaa yunnaqqa Soowbul Abayadu Mina danasi, Allahumma Ighsil Khaxaayaaya Bil maa’i, Wassalji, Wal baradi. 2: Subhaanaka Allaahumma Wabihamdika Watabaaraka ismuka wata’aalaa jadduka wa laailaaha gheeyruka. 3: Wajjahtu wajhiya lillazii faxara samaawaati wal arda haniifaa, wamaa Ana minal mushrikiin. Inna Salaatii, Wa nusukii, Wa mahyaaya wa mamaatii Lillaahi Rabbil Aalamiin. Laa shariika lahuu wabizaalika umirtu wa Ana minal muslimiina. Duaaiilee baniinsa Salaata irraa muraasni tana fakkaatan. • Hubachiisa : Du’aa’iileen baniinsa Salaata hanga kana qofaa miti tan biraatiis hedduutu jira, ani fakkeenyumaafiin gabaabsee akka isin qabattanitti isiniif barreesse. • Gaafa hanga kana dubbistanii barattanii haffazdan booda tanneen hafaniis akkanumatti isiniif barreessee isin barsiisa. Barreeffama kana dubbisaa share waliif godhaa. Waan Dubbistaniif Galatoomaa: Jazaakumullaahu Kheeyran.! @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
Namni 3 Kan Rabbiin isaan hin dubbifne Eenyu faa dha? 1. Nama huccuu lafarra harkisu 2. Nama kakuu kijibaatiin horii heddummeeffatu. 3. Nama waan kennate deebi’ee himatu. Waa lama tan yoon rabbiif jecha of qaban rabbiin Jannata namaa kennu maal faa dha? 1. Arrabaa fi 2. Qaama saalaa. Maali haalli lama kan Mu’uumina keessatti walitti hin qabamne? 1. Dooynummaa (qorqodina) 2. Haala hammaachuu Saalaanni yoon nama dabre akka nama warra ofii dhabee tahan salaata kami? Salaata Asrii ==>. Irra caaltuun Sadaqaa tami? Xiqqoo qabdurraa kennachuu. ==>. Waa sadii tan nama dhoorgachuun hin taane tami? 1. Bishaan, 2.citaa fi 3. ibidda. ==>. Namni soomanu yeroo meeqa gammada je’ee Rassuulli (SAW)? Yeroo 2. Isaanis: 1. Yeroo furuu fi 2. Yeroo rabbi isaa qunnamu. ==>. Guyyaa kam yoon soomanan diliin amata lamaa namarraa buuti je’ee Rassuulli (SAW)? Guyyaa Arafaa. ==>. Guyyaa kam yoon soomanan diliin amata tokkoo namarraa buuti je’ee Rassuulli (SAW)? Guyyaa Ashuuraa. ==>. Masjiida kami kan yoon keessa salaatan akka nama Umraa godhee tahan? Masjiidul Quba’a. ==>. Yeroon lama tan hulaan samii banamtu tan du’aa’iin qeebalamtu tami? 1. Azaanaa fi Iqaamaa jidduu 2. Saffii qabsoo keessatti. ==>. Wanni rabbiin namaa hin araaramne maali? Haqa namaa. ==>. Namni Rassuulatti (SAW) guyyaa Qiyaamaa akkaan itti aanu nama kami? . Nama akkaan salaata heddummeessu. ==>. Irra gaariin addunyaa tanaa maali ja’an Rassuulli (SAW)? Jaartii gaarii. ==>. Irra hedduun warra Jannataa warra kami? Miskiina ==>. Irra heedduun warra Azaabaa kami? .Dubartii dha. ==>. Rabbiin dura maal uume akka Rassuulli (SAW) je’etti? Qalama. ==>. Namni nama Khaddamu nama booda dhuga moo nama dura dhuga? Nama booda. ==>. Soomanarra erga Ramadaanaati irra caalaan kami? Muharram ==>. Irra caalan salaata kami erga salaata Waajibaati akka Rassuulli (SAW) je’etti? Salaata leeylii ti. ==>. Salaanni warra towbaa deddeebi’uu salaata kami? Salaata Duhaa ti. ==>. Namni yeroo duraatiif khittaannate eenyu? Nabiyyullaah Ibraahim ==>. Nabi Ibraahim isaa umrii meeqaa khittaannate? Amata 80tti ==>. Nabiyyullah Muhammad (SAW) waa Afur aadaa Jaahilummaati ja’an maal faa dha? 1. Afaaniin nama arrabsuu. 