cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Dinigaas Trading S.C official

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
5 417
المشتركون
+324 ساعات
-97 أيام
-10630 أيام
توزيع وقت النشر

جاري تحميل البيانات...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
تحليل النشر
المشاركاتالمشاهدات
الأسهم
ديناميات المشاهدات
01
Guyyàa har'aa Tuutni Miidiyaa OBN Fi Ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Saayinsiif Technology Oromiyaa irraa dhufan nadubbisanii Documentary bal'aa hojjennee turre. Kalaqa gama Fayyaan hawaasa keenyaaf gumaachuuf hojjechaa jiru Fi haala waliigala kalaqaan Wal qabsiisee qooda fudhattootarraa maal akka eegamu dubbadheen jira. Qabxiiwwan kaase keessatti Bu'aa walitti dhufanii hojjechuu Fi humna guddaa hawaasa keessa jiru walqabsiisee fakkeenyummaa W.A Dinigaas kaaseera. Dhaabbata Guddaa Fi Rakkoolee hawaasaa furuu danda'u lafa qabsiisuu keessatti mul'ata Koo ifatti kaa'eera. Waliin taanee kana akka dhugoomsinu shakkii hin qabnu. Carraa argame hundumaan milkaa'ina keenyaaf guyyàa guyyaan riqicha ce'umsaa ni keenya. Guutuun isaa sagantaa Orosytech irratti TV OBNn Kam darbu ta'a(Boor Sa'a 6 booda). Carraa kana kan Nuuf mijeessitan hunduu guddaa galatoomaa! Kabaja guddaa siniif qabna!
1851Loading...
02
National ID galmooftanii FAN fudhachuun FID kan hin argatiin jirtan Lakkoofsa 9779 irratti bilbiluun FAN keessan himattanii fudhachuu dandeessu.
8112Loading...
03
Update! Yeroon kaffaltii sheerii miseensota hundaaf Eebila 30 raawwachuun isaa ni yaadatama. Haa ta'u malee namoonni ammallee fedha qaban Fi kaffaltii yeroo jedhame keessatti ofirraa raawwachuu hin dandeenye akka jiran Fi yeroon miraasni akka dabalamuuf nugaafachaa jiru. Haaluma kanaan gaaffii keessan giddu galeessa godhannee haga guyyàa dokumentiin mirkanaa'uuf Abbaa taayitaa bira galuutti namoonni kaffaltii guutuu ofirraa raawwachuuf fedha qabdan Fi dokumentoota gaafataman dhiyeessuu dandeessaniif carraa kanatti fayyadamuu akka dandeessan gammachuun isin beeksifna. Kanaafuu Sheerii guutuu ta'e jechuun 5/10/15... Ta'ee guutummaa isaa yeroo tokkotti kan kaffalamu ta'a!
9151Loading...
04
Update!
10Loading...
05
Oduu gammachiisaa!!! Dhaabbanni keenya Waldaan Aksiyoona Dinigaas dhaloonni barate furmaata biyya keenyaa ta'uu hubachuun mana barnoota sadarkaa tokkoffaa(KG-8) Magaalaa Shaggar K/M Gafarsa Gujee(Kellaatti) maqaa Olbiraayit Akkaadaamii(Albright Academy) jedhuun banee isin tajaajiluuf qohii isaa xumuraa jira. Albright academy mana barnootaa hawwataa fi filatamaa ta'e dhaloota qaroo fi dorgomaa ta'an oomishuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa isarra jiru gahumsaan akka bahatu amantaa guddaan fudhatee qophiiwwan barbaachisoo ta'an gamanumaa raawwachaa jira. Gamoo Abbaa Darbii lamaa lafa kaaree 4000 olirra qubate, dareewwab barnootaa, laaboraatorii, mana kitaabaa fi kutaalee bulchiinsaa gahaa ta'e qabachuun isinitti as bahaa jira. Mana barnoota keenya waliin sagantaalee hawwatoo ta'an qopheessinee haga wal isin barsiifnutti odeeffannoowwan wayitawoo ta'an gama social media fi website keenyaan nuhordofuu hin dagatiinaa jechaa, daa'imman abdii egeree ta'an mana barnootaa Abbummaan isaa Waldaa Aksiyoona Dinigaas ta'e kanatti akka barsiifattaniif gamanuma qophaa'uun guyyaa waamicha galmee isiniif taasifnu akka eeggattan kabajaan isin yaadachiifna. "Dhaloota barate, egeree Biyyaaf" Odeeffannoo dabalataaf https://t.me/+lbihxof3NwJkYjVk www.albrightacademy.com
3310Loading...
06
Garee mana barnootaa keenya join gochuun odeeffannoo wayitaawaa argadhaa! https://t.me/+lbihxof3NwJkYjVk
5691Loading...
07
Oduu gammachiisaa
5571Loading...
