cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️

Gorsa fayyaa💊💉,Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoo💪, Beeksisa, Qoosaawwan😂 garaagaraafi kkf yoo feetan👇 'Join' fi 'share' gochuu hin dagatiinaa❣️ Yoo gaaffii qabaattan👉 @dr_bultoo Fb page👇 https://www.facebook.com/bultooliko/

إظهار المزيد
فنلندا967لم يتم تحديد اللغةالطب3 019
مشاركات الإعلانات
7 268
المشتركون
-124 ساعات
+127 أيام
+8530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Teleegiraamiin badhaasa star jalqabeera kallattiin yemmuu link kanaan seentan ⭐️ 15 siniif kenna. Isin ammoo naaf kennuu dandeessu gurgurachuu dandeessu. Dafaa join godhaa. Dabalataan ammoo Taskii isa jedhu hojjachuun qabxii 185 sassaabbachuu dandeessu. Affeeramaa, wal-affeeraa   👇👇👇 https://t.me/major/start?startapp=329432900 👑Help me to become best of the best in @Major and get some Stars! 15⭐️ invite bonus for you 50⭐️ if you are Premium Major
إظهار الكل...
Major

Hello, future major! Welcome to @Major⭐️ Your task is to become the best of the best in the player rating. Vote for others by stars and collect stars yourself⭐️ The coolest majors will receive a valuable token in the future!

👍 5
#FOROFORII (#Seborrheic_dermatitis) #Foroforiin_maali? Foroforiin gosoota dhukkuba gogaa keessaa tokko kan ta'eefi namarraa namatti kan daddarbudha. Foroforiin amalasaarratti hunda'uun jabaataa kan hin taaneefi mallattoo hedduus kan hin qabne (dandruff)jedhamuun kan beekamuufi jabaataa kan ta'e yeroo hedduu gogaa sammuu keenyaafi kutaa qaama keenyaa kan biroorrattillee kan mul'achuu danda'udha. #Foroforiin_namoota_akkamiirratti mul'achuu danda'a? -Daa'imman torban 2 hanga waggaa 1 jidduu jiraniifi namoota umurii ga'eessummaa ol jiran irratti mul'achuu danda'a. - Yeroo hedduu namoonni foroforii qaban dhibee biroo hin qaban garuu, namoonni tokko tokko HIV, Parkinson, gaggabdoo, dhiphina waliin walqabatee uumamuu danda'a. #Sababoonni_foroforii_fidan_maalfaati? -Sababnisaa sirriitti kanadha jedhamuu baatus fangasii gogaa keenya wajjin waliigalanii jiraatan (normal flora)Malassezia jedhamuun dhufuu danda'a jedhamee yaadama. -Xannachoonni gogaa keenyaa bakkatti walitti qabamanitti (gogaa sammuu, fuula, naannoo qomaa, dugda gara olii, gurra gara alaa, bobaa, harma jala)tti uumamuu danda'a. #Foroforiin_akkamitti_yaalama? - Shaampoowwan dhiqannaaf oolan kanneen akka ketoconazole 2%, Selenium sulfied, Ciclopirox , Zinc pyrithione of keessaa qaban fayyadamuun to'achuu dandeenya. - Shaampoo kana dibannee daqiiqaa 5-10 tursiifnee dhiqachuu, torbee tokkotti yeroo 2-3 deddeebisanii ittiin dhiqachuun barbaachisaadha. - Dabalataanis, yoo kan hooqsisuu ta'eefi, jabaataa ta'e, gogaa sammuun alattiifi dhukkubni biroon yoo jiraate, gorsa ogeessa gogaatiin qorichoota dabalataa fudhachuun barbaachisaadha. #Foroforiin_maaliif_namatti_deddeebi'a? -Sababni fidu sirriitti waan hin beekamneefi fangasiin kun gogaa keenya waliin waliigaluun foroforiin akka hin fayyine (not curable) godha. Kanaafi kan namatti deddeebi'u; garuu, mallattoosaa to'achuufi hir'isuun ni danda'ama. #Foroforiin_akka_nutti_hin_deddeebineef maal_haa_goonu? -Hanga mallattoonsaa badutti shaampoon dhiqachuu barbaachisa(ogeessi gogaa qoricha dabalataa ajajuu danda'a), mallattoonsaa erga badees shaampoon torbeetti altokko ykn torban lamatti altokko dhiqachuun akka nutti hin deddeebineef nu gargaara. #Foroforiin_akka_rifeensi_bubuqqa'u_ni_godhaa? -Sababa foroforiin rifeensi bubuqqa'uun kan barame miti garuu, kan hedduu nama hooksisuu yoo ta'e rifeensi bubuqqa'uu danda'a. #Dabalataanis, ogeessa gogaa osoo hin mari'atiin qorichoota fayyadamuu dhiisuun, gogaan keessan akka hin miidhamneef gargaara. 🙏Fayyaaf nagaa hin dhabiinaa🙏❤ ~ © Dr. Bulti Likisa, MD (Carii)😎 👉Hiriyyoota keessaniif, #JOIN & #SHARE godhaa! #Telegram👇👇 @Fayyaa_egeree https://t.me/Fayyaa_egeree
إظهار الكل...
Dr. Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️

