cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Mùĵëĕ mäñ

Hin danda'amu yoo jedhan siif osoo hin taane isaaniif akka ta'e yaadadhu.

إظهار المزيد
فنلندا2 085لم يتم تحديد اللغةالموسيقى24 514
مشاركات الإعلانات
2 131
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-117 أيام
-5630 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

👤 Artist: Andualem Gosa 🎧 music: Bilillee ⏭ Size : 5.4MB 🎙More: @New_Afaan_oromo_music @New_Afaan_oromo_music @New_Afaan_oromo_music  ⬅️JOIN MORE MUSIC ↪️ SHARE
إظهار الكل...
2
Anaa fi Qaanaa Kutaa 1faa Guys, mee yaadannoowwan an TV Qaanaa waliin qabu muraasa jabaa isiinin jedha. Guyyaa gara guyyaatti waa'een TV kanaa bifa garaagaraan waan na quunnamuuf jedheeni. Akka kootti TV'n Qaanaa ogeessota fayyaa baay'ee gabaa dhabsiisee jira. Akkan dhaga'etti yoo ta'e maloota ittiin ulfa ofirraa ittisan keessaa tokko TV Qaanaa laaluudha jedhamee barsiifamaa jira waan jedhu dhaga'een ture. Hiriyaan koo ogeessa fayyaa 'Health officer' ta'e tokko akka natti himetti, yeroo muraasaa as namoonni hordoffii ulfaaf gara buufata fayyaa deeman akka hir'atan dha. Saayintistootni biyya Awurooppaa tokko tokko, shaneen ijaaramanii akka ibsanitti yoo ta'e (warra biyya keenyaa yoon jedhe silaa ana hin amantan waan ta'eef) dhiiroonnis ta'an shamarraan fiilmii walitti fufiinsaa TV Qaanaa irratti sa'a 12 - 5 tti tamsaafaman waan ilaalaniif, yeroo itti wal bira ga'an hin qaban jedhanii lafa kaa'aa jiru. Sababnisaas lamaanuu hojiirraa galanii isa dur walirratti lafa dha'an amma TV irratti lafa dha'u waan ta'eefi. Yeroo sa'aatiin shan ta'uu ammoo waan dadhabaniif wal bira ga'uun yaa hafuutii sireen irra ga'unuu du'a caalaa itti ulfaata waan ta'eefi dha. Kanaaf illee anumtuu ragaa dha. Abbaan manaafi haati manaa ollaa koo galan tokko osoo TV Qaanaan hin dhufin dura seera waaqayyo gaa'eelaaf kaa'ee sirriitti hojiirra oolchu turan. Abbaan manaaf haati manaa wal hin didin'' isa jedhu sana jechuu dha. Anaan garuu baay'ee na jeequ. Kan na jeequ ammoo sagalee siree isaaniiti...... Tsiwu, tsiwu, qaq, qaq, qaqaqaqaqqq..... jedhee asii anaan hirriba na dammaqsa. Gaaf gaaf keessa kootti namichi kun sagalee siree isaa maaliif narra hin hir'isu! jedheen akka aaruu ta'a. Garuu maalan fiduu danda'as? Yaa firakoo osoo dhageessaniitii waan sirichatti ampliifaayeeriin ( sagalee guddistuun)  itti ruuqamee, anaaf ammoo biluutuuziidhaan naaf qoodanii sagalee isaa waanan 'live stream' hordofu wayii fakkaata ( tapha siree iraa raadiyoon daawwachuu, ooooyyaayyaaa.....).  Yeroo jalqabaa waan abbaan manaa siree isaa irratti Ispoortii hijjetu natti fakkaatee ture. Booda irra gaafan namicha ilaaluu garuu kan ispoortii hojjetu mitii fira ispoortii hojjetu illaa waan qabu natti fakkaachuu dide........... itti fufa. @muje_oro
إظهار الكل...
Daa'imummaan yeroo itti lafa qotani; dargaggummaan yeroo itti facaasani; jaarsummaan yeroo itti nyaatani!"   ⁃ Yeroodhaan ka'i!   ⁃ Yeroodhaan ba'i!   ⁃ Yeroodhaan gali! "Osoo taa'uudhaan beekumsi argamee beekaan addunyaa kanaa dhagaa ture!"   ⁃ Itti dadhabi!   ⁃ Dubbisi!   ⁃ Barreessi!   ⁃ Hojjedhu!   ⁃ Jajjabaadhu!   ⁃ Milkaa'inaaf gatii baasi!   ⁃ Ittuma jabaadhu!   ⁃ Fiigi! "Taa'anii buqqee jedhamuu irra fiiganii bubbee jedhamuu wayya!      👆@Muje_oro
إظهار الكل...
