cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Sagalee sabaa

Sagalee sabaaf dhabbatee @https://t.me/sagale22

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
216
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Return well
إظهار الكل...
# Oduu_Ammee # ሰበር_ዜና The Chinese rocket in Hawaii has reported that it was out of control in #Egypt during two flights. Sky News has reported that the Chinese rocket that was out of control in the evening in the sky of Egypt. It has been reported that there will be a threat in Egypt. The Egyptians who were swallowed with fear Sources have stated that the rocket is praying for "" fall for us "" on the great renaissance dam. When will God be for the wicked, but the truth? It's been a while since they forgot the fact. MH
إظهار الكل...
إظهار الكل...
Log in to Facebook

Log in to Facebook to start sharing and connecting with your friends, family and people you know.

Oolmaa Oromiyaa!!! Irreef gaachanni Uummata Oromoo WBO'n Zoonii kibba weerartuu 8 ajjeesun,shan madoon adabu beeksise. WBO'n koonyaa Jimmaa keessa soso'uu dhaabbata Horayizen jedhamu Oromoo lafasarra buqqisuun lafa heektaraa 500'ol qabate mootummaa gabroomfataa tumsuun Oromoo daguuguu,dinagdeen dadhabsiisuu kaambiisaa guututti barbadeesse jira. Godinuma jimmaa magaalaa magaalaa limmuu Saqqaattis gartuun risaa waraana weerartuu fooxaafi Shaabiyaa bombiin haleelera. Shawaa lixa magaalaa Gincitti basaasa Amboo haga Buraayyutti naman taphata ture gartuun risaTaammiruu Taasisaa nama jedhamtu du'an adabeera. WBO'n zoonii g/galaa waraanaa weerartuu maqaa sakattaan yaatu irratti tarkaanfii laalessaa fudhaten shan battalatti yoo biyyeen maku,lama madoo dandammii hin qabnen gaggeessera. Gartuun risaa kan bilisummaa Oromiyaa saffisiisuuf furgga'u galgala kana itti dabalun Booranatti nama nyaataa Liiban Halakee du'an yoo adabu,Wallaggaa Lixa Haroo Sabbuutti ammoo gurmuu waraana weerartuu giddutti bombii darbun du'af madoo tolchee keessaa ba'eera. Oolmaan Oromiyaa gurraa qabnu kana ture. Horaa deebanaa! Injifannoon Uummata Oromoof!!!
إظهار الكل...
Oddeessa arganneen: Aggaammii hoggantoonni PP Hayyu Duree ABO irratti aggaaman guddaa ture. Birmannaafi sagalee uummataatiin aggaammiin sun kallattii jijjiirrate. Humni waraanaa PP seeraan ala mooraa mana jireenyaa Hayyu Duree ABO humnaan cabsanii erga seenanii sakatta'insa jabaa geggeessan. Waraqaan citaallee utuu hin hafiin 'document' mana keessa jiru hunda fuudhani. Bilbila harkaa nama tokkorrattuu utuu hin hambisiin guurani. Kompiitera kan Hayyu Duree fi kan mooraa sana jiruu hunda fuudhanii deemani. Kun kan godhameef akka Hayyu Dureen hojii tokkollee hin hojjenneefi. Hundaa ol ammoo akka eenyu waliinuu qunnamtii hin qabaanneef kana godhani. Akkuma beekamu Addi Bilisummaa Oromoo furmaata siyaasaa biyya kanaafi furmaata nageenyaati jedhee kan itti amane, amanuu qofa utuu hin taane hayyoota mariisisee fala dhumaa ta'uu kan hubate Mootummaan Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) akka hundeeffamu hojjetaa jira. Yaada kana Lammiileen Oromiyaa fudhataniiru. Mootummaa Ce'umsaa kanaaf document kan qopheessu Jaal Daawud Ibsaa ta'a jedhanii waan yaadaniif waan mana jiru hunda fuudhani. Kan biraan, Jaal Daawud yeroo adda addaatti Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qunnamuudhaan haala siyaasa Itoophiyaa hubachiisaa tureera. Mariin Siyaasaa qaamota hunda hammate akka geggeeffamu dhiibbaa gochaa tureera. Yaada kana Gamtaan Awurooppaa fudhatee filannoo dura mariin siyaasaa geggeeffamuu akka qabu waan itti amaneera. Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa kana taajjabuuf kan ture haquun isaa dhiibbaa ABO fi KFO dabalatee kanneen marii siyaasaatti amananiiti. Seneteroonni Amerikaa namni 5 "filannoon Itoophiyaatti geggeeffamuuf yaadame ulaagaa Idil- Addunyaa hin guutu" jedhaniiru. Kanaafis sababa isaan kaa'an keessaa tokko paartileen siyaasaa tokko tokko dursanii filannoo irratti hirmaachuu dhiisuu isaanii akka ta'e ibsaniiru. Filannoorratti hirmaachuu kan dhiise ABO fi KFO dha. Kana keessatti dhiibbaa Jaal Daawud fi Prof. Mararaan godhan olaanaadha. PPn kana waan hubataniif, akka Jaal Daawud eenyu waliinuu qunnamtii hin qabaanne gochuuf waan hunda harkaa saamani. Odeessi arganne akka ibsutti "haga filannoon darbutti Daawud qunnamtii tokkollee akka hin qabaanne taasifamuu qaba" kan jedhe Abiy Ahmedidha. Kanaaf ragaan tokko, konkolaachisaa HD kan ta'e tokko kan mooraa mana jireenyaa Hayyu Duree kan jiraatu akka mooraatti ol hin seenne taasifamuudha. Nyaataafi mi'a adda addaa bituu qofa yoo ta'e malee mooraatti ol seenuun hin eyyamamuuf. Amma kan mooraa keessa jiru humna waraanaa PP, Hayyu Duree fi kan nyaata hojjettuuf qofadha. Kunis ta'ee garuu farrummaan PP saaxilamuun hin dhaabbatu, qabsoon itti fufa.
إظهار الكل...
# Dirree_Xayyaaraa ( Dirree Qabsoo) tuqamni hayyu duree keenyaa Jaal Dawud Ibsaa fi hoggantoota keenyaa tuqama keenya jechuun mormii isaanii yeroo ammaa dhageessisaa jiru. Qeerroon dirre xayyaraa fakkeenya Qabsoo Oromooti. Hunduu osoo akka isaanii tahanii diinni akkanatti Oromoo fi Oromiyaa irratti hin roorrisan ture. Tokkummaan keenya humna. Qabsoon bakka hundaa itti fufuu qabdi.
إظهار الكل...
#updated Mana jireenyaa HD ABO naannoo sana dhukaasa jajjabaatu jira namni rukutames jira. Miidhaan jabaan dhukaasa dhuka’een namootarra qaqqabee jira.
إظهار الكل...
HAR'AMMOO KAN BIROO.....==> naaf lammiidha dagaleenkoo... Olfudhadhee sagalee koo.... Nan eebbisa dabaree koo.... Hunda kaasee maqaa dha'uu... Bakkaaf yerootu nan ga'uu.... Kan baadiyyaa kan magaalaa... Warra dhihoo warra halaalaa... Guddaaf xiqqaa dhiiraaf dhalaa.. Biyya keessaaf kan biyya alaa... Haa ga'u nagaan jaalalaa......!! Warra shawaaf warra baalee.... Kan gootummaan hunda caalee.. Kan iluu koof kan wallaggaa..... Akkam jirtu shaggeef shaggaa..... Iluu dirree elemootii.... Biyya leencicha oromootii..... Wallaggas biyya abdiisaa.... Har'as hedduudha sanyiinsaa.... Qellem waamuu maafan dhiisaa... Eebbisaa wal yaadachiisaa...... Warra dirreef warra walloo.... Sabboontota arfan qalloo.... Biyya nuhoof Alii birraa.... Akkam jirtu nutis jirraa..... .biyyaa jimaaf burtukaanii .eebbifamoo hundumaanii.... Biyya jiituu biyya warqee.... Akkam jirtu warra harargee... Warra callaa warra garbuu... Osoo hin waamin birandarbuu.... Hangaftoota atiileetii...... Maadaliyaa warqeef meetii.... Warra asallaaf shashemaanee... Saba tokko baga taanee..... Walqabannee osoo kaanee..... Silaa wanjoo jalaa baanee.... Arsiin biyyaaf maal hin taane..? Jirtu hangafa oromootaa...... Isin salgan booranootaa..... Kan naggallee kan moyaalee...! Waandadhabnu osoo yaallee..... Warra jimma abbaa jifaarii..... Maaf hin dabru barri aariii....? Sabonumaf wal ijaarii...!.....!! Kayyoo arguuf ka'i xaarii...! Na dhaga'aa kan finfinnee.....! Utubaan dhugaa akka hin jigne..! Hattuun gola akka hin lixnee.....! Riqichi sabaa akka hin citnee...! Tole jedhaa nuti himnee.....!!!! Kan saba koo gargar baasu.... Lafa Oromoo kan mancaasu.. Kan abdiisaa faffacaasu..... Salphinni mana ittaa horfu....! Xiqqaaf guddaan ittaa kolfu....! Saba koof bakkalchi haa ba'u.... Kaayyoonsaalle galma ha ga'u Abjuunsaallee dhugaa ha ta'u
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.