Gorsa fayyaa💊💉,Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoo💪, Beeksisa, Qoosaawwan😂 garaagaraafi kkf yoo feetan👇 'Join' fi 'share' gochuu hin dagatiinaa❣️ Yoo gaaffii qabaattan👉 @dr_bultoo Fb page👇

https://www.facebook.com/bultooliko/

👍 11 6🥰 4😍 2
⭐️ Telegram stars Akkuma beektan TikTok'n namootni hedduun Kennaa coin TikTok jedhamu kanaan jireenyi isaanii akka jijjiiramu gargaareera. TikTok hordofuun Telegram ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyaateera. Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira. Yeroo nama 1 affeertan urjii 15⭐️⭐️ argattu Kana akka airdrop hin ilaalinaa, qarshii dhugaa waan ta'eef jarana, ammuma jalqaba 💥👇🏻👇 ⭐️ Telegram stars Akkuma beektan TikTok'n namootni hedduun Kennaa coin TikTok jedhamu kanaan jireenyi isaanii akka jijjiiramu gargaareera. TikTok hordofuun Telegram ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyaateera. Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira. Yeroo nama 1 affeertan urjii 15⭐️⭐️ argattu Kana akka airdrop hin ilaalinaa, qarshii dhugaa waan ta'eef jarana, ammuma jalqaba 💥👇🏻👇 https://t.me/major/start?startapp=426605945 Source: Abdisa Bancha Jara
إظهار الكل...
Major

Hello, future major! Welcome to @Major⭐️ Your task is to become the best of the best in the player rating. Vote for others by stars and collect stars yourself⭐️ The coolest majors will receive a valuable token in the future!

