cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

إظهار المزيد
فنلندا75لم يتم تحديد اللغةالتعليم1 963
مشاركات الإعلانات
65 590
المشتركون
+12224 ساعات
+5167 أيام
+66030 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

#SAGANTAA Qormaata Biyyoolessaa Xumura Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Saayinsii_Hawaasaa 03/11/2016 jalqabama. #CARRAA_GAARII! https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

Barattoota kutaa 12ffaa Bara 2016 toora 'online'tiin qormaata fudhattan hundaaf 1.Waytia gosa barnootaa akka Herregaa , Fiiziksiifi Keemstrii fudhattan waraqaa qulqulluu irratti shallagamu qabattanii seenuu dandeessu. 2.Osoo qoramaa jirtanuu akka tasaa rakkoon teeknikaa humnaa olii yoo qunname Ministeerri barnootaa fala waan qabuuf maaltu nu qunnama jettanii dhiphina keessa galuu hinqabdan . kan isin irraa eegamu shaakala gootanii of-qopheessuu qofa 3.Akkuma Wayita shaakaltan argitan 'online 'n qoramuun siistamni isaa salphaafi dogongora deebii irra utaalamee kan xiqqeessu. 4.Yeroo qoruumsi xumurtan kamuu gara mana keessanii bahuufi galuun isniif qofa heeyamama .Kanaaf geejibaafi nyaata isintu ofdanda'a Carraa Gaariin isniif hawwa ! በ2016 የ12ኛ ክፍል ፈተና በ'online ' ለምትወስዱ ተማሪዎች በሙሉ፣ 1ኛ . የሂሳብ ፣ ፊዝክስና ኬምስትሪ ትምህርቶችን ስትወስዱ ለማሰቢያ የሚረዳችሁን ነጭ (ምንም ያልተፃፈበት) ወረቀት ይዛችሁ መግባት ትችላላችሁ። 2ኛ. አንደ አጋጣሚ በቴክኒክ ምክንያት ፈተና ላይ እያላችሁ ችግር ብያጋጥም ትምህርት ሚንስቴር መፍትሔ ስላለው አትጨነቁ። ከእናንተ የሚጠበቀው መዘጋጀት ብቻ ነው። 3ኛ. ስትለማመዱ እንዳያችሁት 'ሲስተሙ' ቀላልና በእጅ ከማጥቆር ይልቅ በኦንላይን መፈተኑ ስህተትን ይቀንሳል። 4ኛ. ከቤታችሁ ስለምትመላላሱ ከፈተና ቦኋላ መግባትና መውጣት ይፈቀድላችኋል ። ስለዚህ የምሳና ትራንስፖርት ወጪ የራሳችሁ ነው ። መልካም እድል ይሁንላችሁ! https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

