cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

LAMMII MEDIA

#Kiristoos_Wajjiin_Fuldurri_Keenya_Ifaadha! #Eebbaaf_tahaa!

إظهار المزيد
فنلندا2 086لم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
192
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Repost from Sanyii Guddataa
Nelson  Mandela  fi Pirofeesara isaa   ___ Gaafa "Nelson Mandela"n londonitti seera baratu barsiisaansaa  baay'ee isa jibba . Barsiissichi PROFESSOR peet jedhama. Gaaf tokko osoo professor peet  nyaata ajajatee mana nyaataa taa'u Nelson Mandela n seenee taa'e.  Professor peetis "Mandela,sinbirroofi booyyeen waliin taa'ani nyaatu" jedheeni. "Mandela"nis  dhugaa keeti professor sinbirroon kaate bakka jijjiirachuu dandeessi jechuun ka'ee bakka jijjiirate. ____ Professor peet baay'ee aare. Bulee haaloo bahuuf jecha daree keessatti Mandela gaaffi kana gaafate. "Osoo karaa deemtu maallaqa kuntaala tokkoofi beekumsa kuntaala tokkotti  dhuftee isa kam fudhatta" jedheeni. Mandelanis "maallaqan fudhadha" jedheeni. ____ Professor peetis " ati homaa hin beektu ,ani garuu beekumsan fudhadha" jedhee itti kolfe.  Mandelan" marree kun  maal nama kolfisiisaree,namni waan hin qabne fudhata,ati beekumsa waan hin qabneef beekumsa filatte animmoo beekumsa nan qaba ,maallaqa hin qabu kanaafan mallaqa filadhe" jedheeni. __ Professor peet akka malee gubate. Ammas haloo bahuuf jedhee qormaata Mandela irratti "doofaa" jedhee barreesse,garuu qabxiisaa hin keenyefi. Mandela n qormaatasaa fudhatee tasgaabba'etuma professor "maqaa kee barreessite qabxii koo dagatteem" jedheeni ittu guggube. Waliif #Share gochuu hin dagatinaa Telegiramii @segnigudeta @wabisegni
إظهار الكل...
Ulee dugda keenya duubaa angafoonni fidanii nutti kennan sana qabannee fiignee galmaan yoo geenye, kophaa keenya osoo hin taane, hunduma namoota hojii kana keessaa ashaaraa qabanii wajjin badhaafamna. Sababni isaa, isaantu nutti kenne. Namoonni baayyeen si dursanee gara hojichaatti dhufnee fi baayyee abdatamnee turre waan akka yaadamnee fi eegamne hin ta'iniif homaa iyyuu hin sodaatin. An ofii kootii osoon hundee FOCUS gara mul'ata ganamaa fi qulqulluu sanatti deebisuuf asii gadi boolla hundeef ta'u qotuun deeme. Waanan bakkaan hin ga'iniif immoo bakkeetti naaf hin mul'anne. Ati garuu haaraa gootee qotuu hin eegltu. Isa jalqabame xumurtee isa irratti ijaarsa haaraa ijaarta. Sanaaf immoo yeroo hundumaan si wajjinan jira waadaadha. Baga gammadde bro. Ni dandeessa! ✍Dabalataan, Sagantaan tokkummaa eebbifamtoota barattoota FOCUS MINISTRY kan eegale waggaa lama dura. An gara hojiitti dhufee ji'a lama keessatti kan inni Waldaa Guutuu Wangeelaa Moobilii kan Phaawuloos cinatti argamuu wajjin walii galee sagantaa isaa idilee eegale. Dhuma irratti achitti waaqeffachuu eegaluu keenyaaf rakkoon wal hubachuu geggeessitoota gidduutti