cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Dhugaa Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
7 898
المشتركون
+524 ساعات
+1397 أيام
+58930 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Repost from Spider Media
Meeshaan suuraa AI adda baasu Hive Moderation carraan suuraan kun AI'n maddisiifamuu isaa %99.5 akka ta'e kaa'e. Carraa %95.24, Illuminarty %95.1, Content at Scale %94 fi Hugging Face akkasumas carraa suuraan kun AI-generated ta'uu %97 kennuu isaa Spider mirkanneeffateera. Bu’aalee qorannoo keenya kana irraa kaa'uudhaanis suuraan miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa tureefi jiru kun dhuguma nama ''Iyyasuus dhufuu'' kan agarsiisu osoo hin taane bu'aa artificial intelligence (AI) ta'uu mirkaneeffanneerra. © Amar Temam Spider Media
إظهار الكل...
Repost from Spider Media
''Yesuus Gujiitti mul'ate'' Garaagarummaan Yesuus Gujiifi Yesuus Keeniyaa maali? Dhuguma maaltu mudate? ~~~ Spider Media : Fact check Akkuma beekamu guyya guyyaatti odeeffannoowwan garaa garaa miidiyaalee hawaasaa irratti maxxanfamaa oolu. Odeeffannoowwan kunneen garuu guutummaan guutuutti dhugaadha yookaan qabatamaadha jechuu miti. Akkuma qaamoleen odeeffannoo sirrii qoodan jiran kanneen hojii maxxansaalee sobaafi qabatama hin qabneen hawaasa burjaajessanis ni jiru. Kaayyoon isaan kana sadarkaa burjaajii irra kan ce'eefi iccitiis duubaa kan qabu ta'uu mala. Tibba kana ''Godina Gujii Lixaa Aanaa Qancaa Ganda Shakkichaatti suuraan Yesuus samii gubbaatti mul'ateera'' odeeffannoon jedhu suuraa kanaa gadii waliin walqabsiifamee maxxanfame baay'inaan haasaa namoonni miidiyaa hawaasaa irratti dubbatan ta'eera. Spider miidiyaan taatee ''Godina Gujiitti ta'e'' jedhame kana dhugummaa isaa adda baasuuf hawaasa bakka jedhemee irraa odeeffannoon inni argate taateen kun guutummaan guutuutti soba ta'uu mirkaneeffateera. Gama biraatiin waa'ee suurichaa irratti qorannoo taasisuuf wayita adeemsa eegallutti taateewwan akkanaa biyya keenyaaf haaraa ta'anillee biyyoota adduunyaa keenyaa biroo keessatti garuu bali'naan waan odeeffame ta'uu arguun keenya qorannee dhugaa jiru hawaasaaf akka ifa goonuuf caalaatti nu kakaaseera. Suuraafi bocaawwan garaa garaa ''hawaa irratti mul'atan'' jedhamanii odeeffaman hedduun jiraatanillee suuraan ''Yesuus'' jedhame kun garuu biyyoota adduunyaa garaa garaa keessatti akka mul'ate yeroo heddu kan ibsame yoo ta'u guutummaan guutuutti haala jechuun danda'amuun ergaa ''barri xumuraa - gaheera, gara Waaqayyoo deebi'aa'' jedhanfaa waliin maxxanfameera. Maxxanfamaas jira. Dhuguma kun sadarkaa suuraafi maxxansaalee xixiqqoo haasaa miidiyaa hawaasaa ta'ee hafumoo kaayyoo biraa, ergaa dhokataa yookaan iccitaawaa ta'etu duuba jira kan jedhu Spider Miidiyaan qorannoon deeggaree gara fuula duraatti kan isiniinin ga'u ta'a Inshaa Allaah. Waa'ee taatee seensa irratti eerreetti yoo deebinu garuu, suuraa 'n Yesuus Gujii dhihaatti samii irratti mul'ateera jedhamuun haasa'ame, barreeffama dhiheenya kana fayyadamaan X (kan duraan twitter jedhamaa ture) 'Mike Sonto' jedhamu gaafa Ebla 7, 2024 qoode, suuraa fakkii Yesus samii irratti mul'atu agarsiisa jedhameedha. Suuraan kun kan akka kaafame dubbatame biyya Keeniyaa bakka ''Oyuma Market' jedhamu keessatti akka ta'es ibsame. Mike barruu “kaleessa 'Gabaa Oyuma Kendu Bay, Homabay County' keessatti argameedha, hundi keenya osoo yeroon hin darbiin qalbii keenya gara waaqaatti deebisuu qabna'' jechuun suuraa kana waliin walqabsiisee barreesse maxxanse. Barreeffamni kun namoonni akka qalbii geddaratan (gaaroman) kan gorsu yoo ta'u, kun mallattoo murtii waaqummaan dhufuu akka ta'e agarsiisuufis yaala. Barreeffamichi daawwattoota kuma 742 oliin kan ilaalame yoo ta'u namoota 827 itra deebiin maxxanfameera, akkasumas namoonni 1000 ol ammoo duubdeebii/yaada kennaniiruufi. Fayyadamtoota biroo (Kotsocha_ke fi Oboy_jay) jedhaman dabalatee namoonni biroon hedduunis suuraa walfakkaataa kana Ebla 6 fi 7, akkaataa wal duraa duubaatiin taatee ajaa'ibaa uumame jedhanii yaada dhuunfaa isaanii waliin maxxansaniiru. Garuu akka Mike'n jedhu bakka 'Gabaa Oyuma Kendu Bay'' jedhamu keessatti osoo hin taane bakkoota garaa garaatti akka mul'ateedha kunneen kan himan. Kunneen Spider Media n xiyyeeffannaa bal’aa dhimmichaaf (suuruchi) kennuun suuraa dhugaa ta’uu adda baasuuf qorannoo akka gaggeessuu isa taasiseera. Mirkaneessa: Spider waltajjiiwwan toora interneetii garaa garaa irra erga bal'inaan barbaacha taasisee booda ''suuraa Yesus samii irratti mul'ate'' jedhamee kana marsariitiiwwan beekamoo kam irraayyuu argachuu hin dandeenye. Dabalataanis, suuraan kun maddoota amanamoo ta'an irraa argamu dhabuun isaa, teknooloojii sammuu namtolchee (AI) fayyadamuun uumamuu akka danda'e agarsiisa. Spider yaada kana mirkaneessuuf suuraa kana 'AI image detectors' shan fayyadamuun qorannoof galcheera.
إظهار الكل...
👍 1
Repost from Spider Media
Photo unavailableShow in Telegram
''Yesuus Gujiitti mul'ate'' Garaagarummaan Yesuus Gujiifi Yesuus Keeniyaa maali? Dhuguma maaltu mudate? 👇👇👇
إظهار الكل...
Rabbiif Salaatuu Iyyasuus kiristoos Macaafa qulqulluu keessatti Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera. Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee, hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati.  Inni ergamaa Rabbii tokkichaati. Mee waa'ee kanaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka dubbate haa ilaallu. Garuu keewwattoota macaafa qulqulluutti ni amanu taanaan na mormuu fi Arrabsus hin qaban. Gaafa Dubbii arrabaa eegalan, ana odoo hin taane kitaaba arrabsutti akka jiran haa beekan... "Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."(Luqaas 6: 12) "Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."(Maatiwoos 14: 23) "Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate. (Maatiwoos 26:36-44) "Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate." (Maarqoos 1: 35) "Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "(Maarqoos 14: 35) "Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e." (Maarqoos 6: 46) "Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke." (Luqaas 5: 16) "Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule." (Luqaas 6: 12) "Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate." (Luqaas 9: 18) "Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, "Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen." (Luqaaas 11:1) "Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."(Luqaas 18: 1) "Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;" (Luqaas 22: 41) Gaaffiin qaba...Iyyasuus kiristoos erga Waaqayyoon ta'e, Waaqayyoon inni kadhate sun hoo eenyu?? Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'ee fi Gabricha isaa akka ta'e nama hubachiisa. Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu, homa tokkos hin kadhatu, Waaqayyoon gaafa kadhateera, salaateera, soomeera gaafa jenne, qaamni sin Rabbiin ta'uu hin danda'u.  Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee, Rabbummaa mataa isaa dubbachaa akka  hin turre ifa galaadha. Qopheessaan: Xaahir Galatoo
إظهار الكل...