​​Ragaa Barnootaa Sobaa Balleessuuf Deeggarsi Hawaasaa Barbaachisaadha jedhame. --------------------- BBO- Waxabajjii 20/2016 Seektarri Barnootaa ragaa sobaa haawasa keessa babal'ataa jiru dhabamsiisuuf adda dureen hojjachaa jira. Ragaan sobaa barnootaa dhabamsiisuun kan danda'amu hirmaannaa hawaasaa ol guddisuun mootummaa waliin qindoominaa yoo hojjatameedha. Ragaan sobaa dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa biyya tokkoo irratti balaan inni fidu guddaa ta'uu ummata hubachiisuun tooftaa ittiin dhabamsiisuun danda'amu irratti walii galuun barbaachisaadha. Kanuma bu'uura gochuun Godina Arsiitti Waajjirri Barnootaa Godina Arsiifi Bul. Magaalaa Asallaa Kaawunsilii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa damee Arsii waliin bakka I/A hoggantuu Komishiiniifi Biiroo Barnootaa Oromiyaatti, Daayirektarri Daayirektoreetii Deeggarsaafi Hordoffii Dhimma Naamusaafi Farra Malaammaltummaa obbo Tashoomaa Abbabaa argamanitti mata duree "Qorannoo Ragaa Barnootaa Sobaa Miidhaa Dhaloota Egeree Irra Geessisu" jedhu Irratti tibbana hawaasa mariisisaniiru. Ragaa Barnootaa Sobaa balaan geessisu hedduudha. - Dhaloota barataa jiru irratti, Manneen barnootaa keessatti, - Fayyaa hawaasa keenyaa irratti mana yaalaa keessatti, - Hoggansa, tajaajila kennuu irratti, kkf irratti otuu hin baratin/hin leenji'in ragaa sobaatiin kan barsiisaa ta'u, kan hakimii ta'u, kan hogganaa hawaasaa ta'u, hogganaa waajjiraa, aanaa konkolaachisaa ta'u hundi balaan isaan geessisan guddina hawaasaatiif gufuu guddaa waan ta'aniif irratti duuluun dhabamsiisuu akka qaban yada kennitootni tokko tokko himaniiru. Ragaan Barnootaa Sobaa dhaloota egeree kan naaffisu waan ta'eef hawaasni keenya hadheeffatee irratti qabsaa'u qaba kan jedhan obbo Tashoomaan, haaluma walfakkaatuun waajjira barnootaa godinaalee, magaalotaafi aanotaa hanga Manneen Barnootaatti gadi bu'uun dhaloota ragaa sobaa balaaleffatu qarree baasuu irratti hojjachuu qabna jedhaniiru. Karaa biraatiin hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru hundi dhimma adda addaatiif namoota yoo galmeessinu gadi fageenyaafi qulqullinaan galmeessuun xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba jedhameera. Tolla Berisso 💠 https://t.me/Oromia_education_bureau
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 Akka Biyyaatti Kennamu Barattootni 35% ol Oromiyaa Irraa Ta'uun Beekame. --------------- BBO- 10/10/ 2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa #qormaata_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa_bara_2016_barattoota 246,575 kan qorsiisu yoo ta'u, #akka_biyyaatti_barattoota_qormaata_fudhatan_jedhamanii_eegaman 701,489 keessaa naannoon Oromiyaa 35% ol ta'uun beekameera. Oromiyaa keessatti baay'inni barattoota qormaata fudhatanii hedduu waan ta'eef xiyyeeffannoo Biiroon Barnootaa Oromiyaa kennee hojjataa jiru cinatti karaa loojistikiifi humna namaa bobbaasu irratti Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa hordoffiifi deeggarsa olaanaa gochuu akka qabu waliigalameera. Kanaafuu, hawaasni naannoo keenyaa, maatiin barattootaa, barsiisotni, hoggansi barnootaa, GTB, GMB, BBLG, Caasaan Mootummaa, Qaamni Nageenyaafi Yunivarsiitiwwan Naannoo keenyaa hundi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 nagaafi milkiin akka xumuramu akkuma kanaan duraa deeggarsi keessan cimee akka itti fufu dhaamsa dabarsineerra. #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa (GTBO) sadarkaan jirtan, Komishiiniin Poolisii Oromiyaa, Maatiin Barattootaa, Barsiisotni, Hoggansi Barnootaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaafi caasaan mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiru hundi #haaluma_kanaan_dura_qormaata_naannoo_kutaa_6ffaafi_8ffaa(barattoota milyoona 1.4 ol ta'an) milkeessineen #ammas_milkaa'ina_ammaffaa_akka_galmeessiftan gamanumaa abdii guddaa qabna. Muuxannoo darberra waan hedduu waan hubanneef kan darbe caalaa qulqullinaafi iftoomaan barattoota keenya jajjabeessuu qabna. - Qormaatn kan qophaa; #Sirna_Barnootaa_Darbe(Moofaa) keessaa- Barnoota kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru yoo ta'u, #Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa immoo - Barnoota Kutaa 12ffaa ti. - Guyyaa Qormaataa; #Barnoota_Saayinsii_Hawaasaa - Adoolessa 03-05/2016 #Barnoota_Saayinsii_Uumamaa - Adoolessa 09-11/2016tti Waraqaafi 'Online'n kennama. Barattoota keenyaaf: #CARRAA_GAARII_HAWWINEERRA! - BBO - https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

