cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

🔊Islamic Channel

✔The Duniya is not the resting place It is the testing place. 👉Allah is one Mohamed is his messenger 👈 ✔Obboleewwan keenya 👉Leave👈 godhuu keeysan Dura wan sirreessuu qabnuu nuf hima gama keessattin @Huzeyfa21_bot. jzkl

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
1 476
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

GAAFIILEE JAJJABDUU GUYYAA QIYAAMAA AFUR !!! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hadiisa isaanii qulqulluu keessatti akkana ja’an “ Guyyaa Qiyaamaa miilli gabricha kamiyyuu Waa Afur irraa osoo hin gaafatamin bakka herregaatii hin sossohu” Wantoonni Afuran San akka Armaan Gadii kana; …… 1: Umrii Isaa Maalitti Dabarsee Akka Fixe 2: Dargaggummaa Isaa Maaliin Dabarsee Akka Fixe 3: Qabeenya Isaa eessaa fidee, eessatti akka Baase 4: Beekkumsa Baratee Qabuun Maal akka hojjate • Guyyaa Qiyaamaa Gaafiilee Afuran tana irraa hanga gaafatamtuu bakka dhaabbatturraa miila Kee sossoosuu hin dandeessu. • Gaafiileen tun amma Yeroo laalan hedduu laaftuu fakkaatti, Guyyaa San ammoo gaafiin tun akka malee jabduudha. • Gaafiilee afuran tana guyyaan sun osoo hin geenye ammumaan dursinee if haa gaafannu. Gaafiilee Tanaaf yoo deebisaa dhabne ammumaan sirritti itti haa yaannu. Guyyaa Qiyaamaa san Namni ati gaafattee deebisaa irraa arkattu hin jiru Kanaafuu ammumaan sirritti of Qopheessi. Rabbiin Warra Gaafiilee tana deebite milkaawu Nu Haa Taasisu. Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa. By: Ibsaa Sheikh Yuusuf
إظهار الكل...
Seenaa Bareddu fi Barsistuu -Gaafa tokko mootiin gaariin mootii islamarra tahe tokko gabricha isaatiin akkana ja'e. "Deemii bishaan naafidi" jadhen gabrichiniis bishaan fidee akkana ja'een. "Yaa mootii kiyya osoo hin dhuynen gaafii sigaafadha" jadhen. Motichillen "haya gafadhu" jannan Gabrichi "utu bishaan kana sidhorganii maal goota?" jadhen Motichi "Silaa aangoo tiyyarra wal-qixa kennen dhuga" jadhen Gabricha "Erga dhuyde fincaan yoo sirra bahu didehoo?" jannan Motichi "Aangoo tiyya guutu kennen fincaana" jadhen Gab "Erga akkas tahe aangoonte fincaan Rabbin sa'a takka sirra baasuuhu hingessu" jadhen. Tanaaf Ni'imaa Rabbi osoo qalbiin laalle waan lakkaawamee dhumu miti. Mee ammahu Alhamdulillah jannaa ja'i. Liinkii Kenya #Forword fi join godhuu hin dagatin👇👇 👇👇👇👇👇 @Sanduyusra @DrZakirNaikAfaanOromoo
إظهار الكل...
Ibsaa Dhugaa: Kurnan Osoo Lubbuun Jiranii Jannataan Gammachiifaman Rasuulli Rabbii S.A.W Sahaaboota Kurnan Kana Osoo Isaan Lubbuun Jiranii Jannataan Isaan Gammachiise. 1~Abu Bakr As-siddiiq R.A 2~Umar bin Al-Khattab R.A 3~Usman bin Affaan R.A 4~Alyyii bin Abi Xalib R.A 5~Xalha bin Ubaidillah R.A 6~Zubair bin Awwaa. R.A 7~Abdu-Rahman bin Awf R.A 8~Sa’d bin Abi Waqqas R.A 9~Sa’ad ibn Zayd R.A 10~Abu Ubaidah Aamir bin Abdullah bin Al-Jarrah [R.A] 💞Radiyallahu Anhum Wa Ardaahum💞 Rabbi Imaana akka isaani nuuf haa khannu
إظهار الكل...
