cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Daandii Jireenyaa

Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha. Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa. @m21harmekoo

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
3 588
المشتركون
+724 ساعات
+277 أيام
+17230 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Adoolessa 7 Yaadannoo Keessumummaa Qulqullettii Sillaasee Mana Abrahaamitti Adoolessa 7 guyyaa kanatti abbaa saba hundaa kan ta’e Abrahaam Uumaa addunyaa Qulqulleettii Sillaasee mana isaatti keessummeesse. (Uma 18). Abrahaam bara seerri barreffame hin jirre keessa abbaa keessummaa jaal’atu ture. keessummoota kallattii arfaniin dhufaniif haala mijatuun balbala kallattii hundumaan sirressee keessummaa simachaa ture. keessummaa malee illee akka hin nyaatne kitaabileen ni dubbatu. Hojii gaarummaa isaa kanatti kan hinaafe diyaabilos namoonni akka mana isaa hin deemne guyyoota sadiif taasisee ture. yeroo kana guyyaa sadeeffatti Waaqayyo tokkummaa fi sadummaa isaan mana garbicha isaa Abrahaamitti keessumummaaf dhufe. Abrahaamis mana isaatti simatee bifa jaarsaan kan mul’ate nyaachisafi obaasaa uumama hundaa Qulqulleettii Sillaaseef nyaata fi dhugaatii dhiyeesse. Dunkaanni isaa fakkeenya bultoo Sillaasee kan taate haadha keenya Dubroo taate. Sillaaseen tokkummaa fi sadummaa isaan fakkeenyaan kan mul’ate dunkaana kanatti ture. Abbaan, Ilmi, Hafuurri Qulqulluu qaama mataa mataa isaaniin mul’atan. Kun kakuu haaraatti ifatti haadha keenya Dubroo Maariyaam irratti, laga yordaanosii fi tulluu taabor irratti mul’ateera. (Luq 1, Mat 3, Mat 17). Manni kiristaanaa keenya Uumaa addunyaa Qulqulluu Sillaasee, Qulqulleettii Sillaasee jettee waamti. Sillaasee jechuun sadummaa addaa jechuudha. Sadummaa addaa jedhamuunsaa tokkummaas waan qabuufidha. Kanaaf tokkummaa sadanummaa addaa qabu jedhama. Sadummaan addaa Waaqayyo sadummaa maqaa, qaamaa, hojii fi haalawwanii yoo ta’u kanarra adda Waaqayyo waan hundumanuu tokkodha. Waaqummaan tokkodha, aangoon tokkodha, bulchuun, uumuun, jiraachisuun, fedhaan, … Waaqayyo tokkodha. Kanaaf kiristaanonni kan waaqessinu WAAQA TOKKODHA. Waaqa sadii hin qabnu. Waaqa tokko qaaman sadii kan ta’e waaqessina. Qulqullettii jennee Sillaasee kan waamnuuf sababoota adda addaaf ta’anis muraasa haa kaasnu. Abbootiin keenya haala kanaan kan waamaniif Sillaasee haarmoolin fakkeessaniiti. Akkamitti? Harmoliin da’umsaan nama akkuma argamsiisan Sillaaseen argamsiisaa uumama hundaa, kennaa hundaa fi qabeenyaa hundaa waan ta’eef. Harmooliin akkam yoo ta’elle ijoollee isaaniitti garaa hin jabaatan, akkuma kana Sillaaseenis uumama isaa hundaaf gara lafeessadha. Osoo uumamni isaa isa hin beekin inni garuu bokkaa ni roobsafi, aduus ni baasafi, nyaata foonii hundumaaf ni kenna. arjummaa addaadha. Sababa kanaafi warreen biroof Qulqulleettii Sillaasee jenna. Eebbi abbaa keenya Abrahaam nurra haa bulu. Waaqa dhiifamaa fi abbaa jaalalaa kan ta’e Uumaa, nyaachisaa fi jiraachisaa keenya Qulqulleettii Sillaaseef galatni fi ulfinni bara baraan isaaf haa ta’u Baga geessan.
إظهار الكل...