👍 5
﴿إِنَّ اللهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا﴾. «اللَّهُمَّ اجْعَلْ صَلَوَاتِكَ وَبَرَكَاتِكَ وَرَحْمَتَكَ عَلَى سَيِّدِ المُرْسَلِينَ وَإمَامِ المُتَّقِينَ وَخَاتَمِ النَّبِيِّينَ مُحَمَّدٍ عَبْدِكَ وَرَسُولِكَ إمَامِ الخَيْرِ وَقَائِدِ الخَيْرِ وَرَسُولِ الرَّحْمَةِ ، اللَّهُمَّ ابْعَثْهُ مَقَامًا مَحْمُودًا يَغْبِطُهُ بِهِ الأوَّلُونَ وَالآخِرُونَ ، اللَّهُمَّ تَقَبَّلْ شَفَاعَتَهُ الكُبْرَى وَارْفَعْ دَرَجَتَهُ العُلْيَا وَآتِهِ سُؤْلَهُ فِي الآخِرَةِ وَالأُولَى كَمَا آتَيْتَ إبْرَاهِيمَ وَمُوسَى .. اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى إبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إبْرَاهِيمَ إنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ ، اللَّهُمَّ بَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ كَمَا بَارَكْتَ عَلَى إبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إبْرَاهِيمَ إنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ».
إظهار الكل...
👍 4
Dubbiin Waaqayyo waan fedhe uuma. Yohannis;- 1:1-2 "በመጀመርያ ቃል ነበር፤ ቃልም እግዚአብሔር ዘንድ ነበር፤ ቃልም እግዚአብሔር ነበር" "Sagalechi jalqaba waan hundumaa dura ture; Sagalechi Waaqayyoo bira ture; Sagalechi ofii isaa Waaqayyoo ture. Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyoo bira ture." “Jalqaba jechatu ture. jechis waaqa bira ture. jechichis waaqadha. Innis jalqaba irratti waaqa waliin ture” jedha. As irratti; jalqaba yennaa jedhu, waaqni jalqabaa fi dhuma qabaa? Jechi waaqa bira jiru sun,; Yesuusiin yoo ta’e, hafuuraan malee qaamaan hin jiru jechuudha. Kanaaf hafuura lamatu ture jechuudhaa? Erga akkas ta’ee ummatni dhaloota Yesuus dura jiru waaqaa fi sagalee waaqaatti amanu jechuudhaa? Sagalechis ofii isaatii waaqa yoo ta’e, waaqa lamatu ture jechuudhaa? Jechi waaqaa fi waaqni wal bira turan jechuudhaa? Sagalechi waaqa bira ture, yesuusiin yoo ta’e, Yesuus sagaleedha jechuudhaa? Sagalechi Yesuusiin yoo ta’e, Yesuus waaqayyoon bira ture jechuudhaa? Eeyyee akka hin jenne, sagalechi Waaqayyoon ture; jedha. Sagaleen waaqa bira ture, waaqa ta’e jechuudhaa? Waaqni waaqa bira ture jechuudhaa? Mee keyyata armaan gadii immoo ilaalaa! Seera uumama 1:3 irratti; (Waaqayyo, “ifni haa ta’u!” jedhe; ifnis ni ta’e.) jedha. Gaaffiin as jiru, jechi waaqaa ifa argamsiise moo, jechichi ofumaaf gara ifaatti jijjiirame? Jechi ifatti jijjiirame yoo ta’e, ifti waaqa jechuudha. jechi waaqaa ifa argamsiise yoo ta’e, kun waan waaqni ‘ta’i jennaan ta’e’ waan ta’eef, waan nama rakkisu hin qabu. Akkuma kana; sagaleen waaqa keessaa bahe yoo Yesuusiin ta’e, sagaleen Yesuusitti jijjiirame jechuudha. Kun sagaleen waaqaa deebi’ee waaqa ta’e jechuudha. Lubbuun kamiyyuu waaqa biraa dhufe. Kan ofii uumames, kan ofii uummates hin jiru. Waan nama dhibu, yaada keyyata kanaa, kiristaanni sirriitti nama hubachiisuu danda’u hin jiru. Waaqni karaa fi dandeettii ilmi namaa waa hubatu waan beekuuf, haala rakkisaa akka kanaatiin hin dubbatu. Waan qabatama hin taaneen maaliif dhama’u? waan sammuun isaanii qaqqabee hubachii fi hubachiisuu hin dandeenyeen maaliin rakkatu? 👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate 👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa 👉 Facebook https://www.facebook.com/profile.php?id=100091833153467&mibextid=ZbWKwL
إظهار الكل...