2. Gosaan dhaaddatuu 3. Urjiin rooba barbaaduu. 4.Yeroo namni du’e iyyuu. ==>. Wanni guyyaa qiyaamaa akkaan miizaanaa namaaf olkaasa maali? Haala toluu ==>. Irra caltuun zikrii dhaa maali? Laa ilaaha illallaah dha Ergaa Bareedduu Tana share godhuun wal Biraan Naaf gahaa @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
ilmaan Rasuulaa Meeqaatu Osoo Inni Lubbuun Jiruu Du’e ? •••••••••••• Osoo Rasuulli Lubbuun jiruu ilmaan isaa Torban Keessaa Ja’aatu Isa Dura du’e. Isaaniis 1: Qaasim 2: Abdullaah 3: Ibraahim 4: Ruqayyaa 5: Zeeynab 6: Ummu Kulsuum • Qaasim: Inni Osoo Rasuulli hin ergamin dura dhalatee joollumamatti osoo guddatee bakka hin gahin Makkatti du’e. • Abdullaah : Erga Rasuulli Rabbii ergame booda dhalate Sababa saniif (Xaahir fii Xayyib) ykn Qulqullaawaa fii Gaarii jechuun yaaman. Absullaahiiniis daaimumma isaatti osoo Harma Luuguu hin dhaabin dura Makkatti du’e. • Ibraahim : Inni xiqqoo guddatee eega amata tokkoo fii walakkaa gahe booda dhukkubsatee Madiinatti du’e. • Ruqayyaa : Ruqayyaan Haadha Warra Sahaabticha beekkamaa kan osoo lubbuun jiruu jannataan gammachiifamee Usmaan Ibnu Affaan Turte. Hijraarraa Bara 2ffaa keessa duute. Isiin duunaan Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Usmaan Ibnu Affaaniif intala isaa Ummu Kulsuum kenneef. Usmaan Ibnu Affaan Radiyallaahu Anhu ilmaan Rasuulaa lama waan fuudheef (Zinnuureeyni) ykn Abbaa ifaa Lamaa ja’amuun Yaamamuu ture. • Zeeynab : Isiin Haadha warraa Abil Aas Ibnu Rabii’i turte, Hijraarraa Bara 8ffaa Keessa duute. • Ummul Kulsuum: isiiniis Haadha warraa Usmaan ibnu Affaan turte, obboleeytiin isii Ruqayyaan Usmaan jalaa duunaan Rasuulli isii Usmaaniif kenne, isiin ammoo Hijraarraa Bara 9ffaa keessa duute. Hubachiisa: ilmaan Rasuulaa keessaa tan eega Inni du’ee addunyaarraa gale isa booda duute Faaximaadha. • Faaximaan haadha warraa Aliyyi Ibni Abii Xaalib akkasuma Haadha Hassanii fii Husseen turte, isiin irra caaltuu dubartoota addunyaa tanarratti Rabbiin uumeeti. Isiin Maatii rasuulaa tan eega rasuuli du’e booda itti aanee du’e keessaa tan jalqabaa turte. •Yeroo Umriin isii 25 gahu Hijraarraa Bara 11ffaa zamana khilaafaa Abuu Bakru Siddiiq keessa duute. Obboleeyyan Kiyya barreeffama kana erga dubbiftanii booda nama fayyada jattanii yoo yaaddan Share godhaa obbolleeyyan keessan hunda biraan naaf gayaa. Waan dubbiftaniif galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran.! @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
