cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Oromia Education Bureau

Oromia Education Bureau News is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the Country. πŸ”Ž#YouTube https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau.

Show more
Finland16The language is not specifiedEducation1 008
Advertising posts
101 121
Subscribers
-424 hours
+2617 days
+79630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Show all...
πŸ‘ 18πŸ‘Ž 8🀝 4
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
Photo unavailableShow in Telegram
Show all...
πŸ‘ 157❀ 70🀝 33πŸ‘Ž 16πŸ™ 3
πŸ‘
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
Show all...
πŸ‘ 18❀ 9πŸ‘Ž 3
​Caamsaa 03/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12faa Bara 2016, #Adoolessa 03/2016 Eegalu #Sagantaan Har'a Baheera. πŸ”” You Tube Official πŸ”” - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. πŸ‘ Facebook  Official πŸ‘ - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ πŸ“– New curriculum πŸ“– - https://t.me/oeb_book_store
Show all...

πŸ‘ 116❀ 43🀝 13πŸ‘Ž 1
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
​QORMATA BARA 2016 #1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi #2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama. ------------------- BBO-Ebla 30/2016 #1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas; 1.Afaan Oromoo/Amaariffa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% . #2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas; 1-Afaan Oromoo/Amaariffa 2-Afaan Ingilizii 3- Herrega 4- Saayinsii Hawaasaa 5- Saayinsii Waliigalaa 6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a #DHAAMSA! #_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba, #_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu, #_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu, #_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu, #_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti. #CARRAA_GAARII !! BBO πŸ”” You Tube Official πŸ”” - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | πŸ‘ Facebook  Official πŸ‘ - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ πŸ“– New curriculum πŸ“– - https://t.me/oeb_book_store
Show all...

