cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Jaalala♡Qulqulluu💖

Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
12 489
المشتركون
+624 ساعات
+887 أيام
+67830 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Yeroo jaalalaa keessatti if dinqisiifachuu caalaa nama jaalattu san dinqisiifachuu irratti sammuu kee leenjisi. Deddeebistee waa'ee keetii yoo dinqisiifatte miira ati nama gaarii tahuu, miira ati nama jaalattu san irra caaluu, miira ati qulqulluufii nama amala laafaa qabu tahuu takkaatu sitti dhagama, yeroo miirri khun irra daddeebiin si dhadhagahame dhumarratti miira ati nama si madaaluu waliin jiraachuu dhabuutu sitti dhufa, yeroo san waliin turuu irra gargar bahuun caalee waan si mullateef wal dhabdan. Yoo garuu nama jaalattu san haalaan dinqisiifachuu irratti sammuu tee leenjifte yeroo cufa waan gaarii irratti waliin dhaabbattan, xiqqo wal lollaan waan wal dhabuuf deemtan isini fakkaateetii daftanii furmaata barbaaduu irratti ceeetan. Wal dinqisiifachuu dhabuutu mana gaarii facaasu jira. Isiin(inni) ana irra gaariidha ja'aati wal dinqisiifachuu baraa❤️‍🔥 🍃🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
إظهار الكل...
👍 28 7
Yeroo jaalalaa keessatti if dinqisiifachuu caalaa nama jaalattu san dinqisiifachuu irratti sammuu kee leenjisi. Deddeebistee waa'ee keetii yoo dinqisiifatte miira ati nama gaarii tahuu, miira ati nama jaalattu san irra caaluu, miira ati qulqulluufii nama amala laafaa qabu tahuu takkaatu sitti dhagama, yeroo miirri khun irra daddeebiin si dhadhagahame dhumarratti miira ati nama si madaaluu waliin jiraachuu dhabuutu sitti dhufa, yeroo san waliin turuu irra gargar bahuun caalee waan si mullateef wal dhabdan. Yoo garuu nama jaalattu san haalaan dinqisiifachuu irratti sammuu tee leenjifte yeroo cufa waan gaarii irratti waliin dhaabbattan, xiqqo wal lollaan waan wal dhabuuf deemtan isini fakkaateetii daftanii furmaata barbaaduu irratti ceeetan. Wal dinqisiifachuu dhabuutu mana gaarii facaasu jira. Isiin(inni) ana irra gaariidha ja'aati wal dinqisiifachuu baraa❤️‍🔥
إظهار الكل...
Hiriyyummaa gad aantummaan keessatti sitti dhagahamu hin hiriyyoomin. Yoo dandeesse hiriyyaa mana keetti biddeena barbareen waliin nyaattee mana isaa yeroo deemtees akkasumatti biddeena barbaaree waliin nyaattu yoo hiriyyoomfatte irra siif wayya. Hiriyyaa style jireenyaa keetiifii kan isaa dachiifii samii jirutti hin hidhatin gad aantummaan akka sitti dhagamu si taasisaa. Hariifa tahi bakka siin maltuufii mataa itti ol qabattee jiraattu filadhu.
إظهار الكل...
❤‍🔥 36👍 6
Seerri kun qulqulleessadha🥰 🥰Nama abbaan manaa hin jaalanne haati manaa mana isii hin neeyxu. 🥰Bakka abbaan manaa hin jirretti haati manaa kophaa isii odoo jirtuu dhiira "ajnabii" ol naquun dhoorkaadha odoo saahiba abbaa manaa isii taaheehillee. 🥰Haati manaatiis, abbaan manaatiis wal malee nama biraa ka saala faallaa harka fuudhuun dhoorkaadha. Yoo nama hayyamamu tahe malee... 🥰Dhiirti takkaafii dhalaan takka "nikhaa" malee waliin kophaa bahuun dhoorkaadha. 🥰Dubartiin takka eega herumtee booda abbaa mana isii malee dhiira biraatii waliin yoo ciifte(badii daleeyde) ni ajjeefamti tumamtee, dhiirriniis akkasuma. Seera kanatti buluu dhabuutu badii baayyise ! 🍃🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
إظهار الكل...
🙏 26👍 19 2
Mee yaada keessan.....! Dhiirrii miskiinaa kan hiyyummaa keessatti guddate tokko dubara tujjaaraa tan qananii keessatti guddatte fuudhuun bultii irratti dhiibbaa ni qabaa?
إظهار الكل...
27👍 8
Jaallatamaa kiyya Irra caalaa khalqii Maqaa kee yoon kaasu Na boqatti Qalbiin #Yaa_Rasuulallaah 💚 ﴿إِنَّ اللَّهَ وَمَلائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ يَاأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا ﴾ #صلى_الله_عليه_وسلم  💚 👤 Seeyfal Islaam     
إظهار الكل...
😍 3
Waaniin barbaade itti balleessuus na dhiiftee hin deemne, Rakkinni fadhe na mudatuus na dhiiftee hin deemne. Naaf yaadde, naaf yaaddoote, yeroo hunda nama hunda irra gama keeti jaalatamaa na taasifatte, haala hedduu keessa na waliin dabarafatte. Siin jaaladha, humaatiinuu si hin jijjiiru, fadhii qaamaafii barredina gubbaa qofaa miti qulqullina namuummaa keetiitu na bate, hedduun si jaaladha habiibtii tiyya. Jummaa gaarii naaf qabaadhu. 🍃🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
إظهار الكل...
16👍 4
Siif maraadhee lachuu dhabee Siif gufadhee kichuu cabee Maraattuu sirnaa tahee Namummaa keessaa bahee Siif marmaaree lafa hundaa Siif abaaree nama guddaa Ati naaf hin hubanne💔 Onneen koo siif gaggabuu Lafeen koo siif caccabuu Siif okkolee, siif meelachuu Siif dhukkaa'ee, siif eelachuu Xiyyaara yaadan siif imaluu Ati hin beekne siif hin galu Gad hin ciisne takkaa dirraan Si jaaladha keessaf irraan...... Jaalala koo naaf hubadhuu Na yaali mee na fudhadhuu 🍃🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
إظهار الكل...
24👍 10
🙏Hoonga bilchinaa🙏 Gaafa Jaartii isaa turte "Haadha manaa tiyya hamtuun isii dubbachuu hin fadhu" ja'eeti warra waa'ee isii hammeenyaan dhagahuu fadhutti odeessuu dide. 👌Wal dhabanii gargar baanaan(Hiiynaan) "Nama hoggansa kiyya jalatti hin jirre maqaa hamaan kaasee hammeessuu keessatti bu'aan argadhu hin qabu" ja'eeti maqaa isii eegeef. Nama kee godhattee dhuunfattee jirtu bakka carraan waa'ee isaa/isii dubbachuu si mudetti faarsi, odoo hanga feete waliin Rakkamaa jiraattelleedhaa. Nama dhuunfattee kee godhattee jirtu isaan dubatti xiqqeessuun isaan odoo hin taane sihi tuffatamaa godha ! 🍃🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
إظهار الكل...
23👍 5🥰 2
"Brother/sister" si bira taa'ee nama tokko haalaan faffaarsee, waan nama sanii dhaadheeysee yoon sitti hime nama san jaaladheetiin jira, na bira teessee hin arrabsin. Nama Jaalatan dubbataa oolu.🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
إظهار الكل...
👍 23🙏 2