cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Sirbaa Afaan oromoo Ãnaaf wajjin

Channeliin kana kessatii oddefannoo wayiitawa dubbii fi Gorsaa beektoota nama jajjabessuu danda’an fi wantootaa nama bashanansiisaan argachuuf Channelii kana join godha Oromuumaan Kenna umaaman kennamu dha Oromuman Jabbesuun Dirqama Oromoo dha !!

إظهار المزيد
Ethiopia4 266لم يتم تحديد اللغةالتعليم30 385
مشاركات الإعلانات
4 208
المشتركون
+2124 ساعات
+1917 أيام
+61730 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

dhaabbileen amantii kanneen akka Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa bakka bu’ummaan keenya gadi bu’ee jira jedhanii komii isaanii dhiyeessaa waan jiraniif marichaan rakkoon biyyattii hin furamuu jedhan. Gaafiin ummata Oromoo maal fa’a gaafii jedhuuf deebii kan nuuf laatan obbo Sulxaan Qaasim, “gaafiin ummanni Oromoo Itoophiyaa keessatti qabu gaafii mirga lubbuun jiraachuu, ofiin of bulchuu, abbaa biyyummaa, qabeenya isaatti fayyadamuu, gaafii Afaanii, gaafii bakka bu'ummaa, gaafii diimookraasii fi wal qixxummaati jechuun mootummaan biyya bulchaa jiru gaafii ummanni Oromoo qabsaa'aafi ture kana ukkamsee jira” jedhan.
إظهار الكل...
👍 1🙏 1
Hiikni marii biyyaalessaa maali? Yoom adeemsifama? Mariin Itoophiyaan jalqabde rakkoo siyaasaa fi waraanaa biyyatti furuu danda’aa? Paartileen maricha keessaa bahan maal jedhu? Gaafiin ummataa Oromoo maali? Gaafiiwwan jedhan irratti Qondaala KFO obbo Sulxaan Qaasim bilbilaan haasoysiifnee jirra. Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaan har'a jalqabde rakkoo siyaasaa biyyattii kan furu akka hin taane qondaalli olaanaan KFO obbo Sulxaan Qaasim ibsan. Obbo Sulxaan Qaasim dhimma Marii Biyyaaleessaa guyyaa har'a magaalaa Finfinnee galma yaaddannoo Adwaatti ta'amuu jalqabe ilaalchisuun, yaada bilbilaan OMNf kennaniin, mariin biyyaaleessaa qaamota siyaasaa hunda hin hammannee fi walaba hin taane rakkoo siyaasaa fi waraanaa biyyattiin qabduuf furmaata ta'uu hin danda'u jedhan. Mariin Biyyaaleessaa biyya tokko keessatti yeroo adeemsi siyaasaa biyya tokkoo danqame qaamolee dhimmi ilaallatu hammatuun kan adeemsifamuu fi yeroo ceehumsi waraana irraa gara nagaatti ykn sirna abbaa irree irraa gara diimookraasitti taasifamu kan adeemsifamuudha jechuun hayyoonni siyaasaa ibsu. Itti gaafatamaan sab-qunnamtii KFO obbo Sulxaan Qaasim “Mariin biyyaaleessaa kan adeemsifamu yeroo adeemsi siyaasaa biyya takkaa danqame, qaamolee dhimmi ilaallatu walitti qabani akkaataa rakkoo bu’uura ta’e san keessaa itti bahani fi biyya fuulduratti tarkaanfachiisuun itti danda’amu irratti mala ittiin barbaadaniidha” jedhan. Mariin biyyaaleessa qabxiilee ijoo hedduu of keessaa