08
For Clarity! Baay'een keessan TIN baafachuu irratti yeroo isinitti Fudhataa akka jiru hubanneerra. Kunis TIN fudhachuuf national ID galmaahuun dirqama waan ta'eef, national ID ammoo yeroo Torbee gaditti keennaa waan hin jirreef rakkoo walqabatee dhufee dha. Kanaaf akkas haa ta'u; 1 Bakka bu'iinsa xumuruun dursa Nuuf ergaa. Kana waliin nagahee original, suura lama, Fi copy waraqaa eenyummaa keessan Nuuf erguu him dagatiinaa. 2. TIN Fi national ID galmaahuun boodaan nuqaqqabsiisuu dandeessu.
6601Loading...
09
Naqamtee, Fi Jimma irraa guyyàa boorii bakka bu'iinsa kennuu kan barbaaddan namoonni waan jiraniif waliin ta'aa bakka tokkotti kennaa. Sababa isaa beekuun baadhus kaffaltiin bakka bu'iinsaaf bakkeewwan gara garaatti gaafatamaa jiru Kan Finfinnee bira qabamee yoo ilaalamu baay'ee olka'eera. Kanaaf waliin ta'aa kaffaltiin waliin qooddadhaa. Garee keessattis wal dubbisuun Wal barbaaduu dandeessu!
6291Loading...
10
Tibba kana sababa ayyaanaatiin biiroleen Mootumaa tajaajila irraa argattan cufamaa waan turaniif bakka bu'iinsa, National ID fi TIN keesan haga jimaataatti nuuf erguun xumuraa. Hiikkaa afaanii waaraqaa bakka bu'iinsaaf Qr 500 fi waraqaan eenyummaa keessan guutummaan isaa Afaan oromoon kan kenname yoo ta'e fi eenyummaa keessan Afaan Amaariffa kan ofirraa hin qabne yoo ta'e gatii hiikkaa waraqaa eenyummaa qr 358(250 hiikkaaf, 108 autenticationf) nama bakka buustanif erguu hin dagatiinaa. Torbee dhufu sagantaa baasnee isin beeksifna waan ta'eef kanneen qaamaan mallatteessuuf yaaddan of qopheessaa. Haldureewwan nuti asiin isiniif qoodnu hunda namoota affeertan fi kan beektan hundaaf akka nuuf qaqqabsiifta. odeeffannoo dabalataaf, 0946474859/05
8581Loading...
11
Irra deebiin Beeksisa Ariifachiisaa!Urgent (30/8/2016) Dhaabaani keenya ji'oota ja'an darbaniif sheerii hundeessitootaa gurguraa turuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan yeroon gurgurtaa Kun xumuramee guyyootni 5 duwwaan kan hafan yoo ta'u miseensota haga ammàa sheerii bitatan Adeemsa seera qabeessaan gara Waldichaatti simachuuf Qaama dhimmi ilaalu biratti dhiyaannee dabalamuu miseensota kanneenii mirkaneessuutu nurraa eegama. Kanaafuu Miseensota buleeyyii dambii ittiin bulmaataa mirkaneessitan dabalatee miseensonni haaraan nundi mallattoo keessan qaamaan ykn Kara bakka bu'iinsaa kaa'uu waan qabaniif haldureewwan asii gaditti taa'an yeroo Torbee lama(haga eebila 30tti) keessatti akka raawwattan cimsinee isin yaadachiifna. 1. Fageenyarratti kan argamtan Fi qaamaan dhiyaattanii mallatteessuu kan hin dandeenye bakka bu'iinsaa namoota armaan gadiif; A. Obbo Darajjee Dheeressaa Teessoof( Prezidentii Boordii) B. B/saa Dhaabaa Siyyum(Hoji geggeessaa)f kennuun origional bakka bu'iinsa keessanii, suura 2, Unka Aksiyoona ittiin bittan, Nagahee kaffaltii hunda Origional isaa Fi Waraqaa eenyummaa haarome copy isaa  yeroo jedhame keessatti gara biiroo keenyaatti akka Nuuf ergitan. 2. Namootni qaamaan argamanii mallatteessuu dandeessan Waraqaa eenyummaa haarome origional Fi copy, nagahee kaffaltii ittiin raawwattan, qabattanii dhufuun guyyàa isiniif kenname keessatti harcaatii tokko malee mallatteessuuf akka of qopheessitan. 3. Lakkoofsa kaffalaa gibiraa(TIN number) Waajjira daldalaa isinitti dhiyoo jiru deemuun akka baafattan Fi Waraqaa eenyummaa Digitaalaa(Fayda) galmaahuun Lakkoofsa Fayda keessanii Nuuf dhiyeessuutu isinirraa eegama. 4. Miseensonni kaffaltii ofirraa hin xumuriin jirtan kamuu yeroo isiniif kenname keessatti guutummaa isaa ofirraa xumuruun miseensummaa keessan mirkaneeffachuuf akka of qopheessitan cimsinee isin yaadachiifna. Hub. Haldureewwan asii olitti taa'an miseensi raawwachuu hin dandeenye kamuu gara Waldaa Aksiyoona keenyaatti kan hin dabalamne ta'uu beektanii itti gaafatamummaa isinirra jiru akka bahattan cimsinee isin yaadachiifna. Adeemsa seerri biyyattii nurraa barbaadu hunda guuttannee Kara iftoomina qabuun mul'ata keenya ni milkeessina!!! W.A Dinigaas Trading!
