cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Qeerroo Bilisummaa

Qeerroo_Bilisummaa Haqaaf falmanaa Yaada keessaniif: @Qeerroobilisummaa_bot

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
437
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Repost from Etana Habte
Photo unavailableShow in Telegram
Har’i guyyaa Haceen itti du’e osoo hintaane, guyyaa Haceen Oromoo fi Oromiyaa ijaaree itti darbedha, guyyaa Haceen Oromoo fi Oromiyaa warra hinduune, hindulloomne sabaa fi biyya ta’ee itti darbedha! Oromiyaa-biyya Haacaaluu Hundeessaa, Oromoo-saba Goota akka Haacaaluu Hundeessaa, Hacee-gaara guddaa Seenaa keessaa! Itti fufa qabsoon!🏔♥️
إظهار الكل...
Repost from Boontuu Baqqalaa
Watch "Hadhaa Mana Hacaaluu ODA awardii Baranaa irratti jechaa Jabaa dubatee kuno video Guyyaa sana 2022" on YouTube https://youtu.be/ef6VEj5kB14
إظهار الكل...
Hadhaa Mana Hacaaluu ODA awardii Baranaa irratti jechaa Jabaa dubatee kuno video Guyyaa sana 2022

WBO/ABOn, lubbuusaa qabsootti kitimee falma hadha'aa taasiseen herrega gabrummaa cufee mirga abbaa biyyummaa sabaasaa mirkaneessuutti jira. ====== Gabrummaan eelaa firri itti dhukkufatu ammoo ormi itti gammadu akka ta'ee eenyu duraayyuu dhokataa miti. Hadhaa gabrummaa isa koloneeffate utuu hintaane kan humnaan koloneeffamee waaroo salphinaa keessa jiraatu beeka. Uummanni keenya akka sabaattii cunqursaafi dhiittaa alagaan irraan ga'uufi akkasumas saamicha seenaafi molqamuu eenyummaa sirni impaayeera Xoophiyaa irraan ga'u jalaa ba'uuf qabsoo hadhawaa geggeessaa ture, jiras. Harqoota gabrummaa saggoo isaa gadi qabee barootaaf irratti of ijaare ofirraa finqilaachisuuf ijibaateera. Uummanni keenya sabboonummaafi gootummaa kaleessa abboota irraa dhaale gudunfatee egeree qananiituu Oromiyaa dhiigasaan bu'uuree dhalootaa dhalootatti dabarsaa yoona gahee jira. WBO/ABOn, dhiittaafi saamicha eenyummaa sirna bittaa mootota Abisiiniyaan uummatasaarra gahaa tureefi jiru xumura itti gochuuf erga gaafa qawwee malee bilisummaan Oromoo hindhugoomu jedhee bosona seenee kaasee falma hadhawaa wal irraa hincinne taasisuun diinaaf mataa dhukkubbiifi yaaddoo ammoo uummatasaa qaaliif gaachanaafi jajjaba ta'uu danda'eera. Afaan impaayerattiin beektuun itti dubbachuun har'a gahumsaafi jabina isaa itti agarsiisaa jira. Uummanni hidhateefi tokkoome ijifataadha jedhe kana amanu WBO/ABOn, har'a qeerroofi qarree akkasumas hawaasa isaa hidhachiisuun impaayeera Xoophiyaa raasaa jira. Raasuu irra darbees, lubbuusaa tokkitti qabsoof kitimee falma hadhawaa taasiseen herrega gabrummaa cufee mirga abbaa biyyummaa sabaasaa mirkaneessuu irratti argama. Akkuma beekamu WBO/ABOn, naamusaafi sansakaa abboota irraa dhaale akkasumas, gootummaafi cichoomina cuuphachiisee kuma kumaatama bobbaasee lolee lolchiisaa jira. Duulaafi shira waggoota sadii as itti duulame mara tooftaafi tarsimoo mataasaa anjeffatee qabsoo finiinsaa jiruun irra aanee har'a guutummaa biyyatti dhuunfachuun jabina irreesaa mul'isaa jira. Walumaa galatti, uummanni keenya bakka jiru maraa miiraafi hamilee tokkoon wal ta'ee falma isa dhumaa WBO/ABOn, mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf taasisaa jiru cina dhaabbattanii qooddattoota seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo akka taataniif barruun kun ergaa isiniif dhaamti. ** Maammuu Abbaa Qalaadii-irraati.
