cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.

Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
1 187
المشتركون
+324 ساعات
+157 أيام
+10330 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Guyyaa 16/10/2016 Liigiin dargaggoo mana maree dhimmoota islaamummaa aanaa Boorrachaa guyyaa har'aa ganda Guubitoo masjida nuuritti marii Waa'ee tokkummaa,barnootaa fi ulamaa'ii ijaaramanii jiranu wajjin hojjechuurratti mariin taasifameera.
إظهار الكل...
Liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Ganda Guubitoo Mariin ijaaraman. ▫️▫️Waxabajjii 16/10/2016 Liigiin dargaggoo mana maree dhimmoota islaamummaa aanaa Boorrachaa Guyyaa Kaleessaa ganda Guubitootti Marii bal'aa Masjida nuuritti Dargaggoonni marii tokkummaa,Nageenyaa,barnootaa fi Ijaarumsa ulamaa'ii fi Majlisa Aanaa Boorrachaa jelatti ijaaramnee Waan Ulamoota Keenya bira dhaabannee Amantii Keenya Karaa Nagaan gaggeeffachuu fi Nageenyaa Aanaa Boorrachaa Ulamoota fi Majlisa Waliin taanee Akka eegnuu Jechuun Tokkummaan ijaaramanii jiru. Dabalataan Nuti Dargaggoonni Namoota Hawaasa Muslimaa Dawoo godhachuun dhimma Amantaa fakkeessun Kaayyoo dhuunfaa isaaniitiif Socho'aa jiranii fi nama Amantiif quuqamu of fakkeessun Aanaa Keenya diiguuf yeroo yerootti Hawaasni Nageenyaan Akka Amantii isaa gaggeessinee fi Wal ga'ii Ulamootaa balaaleffataa jiranu kana nutis Akka Ganda Gubbitootti Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa bira dhaabannee tumsa ni goonee Jechuun waadaa isaa dura ta'aa liigii Dargaggoo Aanaa Boorrachaa birattii ijaaramuun waadaa galanii Sagantaa Xumura irratti du'aa'iin xumurameera. Dura ta'aan liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa #Ustaaz_Juned Akka jedhanitti Dargaggoonni Liigii Dargaggoo jelatti ijaaramuun Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Waliin Ce'uu qaba Jechuun ergaa isaanii Xumuraa dabarsaniiru. Jabaadhaa #Kaayyoon Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa ni Milkaaha. Kaayyoon Nama Dhuunfaa ni kufa.
إظهار الكل...
#Hawaasni_Muslimaa_Magaalaa_Beddellee_dhugaa_beekaa_baruun_barbaachisaadha. Majlisni Magaalaa Beddellee akkasumas Kanneen Sadarkaa Sadarkaan jiru Hundaa ol #Dargaggootaaf_Bakka_kennee_hojjetaa_Jira. Fuuldurattis ni hojjeta,Garuu Wanti namni Islaamaa hundi hubachuu qabu Keessumaa Namoonni tokko tokko Tokkummaan Ulamootaa fi Ummata Muslimaa yaaddoo Guddaa fi dhukkuba Sammuu isaanitti ta'ee jira, kunis Sababni isaa Fedhiin dhuunfaa isaanii waan jelaa tuqamuuf jecha Maqaa isaanii jijjiirratanii Faallaa jechoota addaa addaa Karaa Facebook facaasaa oolaa jiru. Kanaafuu Warrii faayidaa dhuunfaa keessaniif fiigaa jirtanu of qusataa osoo deemtanii Gaarii dha. Walumaa galattii Majlisni Sadarkaa Sadarkaan jiru Akka isin itti yaadaa jirtanitti yaadaa hin jiru. Adeemsi Majlisaa Ammaa 👉Kaayyoo 👉Ergama 👉Galma 👉Duudhaalee Islaamaa fi 👉 Dambii ittin Bulmaataatiin deema. 👌Warreen Faayidaa dhuunfaa keessaniif gulufaa jirtanu hin Sardaminaa isiniif dhufaa jirra Akka duraanii asiin ba'aa achiin ba'uun hafeera.👌👌 Hundumaa dnadeenyee as geenyeerra kana booda Warra waa hidhuu fi xaxuu yeroon itti gubateera.
إظهار الكل...