9👍 1
👍
❤️
🙏
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
Hubannoo Sirna Qulqullessaa.pdf5.03 KB
12
إظهار الكل...
Dewwilii Yeroo Sirna Qiddasee - Hubannoo Waa'ee Qiddaasee kutaa xumuraa

Baga nagaan gara chaayinaalii yuutuubii daandii jireenyaatti nagaan dhuftan. Chaayinaaliin kun chaayinaalii hafuuraa kan mana kiristaanaa ortoodoksii tewaahidoo Itiyoopiyaati. As irratti tajaajiloonni afaan oromoo kan akka koorsiiwwaan hafuuraa, seenaawwanii fi barumsoota abbootii, barreffamoota ayyaanotaa, fi kkf ni ergaamu. Akka waliin barannuuf maatii keenya yoo taatan baay'ee nu gammachiisa. Dabalataanis miidiyaalee armaan gadii irratti nu hordofuu ni dandeessu Telegram channel : Daandii Jireenyaa (

https://t.me/dandijirenya)

Facebook account: Daandii Jireenyaa Whatsapp group : Daandii Jireenyaa Instagram name : Tewahedo_Harmeko Youtube link :

https://www.youtube.com/c/motumatube

Gaaffii fi yaada keessan kabajaanin fudhadha. Dn Motuma +919537364097 Telegram username: @m21harmekoo

Waa'ee Kiddaasee kutaa Xumuraa.mp38.17 MB
5
Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos.pdf6.60 KB
22🙏 7
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Adoolessa 5 Guyyaa Yaadannoo Wareegamummaa Ifoota Mana Kiristaanaa Qulqulluu Pheexirosifi Qulqulluu Phaawuloos Baga geessan Qulqulluu Pheexirosii fi Qulqulluu Phaawuloos Duuka buutonni Gooftaa keenya isuma uumaa keenyaan kan filataman, aangoo fudhatanii fedhasaa raawwachuuf adaraa itti kenname qabatanii addunyaa amantaa xaa’otiin hadhoofte ifa wageelaan kanneen miyeessanidha. Amantaa hojii gaarii kiristaanummaa waliin kiristaanota barsiisuun ofiisaanis gidiraa qondaaltota biyya lafaa irraa isaan qaqqabaa tureen sodaa tokko malee akka barsiisaa isaaniitti barsiisanii bakkaa fi yeroo adda addatti wareegamaniiru. Duuka bu'oota kana keessa har'a guyyaa yaadannoo Wareegamummaa isaanii kan kabajnu Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosidha barreffama armaan gadiin dhiyeessineerra. PDF armaan gadii xuquun akka dubbistan isin afferra Galanni Waaqayyoof
إظهار الكل...

👍 8 5
👍
❤️
🙏
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
إظهار الكل...
Hubannoo Waa'ee Qiddaasee kutaa 5ffaa

Baga nagaan gara chaayinaalii yuutuubii daandii jireenyaatti nagaan dhuftan. Chaayinaaliin kun chaayinaalii hafuuraa kan mana kiristaanaa ortoodoksii tewaahidoo Itiyoopiyaati. As irratti tajaajiloonni afaan oromoo kan akka koorsiiwwaan hafuuraa, seenaawwanii fi barumsoota abbootii, barreffamoota ayyaanotaa, fi kkf ni ergaamu. Akka waliin barannuuf maatii keenya yoo taatan baay'ee nu gammachiisa. Dabalataanis miidiyaalee armaan gadii irratti nu hordofuu ni dandeessu Telegram channel : Daandii Jireenyaa (

https://t.me/dandijirenya)

Facebook account: Daandii Jireenyaa Whatsapp group : Daandii Jireenyaa Instagram name : Tewahedo_Harmeko Youtube link :

https://www.youtube.com/c/motumatube

Gaaffii fi yaada keessan kabajaanin fudhadha. Dn Motuma +919537364097 Telegram username: @m21harmekoo

Hubannoo Waa'ee Qiddaasee k5.mp34.62 MB
👍 4
Qulqulluu Taadewos.mp36.62 MB
4🙏 4
Repost from Daandii Jireenyaa
إظهار الكل...
QULQULLUU TAADEWOOS

Duuka bu’aan Qulqulluu Taadiwoos dhaloonnisaa gosa Yoseef keessa yommuu ta’u lakkoofsisaa kanneen dhukkubsatan fayyisaa wangeela akka barsiisaniif aangoon kan isaaniif kenname duuka bu’oota kudha lamaan keessa isa tokkodha. Kutaa 9ffaa

https://www.youtube.com/watch?v=qK4zWCWgj8s&t=2s

#Mana_Kiristaanaa_Medaanealemii_Giddaa_Ayyaanaa Dabalataanis miidiyaalee armaan gadii irratti nu hordofuu ni dandeessu Telegram channel :

https://t.me/dandijirenya

Facebook : Daandii Jireenyaa Instagram : Daandii Jireenyaa

6👍 4
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.