Ibsaa Dhugaa: Mowlida Kabajuun. Akkuma Nu hundi beynu Guyyoo ta muraasa booda Mowlidaatu kabajamuuf deema !! Tanaafuu waan rabbiin naaf laaffiserraan Waa'ee Mowlidaa kana xiqqo dubbadha Je'eetin barruu tana Jalqabe, akka oobsaan naaf dubbiftanin isin gaafadha .. MOWLIDA JECHUUN MAAL JECHUU DHA ? Mowlida jechuun dhaloota jechuu dha (Dhaloota Ergamaa rabbii ﷺ ) jechuu dha . Ergamaan rabbii ﷺ ji'a Rabii'ul Awwal keysa dhalate . garuu guyyaa dhalootaa keysa Shakkii tu Jira . Ulamaa'iin gariin guyyaa 12 dhalate Ja'an, ulamaa'iin Gariin Garuu Guyyaa 9 dhalate Ja'an . Imaamul Albaanii fii Abbaan kitaaba Rahiiqul maktuumis Guyyaa 9 dhalate ja'an !! Anis kanuman ja'a . Garuu Guyyaa 12 dhalate jechuu tu irra nama biratti Beekkame !! Hundaafuu ergamaan rabbii ﷺ 22 Apr 571 dhalate !! Waggaa 63 Addunyaarra jiraate, takkaa guyyaa Dhaloota kiyya (Birth day) je'ee kabajee hin beeku !! Ammas sahaaboonni isaa kan Akkaan isa jaalatan sunis takkaa kabajaniifii hin beekan !! Warri salafaa tis takkaa hin kabajne !! Tanaafuu Mowlidni Bid'aa Guyyaa keysaa Argame Jechuu dha !! DHIIROO MOWLIDNI KUN YOOM JALQABE ? Gaafii jettuuf deebiin : eega Nabiyyiin ﷺ keenya Du'ee Waggaa 500 lakkaawwatee booda jalqabe !! Ummata Jaahila Amantiirraa Duwwaa tu waan kana Jalqabe !!! HUJII KANA RABBIIN NI JAALATAA? Rabbiin keenya subhaanahuu wa ta'alaa suura NISAA' ayata 115 irratti akkana ja'a( namni rasuula ﷺ faalleesse, eega haqni isaaf ifa bahee booda, ammas faallaa karaa mu'umintootaa ka deeme, isaafii waan inni filate walitti lakkifna, ammas jahannam isa seensisna.) ja'a tanaafuu rabbiin keenya hin jaalatu jechuudha. RASUULLI KEENYA ﷺ NI JAALATANII ? Hadiisa imaamul bukarii fii muslim gabaasan keessatti nabiin keenya ﷺ akkana ja'an( namni waan haarawa amantii keessatti argamsiise, hujiin sun isumaratti deebiti. ) jechuun irraa hin qeebalamu jechuu dha. tanaafuu nabiin keenyas ﷺ hin jaalatu jechuu dha. duuba waan rabbii fii rasuulli hin jaalanne maaliif hojjanna?? Ulamaa'iin islaamaa warri beekumsa haalaan qabu hundinuu mowlidni BID'AA akka tahe irratti walii galanii jiran. ammas dirree mowlidaa san keessatti wantoota amantii faallessu hedduutu hojjatama. 1. Dhalaan mataa banaa achi keessa deemuu. 2. Achi keessatti shubbisuu. 3. Nashiidaalee rabbii fii rasuulli ﷺ hin jaalannetu ja'ama. jechuun ( tan nabii faarsuu keessatti daangaa dabartee sadarkaa rabbiitiin isa geessu). Foon achitti qalamus tahee nyaata achitti godhamu nyaachuun dhoorkaadha. Tanaafuu hujiin tun hujii rabbi aarsitu waan taateef irraa baqachuu qabna. namas irraa baqachiisuu qabna. HADARAA!!!! share godhuu hin dagatin...
إظهار الكل...