إظهار الكل...
Antonii Bilinkan fi Uhuruu Keeniyaataa dhimma Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti mari'atan (SQ-Mudde 29,2021) Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinkan fi Pireezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa dhimma rakkoo nageenyaa Itoophiyaa fi goolama siyaasaa Somaaliyaa akkaataa furuun danda'amurratti waliin mari'atan. Antonii Bilinkan Uhuuruu waliin dhimmoota waloo ta'anii fi dhimma naannawa Gaanafa Afrikaa fi Baha Afrikaarrattis mar'achuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis beeksiisan. Need Piraayis akka karaa toora tiwiitara isaanitiin jedhaniiti, qondaaltonni lamaan Itoophiyaa keessatti waraanni hatattamaan dhaabbatee nagaan akka bu'u, dhiittaan mirga namoomaa fi hookkarri akka dhaabbatu akkasumas mariin akka gaggeeffamuu qabu waliigalaniiru. Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan tattaaffii araaraa Pireezidaanti Keeniyaataa fi ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obasaanjoo gochaa jiran akka deeggaran ibsan. ''Mootummaan US tattaaffii araaraa fi jaarsummaa Pireezidanti Keeniyaataa fi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obasaanjoo taasisaa jiran cimsee akka deeggaru Ministirri Haajaa alaa kun ibsaniiru,'' jedhan Need Piraayis ibsa isaanii kanaan. Antonii Bilinkan dhimma goolama siyaasaa Somaaliyaarrattis yaada kennaniin filannoon hatattamaan gaggeeffamee rakkoon siyaasaa furamuu akka qabu dhaaman. Dureewwan naannolee biyyatti sadarkaa federaalaa fi naannootti jiran hundinuu filannoo paarlaamaa fi pireezidantummaa haqaa fi bilisa ta'e, kan xaxaa fi hannarraa qulqullaa'e hatattamaan gaggeessuurratti fuulleffachuu qabu jedhan qondaalli kun. Filannoon Somaaliyaa keessatti gaggeeffamu kan qaamni hunduu irratti waliigaluu fi bu'aansaa rakkoo biraa hin hordofsiisne ta'uu akka qabus dhaaman. Mootummaan US yaalii Ministira Muummee Somaaliyaa Roble aangoorraa kaasuuf taasifame ni morma kan jedhan Antonii Bilinken, qaamoleen hunduu dubbii dhaadhessuu fi hammeessuu akkasumas walsakaaluurra waliigalteedhaan gara furmaataatti fuulleffachuu qabu jedhan. Aangoonsaanii dursee kan obba'e Pireezidantiin Somaaliyaa Abdullaahii Farmaajoo, Ministirri Muummee biyyattii aangoo seeraan ala fayyadamaniiru, lafa mootummaas seeraan ala qabataniiru jechuun hanga qoratamee qulqullaa'utti aangoorraa ittisaniiru. Haata'u malee Ministirri Muummee kun tarkaanfii dhorkaa pireezidantichi dabarsan kanaan ''fonqolcha mootummaati'' jechuun tarkaanficha akka hin fudhannee fi hojiisaaniis akka itti fufan ibsaniiru. Atakaaroon qondaaltota lameen gidduutti uumamee jiru kun gara walitti bu'iinsa hamaatti deemuu mala sodaa jedhu uumeera. Maddi BBC !
إظهار الكل...