3662Loading...
12
Baga geessanii irraa haftan! Haga guyyaa dhumaa kan har'aa kanatti yeroo keessan haalaan fayyadamtanii miseensummaatti kan dhuftan hunduu baga gammaddan. Torbee kana keessa haga jimaata tti document keessan hundi nubira gahuu qaba. warri qaamaan dhuftanii mallatteessuu barbaaddanis torbee dhufu sagantaan waan bahuuf ammaan of qopheessaa. Galatoomaa
7001Loading...
13
Waajjira Galiif xalayaan qophaa'ee waan jiruuf namoonni TIN baafachuu irratti rakkattan keessoon nadubbisaaXalayaa siniif kenninaa. Ykn 0923014132 fayyadamaa.
1 2341Loading...
14
NI bakka Ethio telecom waan eegaleef galmaa'uu dandeessu!
6980Loading...
15
Media files
1 1321Loading...
16
From telebirr application, you can check &use national ID registration location around you
1 1401Loading...
17
Giddu gala tajaajila "Ethio telecom" isinitti dhiyoo jiru deemtanii tajaajilamuu dandeessu..NI
9701Loading...
18
Akkam ooltan, Mee guyyàa har'aa bakka bu'iinsa kennaa kan turtani Fi waan isin mudate Nuuf kaasaa! Waan sin gargaaruu qabnu yoo jiraate yeroon walbira dhaabannee Adeemsa keessan saffisaan akka raawwattan isin deggerra!
1 0881Loading...
19
Bakka bu'iinsa yeroo kennitan akkaata asii gadii kanaan kennuu dandeessu. Akkasumas namoonni naannoo tokkotti argamtan waraqaa tokko irratti waliin ta'uun deemtanii bakka bu'iinsa kennuun ni danda'ama. Baasii hir'isuuf illee Kun mala gaarii ta'a.
1 2648Loading...
20
Marii guyyàa har'aa miseensota waliin taasifneen, Miseensota haaraa guyyoota haga 30 hafte keessatti simachuuf walii gallee jirra. Kunis gaaffii namoota fedha miseensa ta'uu qabaniin Nuuf ja'aa ture bu'uura godhachuun yoo ta'u guyyoota hafte keessatti kaffaltii guutuu raawwachuun sanada barbaachisu dhiyeessuu kan dandeessan hundi sheerii bitachuu dandeessu. Galatoomaa!
6300Loading...
21
Media files
6541Loading...
22
Frequently asked questions (FAQ) 1. TIN number baafachuuf hojjetaa Mootummaa Fi mana hojii dhuunfaa yoo taatan kaffalaa gibiraa ta'uu keessan caqasee faayinaansiin mana hojii keessanii Waajjira daldalaatti xalayaa siniif barreessinaan baafattu. Barataaf Fi hojii dhaabbataa kan hin qabne ammoo Waajjira daldalaa isin barbaaddanitti nuti xalayaa isiniif barreessinaan ittiin baafachuu dandeessu. 2. National ID ammoo Baankiiwwan tajaajilla kan Kennan kamuu deemuun erga galmooftan booda Lakkoofsa addaa isiniif kennamu Nuuf kennitu. Kana irratti ammumarraa eegalee dhibaa'ina tokko malee itti deemtanii raawwachuun barbaachisaa dha. 3. Bakka bu'iinsa kan kennamu Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa keessanii ykn Waajjira mirkaneessa ragaalee(wulina masrajjaa) deemuun ta'a. Bakka bu'iinsi kanaa ala jiru fudhatama hin qabu.
9971Loading...