waan uumameef kan nuti gara Waldaa Amantoota Oromoo Finfinneetti jijjiirranne. Amma ammaattis yeroo Cvid-19 dhufe sana addaan waan citeef malee itti fufee jira. Marsaa kana immoo Waldaa Guutuu Wangeelaa Finaansiitti sagantaa addaatu qophaa'ee jira. Asumaan irraa hin hafinaan jedha. Obboleessikoo Yoneenis argamtee isaan faana yeroo maree gaarii akka qabaattu adaraan jedha. Dargaggoota qaqaxaleedhaan durfamaa jira waan ta'eef, waan guddaatu tokkummaa kana irraa eegama.🙏 #Kaayyoon_Hundeeffama_Tokkummaa_Kanaa: ✍1. Dargaggoota kennaalee gurguddaa fudhatanii mooraa Yuunivesiitii keessaa erga ba'anii immoo carraa waldaa Kiristaanaatti qabamanii hojjechuu hin argatin hojii wangeelaa itti fufsiisu. Isaanii fi waldaa Kiristaanaa walitti fiduu! ✍2. Barattoota nu boodaan mooraa keessatti hojii wangeelaa hojjechaa barachaa jiran karaa hundumaatiin deggeruuf haala mijjeessu. Fkn. Osoo isaan baasii tokko iyyuu hin baasin deemnee isaan leenjisuu, barsiisuu fi hojii wangeelaatiif isaan qopheessuun baanee wajjin hojjechuu. Akkasumas immoo gama faayinaansiitiin yommuu isaan hojii ergama guddichaa hojjechuuf deeman geejjibaa fi nyaata isaanii mijjeessuufiidhaan; waldoota isaan wajjin hojjetaniin walitti isaan fiduun haala mijjeessu irratti isaan deggeruudha. ✍3. FOCUS MISITRY fi waldaa Kiristaanaa gidduutti hariiroo addaan hin cinne uumuu. Sababni isaa, isaan kun gargar baanaan dhaloonni waldaa; waldaan immoo dhaloota dhabuun ishee waan hin oolleef gonkumaa gargar ba'uu hin qaban ejjennoo jedhuun yaadameeti. ✍4. Qaamni biraan FOCUS M. fi Waldaa gidduu seenee akka qaawwa isaan gidduutti hin uumneef karaa hundumaatiin ijoollee wajjin hojjechuu fi kkf ture. #Dhaamsa: ✍1. Hojiileen wangeela mootummaa Waaqayyoo dirree irratti waliin lallabuudhaaf eegalle, duras addaan hin cinne waan ta'eef ammas cimee itti fufa. Barattoonni kana keessatti leenjiidhaaf haa ta'u, isinii wajjin deemee lallabuu kootiif akkuma durii ammas baasii baaftan hin qabdan. Wangeelli lallabamee, Imaanaan wangeelaa nu bira ga'ee akka hin dhaabbanneef itti fufsiisuun gatii nuti argachuu qabnuuf isa hundumaa irra caaluudha. Kanaaf, ana akka barataa isa hiriyyaa keessaniitti ilaalaa na wajjin hojjedhaan dhaamsa kooti. Dhugaadhas sagantaa keessan dursaa natti himaa malee kan keessan kanan dursiisee qabadhu sagantaa tokko illee hin qabu! ✍2. Ijoolleen #FOCUS_SAMARAA immoo hojiin eegallee fi waadaan waliif seenne sun amma isin yaaddaniin olitti itti fufamee hojjetamaa jira. Gidduutti gargar fagaachuu uumameef dhiifaman jedha. Isiniinis, kattaalee isin dukkana keessa irra teessanii waaqeffattan sanas yaadeera. Kanaaf hojiin eegalle maal irra akka ga'e qabadheen dhufa. Wangeela lallabuunis itti fufa. #Gatiin_Keessan_Guddaadha! Geggeessaa Olaanaa FOCUS MINISTRY DURAANII Waadaa Bultii Caalii tiin!
إظهار الكل...