Ibsaa Dhugaa: Nama Janaabdawe irratti maaltu haraama? Qophii Urjii Ahmad Janaabdaa jechuun walqunnamtii Saalaa godhuun ykn Rafanii Abjuun waa arguun bishaan namarraa bahuudhaan argama. Nama janaabdawe irratti wanni haraamaa bakka lamatti qoodama: 1. Waan dhorgaa tan Isii kheeysatti wal dhabbiin hin jirre. 2. Waan kheeysatti wal dhabbiin argame. Qooda duraa kan Isa kheeysa khilaafni hin jirre yoo laalle: 1. Salaata. Namni tokko yoo Janaabdawe salaanni hanga dhiqatuu isarratti haraama. Ragaan Qur’aana irraa Suuratu An-Nisaa: 43 2. Ka’abaan Naannawu (xawaafa godhuu) isarratti haraami Ragaan Hadiisa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam: “Ka’abaan Naannawuun Salaata” jedhe. Qoodni lammaffaa Waan Nama Janaabdaa qaburratti dhowwaa moo dhowwaa mitii kheeysatti wal dhabbiin jirtu. 1. Qu’raana Qara’uu: Gariin Ulamaa’ii Namni Janaabdaa qabu Qur’aana qara’uu hin qabu hanga dhiqatuu jedhan Ragaan Isaanii Hadiisa Ulamaa’iin Gariin da’ifa goote kan Aliyyi irraa odeeyfame: “Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam Qur’aana qara’uu irraa wanni isa dhorgu hin jiru janaabdaa malee” Albaaniin Tamaamu Al-Minnaa, fuula 119 irratti Hadiisa kanaan da’ifa murtii jettu itti kenne. Garuu Hadiisni isaan ragaa godhatan da’ifa, kanaaf dubbiin irra caaltuu namni Janaabdawe Quraana qara’u ni dandaha. Ammoo irra caalaan osoo qaama dhiqatee qara’e, sababaanis Ibaadaa haala irra caalaa tahe kheeysatti godhuutu caala waan taheef. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Ani xahara osoon qabu malee Rabbi zakkaruu nin jibba” jedhe. Irra caalaan dhiqatanii Qara’uudha jedhama malee haraama jechuuf ragaan sabataan hin jiru. 2. Qur’aana harkaan qabatuu. Qur’aana namni janaabda qabu ni qabata moo hin qabatu kunis waan ulamaa’in kheeysatti wal dhabde. Albaaniin akki je’u: “Ragaan haqaa warra Qur’aana qabachuu ni dandaha jedhan wajjiin jira.” Tamaamu Al-Minnaa: 119 Warri qabachuun hin tahu jedhan ragaaan isaanii: Jecha Rabbii ol taheeti: “Isa (kitaaba) hin qabatu warra qulqullaawoo malee” Al-Waaqi’aa: 79 Hikkaan Aayata tanaa warra Mufasirootaa biratti kan irra caalaadhaa Kitaabni Aayaanni itti baantu Lowhal Mahfuuzi, sanis malaaykoota qulqulluu qofaatu qabata jechuu itti fedhame ja’an. Ragaan isaanii kan biraa hadiisa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam: “Quraana hin qabatu nama qulqulluu (xaahir) malee” Hadiisa Albaaniin sahiiha jedheen. Jechi Qulqulluu jedhu hikkaa walii galaa qaba, Muslimni Janaabdaa qabaatus, qabaatuu baatus Qulqulluudha (xahara). Kanaaf wanni irra caalaan Qur’aana namni janaabdaa qabus qabatuu ni dandaha jechuudha ja’an ulamaa’iin quraana osoo janaabdaa qabanii tuquu hayyaman. 3. Masjida kheeysa taa’uu (turuu). Kanas Ulamaa’iin kheeysatti wal dhabde. Warra ni dandahama jedhuu jira, hin tahu warra jedhee jira. Warri dhorgu Hadiisa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam: “Ani Masjida dubartii heeydii qabduu fii nama janaabdaa qabuuf halaala hin godhu (hin hayyamu).” Hadiisa Abuu Dawudii gabaase Albaaniin Hadiisni da’ifa jedheen. Ibnu Hazm akki je’u: “Warri Barandaa Masjida Nabii sallallaahu aleeyhi wasallam galan namoota hedduudha, Osoo Rasuulli jiru achi galan, shakkii takkaan maleetti namni isaanirraa abjuunis tahus janaabdawu hin dhabamu, takkaa isaan masjida irraa dhorgamaniin hin dhagayamne, achuma galan jiruudhaaf.” Jumlaatti wanni jaalatamaan waan ulamaa’iin kheeysatti wal dhabde kana dirqamummaan osoo hin taane qaama dhiqatanii Qur’aana qara’uu fii tuquu akkasuma masjida kheeysa taa’uutu jaalatamaadha. Maddi: Tamaamu Al-Minnaa fii Fiqhi Al-Kitaabi wa sahiihi As-Sunnaa, Mujallada tokkoffaa, fuula: 109-112
إظهار الكل...