👍 8
Photo unavailableShow in Telegram
👍 2🥰 2 1
Kitaabolee argachuuf....
Kitaaba Xiinsammuu....
Kitaaba Asoosamaa....
Kitaaba Seenaafi Falasamaa....
Barreeffamoota barsiisoofi oonnachiisoo....
Walaloo argachuuf....
Booka Beekumsaa👍
GALATOOMAA!👏
Barreeffamni kun asoosama miti; seenaa dhugaa qaxalichi tokko kutee keessa darbedha. Jiruufi jireenya akkanaa irratti bu'aa ba'iin barnoota Medicine yeroo dabalamu immoo danda'uu mitii yaaduufuu namatti ulfaata. Dr. Simeen garuu seenaa godhee duubatti ilaalaa jira. Kun mallattoo kutannoofi cichoominaa dhalootaaf fakkeenya guddaa ta'udha. Akka dubbiftaniif affeeramtanii jirtu! Abbaa seenaa kanaa, Dr. Simee Haayiluun baga gammadde jennaan! Congratulations!🙏🏻😍 @Orobook
إظهار الكل...
👍 27🎉 6👏 4
DHUKKUBA BUSAA (#MALARIA) 💥Dhibee yeroo ammaa lubbuu danuu galaafataa jiru! 💥Dhukkubni busaa gosa maxxantuu #plasmodium jedhamuun dhufa. Maxxantuuleen kun gosaan afur (4) kan jiran yoo tahu isaan keessaa pilasmodiyeem falsiiparam (60%) fi pilasmodiiyeem vaayvaaksii (37%) sadarkaa 1ffaaf lammaffaarra jiru. 💥Biyya keenya dabalatee biyyoota addunyaa heddu keessattii dhukkuba busaa heddumminaan fidun kan beekamu gosti pilaasmoodiyeem falsipaaram yoo dafee hin yaalamiin, dhukkuba hamaa (#severe) fida. 💥Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtiilee lamaan heddumminaan mul'ata. Kunis: 1. Waqtii birraa: ji'a fulbaana hanga muddee; 2. Waqtii arfaasaa: ji'a Eblaa hanga Caamsaa. MALLATTOOLEE ♦️Gubaa qaamaa (#fever) ♦️Hoollachiisuu qaamaa (#chills & #rigor) ♦️Mataa bowwoo (#headache) ♦️Fedhii nyaataa dhabuu (#anorexia) ♦️Qaama caccabsuu (#arthralgia, #myalgia, #malaise) ♦️Sadarkaa hammaataa irra yoo gahe immoo: ✅Ofiin dhaabatanii deemuu dadhabuu (#prostration) ✅Of wallaaluu (#comatose) ✅Gaggabsoo (#convulsion) ✅Keelloo ta'uu gogaa qaamaa fi ijaa (#jaundice) ✅Fincaan diimachuu/xiqqaachuu ykn dhabamuu (#oliguria/#anuria) ⭐Mallattoleen kun sadarkaa hammaataatti cehuu waan agarsiisaniif hatattamaan gara mana yaalaa geessuu. WAL'AANSA 🔥Dhukkubni busaa dhibee yaalaan fayyuu dandahu dha. Kanaaf mallattooleen kunneen jiraannaan dhukkubichi osoo hin hammaatiin qoratamuun qoricha ogeessi kennu seeraan fayyadamuun fayyuun danda’ama. 🔥Hub: qoricha ajajame haala ajajameen hanga xumuraatti fudhachuu, qoricha siniif kennames nama biroof qooduu dhiisuun barbaachisaadha. ITTISA ✅Dhibeee kana gara namaatti kan daddabarsitu bookee busaa dhaltuu (#anopheles_mosquito) waan tateef ittisni dhibee busaas bookee kana gidduugaleessa kan godhatedha. Isaanis: 👌Agoobara farra bookee qabu fayyadamuu 👌Keemikaala farra bookee busaa biifsisuu 👌Yeroo halkanii uffata dheeraa qaama keenya guututti haguuguun uffachuu. ✅Bakka bookeen busaa itti walhoruu dandeessu dhabamsiisuu fkn, balfaf bishaan ciisan. Magaalota keessatti naannoo ijaarsi jirutti bishaan faayidaa biroof kuufamee dagatamuufi akkasumas meeshaale caccaboo gatamanii bishaan qabatan dabalata. ✅Yeroo gara lafa dhukkubni busaa itti hedduummatu dhaqan, dursanii ogeessa fayyaa mariisisuun ittisaaf qoricha fudhachuu. Dr. Tezera G. @Fayyaa_egeree
إظهار الكل...
👍 18 5🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Kitaabolee argachuuf....
Kitaaba Xiinsammuu....
Kitaaba Asoosamaa....
Kitaaba Seenaafi Falasamaa....
Barreeffamoota barsiisoofi oonnachiisoo....
Walaloo argachuuf....
Booka Beekumsaa👍
GALATOOMAA!👏