❣🗝#FOCUS_MINISTRY❣ 👉FOCUS Dhaloota malee dhaabbata qofa miti! ✍Warra na gaafattan hundumaatiif, Waa'eenkoo naaf haa bulu, Waa'ee FOCUS MINISTRY isheen tasuma dhiisuu hin dandeenyeen dubbadhaan deebii kootii naaf qabadha. Dubbisaas xumuraa!🙏 FOCUS Ministry n dhaabbata qofa osoo hin taane, dhaloota. Kanaaf kan namoonni baayyeen yoo dhiisuuf yaalan illee dhiisuuf rakkatan. Sababni isaa, namni osoo jiruu akkamiin dhaloota dhiisa ree? Tasumaa dhiisuu hin danda'u. Sanaaf ragaan tokko immoo ana. Hojii geggeessummaa irraa ergan deemee bubuleera. Garuu caalmaatti ijoollee FOCUS wajjin yeroo gaarii kanan qabaadhee fi qabaachaa jiru ergasiiti. Kanaafan FOCUS dhaloota jedha. Utuu dubbannuu, akka FOCUS MINISTRY n Qarree fi Qeerroo Oromoo sadarkaa barnootaa ol aanaa irra jiran qofa, miseensa walakkaa miliyoonaatiin ol of keessa qabu ni beektuu? Akka tokkummaan Waldoota Itoophiyaa guutummaatti yoo walitti ida'ame illee hamma FOCUS MINISTRY hojii labsii wangeelaa biyyatti keessatti hojjechaa hin jirrewo ni beektuu? Kun jedhuu miti dhugaadha. Eeyyeen akkasii warri hin beekne baraa. Ta'us FOCUS MINISTRY n hojii waldaan Kiristaanaa dadhabbii keessaa hin qabnee fi itti hin hirmaatin hojjeteera jedhee dubbachuun sobuudha. Kan hojjetame hundumaa Waldaa wajjin hojjete, hojjechaas jira, hojjechuufis jira!🙏 ❣#FOCUS_MINISTRY_Keessa: ✍1. Egeree geggessitoota waldaa Kiristaanaatii fi biyyaatu jira. ✍2. Humna siyaasa, dinagdee fi guddina hafuura biyya tokkoo irratti dhiibbaa uumuudhaan jijjiirama fiduu danda'utu jira. ✍3. Barsiisota wangeelaa, lubootaa fi raajota bor waldaan Kiristaanaa itti kennamtutu keessa jira. ✍4. Mishineroota hojii ergama guddichaa guutuu biyyaatiitti golee arfan irraa wal faana sagalee abdii dhaggeessisantu keessa jira. ✍5. Haayyota rakkoo saba isaanii fi biyya isaanii furuuf qaramaa fi qaroomaa jiran, warra sodaa fi jaalalli Waaqayyoo isaan keessatti mo'etu keessa jira. ✍6. Sammuu barate, isa hawwaasa barateefiif amanamummaan karaa hundumaa tajaajiluu danda'utu keessa jira. Kanaaf namni rakkoo geggessummaa dhaabbaticha keessa jiruu fi hanqinoota karaa keenya mul'atan ilaalee dhaabbata kana balfe yoo jiraate; isaan kana hundumaa wajjin kan inni balfe. Bakka geggessummaa kana rakkoon hin jiru hin jedhu garuu rakkoon jiru FOCUS MINISTRY irra caalsifnee rakkoo nuti ilaaluu qabnu miti yoon jedhe dhugaadha waan ta'eef isan jedha. ✍Akkuman dura jedhe FOCUS dhaloota. Dhaloonni immoo geggeessaa isaa irra ni caala. Kanaaf an amma illee hojjetaa yeroo guutuu kennee dhalootaa wajjin jiruudha. Boris itti fufee sanuma. Sanaaf immoo barattoonni an gara mooraa dhufee isinii wajjin hojii wangeelaaf dirree irratti ba'ee fi ba'aa jiru dhuga baatuudha. Warri an yommuun geggessummaa