Dhugaa Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ

👍 5
sticker.webp0.39 KB
“Wanta dur ture yaadadhaa; ani Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru.(" (Macaafa Isaayyaas Raajichaa 46: 9) Rabbiin (waaqayyoon) tokkicha shariikaa fi fakkkaataa hin qabne akka ta’e keewwata armaan olii kanarraa baranneerra. Inni kan jalqabaa fi xumara hin qabnee dha. waa’ee kanaa ilaalchisee Macaafni Isaayyaas Raajichaa ammas akkana jedhe: "Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru" (Macaafa Isaayyaas Raajichaa 44: 6) dhugumatti,dubbiin kun dubbii Qur'aana kabajamaa keessatti dubbatameen wajjiin walfakkaata. Rabbiin (s.w) Qur'aana isaa kabajamaa ta'e keessatti akkana jedha: ﴿ لَيْسَ كَمِثْلِهِۦ شَىْءٌۭ ۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْبَصِير﴾ {Rabbiin fakkaataan isaa hin jiru. Inni dhaga'aa argaadha.} [Shuuraa 42:11] Akkuma Qur'aanni yad-rimee waa'ee tokkochummaa Rabbii guutuun guututti ibsetti, macaafni hordoftoota amantaa kiristaanaas ibseera. Haa ta’u malee; dubbiin tun qalbii kiristaanotaa hedduu keessatti fudhatama hin qabdu. Sababni isaas, ilaalchota dogongongoraa bataskaanota keessa jiran qofa waan hordofaniifi. Rabbii tokkochatti yoo kan hin amanne taate, mootummaa waaqaatti galuun yookaan ammoo jannata seenuun akka hin danda’amne yesuus kiristoos (nageenyi Rabbii isarra haa jiraatuu) barsiisee jira. Yoo tokkichummaa Rabbii dhiisanii; yesuus kiristoosiin Rabbi jechanis ta’e isaan kijibdoota ta’uu isaanii nama hubachiisa. Yesuus kiristoos immoo Rabbiin osoo hin taane; ergamaa ummata Israa'el; Kan Rabbiin ummata Israa'eliif isa ergeedha. Sababbiin inni ergameefis, ummata Israa'el gara tokkochummaa Rabbii akka waamuuf qofa. Akkasumas; Inni nama fedhinnaa isaa Rabbiif kennuudhaan ummatas gara tokkochummaa Rabbiitti waamaa tureedha. dhimma kana ilaalchisee macaafni yeroo dubbatu akkana jedhe. "Yesus deebisee,"Inni hundumaa irra caalu, dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” (Maarqoos 12: 29) Walumaagalatti; macaafni tokkochummaa Rabbii barsiiseera waan ta'eef; Rabbiin dhiisanii yesuus kiristoosii fi sillaasetti amanuun waaqqeffachuun dogoongora guddaadha. Warroonni Rabbiin dhiisanii wantoota kanaafii kanneen fakkaatanitti amanuudhan waaqqeffatan hundi isaanii mushrik-toota jedhamanii waamamu. Mootummaa waaqaa keessattis ‘xiqqeeffamtoota’ jedhamanii waamamu. Mushriktootaaf tumsaan tokkolleen hin jiru. Rabbiin akkana jedhee dubbateera: ﴿ لَقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ وَقَالَ الْمَسِيحُ يَابَنِي إِسْرَائِيلَ اعْبُدُوا اللَّهَ رَبِّي وَرَبَّكُمْ إِنَّهُ مَنْ يُشْرِكْ بِاللَّهِ فَقَدْ حَرَّمَ اللَّهُ عَلَيْهِ الْجَنَّةَ وَمَأْوَاهُ النَّارُ وَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ أَنْصَارٍ﴾ {Isaan “Rabbiin Masiih ilma Maariyamiiti” jedhan dhugumatti k-afaranii jiru. Masiihis ni jedhe; “yaa ilmaan Israa’el! Rabbii Gooftaa kiyyaa fi keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti, dubbiin Nama Rabbitti waa qindeessee; Rabbiin isa irratti Jannata Haraama taasiseera. Teessoon isaas Ibidda (jahannami). miidhaa Raawwattootafis Tumsitoonni hin jiran”.} [Maa’idaa 5:72] Akka ibsa Qur’aanaa fi macaafatti, Rabbiin tokko qofa. Qaamni biroo kan isaan wajjiin kadhatamuu fi gabbaramu akka hin jirre keewwattota armaan olii irraa baranneerra. Kanaafuu, Tokkochummaa Rabbiitti qaamaa fi qalbiidhaan amannee, ilaalchota dogongoraa daandii irraa nama maqsan irraa fagaannee, Towhiida qabachuu qabna. .Qopheessaan//Xaahir Galatoo
إظهار الكل...
👍 2
Tokkochummaa Rabbii (Towhiida) _______ Bu'uurri Qur’aanaa fi macaafa qulqulluu Tawhiida ykn Tokkochummaa Rabbiiti. Ergamni Nabiyyoota hundaa walfakkaata. Bara hundaafuu kitaabatu ture. Xiyyeeffanoon kitaabota hundaa Tawhiida. Rabbiin uumamtoota hundaa tokko qofa. Lamas, sadihis miti. Kan addunyaa hunda tokko gochuun walqixeessuus kanuma qofa. Qur'aanni gara jecha walqixxummaatti ilmaan namaa hundaaf waamicha taasiseera. قُلْ يَٰٓأَهْلَ ٱلْكِتَٰبِ تَعَالَوْا۟ إِلَىٰ كَلِمَةٍ سَوَآءٍۭ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمْ أَلَّا نَعْبُدَ إِلَّا ٱللَّهَ وَلَا نُشْرِكَ بِهِۦ شَيْـًٔا وَلَا يَتَّخِذَ بَعْضُنَا بَعْضًا أَرْبَابًا مِّن دُونِ ٱللَّهِۚ فَإِن تَوَلَّوْا۟ فَقُولُوا۟ ٱشْهَدُوا۟ بِأَنَّا مُسْلِمُونَ Jedhi: “yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taatee kottaa,[Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedha. Yoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa.[Suuraa Aal-Imraan 3:64] Waa’ee Tokkochummaa Rabbii Qur’aana Keessatti bakka heddutti dubbatamee jira. Akka seera barsiisa amantaa Islaamaatti Rabbiin (s.w) tokko qofa ta’ee, fakkaataa, hiriyyaa yookaan shariika mootuma isaa keessatti hin qabu. Rabbiin (s.w) tokkochummaa isaa ilaalchisee Qur'aana keessatti akkana jechuun dubbate: ﴿ قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ (1) اللَّهُ الصَّمَدُ (2) لَمْ يَلِدْ وَلَمْ يُولَدْ (3) وَلَمْ يَكُنْ لَهُ كُفُوًا أَحَدٌ (4)﴾ {(Yaa Muhammad s.a.w!) jedhi; Inni Allaahadha Tokkicha. Allaahan of danda'aa hirkoo waa hundaati. hin dhalle hin dhalannes. Hiriyyaan tokkos isaaf hin jiru.