23
Finally Done! Warri siniif milkaa'ee miseensummaa keessañ xummurattan Baga Gammaddan!!! Warra utuu fedhaa Fi Hawaii guddaa qabdanii sababa gara garaatiin haalli isiniif hin mijatiin, isiniif hin danda'amiin hafe miirri keessan nutti dhaga'ama. Fayyadamummaa keessan mirkaneessuuf carraa Mijachuu malu kan biroo fayyadamuuf eeggadhaa! Jecha kana Yaadannoo cimaatti qabadhaa!!! Haa xiqqaatu haa guddatu Dinigaas warra isaaf aarsaa kaffaluu danda'an adda baafateera. Dinigaasis isaaniif aarsaa kamuu ni Kaffala! Guyyàa har'aa simannaa miseensota haaraa yeroof dhaabnee jirra. Warreen haga ammàa iyyanni keessan nubira gahee jiru Fi kaffaltii eegaltanii jirtan haga eebila 30tt kaffaltii keessan akka raawwattan isin gaafanna. Hubachiisa; Wiixata irra eegalee nagahee keessan fudhachuun nagahee galii waan siniif jijjiiruuf yeroo gabaabaa keessatti biiroo keenya qaamaan dhuftanii ykn namatti erguun akka nagahee jijjiirrattan! Yeroo dhuftanis Waraqaa eenyummaa haarome koppii isaa, Suuraa keessan, Lakkoofsa kaffalaa gibiraa Fi Lakkoofsa Fayda National ID keessanii Nuuf fiddanii dhufuu hin dagatiinaa. Akkasumas sanada mallatteessuun walqabatee namoonni bakka bu'iinsaan mirkaneessuu barbaaddan waraqaa bakka bu'iinsaa keessan akka Nuuf ergitan. Bakka bu'iinsa Afaan Oromootiin kanneen kennitan hundi gara Afaan oromootti osoo hin hiikiin gatii hiikkaa qr 500 waliin akka fiddan; ofii keessan hiiksisuu kan barbaaddan ammoo hiikkaan Magaalaa Finfinnee keessatti ykn namoota Koodii wulinnaa masrajjaa qabamiin qofa hiikamuu waan qabuuf of eeggannoon hiiksiftanii akka fiddan. Sample bakka bu'iinsaa Fi hiikkaa of biraa qabnu waan isiniif maxxansinuuf akkaata sanaan bakka bu'iinsa keessan Nuuf ergitu. Bakka bu'iinsa fudhatama hin qabne eegitanuu yoo kufaa ta'e itti gaafatamummaa hin fudhannu! Kanaaf of eeggannoo guddaan haa raawwannu! Ammas irra deebiin Baga Gammaddan, Milkaa'ina Abdiin eegalle waliin haa mirkaneessinu! Galatoomaa!
3211Loading...
24
Muuxannoo gaarii dha. Iddiriiwwan keenya kan Biiroon illee fakkeenyummaa kana fudhachuu qabu. Iddiriin Dhalattoota Matakkal Miseensota isaaniif haala mijeessuun tokko tokkoo isaaniif sheerii bituun Aantummaa isaanii agarsiisaniiru. Hiika Fi kaayyoon iddirii akkasiitti waan gaarii Fi guddina waloof oolchuun barbaachisaa dha. Guddaa galatoomaa! " እናመሠግናለን። 20 የመተከል ወንማማቾች መረዳጃ ዕድር አባላት በዕድሩ በተመቻቸላቸው ድጋፍ መሠረት የወንድም አክስዮን ማህበር የሆነውን ዲንጋስ ትሬዲንግ አክስዮን ከአምሥት ዕጣ ጀምሮ በመግዛት በ116000 አጋሪነታቸዉን አሳይተዋል።"
5931Loading...
25
Haga nuti isin abdannee olitti isin argine!!! Dhaabbata hundeessuu eenyuuf salphaadha? Sanuu bara kana keessa! Bara jireenyi namatti ulfaate kana, namni ofiinuu of sodaatu, bara shakkii malee Wal amantaan dhibe keessa, bara akkasii keessa!!! Isin abdannee mul'ataa Fi abdii keenya isinirratti ganne. "Lammii keenyaaf seenaa haa hojjennu" jenne. "Dhalootni aadaa waliin hojjechuu haa gabbifatu" jenne. Tokkummaa Saba keenyaaf aarsaa barbaachisu kaffallee walitti isaan haa fidnu jenne! Kana hundumaa isin abdanneeti malee ofii homaa qabannee hin turre! "Qr Kuma 5 Fi 10 walitti guurtanii business maal hojjettu" yeroo jedhamnes, lakkisaa qabeenyi dhaabbata keenyaa maallaqa osoo hin taane humna namaa qabnu dha jechaa cichinee ji'oota ja'an obsaan walitti guuraa turre. Gatii obsa keenyaas haga yaadnee olitti isinirraa argineerra. As keessatti namoota aarsaa guddaa kaffalaniin galatoomaa jechuu barbaadna! Keessumaa warreen akka warqii dukkana keessatti Nuuf ifeef, Galata! Waaqni dadhabbii isaanii haa kaffaluuf. Bal'inaan yeroon itti Wal galateeffannu ni dhufa! Ji'oonni ja'an dhumachuuf guyyàa boorii qofatu hafti. Guyyàa hafte fayyadamee warra galmaa'uu barbaadu ammas harka bal'ifnee simanna. Guyyàa boorii kaasee haga 30tti kaffaltii keessan xumurataa, sanda barbaachisu Nuuf dhiyeessaa, nagahee keessan akka jijjiirrattaniif yeroo siniif kennina. Sana gidduutti yeroo gabaabaaf sheerii hin gurgurru!!! Sheerii haaraa waggaa 1f turu gaafa ifoomsinuu kaasnee isin beeksifna. Yeroo sanatti warri guddifatus, warri haaraa bitatus ni simatamu. Adeemsa kana keessatti dhimmoota dagatamuu hin qabne hin dagatiinaa. Dhimmi seeraa seera qofaan deemama, Kaffaltii sheerii osoo hin xumuriin sababa mallatteeffameef qofa miseensa ta'uun hin danda'amu.! Waraqaa eenyummaa haaromfadhaa, National ID galmaa'aa, TIN number baafadhaa, qaamaan ykn Kara bakka Bu'aa keessanii sanada mirkaneessuuf qophaa'aa. TIN baafachuu irratti yoo rakkattan nadubbisaa, xalayaa siniif barreessina. Galatoomaa! W A Dinigaas
5981Loading...