Gaazexeessaa fi barreessaa Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab boqote (SQ-Mudde 25,2021) Gaazexessaa fi barreessaa gameessi Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab umrii waggaa 53tti addunyaa kanarraa du'aan boqochuu maatiin isatti dhiyoo jiran BBCtti himan. Tasfaayee Gabra'aab ji'ootaaf dhukkubsataa kan ture yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti wal'aansa fayyaarra osoo jiruu guyyaa har'a Muddee 25, 2021 lubbuunsaa dabarte. Hojii og-barruu isaan akkaan kan beekamu Tasfaayeen, A.L.I Hagayya 22 bara 1960 maatii lammii Eertiraa ta'an irraa magaalaa Bishooftuutti dhalate. Maatiin isaa Eertiraa ta'anillee daangaa Eertiraa irraa gara Itoophiyaa giddu gala biyyaa imaluun magaalaa Bishooftuu buufatanii ijoollees achitti horan. Tasfaayeen yaadaa fi qalbiin isaa gara hojii og-barruu waan tureef umrii ijoollummaasaarraa eegalee barreessitoota hangafaa Itoophiyaa hedduu waliin michummaa cimaa qabaachaa akka turetu himama. Tibba aangoon Dargii obba'uurra ga'e keessa raayyaa waraanaatti seenuun leenjii erga fudhatee booda osoo baay'ee hin turin mootummaan humna waraanaan bulchu(Dargiin) waan kufeef, ADWUI waliin deebi'ee magaalaa Finfinnee galee hojii gaazexeessummaan tajaajilaa ture. Magaalaa keessatti dhalatee fi uummata Oromoof jaalala addaa akka qabu kan himu Tasfaayeen sirna moggaasaatiin Oromoomee, maqaan Gadaa jedhu kennamuufi hima. Dhaabbata maxxansaa hojiiwwan ijoo mootummaa guyyuu raawwatamu maxxansuun beekamu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti hanga hoji gaggeessaa olaanaa ta'ee tajaajiluutti kan ga'ee ture Tasfaayeen, wayita bulchiinsa isaa keessa gaazexaawwan maxxanfaman irratti fooyya'iinsi guddaan akka mul'atetu himama. Tasfaayeen barruuwwan maxxanfaman keessatti barreessitoonni gameeyyiin akka hirmaatan gochuudhaan akkasumas maxxansaawwan dhuma torbeetti ba'an irratti jiijjiirama bu'uuraa taasisuun fooyya'iinsa ajaa'ibaa akka argamsiise waahillan isaa ragaa bahuuf. Dabalataan barruu paartii biyya bulchaa ture-ADWUI-waliin hidhata cimaa qabu ''Iffooyitaa'' jedhamu hoogganuudhaanis ni beekama. Tasfaayeen osoo Itoophiyaa jiruu ogummaa gaazexeessummaan cinaatti kitaabota hedduu maxxansiiseera. Boodarra paartii biyya bulchuun waldhabuun Itoophiyaa keessaa miliqee Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Neezarlaandis fi biyyoota kaan keessa jiraateera. Tasfaayeen erga hojii gaazexeessummaa dhaabee booda hanga du'aan addunyaa kanarraa boqotutti jireenyasaa guutuu kitaaba barreessuu irratti dabarsuun hanga kitaabota saddeetii barreesseera. Hojiiwwan isaa saddeet caalan Afaan Amaaraan kan maxxanse barreessaan gameessi kun, kan daran isa beeksise asoosama dheeraa mata dureen isaa ''Ye burqaa zimmitaa'' jedhuudha. Kitaabni asoosamaa kun namoota kitaabicha dubbisan hedduu irraa qeeqa hedduu itti kaaseera. Isa boodas Tasfaayeen yaadannoowwan dhuunfaasaa hedduu, asoosamoota gaggabaaboo fi duudhaawwan irratti barreessuun dinqisiifannaa argateera. Tasfaayeen hojiiwwan barreeffamaa isaan akkuma dinqisiifatamu, namoota