Photo unavailableShow in Telegram
​QORMATA BARA 2016 #1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi #2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama. ------------------- BBO-Ebla 30/2016 #1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas; 1.Afaan Oromoo/Amaariffa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% . #2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas; 1-Afaan Oromoo/Amaariffa 2-Afaan Ingilizii 3- Herrega 4- Saayinsii Hawaasaa 5- Saayinsii Waliigalaa 6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a #DHAAMSA! #_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba, #_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu, #_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu, #_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu, #_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti. #CARRAA_GAARII !! BBO 1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500 https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

#Oduu_Hatattamaa! --------------- Ebla-21/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Waraqaafi 'Online'niiin kennamuun kan beekame yoo ta'u, #Adoolessa 3-5/2016 Saayinsii Hawaasaafi #Adoolessa 9-11/2016 Saayinsii Uumamaatiif kan kennamu ta'uun ibsameera. #Barattootni_Qormaata_Waraqaan Ykn Hard Copy'n fudhatan; #1_Barattootni_Saayinsii_Hawaasaa Waxabajjii 30 - Adoolessa 01/2016, #2_Barattootni_Saayinsii_Uumamaa immoo. Adoolessa 6-7/2016tti gara Yunivarsiitii itti qoratamanitti kan galan ta'uu, dhaabbatni Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa beeksiseera. #Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Online Qormaata fudhatan kanneen armaan gadii yoo ta'an. kan hafan immoo.........See More 1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500 https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

​#BEEKSISA 12/06/2016 Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf. Akkam Jirtan? #Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna. #A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti, #Barattootni_kutaa_6ffaa; Dhiirri - 386,703, Dubartiin - 345,540, waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu. Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina . #Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u; 1.Afaan Dhalootaa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5. (Barnoota Gadaafi Safuu ) #Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a. #B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee; Barattootni Qormaata Fudhatan - Dhiirri 347,313 - Dubartiin 323,963 Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama. Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u , #Yeroon_qorumsaa #Waxabajjii 3-7/2016 ta’a . #Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us; 1.Afaan Dhalootaa 2.Afaan Lammaffaa 3.Afaan Ingilizii 4.Herrega 5.Saayinsii Hawaasaa 6.Saayinsii Waliigalaa 7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna. Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan Isin hubachiifna. Biiroo Barnootaa Oromiyaa. Guraandhala 12/2016 FINFINNEE OROMIA EDUCATION BUREAU 🔎.https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

