cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Bokkuu Media

Media News Company

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
1 474
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-77 أيام
-1830 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

02:59
Video unavailableShow in Telegram
Hayyuu Dhaloota Dureefi Dhaloota Qubee, Artist #IbrahimMohammed Artisti Ibraahim Muhaammad barreessaa, walaleessaa, yaadaleessaafi weellisaadha! Artistoota Oromoo sirbaan fuuldara ( features) jiran hedduu hojjachiisee jira. Seenaafi hojiiwwan isaa guutuu barruufi dokomantii viidiyoon yeroo dhiyoo keessatti isiniif dhiyeessina. Guyyaa kaleessaa “Badhaasa Haachaaluu Hundeessaa,” Marsaa 3ffaarratti wal-arginee, waraabbii gabaabaa kana fudhanne! #Ibroo kana booda irreen tee gama namaatii amma booda nuhi, hojiiwwan kan kee utubnee ummata kan kee biraan nigeenna, ati mootii Dhaloota Qubeeti!
إظهار الكل...
69.73 MB
Badhaasa Haachaaluu Hundeessaa marsaa 3ffaarratti! 📸 - Barifa Abadir
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Shukrii Jamaal - Furtuu 👇👇👇 https://youtu.be/tNNfsok29Zw
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Harmeen koo akka nuti namaa gadi hin taaneef uffata namaa miccaa nu jiraachisaa turte. Yeroo tokko, ''huccuun ati miiccaa/dhiqaa jirtu kan eenyuuti?'' jedhee yeroon gaafadhu, ''kan ollaati, isaanin gargaara jedheetani'' naan jette. Garuu dubbiin akkas hin turre. Yerosuma osoo isiin qarshii 40 isaan harkaa fuutuun arge. Ani eenyummaa koo hin dagadhu. Marqaa nan marqa, hojii mana keessaa hunda nan hojjadha. Kantiibaa Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar 👇👇👇 https://www.KedirAbdulatif.com
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Sagantaan dorgommii “Kedir Abdulatif Award” marsaa 3ffaa kan sa’aatii 72 turu, Dilbata 21 Ebla 2024 12:00 ykn 6:00 eegala. Hiriyoota keessaniin gahaa!
إظهار الكل...
2👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
38. Injifataan Obsaadhumaa! Icciitii kee, jaboo dhooysitee; Rakkoo kee, danuu obsitee; Dandeettee, ofqabaa turta; Tooftaan, jirma jabaa urta. Diina bobbaa kee, tiiysu; Iyyaala, gabaa sitti fiiysu; Qormaata darbii, alagaa; Barbaachisummaa ulaagaa. Malattee, luuccisoo daakkaa; Ofitti fudhattee, murtii yakkaa; Ba’aa hin dandeenne, baatta; Isa fedha hin qabne, nyaatta. Gaafa onnattee, moo’uuf kaatuu; Gabrummaa sammuutii baatuu; Erga, sammuun bilisoomee; Abjuun, keellee dhugoomee. Malaan, bishaan waddaa; Ciniinnattee, kophaa gaddaa. Moota, rakkoo baraafi baraa; Dooya ripha, nyaapha dharaa. Hanga gaaraa geetta; Mataa gubbaa teetta; Eegaa, injifataan obsaadhumaa; Waa, danda'uun abshaalummaa. Risaa Bokkaa Mooye Kadiir Abdullaxiif Hajjii Fuula 92 Maxxansa Duraa, 2018 Riyaad, Sa’uudii Arabiyaa
إظهار الكل...
👍 2
00:35
Video unavailableShow in Telegram
Warri Passport haaromsachuu barbaaddan lakkoofsa bilbilaa 055 849 1293 kanaan qunnamaa!
إظهار الكل...
9.98 MB
1
Photo unavailableShow in Telegram
Siitolii (Asoosama) Ujummoolee funyaaniifi qoma isiirratti maxxanfamanii jiran ofirratti ilaalaa, “kuni maali?” jette sagalee hafuurri keessa hin jirreen. “Kun akka ati daftee fayyituuf waan sigargaaruudha. Ammaa naaf fayyita. Anaafi Tokkeen si eegaa jirra,” jedhee harka isii dhungate. Imimmaan bitaafi mirgaan irra lola’ee, boqoo isii coollessee morma jalatti wal-gahe. “Meeshaalee kanneeniin hidhamee ani siree kanarratti du’uu hin barbaadu. Na baasi wanti fedhellee yoo dhufe waadaa keenya hin dagatin. Ilma keenya immoo atumti guddisi!” jettee osoo dubbataa jirtu afaan qabee, “hanga hafuurri sikeessa jiru ati jiraatuuf abdii qabda. Kanaaf hanga dhumaatti jiraachuuf qabsaayi, situ na barsiisee mitii jabina qormaata jiruu biyya lafaa kana?” jedheen. [Kitaaba keessaa fudhatame] Bar. Kadiir Sh/Abdullaxiif
إظهار الكل...
3🥰 1
Repost from N/a
Photo unavailableShow in Telegram
Waamicha Kabajaa! Ummata muslimaa Finfinnee fi naannawa ishee hundaaf, “Waldaa Furqaan Tajaajila Qur’aanaa” sirna Hundeeffama waggaa 1ffaa Kabajata. Guyyaa 17/06/2016 , Galma Immuu Taawor’tti argamuun akka nu cinaa dhaabbattan kabajaan isin affeerra.
إظهار الكل...
👍 1 1
Photo unavailableShow in Telegram
5
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.