cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

ABDII SABAA

@yaadaafqeeqabot SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
1 406
المشتركون
-124 ساعات
+147 أيام
+4130 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Guyyaa guutuu soomaa oollee nu hiiksisuu didan. Barattoonni amantaa Ortoodoksii Yuunivarsitii Bulee Horaa “guyyaa guutuu soomaan oollee yeroo mana amantaatii halkan sa’a 9:30 tti gara mooraattii deebinu qophii tokko malee nu eeguun isaa waan nama gaddisisuudha “ jechuun komii mooricha irraa qaban miidiyaa @Abdii_Sabaa’f gabaasan. Yuunivarsitii biyyattii keessatti yeroo ayyaana sooma hiikaa kana barattoota sooma hiiksisuun gocha baramaa yommuu ta’u Yuunivarsitii Bulee Horaatti qophiin kum taassifamuu dhabuun barattoota mufachiiseera! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
إظهار الكل...
👍 4 2
Photo unavailableShow in Telegram
Oduu Ammee Injifattoonni DV 2025 ifoomaniiru Injifattoonni DV 2025 hanga Fulbaana dhufutti lakkoofsa dhoksaa isaanii qabachuun dirqama ta'a jedhameera. Iyyattoonni DV 2025 marsariitii https://dvprogram.state.gov/ESC/ seenuun carraa isaanii mirkaneessuu akka danda’an fi iyyattoonni lakkoofsa dhoksaa isaanii jalaa bade https://dvprogram.state.gov/ESC seenuun deebi’anii argachuu akka danda’an himameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Koomeediyaan Lij Yaared hiikameera! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
إظهار الكل...
1
Jimaa irratti gibira humnaa olii kaffalchiisuun oomishtoota Jimaa, daldaltootaafi hawaasa jireenyi isaanii Jimaarratti hundaa'e rakkoo guddaaf saaxilee jira jedhan namoonni OMN'f yaada kennaniin. Mootummaan rakkoo jimaa irra jiru yoo sirreessuu hin dandeenye uummanni bal’aan rakkoo hamaaf saaxilamaa jira jedhaniiru. Jiruufi jireenyi hawaasa godinaalee Harargee jimaa irratti kan hundaa'e waan ta'eef, hawaasni hundi miidhamaa ta'uu ibsan. Kaffaltiin qaraxa jedhamee bifa saamichaan taasifamaa jiru qaraxa kaffaluu osoo hin taanee tooftaa ittiin suuta dadhabsiisaa jimaa balleessuuti jedhan. Gabaa Jimaa balleessuu qofa osoo hintaanee oomishuma Jimaa balleessuuf hojjetamaa jira jedhan. Yeroo ammaa hawaasni godinaalee Harargee madda galiisaa kan ta’e Jimaa dhabaa jira kan jedhan, ilmaan isaa barsiifachuu dadhabuu himan. Hawaasni madda galiisaa dhabuun beelaaf saaxilamuun, maatiin faffaca'ee rakkoowwan addaa addaaf saaxilamaa jira jedhan. Miliishonni haadholii jimaa gara magaalaa fidatan irraa fuudhuun akka hin gurguranne taasisaa jirus jedhan. Hawaasni Oromoo bal’aan, miidiyaaleeniifi namoonni dhageettii qaban dhimma dinagdee Harargee kun furmaata hanga argatutti callisuu akka hin qabne ibsaniiru. Gocha kana mootummaan itti yaadee taasisaa jira kan jedhan namoonni OMN’f yaada kennan, osoo uummanni beelaaf saaxilamee qe’ee isaarraa buqqa’ee faca’aa jiruu caasaaleen mootummaa aanaafi godinaa dubbachaa akka hin jirre ibsu.
إظهار الكل...
1
Namoonni akka Obbo Battee Urgeessaa ajjeefaman ajaja muummicha ministeeraan ala gonkummaa qaamni ajjeesu hin jiraatu jedhan qondaalli duraanii biltsiginnaa Dr. Milkeessaa Miidhagaa. Ajjeechaa kanaafi kanneen kana fakkaatan kan raawwatan Koree nageenyaa jedhamanii namoota 7 of keessaa kan qabu ajajni muummicha ministeeraa irraa itti gadi kennamudha jedhe. Kaayyoon ajjeechaa kanaa uummanni jiilee garbummaa tole jedhee fudhatee akka jiraatuuf jedha Dr. Milkeessaa Miidhagaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
إظهار الكل...
👍 11
#Ads Pirotokooliin Haacaaluu iddoon argama isaa Shashamanne 01 Gamoo biiftuu Barii buufata konkolataa fuldura. Odeffanno dabalataaf 0900000095 ykn 0936257723 nuuf bilbila iddoo jirtan kamittu hojjanne isinifiis erguu ni dandeenya. Odeeffannoo dabalataaf karaa fuula Telegiraamii keenyaa asii gadiin nu hordofaa. 👇👇👇👇 https://t.me/hachaluprotocol1 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
إظهار الكل...