26
Media files
5731Loading...
27
Media files
5901Loading...
28
Guyyàa har'aa Waltajjii guddaa Startup Ethiopia jedhamu irratti Innovatoroota guutuu biyaarraa walitti dhufan keessaa 20 finalist taanee mul'ata keenya dorgommiif dhiyeessaa turre. Carraan Kun carraa namoonni heedduun hawwan yoo ta'u Waldaa keenya Dinigaasiif Abdiin guddaa ta'e natti mul'ata. Gaaffiif Deebii Miidiyaa Fana waliin taasiseenis dhaabbanni keenya rakkoo hawaasaa guddaa tokko dhimma hordoffii Fayyaa dhukkubsattootaan walqabatee jiru furuu keessatti biyya kanarratti darbee Afrikaaf yaada furmaataa akka qabu kaaseefiin jira. Ammas Nan jedha, dhaabbanni keenya Abdii guddaa qaba! Maaltu beeka, Kaampaaniin Oomisha meeshaalee Fayyaa guddichi biyya kanaa Kan keenya ta'uu mala!!!
5931Loading...
29
Beeksisa Ariifachiisaa!Urgent (14/8/2016) Dhaabaani keenya ji'oota ja'an darbaniif sheerii hundeessitootaa gurguraa turuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan yeroon gurgurtaa Kun xumuramee guyyootni 5 duwwaan kan hafan yoo ta'u miseensota haga ammàa sheerii bitatan Adeemsa seera qabeessaan gara Waldichaatti simachuuf Qaama dhimmi ilaalu biratti dhiyaannee dabalamuu miseensota kanneenii mirkaneessuutu nurraa eegama. Kanaafuu Miseensota buleeyyii dambii ittiin bulmaataa mirkaneessitan dabalatee miseensonni haaraan nundi mallattoo keessan qaamaan ykn Kara bakka bu'iinsaa kaa'uu waan qabaniif haldureewwan asii gaditti taa'an yeroo Torbee lama(haga eebila 30tti) keessatti akka raawwattan cimsinee isin yaadachiifna. 1. Fageenyarratti kan argamtan Fi qaamaan dhiyaattanii mallatteessuu kan hin dandeenye bakka bu'iinsaa namoota armaan gadiif; A. Obbo Darajjee Dheeressaa Teessoof( Prezidentii Boordii) B. B/saa Dhaabaa Siyyum(Hoji geggeessaa)f kennuun origional bakka bu'iinsa keessanii, suura 2, Unka Aksiyoona ittiin bittan, Nagahee kaffaltii hunda Origional isaa Fi Waraqaa eenyummaa haarome copy isaa yeroo jedhame keessatti gara biiroo keenyaatti akka Nuuf ergitan. 2. Namootni qaamaan argamanii mallatteessuu dandeessan Waraqaa eenyummaa haarome origional Fi copy, nagahee kaffaltii ittiin raawwattan, qabattanii dhufuun guyyàa isiniif kenname keessatti harcaatii tokko malee mallatteessuuf akka of qopheessitan. 3. Lakkoofsa kaffalaa gibiraa(TIN number) Waajjira daldalaa isinitti dhiyoo jiru deemuun akka baafattan Fi Waraqaa eenyummaa Digitaalaa(Fayda) galmaahuun Lakkoofsa Fayda keessanii Nuuf dhiyeessuutu isinirraa eegama. 4. Miseensonni kaffaltii ofirraa hin xumuriin jirtan kamuu yeroo isiniif kenname keessatti guutummaa isaa ofirraa xumuruun miseensummaa keessan mirkaneeffachuuf akka of qopheessitan cimsinee isin yaadachiifna. Hub. Haldureewwan asii olitti taa'an miseensi raawwachuu hin dandeenye kamuu gara Waldaa Aksiyoona keenyaatti kan hin dabalamne ta'uu beektanii itti gaafatamummaa isinirra jiru akka bahattan cimsinee isin yaadachiifna. Adeemsa seerri biyyattii nurraa barbaadu hunda guuttannee Kara iftoomina qabuun mul'ata keenya ni milkeessina!!! W.A Dinigaas Trading!
