cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Summii Jaalalaa

Walaloo jaalalaa Iccitii jaalalaa Dhokksaa jaalalaa Summii jaalalaaa Walaloo Jaalalaa Midhaa jaalalaa fi Gudunfaa jaalalaa Taphaa fi gammachuu jaalalaa keessaa Walaloodhan dhamsaa jaalalaa Dabarfachuun walin haa hirmanuu......!!!!! @BonaBushra

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
349
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

إظهار الكل...
👍 0
👎 0
Repost from Riyaad Raayyaa
Hunda keessaa filadhee Sikeenyaan bakka addaa “Keessa jiraadhu” jennaan Onneekoo fuutee baddaa? Haqni kiyya sin dhiisu Lakkii dhiisi shaggituu Nama akka koo siif ta'u Eessattiyuu hin argitu Sin jaaladhe malee Akkuma lubbuukoo Mee maalan si godhe Nattimi cubbuukoo Jaalalan siif laadheef Naaf deebiftee jibba Maaliif na laaffifta Mogolee fi jilba? Anoo ofirran si jaalla Lubbuu kiyyan siif laadhaa Akkamiinan danda'ee Si dhabeemmoo jiraadhaa? Atoo anaaf dhalattee Anuma qofaaf maltaa Jaalala dhugaa dhiiftee Kam barbaacha imalta? Ihim.... Onneekoo dhiigsitee Osoon siif gaggabuu Narraa fagaatteetta Fiigus sin qaqqabu Osoon siduuka laaluu Madaan onneekoo dhiigee Dhumnisaa bareedaaree? Kan waadaa galee diige Anaaf qooda rabbiiti Hiree kootu siin alaa Haqni imimmaan kootimmoo Guyyaa tokko siin gala Yooti kan onneerraa Jaalatteen wal geesse “Maal jette” naan jedhi Na taajjabda teessee Har'a sitti fakkaannaan Gowwoomtee garaa hirtaa Akkuma har'a na gante Atis ganamuuf jirta Haqni jaalala dhugaa Nu agarsiisa dhufee Gaafas anis sin jibba Hin arraabummoo tufee Garaa koollee si nuffa Jabaatee akka dhagaa Gaaf-tokko arguuf teenya Adeemi karaa nagaa! ✍️... Riyaad Raayyaa @Dhangaa_walaloo join godhaa
إظهار الكل...
إظهار الكل...
👍 0
👎 0
Repost from Riyaad Raayyaa
Irbuun nu waliif seenne Waadaan keenya kanaaree? Furtuu kiyya maleessa Ormi onneekee banaaree? “An siifan dhaladhe Atis naaf uumamtee Onnee koo gubbaatti Kanumaaf 'shuumamtee' Qabeenyaan sin jijjiiru Ani sodaa rakkinaa Walumaan nama taanee Bor qananii arginaa Shiroo nyaannee jiraanna Sin gaafadhu bargarii Laga tokkoo burqine Yoomuu-n baanu gargari! Yaa hiree dhuunfaa kootii Kan ganamaaf galgalaa Sijalaa qofa banti Onneen koollee balbala Gar-tokkee qaama kootii Tokkicha haga kumaa Si woliin qofa beeki Jiruunkoo hanga dhumaa Ejjannnoon koo jabaadha Qilleensillee nan raasuu Waadaadha! du'a malee Homtuu gargar nun baasuu” Jettee naaf seentee turteem Kakattee galtee irbuu Har'a maaltu fideree?~waadaa naaf galte diigdee Orma jaalattee sirbuu? Osoon “kooti” siin jedhee Mataarratti si baadhuu Dhangaa jaalala dhugaa Waakkii malee siif laadhuu Dhagaa jirmatti bu'ee Of cabsee, of funuunsee Akka dhala dhabaatti Ofirra si kunuunsee Osoon si gammachiisuuf Ofiif gaddee laaladhuu Of gatee siif jiraadhee Ofirra si jaaladhuu! Biqiltuu jaalalaa koo Kichummaatti kolaaftee Maaf dugda natti galtee Imimmaan koo lolaafte? Egaa....! Erga deemtee tolekaa Iyyus bu'aa hin qabuu Kanan sirraa dhabellee Rabbiin biraa hin dhabu Har'a na madeessitus Waliin turre kaleessa Na ganteef sin abaaru Sin eebbisa maleessa Jiruun sitti haa tolu Gammadiitii milkaa'i Umuriidhaan jaariitii Biyya lafaarra taa'i Akka qaroo ijaatti Hunduu sihaa laallatu Kan ati filatte sun Naa'ol sihaa jaallatu Madaan jaalala dhugaa Har'a na baasus kophaa Nan amana gaaf-tokko~kan har'a siif roobe kun Naafis inuma copha! Gantummaa keetiin gargar.. Cabnus akka dhagaatti Hamaa keemmoo hin fedhu Sitti haa tolu, nagaatti!🙌 ✍️... @Riyaad_Raayyaa @Dhangaa_walaloo join godhaa!