​Gaaffii Miseensotni Caffee Oromiyaa Dhimma Barnootaa Irratti Kaasaniif Hogganaan Biiroo Barnootaa Deebii Laataniiru. ---------------------- BBO- 10/06/2016 Yaa'ii Idilee 6ffaa waggaa 3ffaa bara hojii Caffee 6’ffaa irratti Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif gaaffii ka'aniif hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo deebii laataniiru. Gaaffileen/yaadotni miseensota Caffeetiin ka'an 5 yoo ta'an tartiibaan akka armaan gadiitti dhihaataniiru. 1-Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa babal'isuu irratti maal yaadaa jira? kan jedhu yoo ta'u, Deebiin Dr. Tolaa: Biiroon keenyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggaa tokkoofi lamaan darban keessa manneen barnootaa Ifa Boruu Sad. 2ffaa 100fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 ijaaruu ibsuun akka mootummaafi biiroo keenyaatti, bara 2016/17 tti haaraa ijaaruu otuu hin taane, manneen barnootaa jiraniif ulaagaalee barbaachisaa ta'e guutuu irratti hojjataa jirra jedhaniiru. 2-Yaadni lammaffaan miseensa Caffeetiin ka'e, " Investimeentii Barnoota irratti taasifamuufi bu'aa wal biratti qabnee yoo ilaalluu maal fakkaata," kan jedhu yoo ta'u, - Dr. Tolaanis, bu'aan barnootaa kan yeroo gabaabaan safaramu yoo ta'uu baatullee, bu'uura irraa hojiin hojjatamaa jiru abdii guddaa kan nama keessatti uume ta'uu himaniiru. Manneen barnootaa Bu'uura Boruu keessatti daa'imman baratan dubbusuu, lakkoofsa adda baasanii dubbisuu irratti bu'aan argame gammachiisaa ta'uu dubbataniiru. 3- Qormaataan walqabatee gaaffii ka'e ilaalchisee Qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa ilaalchisee qormaatni kan kilaastaraan qophaa'e ta'uu ibsuun, kunis barattootni keenya kutaa 12ffaa irratti qabxii gadi aanaa maaliif galmeessisan kan jedhu qorannoo gaggeeffameen, barattootni keenya qarmaata wal fakkaataafi istaandardaawaa ta'e waan hin qoratamneef kan jedhu qorannoon waan agarsiisaniif kan fooyyessuuf ta'uufi yaada hir'ina teeknooloojiitiin walqabate ibsaniiru. 4-Yaadni afraffaa irratti ka'e immoo, Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa ijaaruu(hardware)malee, barnoota kennamu(Softeware)irratti hojjataa hinjiru jedhama, jedhamee yaada ka'eef. Dr. Tolaa Bariisoo, deebii isaanitiin akka armaan gadiitti ibsaniiru. -Carraa barnootaa ilmaan Oromoo hundaa akka wal gahuu manneen barnootaa babal'isuun(ijaaruun) keenya dhugaadha. kun 'hardware' ta'uusaati akka kabajamoo miseensa Caffeetti. 'Softeware' beekumsa, ogummaafi ilaalcha irratti maal hojjataa jirtu kan jedhu yoo ta'u, Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Dr. Tolaa Bariisoo deebii kennaniin, - Biiroon Barnootaa Manneen Barnootaa qofa ijaaruu otuu hin taane; #Sirna barnootaa jijjiiruun. #Leenjii hoggantoota manneen barnootaa, #Leenjii barsiisotaa -Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, - Gosa barnootaatiin barsiisota MB Sad.2ffas leenjisuu, #Supparvaayizaroota barnootaa leenjisuu, - Hawaasni keenya qulqullinni barnootaa rakkoo keessa akka jiru ajandaa hawaasaa, maatii barattootaa, mootummaafi miseensota Caffee kanaaf taasisuun dandeenyeerra. Kuni hunduu, ijaarsa MB qofa otuu hintaane ijaarsa sammuu daa'imman keenyaa irratti hojjachaa jiraachuu kan agarsiisu yoo ta'u, 'Softeware' irratti hojjachaa jiraachuun biiroo keenyaafi mootummaa keenyaa ol-aanaa kan ta'e, barattootni keenya duudhaa ganamaatti akka deebi'an aadaa, duudhaa, safuu Ummata keenyaa akka beekan, sirna barnootaa keenya keessatti #Barnoota Gadaafi #BarnootaSafuu akka hammatamu taasisuun sammuu barattoota keenya irratti akka hojjatamu taasifamee jira jedhaniiru. 5-Waa'ee hanqina kitaaba barataa ilaalchisee gaaffii ka'e ilaalchisee; Hanqinni kitaabaa kan uumame hanqina sharafa biyya alaa irraa kan ka'e, meeshaalee maxxansaaf tajaajilan irratti hanqinni kan qunname waan ta'eef hanga humni keenya hayyameen saffisaan hojjachuun rakkoo kitaaba barataa akka hiikuuf hojjatan Dr. Tolaa Bariisoo miseensota Caffee Oromiyaatiif ibsaniiru. Nyaata barattootaaf dhihaatu waliin wal-qabatee gaaffii dhihaateef immoo, Dhaabbata Buusaa Gonfaa waliin qindoominaan hojjachuun harcaatiin uumame akka furamuu danda'u Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru. https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