Ibsaa Dhugaa: Nama Halkan Malakaan Wajji Bultu Beektuu? ======================= ~Abdallaah Bin Umar irraa (Rabbi Isaan lamaan irraa haa jaalatu), Ergamaa Rabbii (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Akkana jedhan:" Namni ququlleeffatee'¹' bule,malakaan uffata qaama isaatti aanu keessa bula!. Yeroo inni halkan keessa dammaqu;malakichi suni:"Yaa Rabbi gabricha kan kee kanaaf aararami,inni qulqulleeffatee bulee" jedha!!" Hadiisichi Qulqulluu dha! قال الإمام الألباني-عليه رحمات الله-:هذا حديث حسن صحيح" ____________ ¹-Qulqulleeffannaan kuni;bakka lamatti qoodama; 1/Inni duraa;qulqullina isa qaamaa yoo tahu,suni ammoo;wadda'achuu (Wuduu'a godhuu) ykn wiissifachuu dha. 2/Inni lammataa;qulqullina keessaati,sunis badiifii dogoggora irraa gama Rabbii (Towbaa) deebi'anii keessa ofii dhiqanii buluu dha.... من كتاب (فيض القدير) للمناوي -رحمه الله- Hirriba dura wadda'atanii/weysifatanii rafuun bu'aalee armaan gadii qaba; -Sheyxaanni namatti taphachurraa ni baraara,waan malaa'ikaan nama wajji bultuuf -Namni fuula Rabbiitiif qophaa'ee buluu irratti nama gargaara -Dhukkuba xiin-sammuu guyyaa keessa nama borjaajessaa oolan irraa akka baraaraman ni gargaara -Dhukkuboota baakteeriyaa dhaan daddarban,sababa qulqullinni qaamaa hin jirreefis nama mudatan irraa nama ni barara -Hirriba qulqulluu,abjuu fokkotaa,hirriba keessa gurufuu irraa nama tiksa -Araarama Rabbii argachuufis carraa guddaa namaaf bana. Nagayaan Bulaa! Abjuu Keessan keessatti Nabi Muhammadiin isin haa garsiisu صلى الله عليه وسلم <<Alarmii Salaata Subhii Hin Dagatinaa>> By: Qilleensi Nasrii Bubbise
إظهار الكل...
Ibsaa Dhugaa: SEENAA ABUU BAKR AS-SIDDIIQ Kutaa 1ffaa Qophii Urjii Ahmad Abu Bakr As-Siddiiq Rabbii irraa haa jaalatuu nama dura dhiirarraa Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam Ergamaa tahuu dhugoomsee jala deeme. Khaliifaa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam kan duraati. Intala Isaa A’ishaa Rasuulaaf kenne Soddoomeenii jira. Waahila Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam gaafa Nabiyyumma duraa fii Nabiyyummaa boodaati. Maqaan Isaa guutuun Abdullaahi binu Usmaan binu Aamir binu Ka’ab Al-Qureeyshiidha. Yoo gabaabsan Abdullahi Ibn Abii Quhaafaa je’ama. Maqaan beekkamuun Abuu Bakr As-Siddiiq hoggaa tahu maqaan biraa kan itti beekkamu Atiiq fii Siddiiqi. Wanni Siddiiq Isaan je’aniif Isaatu waan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbirraa fide hunda dhugoomsa. Gaafa Israa’i fii Mi’iraajaa Rasuulatti Osoo hin dhufin yoo inni Samii dhaqeetin dhufe je’e dhuguma jechuun dhugoomse. Kanaaf dhugoomsaa ykn Siddiq Isaan je’aniin. Bara Arbaa booda waggaa lammaffaa dhalate, Bara arbaa jechuun gaafa Mootichi Habashaa ka’abaa jiiysuuf Arbaan gama Makkaah duulee