Kutaa 2ffaa ANAA FI QAANAA Qallina isaa irraa kan ka'e adurree feestala dhadhaa nyaatte fakkaata. Mar'umaan shuntuuraa godhee ( mammaaksa qalloo keessa migira jedhan isatu naaf mirkaneesse) isa isaan  achii wal gammachiisuuf an asii hirriba dhaba. Kana baqachuuf jecha, sagalee namootaa dhaggeeffachuu irra isa kana wayya jedheen earphone isa guddaa bitadhee raadiyoo afaan  kiyyaan darbu sagalee uummataa 😂 kan ta'e dhaggeeffachaa rafuudhaaf murteesse. Innis bara sana  ''qonnaan bultootni xaafii sararaan facaasanii sararaan beela'an; komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa, malaammaltummaan himatame; dargagoonnii IMX'n ijaaraman burruusa ittiin dhagaa falaxan bitachuuf irra deebi'anii ijaaraman'' oduu jedhu qofa waan dabarsuuf jeequmsa warra ollaa caalaa raadiyoon kun na jeequtti ka'e. Raadiyoo kaadiree fi oduu kaadiree...... Amma illee xinnoo fooyya'an fakkaata 😂 Isa dhiiseen jara kana gorsuuf murteesse. '' Maal ta'a osoo siree keessan narraa buttanii?'' yaada jedhu yoon itti hime rakkoo maalii qaba? Yaadni kun ammoo faka raadiyoon kun lafa kaa'uu waliin wal hin caalu. Osoo lafti hin jiraatin qotaa jechuun tokkuma. Jarri kunis mana kutaa tokko keessatti akkam godhanii fi garamitti siree isaanii narraa butatu.... garuu akkuma biyyi keenya nagaa ishee kabachiisu irra dabartee kan biyyoota ollaas kabachiisaa jirtu osoo warri ollaa kootiis anaaf yaadani yaada jedhun qaba ture....hahahahaha '' Mallasaan nuun nu ukkaamsee isa nagaa warra ollaan kabachiisa'' jedhu sana dhugaa seetee?'' jettanii natti kolfaa jirtu..... raajii durii 😂😂 Kanaan osoo  jiruu TV Qaanaa naaf dhufekaa jarana. Uff.... amma kan na jeequ yoo jiraate caalliinsa isaan gidduu buufate sana qofaa dha. Dhugaa jarri kun maal ta'an mootummaatu shororkeessummaadhaan isin himadha jedhemoo gaaffii jedhutu natti uumame. Garuu amma yeroon yaadu waan Qaanaaf jecha dursanii dirqama abbaa manummaaf haadha manummaa isaanii ba'an natti fakkaata. (karoora hiixata karoorfachuu akkasii😂) amma homtuu hin jiru. Kanaafuu qorannoon kun dhugaa ta'uu hin ooluu amantaa jedhuun qaba (kaabinee istaayilii😂) itti fufa.... @muje_oro
إظهار الكل...
👍 2
Namichi armaan ol kuni Leenjii kennaa jira. Birrii Abbaa 100 kiisii isaa keessaa fuudhee, "Namni tola fudhatu jiraa?" jedhee gaafate. kan leenjifamaa jiran hundinuu fudhachuuf harka isaanii ol kaasan. Ammas birricha sukkuumee, caccabsee, "Namni tola fudhatu jiraa?" jedhee gaafate. Ammas hundumtuu fudhachuuf harka isaa olkaase. Ammas si'a 3ffaaf birricha awwaara keessatti dhidhiitee awwaara qofa godhee, "namni tola fudhatu jiraa?" jedheen. Ammallee hundumtuu fudhachuuf harka isaa ol kaase. Maaliif beektaa? birrichi yeroo haaraas, yeroo sukkuumamee caccabes, awwaaraan yeroo makames, Birrii Abbaa dhibbaa ta'uu isaa gadi hindhiisne✌️. Sukkuumanis, awwaara duwwaa godhanis, humna isaa irraa mulquu hin dandeenye. Akkasuma yeroo tokko tokko namootni baay'een akka waan arrabni isaanii eenyummaakee jijjiiruutti, akka waan oduun isaani gatii si dhabsiisuu danda'uutti, akka waan Abdii si kutachiisuu danda'aaniitti, waan meeqa sirratti dubbatu, sirratti raawwatus. Ati garuu oduun isaaniifi dhiibbaan isaani akka waan tokko singoone yoo beekte, akkuma birrii sanaati. eenyummaakee sirraa mulquu hin danda'aan. Gatii qabda! dhiibbaa alaan sirratti godhamu osoo hintaanee, keessakeeti cimii dhaabadhu. gaafas ciminnikee dhiibbaa naannookeeti sirratti godhamuun sirraa hinmulqamu!. #Repost https://t.me/muje_oro https://t.me/muje_orhttps://t.me/muje_oro
إظهار الكل...

