cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Fermotivation

Chaanaalii kana irraatti *jechamoota fi seena nama kakkaasan. *Seenaa dinqisiiso *Iccitii Milkaa'inaa *wantoota fi Dhugaalee dinqisiisoo. Fi kkf argattuu...kottaa waliin haa Guddannu. Yaadaaf @Fermotivation24_bot irratti nuf ergaa

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
160
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Milkaa'inaafi kuufaati Kutaa 1ffaa Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu. Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu. Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i. Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu. Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a. Jireenyi akka muziqaati. Muziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha. Jireenyi dhala namas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa. Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba. Join👇 @sammuukoof
إظهار الكل...
#Sammuu🧠 Namuu jecha turaa "sammuun mana lubbuuti " ja'u tokko gurraa qabaachuu hin ooltan. Kun garuu anaaf sirri miti. Sammuun (mind), qaamni fi lubbuun wal adda. Ilma namaa uumaa biraa irraa adda kan godhu sammuu isaati. Dandeettii yaadu fi yaadachu inni qabuuni. Gaaf tokko barsiisaan wa'ee sammuu barattoota isaa barsiisu fedhee kutaa ol seenee akkana jedheen "barattota, Mee caluma jedhaati waa'ee gabatee gurraacha kanaa yaadaa." Xiqqoo turee, "amma immoo wa'ee gabatee gurraachaa yaaduu keessan yaadaa" jedheen, ammaas xiqqoo turee "sammuun tana " jedheen. Sammuun, sammuutti of hin beeytu, garuu nuutu hojii ishii laalee himaaf. Gaafas sammuun sammuutti of beekti jechuudha. Sammuun amala abbaa amanuu qabdi. Fakkeenyaaf, barataan tokko kan yeroo hunda "sammuun tiyya humaa naaf hin qabattuu, waa takka hin yaadattu " jedhee sammuu isaa arrabsaa oola tahe, sammuun isaa akkasuma taati. Sammuun waanuma Abbaan jedhuun dhageessi. Khalaas!!. Dr. Mahdi M. Badhaasoo kitaaba URJILEE 3'n jedhu irratti yaada waa'ee SAMMUU kennatee irraa kan fudhatame. #Sammuu🧠 #UrjileeSadeen🌴🕜🧠 #FathiXayib✍👏 #Baabbillee❤️❤️❤️ #FerhanAhmed #Sat5june2021 #DirreeDawaaUniveersitii🏢 @fermotivation Home of motivation #Share gochun maatii haa guddifnu! Eyyeen maatiin guddachu qaba.
إظهار الكل...
💙💎❤ @Unitytube1
إظهار الكل...
 S  E  E  N  A  A   |Kutaa 2ffaa | Join us👉👉👉@Unitytube1 YEROO TEE IRRAA SADAQACHUU DANDEESSA** 👇Seenaa kanaan gadii👀 qalbiin dubbissi... Akkuma Abbaa fi intalti isaa xiqqoon gara hospitalaa qajeelaniin,  hospitaala naannoo isaanii jiru tokko dhaquudhaan dhukkubsattoota achi keessa jiran osoo daawwachaa jiranii dullatti(Nama guddaa) takka argan. Ummaa akkami fayyaan kee,  dhukkuba kamiin qabamte haallii fayyaa keeti hoo fooyya'adhaa jechuun gaafatan. Dullattin saniis akka dhukkuba kaansariin qabamte erga itti himtee booda,  fuulli isii gammachuudhaan ifee seeqaa yaa ilmaan kiyya galatooma hangaan hospitaala kana keessa jiru namni tokkolleen nan laalle isin ammoo baayye na gammachiistan jechuun itti himte. Micaan xiqqoon saniis miira gammachuutin akkoo baruus yeroo akkanaa dhufeetiin si laala jechuun gammachuu isii lamaan baayyiste. Abbaa fi intalti isaa xiqqoon tuniis ziyaara isaanii erga raawwatanii booda gammachuudhan