🎉 2
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
#Oduu_Gaddaa #Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin_Gara_Aakiraa_Godaanuun_dhagahamee_jira إنا لله وإنا إليه راجعون 🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️ 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋 Maanguddoo Furtuun Balbala Ka’abaa Harka Turee fi Itti Gaafatamaa Ka’abaa Gama Aakiraa Godaanuun Dhaga'amee Jira. إنا لله وإنا إليه راجعون INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN #Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin hortee Gosa Banii Sheybaa jedhamu kan Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) amaanaa furtuu Ka’abaa itti kennan irraa kan dhalatee dha. Akka galmee seenaatti Furtuun Ka’abaa jarraa 16 dura Abaabayyuu Nabi Muhammad (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) isa shanaffaa(5) kan ta'e, #Qusayyi_Bin_Kilaab kan jedhamu harka ture. Ilmaan Qusayyi kanarraa ilmi Sheybaa jedhamu gaafa dhalaterraa furtuun ka’abaa isatti kennamte. Gaafa sanirraa waggaa 1600 irraa hortee Banuu Sheybaa kanatti osoo dabarfamuu jaarraa 16 lakkoofsisee har’a qaqqabee jira. Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) gaafa Makkaan bananis amaanaa furtuu isaanirraa hin fuune, akkas jechuun itti jabeessan;” Furtuu kana qabaa yaa Banii Sheybaa. Abadan harkuma keessan haa teessu. Nama jallataa malee namni isin harkaa fuudhu hin jiru “ jedhaniin. Gaafa Sanarraa jalqabee Baniin Sheybaa furtuu Ka’abaa qabuu qofa osoo hin taane,Ka’abaa dhiquu,uffata isaa yoo moofa'e irraa jijjiiruu,Warra isa Ziyaaruu dhufu simachuu, Maqaama Nabi Ibraahiim (Aleyhissalaam) tiksuudhaan itti gaafatamummaa guddaa kana har’aan ga'aniiru. #Dr_Sheikh_Saalih_Sheybii warroota furtuun Ka’abaa harka turte keessaa Abaabayyuu Ergamaa RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) irraa namaa 109 (dhibbaa fi saglaffaa) dha. akka Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Makkaan banan irraa ammoo nama 77 dha. Namni kuni yeroo 100 ol Ka’abaa akka dhiqe himama. Akkasumas namni suuraa isaa argitan kun nama 109 booda Nabi Muhammadiin abbaa tokkorratti walitti deebi’an jechuudha. Har’a ganama gama fuula RABBII deemuun Dhaga'amee. RABBIIN furtuu JANNATAA isaaf haa kennu. Jara Nabi Muhammadiin jannata keessatti wal argan isaan haa taasisu. صلوات ربي وسلامه على أشرف الأنبياء والمرسلين
إظهار الكل...
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Mana Qur'aanaa Gara Madrasaatti ol guddate Ganda Siinassootti Da'awaatee Jira. ...............Waxabajjii 14/2016 Koreen Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa fi Koreen Madrasaa,Koree Majlisa Gandaa, Masjiidaa jaarsolii biyyaa Waliin Guyyaa Har'aa Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Ustaaz Madrasaa haala barnoota Madrasaa ammaattiin ijoolleen Ganda Siinassoo Akka barataniif Guyyaa har'aa waliigaltee Koreewwanii fi Ulamoota Majlisa Aanaa gidduuttii waliigaltee gaggeessee Barumsi Madrasaa Guyyaa 15/0/2016 irraa kaasee Galmee Akka jalqabuu ta'ee jira. Koreewwan addaa addaa fi Sheekolii Ganda Siinassoo akkasumas Kanneen biroos Tokkummaan barumsii Madrasaa ijaarame teessoo Waliin akkasitti Akka qophaa'uif tumsa Islaamummaa gootaniif Maqaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaatiin Galatoomaa jenneerra. Gandoolee biroos jabaadhaa. Kan Gabaase:-Gurmessa Milki.
إظهار الكل...
#Baga_Ayyaana_Eid_Arafaa_bara_1445__Geessan. بسم الله الرحمان الرحيم السلام عليكم ورحمة الله والبركاته Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Baga Ayyaana Eid Arafaa bara 1445H/2016 Hawaasni Muslimaa Adunyaa irraa Dachii Kabajamaa Makka irratti Wal ga'uun Sirna Hajjii raawwataa kan jiranuuf Ajaja Rabbii isaanii kan raawwataa jiranu dha. Hawaasni biyya Keenyaa Rabbiin Isa dhufu Eyyama isaatiin Warra qooda hiriyoota Keenyaa argatu nu haa godhuu jedhaa Ayyaanni Eid Arafaa Bara 1445 Nagaan Geessan Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi Biyya Keenyaa Keessatti argamu Sooma Zulhijjaa rabbi nurraa haa qeebalu jedhaa Ayyaana Arafaa kana Keessa Hawaasni Muslimaa Godinicha Keessa jiru hundii Guyyaa Ayyaanaa Obboleessa Muslima isaa Ziyaaruu Baga Geessee Waliin jedhaa Rabbii isaatiif Sirna ibaadaa hedduummessaa, Tokkummaa, Jaalalaa fi Miskiinaa fi harka qalleeyyii gargaaraa akkasumas Hojii gaggaarii Keenya kan hojjetaa turre "Rabbin nurraa haa qeebaluu" jechuun yeroo keessan Waliin dabarsaa. Hawaasni Muslima Rakkataa ollaa fi naannoo isaa barbaaduun hanga rabbiin isaaf qoodeera irraa gargaaruun Akka itti fufuu fi Hawaasni Eid Arafaa Nageenyaa fi Naannoo isaa Waliin eeggataa Naamusa Amantichaas eggataa Amiiroota Islaamaa hordofuun Akka Nagaan gaggeessinu rabbiin kadhanna. Ammas Guyyaa Ayyaana Eid Arafaa kanas bakka dirree Sagadaatti Yeroo deemuu Takbiiraan Waliin Tokkummaan jedhaa Wal ga'uun Tokkummaa Rabbii ibsaa bakka Dirree Iidaa deemuun Sagaduun Gammachuu Keenya ibaadaan ibsataa,Rabbii Keenyas Galateeffataa, Obboleessa isaatiin Wal Ziyaaraa rakkataa Naannoo Keenya jiranu nyaachisaa Waliin taanee isaan Waliin Akka dabarsinuu ergaan isiniif dabarsa. Baga Ayyaana Eid Arafaa 1445/2016 Nagaan Geessan.
إظهار الكل...
🥰 3
Photo unavailableShow in Telegram
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.