qabaachuu kan eeran obbo Sulxaan, barbaachummaan mariin biyyaaleessaa amansiisaa ta’u, qaamolee dhimmi ilaalu hunda hammachuu, qaama walaba ta’een geggeefamuu, qaamni maricha gegeessuu qaamota hunda biratti amanamaa fi fudhatamummaa qabaachuu, yaanni furmaata dhiyaatus kan humna qabuu fi rakkoo biyyattii kan furuu fi hojii irra kan oolu ta’uu qaba jedhan. Mariin Biyyaaleessaa qabxiilee ijoo kana yoo hin hammatiin rakkoo biyya tokkoo furuu hin danda’u jechuun ibsan obbo Sulxaan. Dhaaba isaanii Kongiransii Federaalawa Oromoo dabalatee dhaabbileen miseensa Kookasii Paartilee Mormitootaa ta'an 13 marii kana keessaa bahuu kan himan obbo Sulxaan, hundeefamni komishiinii marii biyyaaleessaa walaba kan hin taanee fi rakkoo biyyattii keessa jiru furuu waan hin dandeenyeef keessaa baane jedhan. “Komiishiiniin Marii biyyaaleessaa paarlaamaa nuti itti hin amannee fi paartii tokko qofaan dhuunfatameen hundeeffame, wixinee seeraa komishiinichaa irrattis yaada paartileen siyaasaa dhiyeessan osoo hin fudhatamin labsiichi mirkana’e” jechuun himan. Erga labsiin mirkanaa’ee akkaataan komishiinaroonni ittii filataman ifa ta’uu qaba, adeemsi isaa iftoominna, hirmaachisummaa, hunda kan hammate, namoonni akka komishiinicha hoogganaaniif filataman hunda biratti fudhatamummaa kan qabanii fi rakkoo biyyattii qaajeelummaan furuuf gahumsa kan qaban ta’uu qabu yaanni jedhu dhiyaatee ture kan jedhan obbo Sulxaan, mootummaan garuu yaada paartileen dhiyeessan dhiisee akka ofii barbaadetti itti deeme jedhan. Kanaaf adeemsi komishiinichi ittiin hundeefamee fi komishiinaroonni ittiin muudaman rakkoo biyyattii furuu fi biyyattii gara tasgabbitti ceesisuu hin danda’u jechuun hanga rakkooleen kun furamanitti itti hin hirmaannu jennee keessaa baane jedhan. Mariin biyyaaleessaa har’a jalqabe kun rakkoo Itoophiyaa keessa jiru furuu danda’aa gaafii jedhuuf deebii kan laatan obbo Sulxaan, marichi rakkoo biyyattii furuu akka hin dandeenye ibsan. Waggoota dheeraaf rakkoon biyya kanaa marii biyyaaleessaa hunda hammataa fi qaamota hunda biratti fudhatamummaa qabuun furama jechuun yaada dhiyeessaa turre, haa ta’u malee haalli mootummaan ittiin deemaa jiru bilisa, hirmaachisaa fi hunda hammataa waan hin taaneef rakkoon biyyattui furamuu hin danda’uu jechuun himan. Hanga komishiiniin too’annoo paartii biyya bulchuu jala jirutti furmaanni mariin biyyaaleessaa fiduu danda’u tokkolee hin jiru, naannooleen siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhiibbaa guddaa uumuu danda’an Oromiyaa fi Amaara walwaraansatu keessa jira, Tigraay keessa ammas tasgabbiin hin jiru, Paartileen gurguddoon deeggarsa ummataa qaban maricha irratti hin hirmaannee,
إظهار الكل...
