cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Walabuma Media Network

Join

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
2 887
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-67 أيام
-2630 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Oduu: Waliigaltee #Itoophiyaa fi #Somaalilaand hordofee wal-gaarreeffannaa Gaanfa Afrikaatti mul'achaa jiru akka tasgabbaa'u #Ameerikaan waamicha taasifte Waliigaltee “seena qabeessa” Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallatteefame hordofuun wal gaarreeffannaa Gaanfa Afrikaatti umamuu danda’u akka qabanaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa gaafateera. Dubbi-himaan ministeerichaa Maatiw Millar ibsa Roobii miidiyaaf laateen, gabaasni Gaanfa Afrikaatii bahaa jiru Ameerikaa kan yaaddeessu ta’uu himeera. “Nuti [Ameerikaa] waahillan birootti dabalamuun waldhabdee Gaanfa Afrikaatti dabalaa jiru kun guddaa kan nu yaaddeessu ta’uu ibsina,” ibsichatu jedhe. Dubbi-himaan kuni waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand kuni fudhatama qabamoo hin qabu kan jedhu ifatti osoo hin deebisin “qaamoleen dhimmichi ilaallatu marii nageenyaa akka gaggeessan waamicha taasifna” jedheera. Gabaasa https://www.facebook.com/100077394851493/posts/390811750175317/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
إظهار الكل...
Walabuma Media Network

Oduu: Waliigaltee #Itoophiyaa fi #Somaalilaand hordofee wal-gaarreeffannaa Gaanfa Afrikaatti mul'achaa jiru akka tasgabbaa'u #Ameerikaan waamicha taasifte Waliigaltee “seena qabeessa” Itoophiyaafi...