irra tures, ergasiis dhufee isin hin argin immoo; yeroo gaariitu dura keenya jira wal argina. Waliin jirras. ✍Dhuma irratti geggessitoota haaraa gara geggeessummaatti dhufaniin anaa dhufu jechuun jaalladha. Obboleessakoo Jonah Jat gara itti gaafatamummaa guddaa kanaatti dhufuu keetiif gammachuunkoo guddaadha. Gooftaa isa gaarummaa isaatiin hojii gaarii kanatti si waame haa galatu. Baga gammadde. Waaqayyo hojii ati hojjettu hundumaa siif haa qajeelchuun kadhannaakoo yeroo hundumaati. Anaaf ati duris hiriyyaa fi hidhata hojii gaarii waan waliif taaneef, si wajjinan jiraankoo jechaan miti gochaani. Bara geggeessummaa milkiin guute siif haa ta'u. Tasumaa osoon si wajjin jiruu, osoo Waaqayyo immoo nu wajjin jiruu, gufuun hojii kana keessatti itti gufadhe kamiin illee hin gufattu. Geggessummaan akkuma fiigicha ulee walitti kennanii sanaati. Kan na boodaan dhufee natti kenne tirsees haa ta'u baayyees fiigee, osoo isaan ulicha na biraan hin geenye ta'ee maalan sitti kenna? Atis warra bor dhufanii si harkaa fuudhanitti maal kennita. Waan warri nuti komannu baayyeen kaleessa gatii baasaniif dhaabbatichi amma har'aatti jira. Kanaaf yoo ati milkoofte warri an hojii harkaa fuudhes, anis waan si wajjin itti milkoofnu tokko ni qabna. Innis FOCUS bakka barbaadamu ga'uu isaatiini.
إظهار الكل...
Repost from Sanyii Guddataa
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
Sagantaa qormaata biyyoolessaa Barattoota Saayinsii Hawaasaa 👉26-28/1/205 Seensa Yuunivarsitii 👉29/01/2015 Oorenteeshinii 👉30-01/2015-02/02/2015 guyyaa qormaataa 👉03-04 /02/ 2015 barattoonni gara iddoo dhufanii deebi'u. Barattootaa Saayinsii Uumamaa 👉05-06/02/2015 Seensa Yuunivarsitii 👉07/02/2015 Oorenteeshinii 👉08/02/2015-11/02/2015 Guyyaa Qormaataa 👉12-13/02/2015 barattoonni gara iddoo dhufanii deebi'u. @segnigudeta @wabisegni
إظهار الكل...
Photo unavailable
#Irreecha_Nan_Deema!" "Irreecha ni deemtaa?" "Eyyee! Nan deema!" "Ni irreeffattaa?" "Lakki! Hin irreeffadhu!" "Maaliif deemtaree?" "Achi hiiqee dhaabadhee Oromoo miliyoonaan walitti yaa'e ilaaluufan deema! Bara Minilikii eegalee saba duguuggaan irratti yaalamaa ture kan haala ajaa'ibsiisaan dhumuu oolee jiraate kana ilaaluuf! Saba hammuma ajjeesan dachaan baay'atee lafa dhaalaa deemu kana ilaaluuf! Saba hammuma gad qaban mataa ol qabatu, hammuma jibban dagaagu, hammuma dhiiban bal'atu kana ilaaluufan deema!" "Maaliif immoo hin irreeffattu?" "Maaliif?" jechuun gaariidha! Deebiin koo kunooti! Yeroo irreechi ga'u hunda waggaa waggaan gaaffiin ittiin wal falminu, "Irreechi amantiimoo aadaadha?" kan jedhudha. Jalqaba irratti, aadaa fi amantaan fuula lamaan saantima tokkoo akka ta'an hayyoonni soosholoojii haalaan beeku. Kun amantii qofa, sun immoo aadaa qofa jedhanii daangaa gidduu isaanii kaa'uun ni ulfaata. Gara irreechaatti gaafa deebinu immoo irreechi qaama amantaa waaqeffannaa ta'uun isaa beekamaadha. Maaliif? 