} [Al-Iklaas (112:1-4] Akka boqonnaa kanarraa hubannetti; Rabbiin tokkocha, shariikaa fi ilmas hin qabu. Amantaa Islaamaa keessatti Rabbiin shariika yookaan qoodataa, hiriyyaa yookaan fakkaataa, maatii yookaan ilmaan qaba jedhanii yaadun yookaan amanuun yakka ulfaataa amantii irraa nama baasuudha. Inni uumaa hundaati (koowniiti) malee uumamaa miti. Samiiwwanii fi dachees dabalatee qaamni isa gargaaree isa waliin uume akka amantaa Islaamaatii fi akka amantaalee bebbeekkamoo hedduuttis hin jiru. Tokkochummaa Rabbii amanuu fi beekuun dirqama ilmaan namaa hundaati. kitaabota dachee tana irra jiran kanneen dhimma amantaalee garagaraa ibsan keessaa, tokkochummaan Rabbii Qur'aana qofa keessatti bal'inaan yookaan gad-fageenyaan dubbatame. kana yeroo jennu Islaamummaa keessatti qofa jechuu osoo hin taane; Waa'een tokkochummaa Rabbii bal'inaan Kan dubbatame Islaamummaa keessatti jechuu keenya. Muslimtoonni addunyaa guutuu keessa jiran waa'ee tokkochummaa Rabbii ilaalchisee, mormii (dura dhaabbannaa) hoomaatuu hin qaban. Garuu; hordoftoota amantiiwwan biroo yommuu ilaaltan, hordoftoota amantaa tokkoo ta'uu waliin, kan ilaalchi (yaanni) isaanii waa'ee tokkochummaa Rabbii ilaalchisee adda adda ta’an argitu. Isaan keessaa warroottan, Rabbiin (Waaqayyoon) sadi jedhanii amanantu jiru. Kana jechuun isaanii, abbaa, ilmaa fi hafuura qulqulluudha. Hundi walitti waaqa tokko jechuun amanu. Gariin isaaniis, immoo ilma namaa, beelladoota dabalatee, waantoota biroo Rabbiin taasifatanii, kanneen waaqqeeffatanis ni jiru. Waa’een Tokkochummaa Rabbii kiristaanummaa (Macaafa qulqulluu) kessatti gadi fageenyaan ibsamee jira. Kunis qabxiiwwan Islaamummaa fi kiristaanummaa walfakkeessan keessaa isa tokkoodha. Waa'een tokkochummaa Rabbii akkuma amantaa Islaamaa keessatti bal'inaan ibsamee jirutti, kiristaanummaa Keessattis ibsameeti jira. Akka macaafa qulqulluu (Holy Bible) keessatti ibsametti; Rabbiin tokko qofa malee, lamas, sadihis miti. Garuu; dubbii tana ogeeyyonni (warroonni) bataskaanota keessaa itti hin amanan. Macaafni (bible) yaad-rimee waa'ee tokkochummaa Rabbii ilaalchisee, kitaabota adda addaa kanneen kitaabni kun of keessatti hammate keessatti bakka heddutti dubbatameera. Kitaaba Isaayyaas Raajichaa jedhamu keessatti Rabbiin tokko qofa ta’uun dubbatameera. akkanas jedha:
إظهار الكل...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Allaahu Akbar! Naannoo Sidaamaa, Magaalaa Arba Goonaa tti guyyaa arraa dhiira 195 fi dubartii 30, walumaa galatti namoota 225 oltu Islaamummaa qeebale. Maaliin simattu?
إظهار الكل...
👍 18
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.