Saamichi, ajjeechaan, hidhaa seeraan alaa, namoota ukkaamsanii fudhachuu fi buqqaatiin isaan ijoo ta'uu kan ibse gabaasni kun, gochoonni kunneen waraana keessattii fi waraanaan alatti raawwatamu jechuun ibse. Humnoonni mootummaa Oromiyaa keessatti haleellaa qilleensa irraan dabaalamuun baatii Muddee darbe keessa ajjeechaa raawwachuu isaanii mirkaneesseera kan jedhu, hidhattoonni WBO's baatii Amajjii darbe keessa namoota nagaa ajjeesaniiru jedhe. Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dharraa keessatti humnoonni finxaaleyyii faannoo haleellaa raawwataniin namoota nagaa 25 ol ajjeesuun, manneen uummataa gubuun, qabeenya saamuu, ammaaf kan lakkoofsi isaanii adda hin baane immoo ukkaamsaniiru jedha gabaasni komiishinichaa. Naannoolee Oromiyaafi Amaaraa iddoowwan addaa addaatti yakkootni bal'aan humnoota kanaan raawwatamuu ibseera. Kana malees, baatii Bitootessaa keessa Godina Shawaa Kaabaatti hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen namoonni nagaa heedduun ajjeefamuufi qabeenyi saamamuu ibseera. Walakkaa baatii Eeblaa keessa Godina Arsii Lixaa magaalaa Dodolaafi Aanaa Dodolaa keessatti namoonni nagaa saddeet hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefamaniiru jedhe. Bakkoota labsiin koomaandi postii jirutti hidhaa yeroo dheeraafi akka feeteef namoonni nagaa saaxilamanii argamu jedhe komiishinichi. Kanneen sarbaminsa mirgootaa raawwatan kanneen raawwataniifi raawwachiisaa jiran irratti mootummaan qorannoo haqa qabeessa ta'e akka eegalu komiishinichi gaafatee jira. Gabaasa Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa baase kana ilaalchisuun dubbi himaan ABO-WBO idil addunyaa Odaa Tarbii ajjeechaawwan Oromiyaa keessatti raawwataman jedhame kanaaf qaamni walabaa kan idil addunyaa qorannoo akka geggeessan gaafanna jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa sarbaminsi mirgoota namoomaa murtee seeraa malee ajjeesuu, hidhaafi ajjeechaan namoota nagaa irratti xiyyeeffate dabalaa jira jedhe. Sarbaminsi mirgoota namoomaa kun qaamolee mootummaa, hidhattootaa fi kanneen eenyummaan isaanii hin beekamneen raawwatamaa jira jedhe gabaasa kaleessa Caamsaa 28, 2024 baaseen. Addatti Naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti gochi kun dabalaa jiraachuu ibsee jira. Sarbaminsi mirga namoomaa kun waraana keessattii fi haala waraanaan wal hin qabanne keessatti humnoota mootummaa, hidhattootaafi kan eenyummaan isaanii hin beekamneen raawwatama jedha gabaasni Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kun. Naannoowwan lamaan jechuun Naannoo Oromiyaafi naannoo Amaaraa keessatti Komiishinichi hordoffii taasisaa tureen sarbaminsi dabalaa deemaa jiraachuu ibsuun, lolli hidhannoo geggeeffamaa jiru mariin furamee nageenyiifi mirgi namoomaa kabajuun mirkaneeffamuu akka qabu gaafate.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Deggertootakoofi Jaallattoota aartii maraaf #Surprise'n qaba. Sirbi kiyya 'IYYOOLEE'n jimaata galgala sa'atii 12 irratti #Video addaan masakamee dhufaa jira. Yaada keessan dhaga`uuf anis jarjareera. #Youtube chaanaaliikoo link comment jala jiru #subscribe gochaafi walii qoodaa waan maraa Guutuu Godhaa. Imala Aartii kana waliin gammadaa haa imallu. To all my supporters and art lovers, I have a surprise for you! My new music video "IYYOOLEE" will be released this Friday at 12:00 PM Ethiopian time. Get ready to move your shoulders while finding a meaning in each word and feel the rhythm in your heart. Remember to subscribe and share my YouTube channel. You can find the link in the comments. Let’s enjoy this artistic journey together!
إظهار الكل...
👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Boru Jireenya gaarii jiraachuuf har'a waan gaarii hojjachu qabna 🔴⚪🔴
إظهار الكل...