6327Loading...
30
የስራው መጠሪያ: Educational sector Managing Director የስራው አይነት: በተመደቡበት የሚሰራ - ቋሚ የስራው ዘርፍ: #ፕሮጀክት_ማኔጅመንት_እና_አስተዳደር የስራው ቦታ: አዲስ አበባ, ኢትዮጵያ የትምህርት ደረጃ: ሁለተኛ ዲግሪ የልምድ ደረጃ: ከፍተኛ የተፈላጊ ሰው ብዛት: 1 ደሞዝ/ክፍያ: ወርሃዊ የማመልከቻ ማብቂያ ቀን: April 25th, 2024 የስራው ዝርዝር: Overview Dinigaas Trading s.c is accompany works on multi sectoral investment including Educational sector to satisfy its objective of establishments. The Educational Sector Director under the company is a highly pivotal role responsible for overseeing and managing all aspects of an educational institution's operations, policies, and programs. This position typically requires a deep understanding of educational principles, organizational management, and strategic planning. Educational background and experience Masters and above in Education Planning and Management, Educational Leadership, Educational Policy, Curriculum and Instructions & Education Economy background with relevant work experiences in managing educational sector for a minimum of 5/Five year and above. Duties and Responsibilities: 1. Strategic Planning: - Develop long-term strategic plans for the educational institution in alignment with its mission and vision. - Identify key objectives and performance indicators to measure the institution's progress. 2. Financial Management: - Oversee budget planning and financial management to ensure the institution's financial sustainability. - Allocate resources effectively to support all educational programs and initiatives. 3. Policy Development: - Develop and implement policies that adhere to educational standards, regulations, and best practices. - Ensure compliance with local, state, and national educational regulations. 4. Program Development: - Evaluate existing educational programs and curricula to enhance student learning outcomes. - Introduce new programs and initiatives that align with the institution's educational objectives. 5. Staff Management: - Provide leadership and guidance to academic and administrative staff. - Recruit, train, and evaluate faculty and staff members to maintain high educational standards. 6. Community Engagement: - Build relationships with parents, students, community organizations, and local authorities. - Represent the institution at educational conferences, meetings, and events. 7. Continuous Improvement: - Monitor and evaluate the effectiveness of educational programs through data analysis and feedback. - Implement strategies for continuous improvement and innovation in teaching and learning. Qualifications and Skills: - Experience area: Previous experience in educational leadership roles, such as school principal or academic dean, - Language: Fluently speak English, Afaan Oromoo and Amharic - Leadership Skills: Strong leadership abilities to inspire and motivate staff members towards achieving educational goals. - Communication Skills: Excellent communication skills to engage with stakeholders, build relationships, and deliver presentations. - Organizational Skills: Ability to manage multiple projects, prioritize tasks, and maintain a focus on educational excellence. __________________ Dinigaas Trading s.c [የተመዘገበ ድርጅት ✅] 3 ስራ ለጥፈዋል በ፡ @afriworkamharic የቀረበ | @freelanceethbot ይመዝገቡ ለእንግሊዘኛ ቻናላችን @freelance_ethio ይቀላቀሉ
3831Loading...
31
://t.me/+IpdV_lRNtHAwOGVk Link kanaan garee Albright Academy promote gochuuf baname seenuun hiriyoota keessan yoo Xiqqaate 100 Add taasisuun namoota heedduu bira gahuu akka dandeenyu nugargaaraa
6191Loading...
