cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Jama'aa Dargaggoota Muslima Magaalaa Dheeraa

Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
646
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
+730 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Haanaan Najii👏👏👏 Qormaata kutaa 12ffaa bara 2015 Qabxii Olaanaa fiddee jirti. Haanaan Naajii Ahimad mana barumsaa Finfinnee sadarkaa 2ffaa kiruuzi irraa qormaata bara kanaa Saayinsii Uumamaatiin qabxii 649 galmeessisuun sadarkaa tokkoffaa qabatteerti. Qabxiin olaanaa bara kanaa saayinsii uumamaatiin 700 keessaa 649, saayinsii hawaasummaatiin ammoo qabxiin olaanaa 600 keessaa 533 galmaa'ee jira. Barattoonni 205 saayinsii kalaqaatiin qabxii 600 ol, barattoonni 15 ammoo saayinsii hawaasummaatiin qabxii 500 ol galmeessaniiru.
إظهار الكل...
Akka WaliiGalaatti Rakkina Teknikaattu Jira. Obsaan Eegaa.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata barattoonni bu’aa kutaa 12ffaa isaanii ganama sa’aatii 1:00 irraa eegalee ilaaluu akka danda’an beeksisus, barattoonni hanga ammaatti bu’aa isaanii ilaaluu hin dandeenye.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
#Komii 1. Qoramtoonni qaxbiirratti komii qaban bakkuma jiranitti eaes.et irratti hanga Onkoloolessa 5 bara 2016 sa’aatii 11:30tti qofa dhiyeessuu danda’u. 2. Qabxii keessan ilaallachuu qofa otoo hintaane hanga sartafikeetii oriijinaalli isin qaqqabutti sartafikeetii yeroo softikoppiisaa fudhachuu ykn maxxanfachuu dandeessu. Tajaajila Madaalliifi Qormaatawwan Barnootaa Finfinnee, Itoophiyaa
إظهار الكل...
#Bu'aa Tajaajilli madaallii barnootaa fi qormaata, Barattoonni Bu'aa qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Kibxata 29/01/2016 ganama sa'aatii 1:00 irraa eegalee bu'aa isaanii ilaaluu ni danda'u jedheera. Barattoonni bu'aa isaanii filannoowwan armaan gadii 3 #qofa fayyadamuun ilaaluu danda'u . 👉Marsariitii irratti: eaes.et 👉Ergaa barreeffama gabaabaa: 6284 👉 Telegiraamii: @eaesbot Filannoo armaan olitti ibsameen alatti karaaleen bu’aa gabaasuu biroo akka hin jirre tajaajilichi beeksiseera. Barattoonni gowwoomsitoota walfakkeessuun "bu'aa isin ilaalchifna" kan jedhan kamirraayyuu akka of eegan akeekkachiiseera. Inistiitiyuutichi bu'aa agarsiisuuf kaffaltii tokkollee akka hin gaafanne hubachiisaniiru. Bu'aa isaa akkamittan ilaaluu danda'u? Marsariitii irratti ilaaluuf: 1. Marsariitii eaes.et ka'na tuqi. 2. Itti aansuudhaan fuula itti aanu irratti lakkoofsa galmee (Registration number) fi maqaa jalqabaa barreessi. 3. "Check Result" cuqaasuun bu'aa keessan argachuu dandeessu. ergaa barreeffama Gabaabaan: 1. Lakkoofsa galmee (Registration number) kee 6284 irratti barreessanii al tokko qofa erguun deebii eeguudha. Karaa Telegiraam bootiidhan: 1. @eaesbot jechuun barbaadi 2. Filannoo mul’atu hordofuun lakkoofsa galmee (Registration number ) galchuun deebii eeguudha. Share gochuu hin dagatinaa!
إظهار الكل...
Qabxii akkamitti ilaaluu dandeenya? Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2015 Fulbaana 29, 2016 Ganama sa'aatii 12:00  irraa eegalee qabxii isaanii ilaaluu ni danda'u. Marsariitii 👉https://eaes.edu.et/ Ergaa barreeffamaa gabaabaa /SMS/👉 6284 Karaa Telegiraamii👉 https://t.me/eaesbot Share Gochuu hin dagatinaa!
إظهار الكل...
EAES 🇪🇹 Result bot

EAES: Educational Assessment and Examination Service Official Bot. Use this bot to check your Result.

Ibsa ministeera barnoota! Ministeerichi maalif rifatan? Prof. Birhaanuu Naggaa: "Qormaata kana irratti wanti nu rifachiisuu qabu tokko, barattoonni waliigala qormaata fudhatan dhibbeentaan 50'n fi isaa ol keessaa dhibbeentaa 26 qofa kan argatan ta'uu isaati." Barattoota kuma 845 keessaa, Barattoonni kuma 422,500 kan argatan dhibbeentaa 26 gadi ta’uu ibsameera. Inni salphaatti qabxii barataan tokko qormaata tilmaamaan osoo guuteeyyuu argachuu danda’uudha. Kanaafidha jalaa kaanee hojjechuu qabna kan jennu. " Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchi lakkofsi maal ibsa? - Lakkoofsi barattoota bara 2015 qorataman 845,099 yoo ta'u, Barattoonni 27,267 (%3.2) qofatu qabxii %50 fi isaa ol galmeesse. Kanneen keessaa: • Barattoonni 19,017 saayinsii uumamaatiin kan darban yoo ta'u, • Barattoonni 8,250 saayinsii hawaasaatiin darbaniiru. - Barattoonni halkanii 16,541 kutaa 12ffaa qorataman  keessaa 12 qofatu darbe. - Barattoota dhuunfaan qorataman 169,502 keessaa barattoota 498 qofatu darbe. - Barattoota idilee 659,056 keessaa kan darban barattoota 26,757 qofa (3.2%) - Manneen barnootaa qormaata kutaa 12ffaa fudhachiisan 3,106 keessaa Manneen barnootaa 1,328 barattoota tokkoyyuu dabarsuu hin dandeenye (42.8%) - Barattoonni kuma 27 fi 267 kallattiin barattoota waggaa tokkoffaa ta’uun yunivarsiiticha kan seenan yoo ta’u, barattoonni gara kuma 160 ta’an ammoo karaa sirreeffamaatiin seenu.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
ከፍተኛ ውጤት 👇 #649 Natural Sciene ሴት ሊደታ Cruise 649 /700  🪭533/600 Dm Addis Alamayo Adari tmrt bet 👏205 ከ 600 በላይ በNatural 🙈15 ከ 500 በላይ በ Social Science ስንት ተማሪ አለፈ ? 22,974
إظهار الكل...
Result Barattootni Boru Ganama Sa'aatii 12 Irraa Eegalee Website fi SMS'n Ilaallama. Hanga Boruutti Osoo Of Hin Jeeqin Nagahaan Bulaa. Keessa Keessan Of Amansiisaa. Wanta Gaariis Ta'u Ta'uu Baatus Obsaan Du'aa'iidhaan Qeebalaa.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Qabxiin barattoota yoom gadi lakkifama? Barattoonni Qabxii isaanii guyyaa boru ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee toora interneetii fi karaa ergaa gabaabaatiin ilaaluu akka danda'an himaniiru.
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.