cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
12 644
المشتركون
+7224 ساعات
+4057 أيام
+1 61130 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Teletoonii har’a adeemsifameen qarshii miliyoona 154.5 walittiqabameera
إظهار الكل...
#Sagantaa qormaata biyyaalessaa sadarkaa 2ffaa baranaa *** Gaazexaa Bariisaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee sagantaa qormaata sadarkaa 2ffaa bara 2016 ifoomse. Qormaatichi intarneetiifi waraqaan kan kennamu yoo ta'u, naannoo Tigraayiin ala sagantaan naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa ifoomeera.
إظهار الكل...
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa!! Gaazexaa Bariisaa Caamsaaa 3 bara 2016 maxxanfame https://press.et/.../bariisaa-sanbataa-caamsaa-3-bara-2016/ - Telegram Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo ykn liinkii https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo - Marsariitii https://www.press.et/afanoromo/
إظهار الكل...
Qeellam Wallaggaatti hojiin nageenya mirkaneessuu bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jira ******************** Gaazexaa Bariisaa Godina Qeellam Wallaggaatti hojiileen nageenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiran bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jiraachuu Waajjirri Bulchiinsafi Nageenya godinichaa beeksise. Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tasammaa Waariyoo Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, waggoota sadii dura humni Shanee aanaalee godinichaa hedduu keessatti seelii diriirfatee uummata saamaa, nama nagayaa ajjeesaa, shororkeessaa, gidiraa dhala namaarratti raawwachuu hin malle ummataratti raawwachaa ture...... https://press.et/.../qeellam-wallaggaatti-hojiin.../
إظهار الكل...
Manni Abbichuu nageenyaafi misooma toora xiyyeeffannaa taasifachuun milkaa’eera ******************* Gaazexaa Bariisaa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu irra jireessaa bosonaa uwwifamuu, sulula Mogoritti dhiyaachuufi daandiin naannoo Amaaraa geessu keessa qaxxaamuruun walqabatee bakkeewwan sodaa nageenyaa qaban keessaa isa tokko ture. Gama biraatiin ammoo pirojektii guddichaa “Caakkaa pirojekti” jedhamuufi Buufata Qorannoo Hawwaa dabalatee dhaabbilee guguddoon kutaa magaalichaatti argamuunsaanii carraa hojii uumuufi galii maddisiisuurratti kutaa magaalattii carraqabeessa taasisa. Nageenya mirkaneessuu cinatti rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuun galii sassaabuurratti hojii fakkeenyummaa qabu kutaan magaalichaa barana hojjete ilaalchisee Bulchaan Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Obbo Abrhaam Biraanuu Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaa..... https://press.et/.../manni-abbichuu-nageenyaafi-misooma.../
إظهار الكل...
“Milkaa’ina hojii komishinichaatiif barsiisni araaraa cimee ittifufa’’ -Paastar Tsaadiquu Abdoo ******************** Gaazexaa Bariisaa Hojii Koomishinii Marii Biyyaalessaatiin eegalame akka milkaa’uuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun araaraa cimsanii akka barsiisan Tokkummaan Waldoota Kiristaana Warra Wangeela Itoophiyaa ibsan. Pirezidantiin Tokkummaa Waldoota Kirstaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, hojii komishinii marii biyyaalessaan hojjetamaa jiru milkeessuuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun jaalalaa, tokkummaafifi araaraa buusuu cimsanii barsiisaa jiru. Marichis dhimmoota waldhabdeef sababa ta’an furuuf shoora olaanaa qaba. Akka ibsa isaaniitti, Koomishinichi akka biyyaatti dhimmoota waliigalteerra hin ga’amne walitti sassaabuun mariin akka furaman irratti hojjechaa jira. Muuxannoon mariin waldhabdeef furmaata barbaaduun biyyoota adda addaa keessatti.... https://press.et/.../milkaaina-hojii-komishinichaatiif.../
إظهار الكل...
“Qamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii qaban mariin furachuuf of qopheessuu qabu” -Obbo Leencoo Lataa ***************** Gaazexaa Bariisaa Qaamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii siyaasaa qaban marii biyyaalessaatiin furachuuf of qopheessuu akka qaban gameessi siyaasaa Obbo Leencoo Lataa ibsan. Goolabamuu taateewwan waraana Itoophiyaa kaabaatii as mul’ataa kan isaan yaaddesse ta’uus ibsaniiru. Obbo Leencoon ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jehdanitti, qaamoleen qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran waldhabdee siyaasaa marii biyyaalessaatiin furachuuf qophaa’uu qabu. Waldhabbiin siyaasaa mariidhaan goolabamuu baannaan egereen biyyattii..... https://press.et/.../qamoleen-qabsoo-hidhannoo-keessa.../
إظهار الكل...
Teknolojiin wanta dhoksaan fe’ame dubbisu karroota Finfinnee Shananirratti dhaabamuufi ********************* Gaazexaa Bariisaa Daddabarsa meeshaalee waraanaafi daldalaa seeraan alaa Shaggar keessa darbee Finfinnee galu to’achuuf teknolojiin jalqabaa osoo fe’isni konkolaataarraa hinbu’iin sakatta’u hojiirra ooluuf ta’uun ibsame. Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggar Obbo Leejjisaa Jootee ibsa addatti Bariisaaf Kibxata darbe kennaniin daldala seeraan alaafi daddabarsa meeshaalee waraanaa Shaggarirraa gara Finfinneetti akkasumas alseerummaa Shaggar keessatti raawwatamu to’achuuf gargaaru hojiirra ooluuf akka jiru ibsaniiru. Teknoloojicha akka fayyadamnuuf kan nudirqisiise sakatta’insa caasaa nageenyaa qabnuun taasisnuun alseerummaa salphaatti..... https://press.et/.../teknolojiin-wanta-dhoksaan-feame.../
إظهار الكل...
Eegalamuun ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa ummata hiyyummaa keessaa baasuuf gumaacha olaanaa qaba ****************** Gaazexaa Bariisaa Eegalamuun ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa industirii babal’isuufi carraa hojii uumuun ummata hiyyummaa keessaa baasuuf gumaacha olaanaa qaba jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan. Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa kaleessa eegalame. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad sirna eegalchiisuu ijaarsa zoonichaarratti haasawa taasisaniin, eegalamuun ijaarsichaa carraa hojii uumee sharafa alaa argamsiisuun hiyyummaa balleessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan. Waggoota darbanitti waa’ee qamadiifi bunaa dubbataa turre. Har’a immoo waa’ee industirii humna namaa baay’ee hammachuun carraa hojii uumuu danda’u sadarkaa jalqabsiisuurra geenyeerra. Bu’aa qonna qamadiirraa argameen qamadii biyya alaatii galchuun....... https://press.et/.../eegalamuun-ijaarsa-zoonii-dinagdee.../
إظهار الكل...
“Wallaggi dachee jaalalaa, nageenyaafi gammachuu ta’uun qabatamaan mul’ateera” -Bulchitoota godinaalee Wallaggaa ********************* Gaazexaa Bariisaa Hiriirri deggarsaa Roobii darbe Naqamtetti adaeemsifame ummataafi mootummaa aannaniifi garaa taasisuu cinatti Wallagga dachee jaalalaa, nageenyaafi gammachuu ta’uu qabatamaan mul’isuusaa bulchitoonni godinaalee Wallagga hubachiisan. Bulchitoonni kunneen kaleessa Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ummatni Wallaggaa jijjiirama amma argameef akkuma Oromoo kaanii ilmaansaa qaalii hedduu wareegeera. Jijjiirama har’aaf wayita kutaan hawaasaa sadarkaan jiru falmachaa turetti gochi gara jabeenyaa seenaan hindagatne ummata kanarratti raawwatameera. Jijjiirama argames itichee tursiifachuuf ilmaansaa waardiyyaa akka ta’aniif ijaarsa raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaafi qaamolee..... https://press.et/.../wallaggi-dachee-jaalalaa.../
إظهار الكل...