gara mana saanii qajeelan. Micaan xiqqoon saniis guyya lammataa akkuma baalla seentetti,  baallama san guutuf yeroo isii hospitaala san dullattii san laaluuf jecha jecha dheeyxetti. Dullattiin san siree irra hin jirtu micaan ajaa'iibuudha yemmoo siree duwwaa ilaaltu waraqaa takka tan siree san irratti argitee fuute yemmuu dubbistu. Waraqaan akkana jatti " Yaa micaa tiyya kaleessa akkuma jattetti akka baallama guutte deebitu naaf gale garuu maalin godha sii waliin wal-arguu hin dandeenye, micaa tiyya ani addunyaa tanarraa fira tokkollee hin qabu qabeenya qabu hunda siifin mallatteesse furadhu" jatteen. Dullattiin san osoo daa'ima qulqulluu sanii waliin wal- arguuf hawwii qabduu addunyaa tanarra kutte qabeenya isii kan Mil.2 caalu daa'ima xiqqoo tanaaf mallateessite. Seena kana irraa maal baranna. 1) Sadaqachuuf wanti si dangeessu hin jiru. 2) Nama gammachiisuuf kafaltii hin barbaachisu. 3) Waan takka  rabbiif jecha yoo hojjate rabbiin kan isa caaluun siif bakka buusa. 4) Dhaloota jijjiiruuf maatiin murteessadha. Waan dubbistaniig galatoomaa.... Hitiyyoota keessaniif qoodaa. Burqaan: Kitaaba (طريق نجاح ) ja'amu irra kan fudhatameedha. JOIN US 🌟 @Unitytube1 🌟 @Unitytube1
إظهار الكل...
Muaz-Remadan_Ringtone.mp31.22 MB
Harka fuune maatii fermotivation Har’a waa'ee hiriyaa xiqqoo waa jechuu barbaada... Hiriyaa jechuun "a person who you know well and who you like a lot, but who is usually not a member of your family:." Kana jechun "nama sirriitti beektu kan akkaanis jaallattu garu yeroo bay'ee maatii keenya irraa kan hin taanee " jechuudha. Yeroo hedduu namni tokko maal akka taheefi amalli isaa maal akka fakkaatu beekuuf hiriyaa isaa beekuun gahaadha jedhama. Akkuma ummatni adiin jedhanitti "tell me WHO your friends are and I'll tell you WHO you are!."...kana jechuun nama tokko salphumatti beekuuf Saahiiba(hiriyaa) isaa beekuun gahadha jechudha. Kanaaf aniis muxxannoo kiyya Kan jiruu irraa warreen Hiriyaa godhachu #qabnuu fi #Hinqabnee jedhe bifa armaan gaditiin Qoduuf yaaleen jira. #ISAAN_KANNEEN_HIRIYAA_GODHADHUU! -yeroo isaan wajjin taatu nageenyi kan sitti dhagahamu! -Isaan waa'ee milkii, kaayyoo fi jijjiramaa haasawan! -Isaan Mora fi Ilaalcha Pozatiivii qaban! -Isaan Abdii hin kutannee, kufuus nan ka’aa jedhanii isaan Amanan -yemmuu wajjiin taatu isaan mirri gad aantummaa akka sitti dhagahaamu sii hin goone! -Isaan sii onnachiisan -isaan milkii ketti gammadan! -isaan dhugumaan sijaallatan -Isaan Iccitii kee Kan isaani godhanii ilaalan! Fi kkf Hiriyaa Godhadhu! #KANNEEN_HIRIYAA_HIN_GODHATIIN! -Yemmuu wajjiin taatu nageenya kan dhabdu -Isaan Waa'ee namootaa haasawan -Isaan warreen Negative tahan -Isaan Isaan warreen al-tokkotti abdii kutan -Isaan gaafa wajjiin taatu mirrii gad aantummaa akka sitti dhagahamu si godhan -Isaan si dadhabsiisan -isaan Isaan Milkii keetti hin gammadne -isaan Isaan fakkeessuuf si jaallanna jedhan -Isaan Iccitii kee namootaaf odeessan Fi kkf Hiriyaa hin godhatin! #Rabbiin_Hiriyaa _dhugaa _Nuuf_haa_kennuu!🙏 #Galatoomaa 🙏❤! #AlhadaGaarii #Sun28march2021 =✍FERHAN AHMED=✍ yaadaaf- @Fermotivation24_bot #share maatiin Kun guddachuu qaba! @fermotivation Home of Motivation!
إظهار الكل...
Harka wal qabaa 💙 @Unitytube1
إظهار الكل...
#𝐀𝐥𝐡𝐚𝐝𝐚𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢❤️❤️❤️ 𝐍𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐢𝐢 𝐨𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐤𝐨𝐨 𝐚𝐭𝐢𝐢𝐬 𝐲𝐚𝐚 𝐨𝐛𝐛𝐨𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐭𝐨𝐨... 𝐢𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚 𝐠𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐟𝐞𝐞𝐭𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐡𝐢𝐢 𝐬𝐢𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐭𝐨𝐨𝐥𝐜𝐡𝐢𝐢 𝐀𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐤𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐢𝐬𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐜𝐢𝐜𝐡𝐢𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐟 𝐨𝐟𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐬 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬 𝐪𝐮𝐬𝐚𝐝𝐡𝐮𝐮 𝐭𝐚𝐫𝐭𝐢𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮. 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬 𝐪𝐮𝐬𝐚𝐝𝐡𝐮 𝐭𝐚𝐫𝐭𝐢𝐢𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐝𝐡𝐮. #share 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨𝐦𝐚𝐚! #𝐅𝐞𝐫𝐡𝐚𝐧✍ #𝐒𝐮𝐧𝐝𝐚𝐲7𝐌𝐚𝐫𝐜𝐡2021 @fermotivation home of motivation
إظهار الكل...
❤️ 2
💯✔ @Unitytube1
إظهار الكل...
GATII Irra deebiin yaaluun QABU! @fermotivation #seenaa_hundii_keenya_Dubbisuu_qabnu! #DUBIISAGAARII #JUMMATAGAARII❤️❤️❤️ Gaafa tokkoo turiistiin tokko dawoo Arbaatiin darba otoo jiru Arba guddaa haada ykn funyoo xiqqoon mila tokkorratti hidhame dhaabbatu arge aja'ibe. Kan isa dinqe Arbii guddaan kun akkamitti haada xiqqaa kanaan akka hidhamuudha. Maaliif kutuuf hin yaalle. Jechuun of gaafate. Ammallee calliseetuma ilaala garu homaa galuufii hin dandeenye. Iccitii isaa baruuf hedduu hifatee jira. Duuba gara leenjisaa Arbaa demuun akkas jedhee gaaffate..."akkamitti bineensi guddaan kun haada xiqqoo kanaan hidhama? Maalif kutee baafachuuf hin yaallee hoo? maali icciitiin isaa Mee naaf himi." Gaaffii Tuuristichaa erga callisee dhageeffate booda akkas jechuun debisef.."Arbii kun daa'ima gaafa tureetti haaduma kanaan hidhaa turree, yeroo sanatti kutuun humna isaa ol turee. Yeroo baayyee yaala ture booda garu abdii kutachuun baafachuu akka hin dandeenye amanuuf dirqamee. Gaafa guddatees hindanda'u jedhe of amansiise waan tureef haada kana kutuuf yaalee hinbeeku, kanaafi jedheen." #Ergaa :- Amantii dogoggoraa arbichaati bilisummaa umrii isaa gutuu kan dhoorke ykn immoo akka hin bilisoomne kan isa godhe. HAALUMA WALFAKKAATUUN BAAYYEEN KEENYA AL TOKKOO YAALLEE WAN NUF HIN MILKOOFNEE QOFAAF MILKII JIREENYA KEENYAAF HIN HOJJANNUU. MEE OF HAA GAAFANNU SI'a MEEQA YAALLEETI KAN HARKA KENNINE? Si'a 1,2 MOO KUDHANI? SAAYINTISTIIN BEEKKAMAA ADDUUNYAA KEENYAA KAN AMPUULII HARDHA IBSANNUU HOJJATEE TOOMAAS EDINSON YAALII KUMAA LAMAA OL GODHEE AMPUULII AKKA HOJJATEE BEEKTAA? DUUBA NUTII HOO MAALIIF AKKA ARBIICHAA OSOO HINTAANE AKKA TOOMAAS TA’UUF HIN YAALLEERE? MAALIIF TOKKOO YALLEE GABRUMMAAF HARKAA LAANNA REE? MAALIIF KUMAATAMAAN YAALLEE BILISUMMAA KEENYA HINGONFANNE REE??? DHUMARRATTI... IRRAA DEEBIINEE HAA YAALLUU✊!!! GALATOOMAA!!! MAATIIN GUDDACHUU QABA #sHARE GODHAA! @Fermotivation Home of Motivation!!!❤❤❤
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.