cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀ ᴘʀᴇss™

ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ ʙɪʟɪsᴏᴏᴍᴛɪ! ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!! ❤💚❤ Akeeka Qabsoo ABO-WBO'n taliigamna! Hubadhu! Chaanaliin kun waan SQBO fi Jabeessaa Qeerroo irraa odeeffate irratti fuulleffata! Yaadaaf👇 @Oromiyaa_press

إظهار المزيد
فنلندا1 615لم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
684
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-37 أيام
-2530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

#Torban_Hacee....! Haqakeef deebii dhabus Sabni siif iyyee wacee Takkumaa sin daganne Nukeessa jirta Hacee.... Kichuutti si kutanis Jaarraaf tura bu’aankee Maqaankee boollaa oli Jiraa caala du’aankee Qaalii ilma marartoo Gooticha onneen tulluu Maqaakee osoo-n kaasin Takkumaa oollee-n bullu Sitoo gootummaan ka’ee Wal-tajjiirraa geeraree Firatti onnee horee Gola diinaa weeraree... Girdoo gabrummaa jaarraa Dhaloota kanaaf saaqee Sitoo diina qaanessee Shira-shee waliin laaqee Akkamiin dagatamtaa? Sin dagannu tasumaa Ekeraan awwaalamtus Maqaan kankee asumaa Ofiif xiqqoo jiraattus Dirra lafaa kanarra Ba’aa guddaa salphifte Ishee; isaaf anarraa Seenaa ormaan dhokate Soqxee golaa baafteetta Oromoof orumummaa Bakka kufee kaafteetta Irbuu gootota kalee Hin sharafne; baatteeta Galfata galmaan ga’uuf Lubbuu kankee laatteetta Ati ija keenya duraa Nu hin baddu libsuufuu Jechatu nu hanqata Oolmaa kankee ibsuufuu Gungummii garaa keenyaa Fuularraa nu hubattee Haqa keenyaaf of laattee Rasaasaan nuuf gubatte.. Osooti hin dhalannee~Faffacaanee dhumneerra Haamtuu diinaan haamamnee Afaan guunnee hin dubbannu~Injifannoo Aduwaaf Farda Siidaa saamamne Dungoo qabsoo Oromoo Tirikaan keenya suma Sit dhaloota barsiise Lagannaa mana gumaa Didaa harqoota alagaa Oomishteetta dhaloota Furtuu rakkina sabaa Nuuf keesseetta maloota Hojiin kee mirgisaadha Baraanuu kan hin guune Gootni seenaan jiraata Hacee ati hin duune Oolmaa keetu addadha Yoomuu-n badu nu keessaa Gootummaa qixa-n qabneen Onnee gubbaa nu teessa Siidaa yoomuu hin jigne Maqaa keetiin dhaabdeetta Dhalootatu si faarsa Galmee gootaa yaabdeetta Qaalii afaan tokkichaan Sabni bal’aan galatu Leenci akka kee silas Hin dhalanne; hin dhalatu! Gootummaakee leellifna Seenaa keetiin dhaadanna Waggaaf torbaniin miti Guyyaarraa si yaadanna! ✍️.... Riyaad Raayyaa
إظهار الكل...
Marroon eenyu, eenyurraa dhalate, eenyutu dhalche? Barreeffama Marroo ibsu kaleessa Danuu n katabee ture. Barreeffamni sun gabaabinaan barreeffamus dhugaa dheeraa of keessaa qaba. Dhuguma,-Marroon eenyu? -Eenyurraa dhalate? -Eenyutu dhalche? Dubbii gabaabaafi salphaan, Marroon kennaa addaa Waaqayyo jaarraa kana keessa Oromoo qofaaf kenne utuu hin taane, aasxaa saboota mirga isaaniif falmatanii saboota addunyaa jaarraa kanaati.Eenyummaa Marroo kana ibsuuf,jechoota qotnee barbaaduu irra dachee onaa keessaa bishaan qotanii barbaaduu wayya. 'Eenyurraa dhalate? ' gaaffii jedhuuf, Marroon gadameessa haadha isaa qofa keessaa hin baane.Haadha isa deesse irraa dhiiga fudhatee, Saartuu Magarsaa irraa mucha gootummaa hodhee, barruu Lalisee Roobaa irraa jabina sooratee, Ilfinash Qannoo irraa gorsa fudhatee, Aslii Oromoo irraa gamnummaa baratee...... gootota harmoota Oromoo mara irraa nama guutuu ta'ee dhalate. Eeyyee, gootummaan Laggasaa Wagii,iccitii qabachuun haji Adam Saaddoo, beekumsa Baaroo Tumsaa,gamnummaa Alamuu Qixxeessaa, tooftaaf dandeettii Taaddasaa Birruufi Waaqoo Guutuu, kutannoo Jaarraa Abbaa Gadaa, sabaaf jiraachuu Usmaayyoo