Rabbi isa caphse sani. Umriidhaan Rasuularra sallallaahu aleeyhi wasallam waggoota 2 xiqqaadha. Isaa joollee gaafa tokko Abbaan Isaa fuudhee Taaboota gabbaran bira fidee salaatiif je’ee biratti dhiisee biraa kute. Hoggaa xiqqo taa’e Abuu Bakr taaboota takkatti gargalee “Beelaa na jiraa na nyaachisi” je’een. Taaboota xiqqo eegee deebii irraa dhabnaan. Taaboota gaafii biraa gaafate “Huccuu hin qabuu daara na baasi.” Je’een, deebiin hin jiru. Abu Bakri dhagaa fudhatee taaboota dhawe, taaboonni lafatti kombole. Guyyaa sanirraa eegalee amantiin Waaqeefattoota Arabaa amantii faayidaa hin qabne tahuu hubate. Takkaa Taabootaaf salaatee hin beeku. Abuu Bakr dura dhiirarraa Isaatu Islaamawe. Islaamooynaan nama hedduu Islaameeyse sanirraa Usmaan binu Affaan, Abdurahmaan binu Owfi, Sa’ad binu Abii Waqqaas fii Xalhaa binu Ubeeydullaah fii kanneen biroo hoggaa tahan jarri kuni hundi jara kudhanan Nabiyyiin Jannataan gammachiiserraahi. Abuu Bakr akkuma Muslimoota biraa amantii Islaamaa seennaan balaa gurguddoo kaafirootarraa qunnamee jira. Abuu Bakr gama amantii Rabbii waan nama yaameef kaafiroonni akka malee tumanii jiran. Gaafa tokko Qureeyshiin akka malee tumtee kan gaggabe gosti Isaa fuutee manatti galchite. Yoo du’e dhiiga Isaa ni kafalanna je’anii bira taa’an. Hoggaa gaggaba Isaarraa beeyfate dura wanni inni dubbate “Rasuulli nagaya qabaa?” jechuun gaafate. Gosti Isaa nuti dhiiga kee kafalla jennee as jiraa ati ammoo nama Isaaf jecha tumamte akkamitti gaafatta je’anii biraa deeman. Abuu Bakr Haadhaan Faaximaa bintu Al-Khaxxaab bira dhaqii waa’ee Rasuulaaﷺ naaf iyyafadhu je’een, Haati Faaximaa wajjiin dhuftee, gamaa fii gamana qabanii Ergamaa Rabbii ﷺ bira mana Arqam binu Abii Al-Arqam geeysan. Achitti Rasuularratti kufee “Yaa Rasuula Rabbii ati nagaya naaf qabdaa” jechuun booyee warra mana keeysa jiru hunda boochise. Haati Isaa akka Islaamooytu Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam duaaii godheefii gaafa san Islaamooyte. Itti fufa... Dubbisii share godhi
إظهار الكل...
Ibsaa Dhugaa: soomana, Baatii hunda guyyaa 3 kan (ayyamuul biid) je’amu ni soomana, Ashuuraa ni soomana. Ji’a Sha’baan irra guddaa Isii ni soomana. @Nuralhuud. Ibsaa Dhugaa: Ubaadaa ibnu Saamit(ra) Odeeffamee Ergamaan Rabbii(saw) ni je'e Waa jaha(6) of naa qabaa Jannataan of isinii qabaa 1. Dhugaa dubbadhaa yeroo haasoftan 2. Baallama guutaa yeroo baallama seentan 3. Bakkaan gahaa waan irratti Amanamtan 4. Tiysaa Farjii/Qaama Saalaa keeysan 5. Ija teeysan gad qabadhaa Haraamirraa 6. Harka keeysan qabaa Haraamirraa Inshaa Allaah Rabbiin Rahamata isaatiin nuhaa tiysu Kheeyrii Duniyaa fi Akhiraa Nuhaa waffaqu Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiin Yaa Rabbal Aalamiin!!!!!!
إظهار الكل...