Way Harka Kiyya !! Way Kiisha Kiyya !! Seenaa Ajaa'ibaa ••••••••••••••••••••••••• By: Qilleensi Nasrii Bubbise Seenaa kana Aalima beekkamaa jaalatamaa Muhammad Al Ariifii tu ﺣﻔﻈﻪ ﺍﻟﻠﻪ kitaaba isaanii mi'aawaa ( ﺍﺳﺘﻤﺘﻊ ﺑﺤﻴﺎﺗﻚ ) je'smu keessatti nuuf galmeessan... Gaafa tokko Abbaan warraa galee erga erbaata nyaatee uffata isaa baafatee fannisee hirribaaf siree irra ciisee uffata uffatee rafe. Haati manaa isa duubatti haftee hanga inni rafuu eeydee ...Inni rafee arginaan suuta deemaa gara uffata isaa dhuftee kiisha surree harka keesseeti mallaqa inni qabu akkuma jiruun kiishaa mallaq gootee...Awwaltee ofirraa isiinis (Isa jala seentee rafte) !!! Ganama wayta lafti bariitu Abbaan warraa gara dalagaa deeme !! Wayta dalagaa raawwatee eddoo bashannanaa seenee mallaqa laalu ...Mallaqni kiisha hin jiru !! Namtichi dhaabateetumaan dhama'ee rifate !! Garuu boodarra akka isiin fuute erga mirkaneeffatee ka'ee....deemee....Garuu beeki galee hin arrabsine ...Galee hin tumne...Ee dhugaa dha !!! Inni nama sammuun nagaya qabdu waan ta'eefi !! Mala beeka ...Tumaafii balaa hin beeku !!! Inni "Ibiddi bishaaniin dhaama malee...Ibiddi ibiddaan dhaamaa hin beeku !!"" Galgala eegee...Suuta je'ee Raacha du'e fuudhee (Wahiin maree) kiisha kaayatee ....Akka isiin edanallee kiishatti deebitu beekaa...Ofirraa erbaata ofii liqimsee uffata baafatee surree Raachi keessa jirullee fannisee birdi libsii uffatee akka waan hirribni qabee rafee fakkeessee...Ofii ija keessaan qaqal'isee isii eegaa jira !!! Hhhhh.... Isiin gaa .. Akkuma edaa mallaqa guura jettee...Inni rafe seetee suutaa deemaa ....Yaa Rabbi....Suuta deemaa dhufteeee....Wayta isiin harka kiisha nayxu waan qabbanaawaa tokko argite !! Yoo isiin suuta ol harkiftee baaftu wanti....Raacha !! Hhhhhh... Booda rifattee " Uuuu way harka kiyya !!". Jennaan....Abbaan warraa kan kana argatee ree innillee " Uuuuu way kiisha tiyya !! " je'a ol utaale !!! Hhhhhhh !! Dubbiin dhumate....Amma booda isiin kiishatti deebitii ???!!!,...Lakki ....Hin tumne ...Hin himanne...Hin arrabsine. ..Hin xiqqeessine !!! Karaa gabaabaan waan dheeraa tolche ! Osoo tumee isiin ni jallatti malee hin sirrooftu !!! Namni gariin jaartii isaa tumaan qajeelcha je'ee tan haftee jaartii goobse quubsa....Tan duraan haalli isii akka adurree.... Tumaa barattee leenca taati !! Yoo tumaa baratte...Sillee si tumuu jala qabdi !! Afaaniin si arrabsuu baratti !! Lakki...Amantiin teenya nama rakkisuu... Jiruu dirqii hin qabdu !! Rasuulli SAW haqa yataamaatiif haqa dubartii osoo jabeessanii dhaaman duniyarraa deeman !!! ﻋﻠﻴﻪ ﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ !! @mafatihu @mafatihu
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.