cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

BBC Afaan Oromoo Official

Oduu - BBC News Afaan Oromoo BBC Afaan Oromoo irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koo

Show more
Finland18The language is not specifiedNews & Media1 348
Advertising posts
97 470
Subscribers
+17024 hours
+1 0827 days
+4 20330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Manni Murtii Yakkamtoota Idiladdunyaa-ICC, Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu yakkoota waraanaa fi yakkoota dhala namaarratti raawwateen himatamee hidhaan isa mudachuu danda'a jedheera. Qondaalli kun garuu mufatannaadhaan deebii kennan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zdQaPI1
Show all...

Pireezidantiin US Joo Baayidan gita isaanii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Waayit Haawusitti erga simaatnii booda haasaa godhaniin, Keeniyaa ''michuu jabduu'' US jechuun labsan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xYCDJFA
Show all...

Biyyoonni Afrikaa, Baha Giddu Galeessaafi Eshiyaa hedduunsaanii Filisxeemif beekamtii kennaniiru. US dabalatee biyyoonni akka UK, Faransaayi, Kanaadaa, Jarman, Awustiraaliyaa, Jaappaanifi Kooriyaa Kibbafi biyyoonni Awurooppaa hedduunsaanii Filisxeem biyya walabaa ta'uushee eekamtii hin laanne. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/pTdsnkA
Show all...

Tibba kana suurriifi viidiyoon dironii Godina Horro Guduruu Wallaggaa ooyiruu keessatti kufee argame jedhame miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jira. Gareen BBC verify, ogeeyyii dhimma meeshaa waraana xiinxalan waliin suuraalee kana kan xiinxale yeroo ta'u, dirooniin kufe kun gosa diroonii waraanaa Turkitti omishamu Baayiraaktar TB2 jedhamu ta'uu akka hin oolle hubateera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Kje8FBf
Show all...

Lammileen Eeritraa biyyoota garaa garaatti argaman Jimaata har'aa Caamsaa 24 guyyaa walabummaa saanii kabajatu.Biyya isaaniitiin ala ta'udhaan waggaa walabummaa 33ffaa wayita kabajataniittis, humnoonni poolisii biyyoota adda addaa jeequumsiifi walitti bu'iinsi ni umama jechuun of eeggannooratti argamu. Ofii lammiileen biyyattii biyyoota biraatti argaman maaliif wal lolu?Lammiileen Eertiraa biyya isaanii keessa jiran guyyaa Bilisummaa kana yeroo kabajan jeequmsa kaasuu hin danda'an. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Lf8Pqgk
Show all...

Maanguddoon kun maqaansaanii Aaddee Iteetuu Maammoo jedhamu. Jiraattuu Finfinnee yoo ta'an, waggoota 20 oliif garee kubbaa miilaa Ingiliiz keessaa tokko kan ta'e Arsenaal deeggaruun beekamu. Waa'ee garee kanaafi attamiin akka jaalala kubbaa miilaatiin akka qabaman akkasiin dubbatan, kunooti dhiyaadhaa. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/tFVTdUN
Show all...
Maanguddoo Finfinnee dulluma keessa jaalala Arsenaaliin booji'aman

Maanguddoon kun maqaansaanii Aaddee Iteetuu Maammoo jedhamu. Jiraattuu Finfinnee yoo ta'an, waggoota 20 oliif garee kubbaa miilaa Ingiliiz keessaa tokko kan ta'e Arsenaal deeggaruun beekamu. Waa'ee garee kanaafi attamiin akka jaalala kubbaa miilaatiin akka qabaman akkasiin dubbatan, kunooti dhiyaadhaa.

Maanguddoon kun maqaansaanii Aaddee Iteetuu Maammoo jedhamu. Jiraattuu Finfinnee yoo ta'an, waggoota 20 oliif garee kubbaa miilaa Ingiliiz keessaa tokko kan ta'e Arsenaal deeggaruun beekamu. Waa'ee garee kanaafi attamiin akka jaalala kubbaa miilaatiin akka qabaman akkasiin dubbatan, kunooti dhiyaadhaa. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/tFVTdUN
Show all...

Bulchiinsi Pireezidant Joo Baayidan yeroo duraaf waamicha kabaja olaanaa (State Visit) biyya Afrikaaf yoo qopheessu, hiree kana kan argatte ammoo Keeniyaadha.Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waamicha kana hordofee gara Ameerikaa imalaniiru. Ofii Ameerikaan maaliif dursaa Keeniyaa filatte? via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ZeR3Bnq
Show all...

Odolawwan shan kan qabu Haroon Dambal, qarqara magaalaa Baatuutti argama. Haroon kunis bakka bashannanaa fi kan namoonni qurxummii soorachuuf dhaqan ture. Amma erga sochiin bidiruu dhorkamee ji'a caale. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Jr15490
Show all...

Balaliinsa tibbana Landan irra gara Singaapooriitti taasifamaa ture irratti raafama (turbulence) xiyyaaraa hamaa uumameen, namni tokko du'ee hedduun madamuun dhagahameera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rRSGC2o
Show all...