DHIBEE GIFIRAA (#MEASLES) ~~~ ✅Dhukkuba talaalliin ittifamuu danda'u, garuu ammallee biyya keenyaaf mataa bowwoo ta'aa jira. ✅Gifirri dhibee vayirasiin dhufuufi carraa namaa namatti darbuu ol'aanaa qabu yoo ta’u, akki daddarba isaas dhangala'aa funyaan fi afaan nama dhibee kanaan qabameeni. ✅Keessattuu guyyoota muraasa shiftoon qaama irratti bahu duraa fi booda jiran hedduuminaan daddarba. ✅Dhibeen kun nama kamiyyuu kan miidhu ta’us, caalmaattii garuu daa’imman huba. Maaltu dhibee kanaaf saaxilamuu dabalaa? 💎Umurii 5 gadii fi 30 ol 💎Hanqina soorataa 💎Humna ittisa dhukkubaa dadhabaa 💎Balaa uumamaa ykn namtolchee 💎Talaallii dhabuu MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA ⭐Hoo’ina qaamaa ⭐Qufaa ⭐Dhukkubbii/diimachuu ijaa ⭐Dhangala’aan funyaaniin ba’uu ⭐Shiftoo fuularra eegaluun gara kutaa qaama birootti babal’atu XAAXAA DHUKKUBICHAA (#Complications) ✅Dhibee kanaan walqabatee rakkooleen fayyaa kana: 🔹️Ija jaamsuu 🔹️Infeekshinii sammuu 🔹️Dhangala’aan qaamaa hir’achuu 🔹️Infeekshinii sombaa fi gurraa 🔹️Hir'ina ulfaatinaa 🔹️Garaa kaasaa yeroo dheeraa fi madaa’uu afaaniiti. YAALII DHUKKUBICHAA ♦️Mallaattoowwan armaan olii yoo argitan daa’ima keessan saffisaan gara dhaabbata fayyaa geessuu. ♦️Wal’aansi kennamu Vaayitaminii A fi yaaliiwwan hojii sirna qaamaa gargaaran [#supportive_cares] ta'a ♦️Tamsa'ina dhibee kanaa ittisuufis daa’imman dhibee kanaan qabaman kutaa qofaatti (#isolated_room) wal’aanamu. TOOFTAALEE ITTISA DHUKKUBICHAA 🔷️Talaallii farra Gifiraa: daa'imman talaallii kana marsaa lamaaf fudhatan dandeettiin dhibee kana of irraa ittisuu isaanii dhibbentaa 97 taha. 🔷️Vaayitaminii A (#Vitamin_A) fudhachuu 🔷️Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu 🔷️Tuttuqqii dhukkubsataa irraa of eeguu fi 🔷️Nama mallattoo dhukkubicha qabu dafanii gara dhabbata fayyatti geessuu. Dr. Mo'iboon Camadaa @Fayyaa_egeree
إظهار الكل...
👍 18 3🥰 1🙏 1
#DHUKKUBA_TOONSILII 🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹 👉 👉 DHukkubni qoonqoo keessaa sababa infeekshinii vaayirasii ykn baakteeriyaatiin kan uumamu yoo ta'u, isaanis; karaa funyaaniifi afaanii gara qoonqootti seenuun dhukkuba kana fidu. 👉 👉#MALLATTOOLEEN dhukkuba kanaa maalfaati? 🔵 Toonsiliin diimatee dhiita'uu 🔵 Toonsilii irratti waan adii ykn keelloo fakkaatu jiraachuu 🔵 Qoonqoo utaallootiin cufame 🔵 Liqimsuuf rakkachuu 🔵 Hoo'a qaamaa 🔵Dhiita'uu lymph nodes 🔵 Foolii afaanii badaa 🔵 Garaa muraa 🔵 Dhukkubbii mormaa 🔵 Mataa dhukkubbii 👉 👉#MAALTU dhukkuba kanaaf nama saaxila? 🔵 Umurii dargaggummaa: Yeroo hedduu dhukkubni toonsilii ijoollee irratti kan mul'atu yoo ta'u, kan sababa baakteeriyaan dhufu, ijoollee waggaa 5 hanga 15 jiran irratti kan baramedha. 🔵 Jarmootaaf saaxila bahuu: 👉 👉 #RAKKOO WALXAXAA dhukkubni toonsilii fidu maalfaati? 🔵 Yeroo rafan afuura baafachuu dadhabuu 🔵 Infeekshiiniin kun gara qoonqoo gara gadiitti daddarbuu 🔵 Dhiitoon toonsilii malaa kuufachuu 👉 👉 #YAALA Dhukkuba Toonsilii 🔵 Yaalli dhukkuba kanaa wantootuma sababa ta'an irratti hundaa'uun garaagara. Kan vaayirasiitiin dhufu sababa dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaan (Immunity) waan ta'eef, qoricha fudhachuun barbaachisaa miti. Kan baakteeriyaan dhufu yoo ta'emmoo, mana yaalaa deemuun qoricha (antibiotics)fudhachuun gaariidha. 👉 👉 #DABALATAAN ariitiin dhukkuba kanarraa dandamachuuf: 🔵 Boqonnaa gahaa fudhachuu 🔵 Waan hoo'aa dhuguu; shayii, aannan, aximiitii.. 🔵 Nyaata lallaafaa ta'an soorachuu; shoorbaa,... 🔵 Bishaan hoo'aan ashaboofi jinjibilaan lulluuqqachuu 🔵 Burcuqqoo tokkotti damma fal'aana afur, ashaboo fal'aana nuusaafi cuunfaa loomii walitti makuun guyyaatti yeroo 2 hanga 3 dhuguun bu'aa gaarii qaba. 🙏Fayyaaf nagaa hin dhabiinaa🙏 ~~ © Dr. Bulti Likisa, 2022, (Carii)       #JOIN&#SHARE👇👇👇 #Facebook page👇👇 https://www.facebook.com/bultooliko/ #Telegram👇👇 @Fayyaa_egeree https://t.me/Fayyaa_egeree
إظهار الكل...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 18 5🥰 1👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
#GALMA_GAHINSA ~~~~~~~~~~~~ Galma gahinsi maali? 👉Bu'aa rakkinoota hedduu booda dhufudha. 👉Bu'aa wanta irra deddeebi'uun hojjetaniiti. 👉Bu'aa ejjennoo gaarii qabaachuuti. 👉Bu'aa fedhiifi ofitti amanamummaa qabaachuuti. ☆☆☆☆☆ #Follow_n_Share🙏🥰 👇👇👇 @ Fayyaa_egeree
إظهار الكل...
👍 4
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.