"Kuullee¿¿¿" Tibba kana "Qubee Afaan Oromoo" haaraa "uumne" miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa jiru irratti namnni keenya walqoodee yaadaan walitti bu’aa jira. Namootni tokko tokkos biirooleen dhimmi ilaallatu ibsa osoo itti kennanii jechuun keessaan nu gaafachaa jirtu.Waan al-idilee akkanaa kanaaf deebii idilee kennuun barbaachisaadha jennee hinamannu. Garuu akka qaama hawaasa kanaatti yaadan kenna. “Foon lafa jiruuf allaattiin samii irratti walnyaatti, “ akkuma jedhamu yoo ta’e malee dhimmi Qubeefi Afaan Oromoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhimma tumamee bubbuleedha . kana jechuun Qubeen Afaan Oromoo rakkoo qaba jedhameetuu osoo itti amanamee qorachiisee uummata mariisisee kan heera kana jijiiru caffeedhuma malee nama dhuunfaa tasuma ta’uu hindanda’u . Kanaaf yaada qorataa tokkoo irraa ka’ame akka dhimma guddaa tokkootti hafarsuun badaa barbaachisaa miti . 'Academic excercise' ta'a akka hinjenneef rakkoo Qubeen Afaan Oromoo kana jedhee waan ibse hinqabu. Dhimmi kun karaa al-idilee ta’een deemaa jira malee qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gaye hinjiru.Kanaaf akka allaattii samii irraa waan lafa jiruuf walfixuun barbaachisaa miti. Hubannoof akka toluuf; biyya addunyaa 195 keessaa 141 ykn 72.3 % qubee Laatiniitiin fayyadamu. Kun kan ta’e sababa malee miti . Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin maaliif dhimma bahuun barbaachise kan jedhu Dr.Abdulsamad Mahaammad namoota guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gayee qaban kan akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad faa waabeffatuun haalaan Katabeera. Hubannoo keessan bal’ifachuf yaada isaa websaayitii irraa dubbisaa . Dr.Abdulsamd Mahaammad Afaan Oromoo wayita hojii jalqabu Afaan Oromoo waaltessuu keessatti jira wiirtuu jedhamee beekamu keessatti nama gayee guddaa qabuudha. Hayyoota kana lamaan Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad Mootummaan Naannoo Oromiyaa gayee isaan guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gumaachan hubachuun siidaa yaadannoo dhaabeefii jira. Warri "Kuullee" ammoo qubee waggaa 31 hojii irra oole kana kan biraatiin bakka buusnee akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaa seenaa beekamtii argannaaf yoo ta’e 1ffaa kun aangoo eenyuu akka ta’e hubadhaa 2ffaa Wanti isin fiddan kun haraa irraa gaafa jalqabnu baasii inni gaafatu hubadhaa (waan woggaa 31 keessatti Hojjatame hunda gara qubee keessanii Kamatti jijjiiruuf nama leenjisuu baasii guddaa gaafata) . 3ffaa Qubee addunyaa gara guddaan fayyadamu irraa nu fageessa 4ffaa Gayee qaroo saba keenyaa kan akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mahaammad Rashaadfi namoota kumaaf kitila qubeef jedhanii aarsaa kafalan xiqqeessa 5ffaa Saba keenya addaan qooda. Kanaafuu osoo waan kana gadi teessanii ilaallatanii … Sanbata Gaarii, #DrTolaaBariisoo https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo 1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500
إظهار الكل...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.