"Manni Murtii itti harree himatan hin jiru!"  Albert Inistaayin * Yeroo tokko Albert Inistaayin magaalaa keessa osoo deemuu gurbaan duuriyyeen/kash-labbeen tokko duuba isaan dhufee dhiite. Alberti ofuma irra mil'atee, ilaalee, dhiisee deemsa isaa itti fufe. Ammas xinnoo turee gurbaan duubuma deeme dhiite, yeroo lammaffaaf. Albert ammas ilaaletuma deemsa isaa itti fufe. Gurbaan duubuma deemee yeroo 3ffaaf yoo dhiitu, namoonni naannoo sana jiran arganii Albertin akkana jedhan "Abboo ati gurbaa si dhiitu seeraan hin himattu? Yookiin immoo of irraa hin rukuttuu?" jedhaniin. ⁃ Albert maal jedhe beektaa? "Ofirraa dhoorkuf ani yeroo hin qabu; Seeratti himachuuf manni murtii harree itti himatan hin jiru, namni nama hin dhiitu harreedha kan nama dhiitu" jedheetuma deemsa isaa itti fufe! Namni kaayyoo qabu waan karaa irratti isa qunnamu hundumaaf deebii kennaa hin deemu. Namoota ilaalcha harrummaa fi ilaalcha negetive siif qaban irraa fagaadhu! Kaayyoo galma gahuuf baate hamma geessutti duuba kee hin ilaalin! #Dhaamsa  ✓ Lafa yaadde gahuuf manaa baatee yeroo qormaanni si mudatu, qormaata sanaaf deebii laachaa ooltaa? Lakki dhiistee darbuu qabda. ✓Bakka kaayyoo kee gahuuf rakkinni akka jiru bartee, tuffattee bira darbitee deemuu qabda. ✓Waan hundumaaf deebii laachaa hin ooliin, kan si hinfayyadnedha baay'een. Yeroo kees hin gubiin. Kaayyoo keef Karoora Kee milkeessuuf Waca namootaa hindhaga'iin! Darbii deemi.Gaafa ati Milkoofte kan si hordofan hedduudha. #Repost https://t.me/muje_oro https://t.me/muje_oro
إظهار الكل...

👍 3
إظهار الكل...
#NAMNI ➮Ajandaa siif qopheessee akka ati Ajandaa mataa keeti hin qabaanne si godha ➮Mudannoo siif uumee akka ati mudannoo hin tannee (badaa) hojjettuuf ganamaaf galgala sirratti hojjeta ➮Cooma si nyaachisee akka ati qaaman ga'eessa hin taane akkaasumas umurii dheeraa akka hin jiraanne si godha ➮Yeroo malee si fiigsee iddoo hin taanetti humnii kee akka dhumuuf sirratti hojjeta ➮Nama gita kee hin taanee waliin wal'aansoo si qabsiisee kufattii keef harkaa siif rukkuta ➮Gindii ykn muka qonna isaa fannisee kan kee qoraan gochuuf warraa qottoo qaban sitti duulchisa ➮Baasii isaatiin tikeetii siif bitee akka ati gara dirree hunkuramaatti ol seentuuf si erga ➮Mana daawwitiin golgame keessa taa'ee jechaan si madeessa; akka ati aartee dhagaa itti darbatuuf mira kee kakaasa , isa booda erga ati dhagaa darbattee daawwitii isaa cabsiteef immoo hidhee si kolaasa. Ati garuu bara jiraattu keessatti nama hubataa ta'i ! Yoo siif danda'ame nama hundaa wajjin nagaattii jiraadhu! Wanti ati guyya guyyaatti hojjettu hundi jiraachuu kee boriif wabii wan ta'eef waan gootu Hundumaa utuu sammuu keen hin xiinxalin gonkumaa hin raawwatin! Gara wanta sammuun kee itti hin amanneetti tarkaanfachuuf gonkumaa miilla kee hin kaasin. Tapha sammuun kee irratti waliif hin galle irratti hirmaachuufis ta'e ol seenuuf miilla Kee gara dirree taphichaatti ol hin galchin. Namaafis jettee tapha hin taane hin taphatin sababni isaa nama Hundarraa waan gaarii waan hin arganeef.Ati ilaalcha namaa utuu hin taane eenyummaa kee isa dhugaa irratti xiyyeeffachuu qabda. Eenyummaa kee hin dagatin.Xaa'oo (kosiin) warshaa keessatti walitti daakamee lafa borqii ykn lafa midhaan baasuu didee tokko misoomsuf qote bulaaf akka raabsamu beekamaadha.Erga xaa'oon lafa midhaan ykn callaa gaarii kennuu dide tokko akka callaa gaarii argamsiisuuf lafatti faca'ee deebisee gabbisee,ati immoo akkamittiin jireenya kee jijjiruuf humnaaf dandeetti dhabdaree? Kanaafuu kaayyoo keef cichi.
إظهار الكل...
👍 1