Ibsaa Dhugaa: by:Urjii Ahmad Akhlaaqa (Haalaa fii Amala) Rasuulaa s.a.w irraa • Ayyoon teenya A’ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu Akhlaaqa Rasuulaa s.a.w irraa gaafatamtee akki jette “Khuluqni Isaa (Haalaa fi Amalli) Isaa Quraana.” • Rasuulli s.a.w Lubbuu Isaatiif hijaa hin kafaltu, Ifiif jecha hin aaru/hin dallanu, Yoo Daangaa Allaahaa Caphxe malee, hoggas Rabbiif jecha dallana. Yoo Rasuulli s.a.w dallane daangaan Rabbii caphuuf jecha namni tokkolleen waan ka’erraa Isa hin dhaabu. • Nabiyyiin s.a.w irra jeeyna namaati ture, irra arjaa fi tola olaa ture. Waan takka gaafatamee lakkii je’ee didee hin beekhu. • Rasuulli s.a.w Mana Isaa diinaaraa fii Dirhaama takka bulchatee hin beekhu, warra haajameef hiree fixu malee manatti hin deebi’u. • Nabiyyiin keenya s.a.w irra dhugaa dubbataadha gama haasawaati, Irra guutaa namaati gama beellamaati, irra caalaa namaati gama gosaati. • Inni s.a.w irra obsaa namaati, irra qaanfataa namaati. • Inni s.a.w Irra rifataa namaati ilmaan namaa fii bineensaaf. • Rasuulli s.a.w irra caalaa namaati gama sahaabaa Isaa kabajuuti, Fuul dura Isaanitti miili hin diriirsu, yoo bakki dhiphatte ni ballisaaf. • Sahaaboota qaba/waahiloota kan Isa marsan, yoo dubbate kan dubbii Isaatiif callisan, yoo ajaje kan ajaje isaa guutuuf wal dorgoman. • Nama Isa qunname hunda salaamtaan jalqaba. • Waahiloota Isaa ni barbaada, Yoo Isaan dhabe Isaan gaafata, yoo dhukkubsatan ni gaafata, nama imala deemeef Rabbi kadhata, Nama du’e irratti salaata, reefka Isaa jala deemee duaaii godhaaf, nama rakkoo qabaatuu Isaa fularraa arge hanga manaatti jala dhaqee rakkoo Isaa hiikuuf yaala, Eeyruu waahiloota Isaa ni dhaqa, Hadiyyaa/kennaa Isaanii irraa ni nyaata, nama hin boonu, Isa biratti jabaa fii laafaan wal qixa haqaan jiddutti murteeysa. • Nama Isa khaddame ni khaddama. Gabroottan irratti ol if hin fuudhu nyaataa fi dhugaatii wajji nyaatan. • Anas Rabbi irraa haa jaalatu akki je’e “Rasuula s.a.w amata 10 khaddameen, Wallaahi gaafa madiinaa jirruu fi gaafa madiinaa imala baanes hagan ani Isa khaddamurra tan Inni s.a.w na khaddamuutu guddoodha. Gaafa tokkollee “Uff” naan je’ee hin beekhu. Waanin dalage takkallee “maaliif akkana daleeyda?” naan jedhee hin beekhu, waanin hin dalaginis “Maaliif akkana dalaguu dhabde?” naan jedhee hin beeku. • Rasuulli s.a.w Yeroo dhaabbatuu fii Yeroo taa’us Zikrii hin dhiisu. Yoo Namoota taa’utti dhufe bakka banaa laallatee taa’a, sanitti Isaanillee ajaja. Nama Isaa wajjiin taa;u hundaaf qooda Isaa gahaa kanneef, Namni Isaa wajjiin taa’u tokko nama hundarra ana jaalata, ana kabaja jechuu yaada, Nama Isa bira taa’e tokko dhiisee biraa hin ka’u yoo haajaa jabduuf taate malee. • Nabiyyiin s.a.w nama tokkollee waan inni jibbu itti hin mullisu. • Hamtuu nama dalage hamtuun hin deebisuuf garuu irra dabraaf. • Rasuulli s.a.w dhukkubsataa ni gaafata, hiyyeeyyii ni jaalata, Isaan wajjiin taa’a, Janaazaa Miskinootaa ni