1ffaa: Irreechi ayyaana galateeffannaadha. Bacaqii gannaa dabarsee birraa nuuf bariisisuu isaaf waaqa guraacha galateeffanna jedhama. 2ffaa: Galateeffataa fi galateeffatamaan jiraannaan hariiroon jira. Sun amantaadha jechuudha. Eenyutu galateeffata? Uummata amantaa sana hordofu. Eenyu galateeffatama? Waaqa gurraacha! Sababni ani hin irreeffanneef as jira egaa. Ani Oromoodha; Kiristaanas. Amantaan ani hordofu qajeeltoowwan mataa isaa qaba. Barsiisawwan (doctrines) inni qabu keessaa tokko waa'ee Waaqayyooti. Waaqni ani itti amanu Waaqa tokkicha eenyummaawwan adda addaa sadii qabudha. Waaqa Abbaa, Waaqa Ilmaa fi Waaqa Hafuura Qulqulluudha. As keessatti Waaqa Ilmaa kan jedhame Yesuus Kiristoos yoo ta'u, Gooftaan Yesuus karaa ittiin gara Waaqayyo Abbaa dhaqnu Isa tokkichadha. Yesuus Kiristoos waaqa irraa ergamee, bifa namaa uffatee dhalachuun dhiiga Isaa nuuf dhangalaasee bakka keenya du'uun jireenya nuuf kenne. "Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne (HoE 4:12)". Kanaafuu, karaan ittiin jireenya bara baraa argannu tokkichi Ilma Waaqayyoo Isa ta'e Yesuus Kiristoositti amanuudhaan qofa akka ta'en amana. Maaliifan amana? Dhugaa isaatu naaf gale. Amantaa Waaqeffannaa keessatti Waaqni Gurraachi ilma hin qabu. Jireenya bara baraa argachuufis kallattiin kaa'ame hin jiru. Maaliif? Amantaan waaqeffannaa hamma ani beekutti jireenya du'a boodaatti hin amanu. Jiraachuu seexanaa illee hin fudhatu. Gabaabaamatti, Waaqni gurraachi Waaqayyo Isa ani itti amanu irraa guutummaan guutuutti addadha. Ani immoo akka amantaan hordofuutti galateeffachuu fi waaqessuu kanan qabu Waaqan itti amanu, Isa tokkicha Ilma Isaa Yesuus Kiristoosiin dabarsee naaf kenne, Isa jireenya bara baraa naaf laate, isa du'a keessaa jireenyatti akkasumas dukkana limixii keessaa ifa isa ajaa'ibsiisaatti na ceesise qofadha. Isaan ala kan jiran waaqoliin hunduu waaq olii tolfamoo jedhamu. Akkan hin waaqeffannee fi hin galateeffanne amantaa kootu na dhorka. "Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatiin!" (Bau 20:3). Kanaafuu, uummatan irraa dhaladhee fi baay'ee jaalladhu miliyoonaan walitti qabamee argee gammaduuf nan deema. Achi hiiqee dhaabadheen gammada! Sirna achitti ta'u kamittuu hin hirmaadhu. Lagas hin bu'u. Wantota achitti raawwataman otoo hin taane, sabicha barbaachan deema. Kanuma egaa. Kana qofa! Otuu haasofnuu, irreecha deemuuf qophooftanii? Haa deemnukaa! #deemsiittifufa Via Eebbisaa Baayisaa
إظهار الكل...
إظهار الكل...
LAMMII MEDIA

#Kiristoos_Wajjiin_Fuldurri_Keenya_Ifaadha! #Eebbaaf_tahaa!