32
የስራው መጠሪያ: Educational sector managing directro የስራው አይነት: በተመደቡበት የሚሰራ - ቋሚ የስራው ዘርፍ: #ፕሮጀክት_ማኔጅመንት_እና_አስተዳደር የስራው ቦታ: አዲስ አበባ, ኢትዮጵያ የትምህርት ደረጃ: ሁለተኛ ዲግሪ የልምድ ደረጃ: ከፍተኛ የተፈላጊ ሰው ብዛት: 1 ደሞዝ/ክፍያ: ወርሃዊ የማመልከቻ ማብቂያ ቀን: April 25th, 2024 የስራው ዝርዝር: Overview Dinigaas Trading s.c is accompany works on multi sectoral investment including Educational sector to satisfy its objective of establishments. The Educational Sector Director under the company is a highly pivotal role responsible for overseeing and managing all aspects of an educational institution's operations, policies, and programs. This position typically requires a deep understanding of educational principles, organizational management, and strategic planning. Educational Level BA and above in educational leadership, and managements with relevant work experiences in managing schools, minimum of 5/Five year and above. Duties and Responsibilities: 1. Strategic Planning: - Develop long-term strategic plans for the educational institution in alignment with its mission and vision. - Identify key objectives and performance indicators to measure the institution's progress. 2. Financial Management: - Oversee budget planning and financial management to ensure the institution's financial sustainability. - Allocate resources effectively to support all educational programs and initiatives. 3. Policy Development: - Develop and implement policies that adhere to educational standards, regulations, and best practices. - Ensure compliance with local, state, and national educational regulations. 4. Program Development: - Evaluate existing educational programs and curricula to enhance student learning outcomes. - Introduce new programs and initiatives that align with the institution's educational objectives. 5. Staff Management: - Provide leadership and guidance to academic and administrative staff. - Recruit, train, and evaluate faculty and staff members to maintain high educational standards. 6. Community Engagement: - Build relationships with parents, students, community organizations, and local authorities. - Represent the institution at educational conferences, meetings, and events. 7. Continuous Improvement: - Monitor and evaluate the effectiveness of educational programs through data analysis and feedback. - Implement strategies for continuous improvement and innovation in teaching and learning. Qualifications and Skills: - Educational Background: Typically requires a master's or doctoral degree in education, educational leadership, or a related field. - Experience: Previous experience in educational leadership roles, such as school principal or academic dean, is often required. - Leadership Skills: Strong leadership abilities to inspire and motivate staff members towards achieving educational goals. - Communication Skills: Excellent communication skills to engage with stakeholders, build relationships, and deliver presentations. - Organizational Skills: Ability to manage multiple projects, prioritize tasks, and maintain a focus on educational excellence. __________________ Dinigaas Trading s.c [የተመዘገበ ድርጅት ✅] 2 ስራ ለጥፈዋል በ፡ @afriworkamharic የቀረበ | @freelanceethbot ይመዝገቡ ለእንግሊዘኛ ቻናላችን @freelance_ethio ይቀላቀሉ
4220Loading...
33
Beeksisa hojii kanaaf CV keessan haalaan qopheeffachuun Apply taasisaa. Keessumaa Sadarkaa barnootaa Educational leadershiptiin Masters fi muuxannoo hooggansaa kan qabdan, bakka kanaaf gahumsa kan qabdan of hin dabarsiinaa!
4540Loading...
34
Media files
5160Loading...
35
Media files
5150Loading...
36
Oduu dansaa!!! Waadaa keenya eeguuf ammallee hojiitti jirra. Share holder management system software (SHMS)n keenya version jalqabaa guutummaa guutuutti xumuramee hojiif qophaa'ee hojiitti galaa jira. Odeeffannoon miseensota keenyaa haalaan ni qindeeffama. Siistema kana online deploy yeroo taasifnu ammoo bakka barbaaddan teessanii sheerii bitachuu Fi Certificate keessan battaluma fudhachuu akka dandeessan ni ta'a. Kun Adeemsa qabiinsa sanada Fi iftoomina dhaabbatichaa keessatti Bu'aa buusuun cinatti hojimaata dhaabbata keenyaaf jijjiirama guddaa kan fidu dha.
4750Loading...
37
Maqaa Mana barumsaa irratti waan haaraa! Yeroo darbe filannoo maqaa akka taasiftan carraa isiniif kennuun keenya ni yaadatama. Haaluma kanaan maqaa businessf ta'u, maqaa hawwataa Fi hunda galeessa ta'u Nuuf filattan keessaa maqaa sadii:- 1. Nation Academy, 2. Synergy Academy Fi 3. Albright Academy jedhaman filannee galeessa maqaa daldalaaf Waajjira daldalaa geessinee jirra. Waajjirri daldalaas maqaa hin qabamiin jiru ilaaluun x Albright Academy " Nuuf mirkaneessee jira. Kanaafuu maqaan mana barumsaa keenya Albright Academy jedhamee waamama. Kana jechuun Waldaa Aksiyoona Dinigaas Tredingi tti Albright Academy ti. Abbaa Fi ilma akka jechuu ti. Manneen barnoota bakkeewwan biirootti babal'atanis maqaama kana kan fayyadamtan yoo ta'u Sadarkaa Muummichaatti Daarektera sektera barnootaatiin hoogganamu. Sadarkaa mana barnootaattis hooggansi of danda'e Fi Daarektera waliigalaaf waamamu ni jiraata. Galatoomaa
5220Loading...