🚨Breaking🚨 Iraan haleellaa diroonii Israa'el irratti banteetti. Guyyoota 12 dura haleellaa qilleensaa Israa’el qoonsilaa Iraan Siiriyaatti argamu irratti raawwatteen, jeneraala olaanaa Iraan dabalatee namoonni 13 ajjeefamaniiru. Israa'el ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu baattus, Iraan garuu israa'el akka taate amanu. Kana hordofuun Iraan haaloo ba’uuf doorsisaa turteetti. Sodaachisu qofa osoo hin taane qophaa'a turtee jirti. Israa'el, "Ani ofirraa ittisuuf qophaa'eera" jetterti. Waraanni Israa’el fi Hamaas, Falasxiin hanga ammaatti xumura kan hin geenye osoo ta'uu, Iraan fi Israa’el waraana adda ta’e keessa seenu jedhanii biyyoonni sodaa fi yaaddoo keessa galanii turan. Michoonni Israa'el ciccimoon kan akka Ameerikaa Iraaniin ''haleellaa hin banin, adabadhu taa'i'' jechuun akeekkachiisaa turaniiru. Oduun galgala kana dhagahame akka ibsutti Iraan, Israa'eliin dirooniidhaan haleellaa akka jirtu himameera. Iraan haleellaan misaa'elaas akka jiraatu ibsiteetti. Hanga ammaatti haleellaa diroonii 100 ol raawwachuu ishee dhagahameera. Waraanni Israa’eelis dirooniin Iraan gara Israa’elitti ergamaa jiraachuus mirkaneessee jira. Dirooniin 100 ol osoo naannoo qilleensaa Israa’el hin geenye ittisuun akka danda’ame ibsameera. Waraanni Ameerikaas Israa’el ittisaa kan jiru yoo ta’u, diroonii Israa’el haleeluuf ergamanis dhahee kuffisu isaa eerameera. Humni Qilleensaa UK diroonota Israa'el haleeluuf ergamanis kuffiseera. Israa’el haleellaa kallattii Iraan raawwattu kamiifuu deebii kennuuf qophii ta’uu beeksifteetti. Gama biraatiin ammoo Hizbullaah Libaanos haleellaa misaa'elaa kaaba Israa'el irratti raawwachaa kan jiru yoo ta'u, Huutii Yamanis Israa'el irratti haleellaa dirooniin bananii jiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
إظهار الكل...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Ads Barattootaaf Assaayimentii gara garaa rhojjechuuf kan isin gargaaru, akkasumas research dalaguuf kallattii kan isinitti agarsiisu App Kan linkii asii gadii  Tuquun Seentanii buufachuu dandeessu. 👇👇👇 https://6x.work/Question-Ai-App SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaF
إظهار الكل...
👍 6
Yuunivarsitii Maqaleetti barattoonni osoo digirii keenya hin fudhatin waggaa saddeet nutti guuteera, bara kana eebbifamnee mooraadhaa ba'uu qabna jechuun guyyaa har'aa hiriira nagaa ba'an. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 🌐 abdiisabaa.com 🌐 abdiisabaa.org Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaF
إظهار الكل...
👍 1
Oduu Gammachiisaa Hordoftoota Miidiyaa @Abdii_Sabaa Maraaf! Miidiyaan @Abdii_Sabaa haala Adda ta’een sagantaa isaa kan duraanii caalaatti foyyeessuuf guyyaa har'a bakka Hoggatoonni miidiyichaa oolaanoo fi hajjattoonni martuu argamanitti mari'ataa ooleera. Marii isaa kana keessatti sababaa hojjattoonni miidiyichaa hamma barbaachisu hin guunneef jecha hanqinoonni garaa garaa mudataa turuu xiinxalaeera. Kanuma Sabababeeffachuun miidiyichi humna nama barbaachisu hunda gutummaatti qacaruun hojii eegalchiiseera. Dhimma hordoftoota miidiyichaa irraa ka'aa ture keessaa tokko kan ta'e, dhimma odeeffannoon barnootaa yerootti nu qaqqabaa hin jiru, jedhu irratti sirrii ta'uu mirkaneessuun odeeffannoo hundaa Odeeffannoo wayitaawaa fi qulqullina qabu qofa yerootti hordoftoota isaa qaqqabsiisuuf guyyaa har'aa wantoota barbaachisu hunda xumuruu isaa ifaan ifatti beeksiseera. Akkasumas miidiyichi eegeree isaa gara fuulduraa mirkaneessuufi rakkoon faayinaansii osoo hin mudatin gara fuulduraatti tarkaanfachuuf dhaabbata biyya keessaafi biyya alaa garaagaraa waliin walii galtee mallatteessaa jiraachuu ibseera. Kanamalees namoonni kamuu Oomishaafi Oomishtummaa isaanii, akkasumas wantoota kamuu karaa miidiyaa sabaa bal'aa miidiyaa @Abdii_Sabaa'n beeksifachuun spoonsara miidiyichaa akka taatanis dhaamsa dabarseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
إظهار الكل...
👍 15 5👏 2