Muusaa...... kallattii hundaan guutuu ta'ee gootota abboota Oromoo kaleessaa irraa dhalate;isaantu dhalche. Waan abbootaaf harmootni goototni Oromoo kaleessa qabsoo keessatti yaalanii darban muuxannoo godhatee, waan fooyyessu fooyyessee, yeroo Oromoon goota barbaaddutti goota guutuu ta'uun harka Rabbi irraa badhaasa Oromoof kennameedha. Aasxaa saboota cunqurfamoo jaarraa kanaati. Dhugaa baayyee waayee isaa dubbachuun dandaa'amus, waraqaan waayee isaa irratti barreessan waan nama gahu natti hin fakkaatu. Eeyyee, Innis seenaa isaa waraqaa irratti utuu hin taane, hojiif gochaan barreessee nu dubbisiisaa jira. Marroof WBOn hundumtuu galatoomaa! Waan waggoota 50 oliif ijaan hin argine waggaa 5 keessatti nutti agarsiistan. Fuulduratti! Lati Chali Likasa
إظهار الكل...
Qabsa'aan Gameessi Aartist Zarihun Wadaajoo du'aan Addunyaa kanarraa boqote. (SQ-Eebila 23, 2023) Qabsoo Bilisummaa Oromootti gama Aartiitiin Uummata dammaksaaf Ijaaraa kan ture, Aartist Zarihun Wadaajoo yaalii yeroo dheeraa booda Eebila 22, 2023 Biyya Indiitti du'aan Addunyaa kanarraa boqoteera. Aartist Zarihun Wadaajoo jireenya gidiraaf roorroo hamtuun guutamte jiraachaa, utuu nuffe, dadhabe hin jedhin ifaajee inni Qabsoo Bilisummaa Oromootiif taasisaa ture waan dalphaatti ilaalamus miti. Aartistii keenya kabajamaa kana du'aan of biraa dhabuu keenyatti gadda guddaa nutti dhagaa'ame ibsachaa; maatii, firoottaniif Uummata Oromoo bal'aaf jajjabina hawwina!
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Hordoftootni Amantaa Islaamaa Baga Geessan! Iid Mubaarak!!
إظهار الكل...
33:11
Video unavailableShow in Telegram
(SQ-Eebila 20/2023) Qophii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofaa!
إظهار الكل...
10:55
Video unavailableShow in Telegram
Walaloo jaal Mikaa'el Booran Yaadannoo Goototaa irratti dhiyyeesse!
إظهار الكل...
https://youtu.be/MOZzX0hTL5k "Gaaffiin Oromoo sadarkaa olaanaatti ilaalamu gaaffii siyaasaati. Suni deebi'u malee furmaanni tokkollee argamuu hin danda'u. Warri sirna Itoophiyaa of harkaa qaban haasaa kijibaa, imaammata kijibaa, olola kijiba dhiisanii dhugaa ofitti haasa'uu qabu. Dhugaa ofitti haasa'uu keessatti Sirna [mootota] hunda keessatti hudhaa ta'ee fuulduratti akka hin tarkaanfanne kan isaan taasise waan lama. Inni tokkoffaan, gaaffii uummata Oromoofi gaaffii cunqurfamtootaa haqaan deebisuuf qophii ta'uu. Inni lammaffaan uummatoota hundaaf kan ta'u sirna dimokiraasii beekamtii uummataa qabu ijaaruuf qophii ta'uu. Rakkoo furuu yoo barbaadan kana gochuu qabu. Kana gochuuf: sadarkaa duraatti weerara waraanaa Oromiyaa irratti diriirsan yeroo dhumaatiif dhaabuu, uummanni fedhii isaatiin hireesaa akka murteeffatu haalasaa mijeessuu qabu. Kana uummanni qabsoosaatiin argachuu qaba."
إظهار الكل...
Sirna Itoophiyaafi Oromoo

Photo unavailableShow in Telegram
Jaal Abboomaa Mitikkuu Waaqoo hiriira barattootaa Yuuniversitti Finfinnee irratti yeroo taasifamu.
إظهار الكل...
00:45
Video unavailableShow in Telegram
Irbuu Shinniiggaa haga Morma Jaardagaa tti, Tokkummaa Oromummaa fi Biyyummaa Oromiyaa kan agarsiise Jaarmayaa ABO-WBO Kaayyoo ganamaa tarkaanfachiisu dha malee Seesee Gandaa fi Amantaatiin wal ijaartee bolola aangoof fiigdu miti. Jabaachuu qabsootiin kan faayidaan  qabsootiin daldaluu irraa argattu kan jalaa tuqame, murni Seesee Finfinnee haga Diyaasporaa, WBO diiguuf hedduu tattaafatte. Kuun lagatti shiftaa gootee,kuun ammoo gansiiftee galchitee, simboo #WBOummaa irraa mulqite. Dhaamsi kun gowwoomsaa Seeseetiin akka hin dogoggorfamneef dhaamame.
إظهار الكل...