Guyyàa har'aa Tuutni Miidiyaa OBN Fi Ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Saayinsiif Technology Oromiyaa irraa dhufan nadubbisanii Documentary bal'aa hojjennee turre. Kalaqa gama Fayyaan hawaasa keenyaaf gumaachuuf hojjechaa jiru Fi haala waliigala kalaqaan Wal qabsiisee qooda fudhattootarraa maal akka eegamu dubbadheen jira. Qabxiiwwan kaase keessatti Bu'aa walitti dhufanii hojjechuu Fi humna guddaa hawaasa keessa jiru walqabsiisee fakkeenyummaa W.A Dinigaas kaaseera. Dhaabbata Guddaa Fi Rakkoolee hawaasaa furuu danda'u lafa qabsiisuu keessatti mul'ata Koo ifatti kaa'eera. Waliin taanee kana akka dhugoomsinu shakkii hin qabnu. Carraa argame hundumaan milkaa'ina keenyaaf guyyàa guyyaan riqicha ce'umsaa ni keenya. Guutuun isaa sagantaa Orosytech irratti TV OBNn Kam darbu ta'a(Boor Sa'a 6 booda). Carraa kana kan Nuuf mijeessitan hunduu guddaa galatoomaa! Kabaja guddaa siniif qabna!
إظهار الكل...
National ID galmooftanii FAN fudhachuun FID kan hin argatiin jirtan Lakkoofsa 9779 irratti bilbiluun FAN keessan himattanii fudhachuu dandeessu.
إظهار الكل...
Update! Yeroon kaffaltii sheerii miseensota hundaaf Eebila 30 raawwachuun isaa ni yaadatama. Haa ta'u malee namoonni ammallee fedha qaban Fi kaffaltii yeroo jedhame keessatti ofirraa raawwachuu hin dandeenye akka jiran Fi yeroon miraasni akka dabalamuuf nugaafachaa jiru. Haaluma kanaan gaaffii keessan giddu galeessa godhannee haga guyyàa dokumentiin mirkanaa'uuf Abbaa taayitaa bira galuutti namoonni kaffaltii guutuu ofirraa raawwachuuf fedha qabdan Fi dokumentoota gaafataman dhiyeessuu dandeessaniif carraa kanatti fayyadamuu akka dandeessan gammachuun isin beeksifna. Kanaafuu Sheerii guutuu ta'e jechuun 5/10/15... Ta'ee guutummaa isaa yeroo tokkotti kan kaffalamu ta'a!
إظهار الكل...
3
Update!
إظهار الكل...
Oduu gammachiisaa!!! Dhaabbanni keenya Waldaan Aksiyoona Dinigaas dhaloonni barate furmaata biyya keenyaa ta'uu hubachuun mana barnoota sadarkaa tokkoffaa(KG-8) Magaalaa Shaggar K/M Gafarsa Gujee(Kellaatti) maqaa Olbiraayit Akkaadaamii(Albright Academy) jedhuun banee isin tajaajiluuf qohii isaa xumuraa jira. Albright academy mana barnootaa hawwataa fi filatamaa ta'e dhaloota qaroo fi dorgomaa ta'an oomishuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa isarra jiru gahumsaan akka bahatu amantaa guddaan fudhatee qophiiwwan barbaachisoo ta'an gamanumaa raawwachaa jira. Gamoo Abbaa Darbii lamaa lafa kaaree 4000 olirra qubate, dareewwab barnootaa, laaboraatorii, mana kitaabaa fi kutaalee bulchiinsaa gahaa ta'e qabachuun isinitti as bahaa jira. Mana barnoota keenya waliin sagantaalee hawwatoo ta'an qopheessinee haga wal isin barsiifnutti odeeffannoowwan wayitawoo ta'an gama social media fi website keenyaan nuhordofuu hin dagatiinaa jechaa, daa'imman abdii egeree ta'an mana barnootaa Abbummaan isaa Waldaa Aksiyoona Dinigaas ta'e kanatti akka barsiifattaniif gamanuma qophaa'uun guyyaa waamicha galmee isiniif taasifnu akka eeggattan kabajaan isin yaadachiifna. "Dhaloota barate, egeree Biyyaaf" Odeeffannoo dabalataaf https://t.me/+lbihxof3NwJkYjVk www.albrightacademy.com
إظهار الكل...
📰Akkaadaamii Olbiraayit📘Albright Academy

Baga nagaan gara Albright Academy tti nagaan dhuftan! Hiriyoota keessan nama 100 garee kanatti dabaluun badhaafamaa! እንኳን ወደ አዲሱ የ ቴሌግራም ግሩፓችን በሰላም መጣችሁ:: ጓደኞቻችሁን በመጋበዝ ይሸለሙ!

👍 1
Garee mana barnootaa keenya join gochuun odeeffannoo wayitaawaa argadhaa! https://t.me/+lbihxof3NwJkYjVk
إظهار الكل...
📰Akkaadaamii Olbiraayit📘Albright Academy

Baga nagaan gara Albright Academy tti nagaan dhuftan! Hiriyoota keessan nama 100 garee kanatti dabaluun badhaafamaa! እንኳን ወደ አዲሱ የ ቴሌግራም ግሩፓችን በሰላም መጣችሁ:: ጓደኞቻችሁን በመጋበዝ ይሸለሙ!

Photo unavailableShow in Telegram

1