#Icciti soogidda beektu laata?
" isin soogidda addunyaati" (maat. 5:13)
"Isin soogidda addunyaati, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe maaliin deebi'ee miyeeffama ree?
#Gad baafamee gatamee namni irra ejjetee balleessa malee, homaa tokkoofuu waa'ee hin baasu.
#Akkuma beeknu gooftan keenya iyyesuus kiristoos Yeroo baratoota isaa barsisa turetti fakkenya adda addaatin barsisa tureera. isaan keessa tokko "isiin soogidda addunyaati" kan jedhu dha.
#maalif akkas jedhe laata gooftaan baratoota isaatin?
#Maali namni akkamittin soogidda ta'u danda'a?
Gaafi kanaaf deebi isaa akka armaan gaditti dhiyeesuuf yaaleera.
Soogidi amalaa armaan gadi qaba.
1. Soogidi nyaata mi'eesa ( iyyob 6:6).
#Nutis akkuma soogidda kana aduunyaa bishoofte amanta keenyan akka mi'es innuf soogidda ta'a nuun jedhe.
Kiristaanumman keenya yoo soogidda hin taane akka dhagaa gatamana. Addunyaa kanaf bitamne yoo jiranne, nuti soogidda mi'aawu didee gatame dha. Akka warra ormootas ni taana. Isaan irra adda ba'uuf soogidumman keenya namoota bushaawu mi'eessu qaba. Faaru 34:8 "namooni baayen karaa gaari eenyutu nati agaarsisa jedhu"
2. Soogidi aarsa mi'eessa (S.leewota 2:13), marqos 9:49, room 12:1.
#Akkuma ashaboon aarsa mi'eesuf garagaaru, kiristaanonnis qulqullota ta'ani kadhana cubbamoota mi'eesun fuula waaqayoti ni dhiyeesu, ni kadhatufis. Kadhaan qulqullota warra cubbamootaf fura dha (ya'o 5:14).
3. Soogidi qaama dhuukkubsateeff qoricha dha ( isqi'eel 16:4).
#Ashaboon madaatti yo naqan dafe madaa ni fayyisa. Marre isiin soogidda gaafa nuun jedhu , addunya dukkubsateef qoricha dha. Addunyan dhukkuba cubbutiin dhukkubsate jirti qorichuma keesan itti agarsisa. Qorichuuman keesanin immo qoricha addunya kan ta'a anaan waaqa keessan hojii fi amaanta keessani addunyaati agarsiisun, kan goopha'e sireesun, kan jaame ijja banuun, kan hin dhageenye akka inni dhaga'u gochu dha jechufi.
4. Soogidi ofif hin jiraatuu ykn mi'aawu.
#Soogidi ofif hin mi'eesu, nyaata mi'eesu male . Kiristaanonis ofif miti kan isaan jirataan. Kan isaan jirataan namoota biroof dha male. Kanaafu obbolesa keesanif jiradha jechu barbaadetu.
5. Soogidi iddo hundati ni argaman.
#Soogiddi mana hiyesas mana soresattis ni argamaa. Iddo hundati garu gaatin soogidda kana walqixee dha. Inni sooressi waan birri qabuuf birri guddan hin bitu, hiyyesis immo waan dhabeef hin bitu hin jedhu. Gatiin isaas xiqo dha waan ta'ef. Kanaafu gatin isaas xiqo yoo ta'e iyyu namonni hundu ni barbaadu. Isinis soogidda yeroo isaanin jedhuti, isiin iddo hundumati ni barbaadamtu, garu addunya birati ni tuffatamtu, gatin keessan akkuma soogidda xiq qo dha. Isin garu akkuma soogidda hundumaf qixa mi'awu keessan hin dhisina jechu isati.
6. Ashaboon amalaa isa hin jijjiruu.
#Addunya irra ashabo gosuma tokkotu jira. Osoo barbaare fi mi'eesitu biro fudhanne, qabiyye nyaatatin adda addaa ta'u ni danda'u. Qabiyyen ashaboo garu Biyya biyyatti hin jijjiramu. Kiristaanonnis Yeroo gadda ,gammachu, qabachu, dhabu to kan biron hin jijjjireraman. Akkasumas kiristaanni addunya kana irra jiru amaalan tokko dha. Kiristaani Yeroon, fayidaan biyaan waan fe'eenu hin jijjiramtan kanaafu isin ashabo dha jedhen.
7. Namni ashaboo nyaate gara bishaani dheeboota.
#Ashaboon duuka bu'oota ykn kiristaanota dha. Bishaan immo gofta Keenya dha. Marre namni nyaata ashaboo qabu nyaate akkuma dhebootee bishaan yaadu, isiin kiristaanonnis hoji keessan fuula ormoota duratti ife akka isaan kiristoos dhebotan jechufi dha. waluuma galatti namni kara ashabumma keesanin kiristoosin haa dheebotan jechu dha. Yeroo namonni hin amaane jireenya ashabumma keesanin dheebotan isin immo gara bishaan jireenyati erga jechu isa dha. Bishan jireenya kunis goofta keenya iyeesus kirstosi dha.
📢Kanaafu ashaboon yoo ashabo hin taane baasame ni gatama.
#Akkas jechun isaa immo isin yoo kiristaana dhuga hin tane gara boolla ibiddati ni gatamtu jechu isa dha. 🔵Mee gaafi kana ofi keessan deebisa Namootaf soogidda ta'a jirra mo hadhooftu ta'a jirra?
© Dn. Daniel M.