hojiisaa hordofanii fi dubbisanirraas qeeqi guddaan isa mudataa tureera. Hojiinsaa qabiyyeewwan hawaasa Itoophiyaa gidduutti dhibdeen akka uumamu taasisan irratti xiyyeeffatu jechuun namoonni baay'een ni qeequ. Barreessaa Tasfaayee Gabra'aab wayita gaazexaa 'Ifooyitaa' hoogganaa turetti hanqina maxxansaa bara dargaggummaasaa mudachaa tureen hojiiwwan osoo hin maxxanfamin hafan walitti qabuun walitti aansuun akka maxxanfaman godheera. Bara 1992-1993tti mata duree 'iffitaa' jedhu jalatti hojiiwwan kanaan dura osoo hin maxxanfamin hafan bifa kitaabaan qopheessuun kitaaba shanitti baasuun maxxansiiseera. Dabalataan qabsoo TPLF irraa eegalee hanga ADWUI'n finfinnee galuuttti taateewwan turan kan seenessu kitaaba mata dureen isaa ''Taraaroochin Yaanqaxaqqaxee Tiwuld'' jedhu barreessee maxxanseera. Tasfaayeen hojii ogummaa gaazexeessummaa fi barreeffamaan ADWUI keessatti adda durummaan hojiiwwan hojjetaa turee, boodarra dhibdee qondaaltota siyaasaa biyyattii waliin tureen Itoophiyaadhaa baqatee ba'uuf akka dirqame hime.
إظهار الكل...
Dargaggoo Aanaa Baayisaa Waraanni Bilxiginnaa ajjeesse. (SQ-Mudde 21,2021) Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti Mudde 19,2021 Dargaggoo Aanaa Baayisaa Waraanni Bilxiginnaa ajjeesuun dhagaa'ame. Achuuma Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Haaruu Xirootti kan dhalatte Dargaggoo Aanaa Baayisaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti ga'ee gudda ba'aacha kan ture yoo ta'u. Bara 2019 Humna tika Bilxiginnaan Magaalaa Amboo keessa qabamun manneen hidha akka Maayikelaawwii fi Qilinxoo keessatti dararaama ture. Waxabajji 29,2021 Manni Murtii Federaalaa bilisa isaa baasuun hidhaarra ba'ee osoo hin turiin waraanna Bilixiginnaan Mudde 19,2021 ajjeefame. mudde 18,2021 Magaalaa Naqamteetti Waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota 4 bakka tokkottu ajjeesun niyaadatama. Dargaggoota ajjeefaman keessa lama dhihoo mana hidha Qilinxoo irra kan ba'aanidha,tikifi waraanni pp Dargaggoota mana hidha irra ba'aan adamsee ajjeesa jira !
إظهار الكل...
Wallaggaa Lixaa Aanaa Hoomaatti Manni maatii qabsaa'oota gubachuun hidhama jirachuun dhagaa'ame. (SQ-Mudde 21,2021) Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Hoomaa Ganda Siibaa Meetosii jedhamutti mana Uummataa ibiddaan guba jirachuu madden SQ nuuf himan. Akka madden keenya jedhanitti Sababa ilma keessaantu Miseensa Waraanna Bilisummaa Oromootti ykn Bosona jira jechuun manafi qabeenyaa uummataa ibiddaan guba jiru. Haala kanaan Mudde 17,2021 Mana Maatii Miseensa Waraanna Bilisummaa Oromoo kan ta'e Sayid Huseen fi Qeerroo Muusxaafaa jedhamanii qabeenya isaan qaban waliin erga gubanii booda maatii hunda hidhun dararaa jiru jedhu madden SQ. Yeroo amma kana maatiin manni jala gubatee mana hidha Aanaa Hoomaa keessatti rakkoo arga kan jiran yoo ta'u, manni fi qabeenyii isaaniis waraanna murna Bilxiginnaan jala manca'ee qe'een qofatti hafee jedhu. Yeroo adda addatti murni Bilxiginnaa sababa ilma keetu Bosona jira jedhun mana uummataa guba kan tureefi jiruudha!