👍 4 1
Jawaar Mohammed Waa'ee laptop obbo lammaa magarsaaf kenne irratti maal jedhe? https://vm.tiktok.com/ZM6yTrans/
إظهار الكل...
03:36
Video unavailableShow in Telegram
#Follow gochuun hordofaa akkasuma guutuu vedio kanas asi jalaa argattu. https://vm.tiktok.com/ZM6yTrans/
إظهار الكل...
29.63 MB
🥰 6 2
Jawaar Mohammed yeroo dheertuu boods har'a gaafii deebii godhe jira. Maal jedhe itti dhihaadha. https://vm.tiktok.com/ZM6yTmAqw/
إظهار الكل...
Oduu gammachiisaa Daqiiqaa 30 boodaa
إظهار الكل...
👍 17👏 3
Photo unavailableShow in Telegram
Uummata Oromoo miidhama ulfaata sababa lola Oromiyaan isa mudataa jiru jalaa oolchuuf, gareen wal waraanan lameen karaa dhugaa ta'een araaramaanii nagaa buusuu qabu jedhe Waldaan Maccaa fi Tuulamaa. Rakkoo Uummanni Oromoo keessa jiruuf falli waraana dhaabanii araara buusuudha kan jedhu Waldaan kun, hammam Nagaa fi Araarri murteessa ta’uu Aangawoonni Mootummaa olaanoon illee irra deddeebiin dubbataa turanis, hojiin mul’isuu hin dandeenye jedhe. Haguma dhimmi araaraa bubbuleen Lubbuun namaa fi qabeenyi manca'aa jiraachuu yaadachiisuun, gareen wal waraanan lameen badii ummata irra gahaa jiru kana hubatanii, lola deemaa jirutti xumura akka godhaniif waamicha dhiyeesse. “Dhimmichi dhimma garee lameeniti jedhanii callisaan ilaaluu hin ta’u” kan jedhu Waldaan Maccaa fi Tuulamaa, yoo gareeleen lameen araara didan, ummanni Oromoo, hayyoonnii fi hawaasni addunyaa dubbicha ilaalee, karaa nagaan argamu akka falatuuf dhaame. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa rakkoo nageenyaa Oromiyaa ilaalchisuun ibsa baaseen, lola Oromiyaa waggootaaf walitti fufiinsaan geggeeffamaa jiruun miidhaan ulfaataan Uummata mudataa jiraachuu ibse. Roorroo fi rakkoo gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaatiin uummata irra ga'aa turee fi jiru, uummata gargaaree hiikuun kaayyoo waldichaa isa duraati kan jedhu ibsi kun, biyyi keenya yeroo ammaa waraanaan nagaa dhabdeetti, uummanni keenyas beelaa fi dhibeen midhamaa jira, haalli mul’atu yaaddessaa dha jedhe. Seeraan ala nama hidhuu, ukkaamsuu fi miliqsuun, akkasumas reebichii fi ajieechaan dhufaa darbaa mootummoota Itoophiyaatiin raawwatamu kan baratame ta'ullee, addatti waggoota afurii asitti Oromiyaa keessatti haalli kun hammaatee itti fufuu, namni ukkamfamaa, hidhamaa, reebamaa, fi ajjeefamaa jiraachuu ibse. Dubartootni ulfaallee manni irratti gubatee haati fi ilmoon bakkeetti hafaa jiru, Mannii fi qabeenyi Ummataa saamamaa fi manca’aa jira, bakka bakkatti manneen barnootaa cufamanii daa’imman barnootaan ala ta’aa jiru jedhe. Oromiyaa keessa nagaan hin jiru, Nagaa malee immoo jireenyi hin jiru kan jedhu Waldaan Maccaa fi Tuulamaa, Uummata nagaa dhabuun jireenya dadhabsiise, beellii fi dhibeen adda addaa kanneen akka Busaa fi Koleeraa itti dabalamuun fixaa jiraachuu yaadachiise. Humni namaa silaa hojjetee biyya misoomsu, kaan waraanaan, kaan beelaan, kaan immoo dhibee waraanni, beelli fi caamsaan fideen dhumaa jiru jedhe. Isaan sababa kanaan qabeenyi duraa barbadaahee, jireenyi isaanii manca'ee, qe’ee ofiirraa buqqa’anii dirreerra faca’anis danuu tahuu yaadachiisuun, Oromoon waliif rifachuu qaba jedhe. Miidhama uummata Oromoo mudataa jiruuf bu’uurri ijoon wal-waraansa Oromiyaa keessatti deemaa jiru tahuu kan akeeku ibsi Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, falli jiru waraana dhaabanii araara buusuu tahuu hubachiisa. Rakkoo Oromiyaaf nagaa fi araarri murteessa ta’uu Pirezidaantii biyyattii, Ministira Muummee fi Pirezedaantii Oromiyaa dabalatee, Aangawooti olaanoo biyyattiillee waan irra deddeebiin dubbataa turanidha, haata’u malee dubbii afaaniirra darbee nagaa barbaadamu hojiin mul’isuun hin dandaa’amne kan jedhu waldaan kun, Haguma dhimmi araaraa bubbuluun, lubbuun namaa fi qabeenyi manca' aa jiraachuu yaadachiise. Miidhama ulfaata sababa lola Oromiyaan uummata mudataa jiru hambisuuf, gareen wal waraanan lameen karaa dhugaa ta'een araaramaanii nagaa buusuu akka qaban gaafateera. Haata’u malee dhimmicha dhimma garee lameenii qofa godhanii callisaan ilaaluun hin barbaachisu jedhe. Yoo gareeleen lameen araara didan, ummanni Oromoo, hayyoonnii fi hawaasni addunyaa dubbicha ilaalee, karaa nagaan argamu faluu akka qabuuf gaafate. Kana malees Ummanni Oromoo buqqaatii, du' aa fi gadadoo barmaatilee godhachuu akka hin qabne dhaamuun, yeroo gosti isaa, lammiin isaa miidhamu walii rifachuu fi wal gargaaruun akka barbaachisu waamicha godheera.
إظهار الكل...
"Godina Shawaa Lixaa aanaa Ilfataa ganda Hidhabuu Sandii keessatti Onkololeessa 17, 2023 ganama naannoo sa’aatii 2tti maatiin kun osoo buna dhugaa jiranuu waraanni mootummaa itti seenee manaa gad yaase. Sababa gara qe’ee warra kanaatti imaleefis maalif akka isaan barbaades nutti hin himne jedhu maatiin kunneen. Manaa gadi gaafa nu yaasan tarii qorannoodhumaaf nu barbaadu jennee gadi yaanef jedhan. Achumatti namoota shan bakka tokkotti rasaasaan fixe jedhu. Nama lama immoo madeesse jedhan. Gochaan waraanni mootummaa uummata nagaa irratti raawwate gar jabinaan kan guutame akka ta’e himu maatiin. Warra ajjeefaman keessaa abbaa fi ilmi keessatti argamu. Irra caalaan namoota ajjeefamanii umriin waggaa 50 olii yoo ta’an hanga 10 warra qabantu jiru. Haati buleettiin tun manguddoo waggaa 50ti. Gochaa garjabinaa kanaan abbaa warraa fi ilma ishee dhabde. “Gaafan maaloo na jalaa hin ajjeesin jedhee watwataa ture anas qawwee mudhiirra na dhaabee sin ajjeesa jedhee natti dhaadataa ture” jetti. Booda reeffa namoota dhumanii kaafnee manatti gaaf galchinu sagal nutti deddeebi’anii du’uuf jiraachuu isaanii mirkaneefachaa turan jetti. Miseensonni waraana mootummaa bakkanatti gochaa gara jabinaa hamaa raawwatan battala rasaasni jalaa dhumetti illee nama uleedhaan reebanii ajjeesuu himu maatiin. Maatiin miidhamtootaa reeffa isaanii awwaallachuufis dhorkamnee turre jedhu. Gochi gara jabinaa hidhattoota mootummaa qe’ee tana godaannisa hamaa itti dhiisee darbe kun naannichatti rifaatuu guddaa uume. Waajjirri dhimmoota kominikeeshinii aanaa Ilfataa ajjeechaawwan kan ilaalchisee yaada karaa miidiyaa hawaasaa maxxanseen mootummaan olaantummaa seeraa kabajchiisaa jira. Namni nagaa ajjeefame kan jedhu oduu sobaati jechuun haalee ture. Sababa gochaa gar jabinaa waraanni mootummaa raawwate kanaa ijoolleen kikichuun waggaa kudhanii gadii dabalatee warri of hin dandeenya kurnaniin lakkaawaman warra Abbaa isaanii malee hafanii jiru. "
إظهار الكل...
Ummanni oromoo saba Amaara kanneen finxaaleyyii waliin hiriirani jiranif of eeggannoo fi dhaamsa dabarsani jiraniif dhaggeeffadhaa Share godhaa. 👇👇👇 https://vm.tiktok.com/ZMjQ8M4U6/
إظهار الكل...
MaameSabaa2 on TikTok

MaameSabaa2's short video with ♬ original sound

👍 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.