dhaqa, Hiyyeesa hin tuffatu miskinummaaf, mootoota hin sodaatu mootummaa qabaniif, tola itti olame xiqqaa tahus ni guddisa, hinj tuffatu. • Takkaa nyaata arrabsee hin beekhu, yoo fedhe ni nyaata, ykn ammoo ni dhiisa. • Rasuulli s.a.w Ollaa Isaa ni tiiyfata, seequu guddisa, yeroo Isaa takkallee dalagaa Rabbii keeysatti malee hin dabartu, waan lama kheeysaa yoo filachiifame tan irra laaftuu malee hin filatu waan haraama hin tahiniin. • Kophee Isaa hodhuu ture…. • Farda, Gaangee, Harree yaabbatee jira, If boodaan khaaddama Isaa kaayata ykn nama biraa. • Nabiyyiin s.a.w waan inni Jaalatu yoo itti dhufe “Alhamdulillaah Rabbil Aalamiin” je’a, Yoo waan inni hin jaalanne argame “Alhamdulillaah Alaa kulli haalin” je’a. Itti fufa page 56 irraa nuurul uyuun Rasuulli s.a.w hoggaa nyaate irraa bahe “Alhamdulillaah Alazii Ax’amanaa, Wasaqaanaa, wa aawaanaa, wa ja’alanaa Muslimiin” je’a Yeroo hedduu hoggaa taa’u Ka’abaatti gara galee taa’a, Zikrii guddisa, Salaata ni dheereeysa, Khuxubaa (gorsa) ni gabaabsa. Bakka taa’umsaa takkatti hogga 100 Rabbirraa Araarama kadhata. Rasuulli s.a.w hoggaa salaatu sagalee booyicha (Siq Siq jettu) qooma Isaatii dhagayama. Rasuulli s.a.w Isniinaa fii Khamiisa ni
إظهار الكل...
Dr Zakir Naik Afaan Oromoo: Hawwaanniisa ©Jemal Sheikh Bakri Yaa jara Keenya dubbiin amma biyya Teenya tana qubatte ta duriin wal adda. Nuti ijoollummaarraa qabnee bineensa Hawwaanniisa ja'amu kana hin beeynu yoo kitaabumaafi waan takka takkarratti garre malee. Garuu bara dabree fi bara kana ijuma teenyaan argaa jirra. Ilbisni amma biyya teenyarra qubate kun hamaadha. Ummata Keenya kan dhibbentaa 80 qonnarratti hirkate kana beela hamaaf saaxiluu danda'a. Ummanni Keenya akkuma midhaan isaa isaaf biqilee jireenya isa daddagalchuuf taa'ee rooba eeggatu Midhaan isaa tumatee gabaaf dhiheessee taligaa maatii isaatiif itti fayyadama. Amma garuu akka biyyoota tokko tokkoo himamutti lafa hektaaraa ol yeroo takkatti xam godhee qullisee gubbaa akka marmaaru odeeffannoo quba qabaachuu hin ooltan. Mee yoo tilmaamnu ummanni Keenya hoongee akkamii keessa akka bu'uuf jiru nama yaachisa. Kanaafuu namuu bikka ilbisni kun argametti maloota isa irraa of ittisan fayyadamuuf yaalaa. 1ffaa, Aara aarsuu. Muka goggogaan qabsiistanii muka jiidhaa itti baay'istanii akka itti aarsitan. 2ffaa, Sagalee akka qawwee kilaaksii fii kan kana fakkaatus akka hin jaalanneetu himama. 3ffaa, Mootummaan bakka Rakkoon kun itti argametti haal duree tokko malee argamee akka keemikaala itti afuufsisu gaafanna. Wantin xumurarratti isiniif dhaamuu barbaadu namoonni qonnarratti baay'inaan hirkatan ykn kan qabeenyi isaanii jalaa nyaatamee Rabbirraa Abdii muree dheekkamuu hin qabu. Waan Rabbiin kheeyrii namaaf godhu hin beekan hamtuu keessaa kheeyrii baasuu kan danda'u Rabbiin furmaata waaraa akka isiniif kennu kadhanna akkasumatti Abdii Rabbirraa qabna. @DrZakirNaikAfaanOromoo
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.