إظهار الكل...
📚📚👉wayi ajaa'ibuma!. ✓namni sammuun gabroome, waanuma isaan jedhan of see'a. Yoo horii jedhaniin falmachuu dhiisee, marga dheeduu shaakala. Farda yoo jedhaniin dugdii isaa akka kooraa baatuuf tolu ilaala. ✓namni sammuun gabroome, iddoo kennaniif taa'a, waan kennaniif nyaata, waan itti fe'an baata!. Kanaaf sammuu gabroome of hin baachisin mormaafuu ba'aa sitti ta'aa , sammuu qaroome horachuuf tattaafadhu!. @milkaainajireenyaa @milkaainajireenyaa @milkaainajireenyaa
إظهار الكل...
Kibbaa Oromiyaatti Waraanni PP ilman Oromoo humnan gara mooraa Waraannatti geessun haadha Oromoo boosisuun itti fufe. (SQ-Mudde 11,2021) Harmeen Vedio tanarra, jiraatu magaalaa Mooyyaleetti ilma isheen qabdu humnan qabanii gara Waraannatti erga jiru. Harmeen kunis Mooyyalee irraa KM 203 deemun gara Magaalaa Yaaballoo deemun Kaambii waraanna PP kan Mucaan ishee keessa jiru dura taa'uun boo'aa jirti. Murni Bilxiginnaan Duula Milinikiif ilmaan Oromoo fedhii malee Oromiyaa keessa ukkaamsun gara adda waraannatti guurun qe'ee Oromoo boo'icha dhalchiisutti argama!
إظهار الكل...
Shirrii siyaasaa ka gama hundaan Oromoof Oromiyaa irratti labsame, Finfinnee haga Keeniyaatti lubbuu ilman Oromoo galafachuu itti fufee. (SQ-Mudde 3/2021) Halkanoo Galgaloo jedhama. Ijoollee County Marsabeeti ta Boorana Saakhuuf Waasooti kaleessaa Mudde 02/2021 konkolaataa baasii ka Mooyyalee Liner jedhamu ka Mooyyalee irraa gara magaalaa Naayiroobiitti imalaa jiru, Dheeda Boorana Marsabeeti, ardaa Badhaasaatti miskiinuma Waaqaa ka dhimma jiruutiif gara Naayiroobiitti imaluuf deemu konkolaataa keessaa buusanii billaan qalanii biraa deeman, Biyya Keeniyaa Godina Muraangaa keessatti. Asiin duras yeroo baay’eef Oromoota Booranaa kan Dheeda Boorana Dirree akka akkaa irraa gara Dheeda Boorana Saakhuuf Waasootti himalaa turan konkolaataa keessaa buusanii akka horiitti billaan qalanii lubbuu Oromoota hedduu balleessaa turuun ni yaadatama. Torbaan lamaan duratti Dheeduma Boorana Saakhuu arduma badhaasaa kanatti Oromoo Booranaa nama 16 oli konkolaataa Naayiroobii irraa gara Mooyyaleetti himalaa jiru keessaa yaasanii jumlaan rashanuun ni yaadatama. Waraanni siyaasaa ka Oromoota biyya Keeniyaa keessatti irra dedeebiin uumamu kun Oromoo Booranaa fi Gabraa jidduutti adeemamaa jira. Kana ammoo duubaan shirrii mootummaa xoophiyaa harka keessaa qabaachuun ifaadha. Boorana Keeniyaa kan Marsabeeti keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo Ardaa Solooloo waggaa dheeraaf waan qubatee jiruuf, shirrii mootummaan xoophiyaan xaxame gaaga'aama siyaasaa hadhaawaa kana uumaa jiraachuun hubannee jirra. Obsuun nu gahee jiraa; callisaa warrii badee, iyyaa warrii ganame akkuma jedhamu, obsuun nu gahee jira waan tayeef Oromoon kallattii maraan diina ufirraa qolachuu qofa fallii.
إظهار الكل...