πŸ‘ 185❀ 44πŸ™ 14🀝 13πŸ‘Ž 1
πŸ‘
πŸ‘Ž
♻️
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
​#HUBANNOOn Hammattoo Bu'uuraalee Qulqullina Barnootaa (Education Quality Foundation Framework) Irratti Qabnuu #Gochaan_Mul'isuu_Qabna. ---------------------- BBO- 28/08/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf hoggansa, ogeeyyii barnootaafi barsiisotaaf #Hammattuu_Bu'uuraalee_Qulqullina_Barnootaa irratti dabareen leenjisuun hanga manneen barnootaatti caasaa gad diriirsuun ni yaadatama. Bu'uuraaleen Qulqullina Barnootaa kan jedhaman 4 yoo ta'an, afranuu kan #addaan_bahuu_hin_dandeenyefi_walitti_hidhannaan qabanis daran cimaa ta'uurraa kan ka'e wal deeggaranii kanneen dhaabbataniidha , isaanis; #1_Ciicata/Galtee (Input) #2_Adeemsa (Proccess) #3_Bu'aa (Output) #4_Hordoffiifi Deeggarsa (Follow Up & Support) #1_Ciicata :- Ciicata jalatti kanneen irratti hojjatamuu qaban: #Barataa Barnootaaf Qophaa'aa ta'e, #Barsiisaa gahumsa qabu, #Sirna barnootaa gahumsa irratti hundaa'ee(competency based curriculum) qophaa'e #Manneen Barnootaa istaandardii guutan, #Hoggansa gahumsa qabuufi #Qabeenya MB, humna namaa gahaa qabuufi galii keessoo gahaa qaban waan ta'aniif dhimmoota kanneeniifi kkf guuttachuu hoggansiifi ogeessi barnootaa hunduu xiyyeeffannoon irratti hojjachuu qabu. #2_Adeemsa:- Bu'uurri lammaffaan adeemsa yoo ta'u, adeemsi baruu-barsiisuu ciicata argaman kanneen haalaan itti fayyadamuuf #Mala baruu- barsiisuu gahumsa irratti hundaa'een(competency based methodology) fayyadamuu, #Qooda fudhattoota barnootaa; maatii barattootaa, hawaasa, qaamolee mootummaafi GTB hirmaachisuu, #Hira daree- barataa adeemsa baruu- barsiisuuf mijataa ta'e uumuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf daandii sirrii agarsiisuu ta'a. #3_Bu'aa:- Bu'uurri 3ffaan bu'aa yoo ta'u, #Dubbisuu, Barreessuufi Shallaguu barattootaa irratti hojjachuun gahumsa uumeefi #Qormaata kutaa, Naannoonoofi Biyyoolessaa irratti argaman, bu'aa yeroo gabaabaafi dheeraatiin adda baasuu irratti hojjachuudha #4_Hordoffiifi_Deeggarsa:- Utubaan 4ffaan hordoffiifi deeggarsa yoo ta'u, #Duub_deebii sadarkaa bu'aatti mul'atan qaaccessuun rakkoowwan adda baasuun furmaata kaa'aa adeemuu ta'a. #Hub :- Bal'ina yaada hammattoo kanaa sanada leenjii irraa ilaaluu ni dandeessu! #Bu'uuraalee/utubaalee/ qulqullina barnootaa ittiin mirkaneessuuf hojjatamaa jiru kana biiroo irraa eegalee hanga waajjiraalee barnootaa godina/bul. Magaalaafi aanaa hoggansifi ogeeyyiin barnootaa, dura bu'ootni MB barnootaa, Supparvaayizarootni barnootaa, Koreen GMB, BBLGfi GTB hundi #hubannoo guutuu argatan/ qabaatan qofa galma gahuu akka danda'an beekamaadha. Kanuma bu'uura gochuun BBOn yeroo adda addaatti hawaasa barnootaa armaan olitti maqaan ka'e dabaree dabareen leenjii kennaafii tureera. Leenjii kenname irratti hundaa'uun hojiitti jijjiiruuf kanneen carraaqan akkuma jiran, kanneen yaalaa hinjirres hedduun jiraachuun isaanii mul'ataniiru. Kanaafuu, qulqullina barnootaa dhugoomsuuf biirooniifi mootummaan keenya xiyyeeffannaan hojjataa jiru galmaan gahuuf hunda dura hawaasni barnootaa hundi Hammattoo Bu'uuraalee Qulqullina Barnootaa (Education Quality Foundation Framework) hubachuufi hojiirra oolchuuf gahumsa qabaachuun barbaachisaadha. #Sanada_Hammattoo Bu'uuraalee/Utubaalee/ Qulqullina Barnootaa yeroo yeroon leenjiin irratti kennamaa ture kunis qorannoofi kuufama muuxannoo yeroo dheeraa irratti hundaa'uun rakkoo barnootaa naannoofi biyya keenyaa ni fura jedhamee kan qophaa'eefi yaada hayyoota adda addaafi ogeessota barnootaa muuxannoo olaanaa qabaniin kan mirkanaa'edha. Walumaa galatti, dhalootni haaraan barnoota qulqullina qabu akka argatan, gahumsa horachuun sadarkaa addunyaatti dorgomtoota ta'anii akka bahaniifi saayinsiifi teeknooloojiin misooman gargaaruuf #Hammattuu_Utubaalee_Qulqullina_Barnootaatti_beekumsaafi_gahumsaan_fayyadamuun barbaachisaadha. πŸ”” You Tube Official πŸ”” - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. πŸ‘ Facebook  Official πŸ‘ - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ πŸ“– New curriculum πŸ“– - https://t.me/oeb_book_store
Show all...

πŸ‘ 162❀ 53🀝 7πŸ™ 6πŸ‘Ž 5
πŸ‘
πŸ‘Ž
♻️
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
​24/08/2016 #Hatattamaan_Haa_Raawwatu! Waajjira Barnotaa #Godinaalee_21fi Waajjira Barnootaa #Magaalotaa_23 tiif B.J. ---------------- #Lafa_Mana_Jireenyaa_Barsiisotaa yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf Bul. Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qajeelfama dabarsee ture irratti hundaa'un Magaalotni muraasni qajeelfama mootummaa kabajuun kan raawwatan yoo ta'u, magaalotni hedduun ammas rincicaa jiru. Kanaafuu, Waajjirri Barnootaa Godinaalee 21fi Waajjirri Barnootaa Bul. Magaalota 23 dhimma kan qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uun hordoffii wal irraa hin cinne taasisuun akka raawwachiistan xalayaan isin gaheera. πŸ”” You Tube Official πŸ”” - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | πŸ‘ Facebook  Official πŸ‘ - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ πŸ“– New curriculum πŸ“– - https://t.me/oeb_book_store
Show all...

πŸ‘ 228❀ 71🀝 20πŸ‘ 17πŸ™ 17πŸ† 10
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New Curriculum πŸ“–