إظهار الكل...
إظهار الكل...
👍 0
👎 0
#Yaa_Jaalallee ❤️💘💘💘❤️ har'i boru deema nagaya bakka buusee jalqabaan onnee Tiyyas sii boo'uu barsiisee imimmaan ganamaa maddi isaa si biraa osoon jiruu mitii bar du'ullee wajji jirraa
إظهار الكل...
إظهار الكل...
👍 0
👎 0
Repost from Riyaad Raayyaa
#Eid_Mubarak Kan biyya keessa jirtan Gara maatii galtanii Kan biyya alaa jirtanis~haadhaaf abbaa keessaniif Ergitanii qaltanii! ,,, Hireen isin fageessus Maatii kan keessanirraa Waan qabdan hiixattanii Bakkuma teessanirraa ,,, Warri keyriin yaadattan Maatii keessaniif ollaa Baga nagaan geessani Nullee isiniin tollaa ,,, Jireenya fooyyeffachuuf Baarii gama ceetanii Ayyaana maatii faana Dabarsuu osoo feetanii ,,, Hiree jiruutiin har'a Kan fagaattan wolirraa Milkiif argataan galaa Abdii godhaa olirraa ,,, Kan rakkoon gadditanii Jirtan imimmaan cobsaa Jiraachuun hunda caala Kan du'e yaadaa obsaa ,,, Maddi jireenya isaa Akka tasaatti gu'ee Meeqamee kan nubiraa Waggaan asitti du'e? ,,, Waggaa ga'uu jechuun Xiqqoo miti firaa Meeqatu nubiraa Deeme ganda aakiraa ,,, Fedha Rabbiin qofa Baraa bara ceenaa Tola Rahmaan kana Maaliif xiqqoo seena? ,,, Kan har'a jiraadhaaf Ol galee gad-ba'u Fedha rabbiin malee~sekondiif lubbuun turuu Wollaahii hin danda'u ,,, Hargansuun adda cita Onneen rukuttaa dhaabdi Lubbuutu qaama gattee Galmee du'aarra yaabdi! ,,, Waggaa ga'uu jennaan Laayyoo seetaa tarii? Fedha Rabbii qofaan Bullee argina barii ,,, Fedha Rabbii qofaan Nagaan kaana hirribaa Waggaa ga'uun beeki Kennaa, isa dirriba ,,, Tarii milkaa'uu dhabdee Hagam rakkoon sidhaalu Fayyaa qabduuf galati Qabeenya mara caalu ,,, Jireenya dirra lafaa Kan zalaalamaa se'ee Osoo jiraachuuf jooruu~meeqatu qoomaa du'e Gororrumtisaa fe'ee ,,, Tola Rahmaan dagatee Duniyaaf dhabee sabrii Du'a osoo hin yaadatin Meeqatu bu'e qabrii? ,,, Eeyyama isaatiin qofa Lubbuun ardiirra teenya Tola Rabbiitiin qofa Ayyaana waggaa geenya ,,, ..... Kanaafuu ..... Namuu murtiisaan du'a Tola isaatiin dhalataa Kan nagaan waggaa geessan Rabbii guddaa galataa! ,,, Guyyaa hundarra caalu Ibaadaan haa jabaannu Rakkataa haa mil'annu Arjummaa haa qabaannu ,,, Haqa jaraa yoo eegne Har'aafi boru tollaa Haadha hiyyeessaaf yatiima Hunduu yaadadhaa ollaa ,,, Shiraaf daba jallataan Hajjii deemuu kajeelee Warra daanga'ee hafe~ egeree sin haa waamu Karaan hunduu qajeelee ,,, Kanneen hajjaatanillee Sinirraa haa qeebalu Qananiin biyya lafaa Ammarraa haa eegalu ,,, Ibiddi nu daangesse Baranarraa haa dhaamu Dachiin ardal-harafaa Nuunillee nuhaa waamu ,,, Ayyaanni bara kanaa Kan milkii nuuf haa ta'u Kan baranaan nu ga'e Kan dhufuun nuhaa ga'u ,,, Addunyaa guutuu irraa Biyya adda addaa teessanii Muslimootni martinuu Baga nagaan geessani! ✍️.... Riyaad Raayyaa @Dhangaa_walaloo
إظهار الكل...
إظهار الكل...
👍 0
👎 0
Repost from Riyaad Raayyaa
Gochaafi jechi keenya Erga ta'eetii faallaa Yeroo walii gubuurra Mee adda baanee laalla Gaafa an “mirga” jedhu Atimmoo jettee “bitaa” Wal guggubuu kanarra Na dhiisi, sirraan citaa! Hireen murtii waaqarraa Erga waliif nun qoodnee Jireenya nuuf hin ta'u Akkasittiin wal oodnee "Kan walii miti" jedhee Kan nu qoode rabbumaa Furtuu rakkina ofiis Kan beekkatu abbumaa Qaamaan wal-bira teenyee Yaadaan Dirree'f shaggarii Fakkeessinee buluurra Nagaan baana gargari! Rabbumatti hirkadhuu Muradhuutii garaakee Anis karaa koon deema Atis deemi karaakee!🚶_💃 @Dhangaa_walaloo join godhaa ✍️...Riyaad Raayyaa
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.