Repost from OROMO DV
DV-2024 irratti ibsa gabaabaa fi Deebii gaaffii keessanii Yeroo darbe mo'attoota DV kan nu biratti galmaa'anii milkaa'an ragaa guutuu waliin isiniif maxxansinee turre. Amma immoo DV-2024 ilaachisee gaaffii keessaniif deebii kennuun akkasumas ibsa gabaabaa isiniif kennina! DV'n Maali? ➥ DV(Diversity Visa) jechuun carraa Visa Ameerikaa kaffaltii tokko malee ittiin argannudha. Carraan DV yoo nu qaqqabe kaffaltii tokko malee bilisaan gara Ameerikaa deemnee hojii nuuf qophaa'ee jirutti seenna jechuudha. DV-2024 galmaa’uuf wantoonni barbaachisan: 1. Barnoota sadarkaa 2ffaa isaa ol 2. Suuraa qomaa olii(gurdii) tokko 3. Gatii galmee qarshii 100 Akkamiin galmaa'u? 1. Karaa keessaa(inbox) suuraa nuuf ergitu 2. Form isiniif ergamu guuttanii deebistu 3. Galmaa'uu keessan erga mirkaneeffattanii booda gatii galmee karaa isiniif mijateen kaffaltu 4. Kaffaltii booda koodii DV keessanii (confirmation number) keessan fudhattu 5. Koodii DV keessanii bakka gaarii ol kaawwattu, ji’a 7 booda carraa DV keessanii ilaallachuu dandeessu. Gaaffilee yeroo hedduu gaafatamanii fi deebii 1. Passport ni barbaachisaa? ➥ Lakki, passport qabaachuun dirqama miti. 2. Yoom eegalee yoom xumurama? ➥ Galmeen gaafa Fulbaana 25, 2015 ALI (October 05, 2022 GC) eegalee guyyaa 34'f itti fufuun gaafa Onkololeessa 29, 2015 (November 8, 2022 GC) xumurama. 3. Lammiileen biyya alaa jiran galmaa'uu ni danda'uu? ➥ Eeyyee galmaa'uu ni danda'u 4. Carraan yoom ilaalama? ➥ Ji'a 7 booda (May, 2023) Gatiin galmee akkamiin kaffalama? 1. Karaa Baankii 2. Telebirr 3. CBE birr 4. Coopay 5. Awash Birr fi kkf Gatii galmee yoo hin kaffalle maaltu ta'a? 1. Yeroo fi dhamaatiin isin galmaa'uuf gootan hunduu kasaaraa ta'a. 2. Koodii DV keessanii fudhachuu hin dandeessani 3. Bakka biroottis irra deebiin galmaa'uu hin dandeessani. Yoo galmooftanis ni haqama. Lakkoofsa bilbilaa fi sarara inbox keenyaa yeroo DV'n guutamuu eegalu (Roobii dhufu) isin beeksisna. Gaaffii dabalataa yoo qabaattan #comment jalatti barreessaa! Galatoomaa! @OromoDV
إظهار الكل...
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
Repost from N/a
"Yaa digirii koo!" Akkasis gochaa turtanii WKU? Kun illee barattoota Yuunivarsiitii Walqixxee irraa bahan irratti uggura hojii banaa dorgomuu irra kaa'uudha yoo ta'e malee, anoo waggaa afur keessatti waanan argu argeen, sammuu koo itti cuunfeen, ga'umsa koo hamman danda'uu fi hamma Waaqayyo na gargaaree ittiin hojjedheen ragaa barnootaa koo of harka galfadhe; hiriyyoonni koo fi barattoonni dhugaadhaa fi seera qabeessaan baratan akkasuma. "Ollaan akkam bultee beeka; akkatti bule abbaatu beeka!" jedha Oromoon yoo mammaaku. Odeeffannoo kana ragaa quubsaa, madda dhugaa fi odeeffannoo sirrii male malee oliif gadi hafarsuun gaarii natti hin fakkaatu. Yoo jiraates immoo, biyyi keenya guutummaa guutuutti erga #seera_maleessummaan dhuunfatamtee bubbulee, tuttureeras. Ani akka kootti qeequun gaariidha, garuu miiraa fi abdii barattoota Yuunivarsiitii kana irraa seeraa fi ulaagaa ministeerri barnootaa mana barnootaa olaanoof baasee guutuun xumuraniif osoo yaadne gaaarii natti fakkaata. Tarii shiraa fi xaxaa qindaa'e ta'uu mala. Ilaalcha kooti. Kana caalaa ajandaan dhaadheffamuu malu Lixa Oromiyaa irraa Saba qulqulluu balleessaa tokko malee lubbuun akka baalaa harca'aa jiraniif mala ture. Lubbuun jiraachuutu dursa!. #na_ofkalchaa!!
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.