cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

FBC Afanoromo

This is FBC Afan Oromo official Telegram channel. For more updates please visit www.fanabc.com/afanoromo

Show more
Finland75The language is not specifiedNews & Media2 734
Advertising posts
48 810
Subscribers
+2124 hours
+1827 days
+84730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Dubartoonni miseensa Mana marichaa fi Caffee Oromiyaa waamicha nageenya dhiyeessan Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Dubartoonni miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaa qaamolee hidhannoon socho’aniif waamicha nageenya dhiyeessaniiru. Rakkoo nageenyaan adda durummaan kan miidhaman daa’immanii fi dubartoota waan ta’aniif nageenyi waaraa akka jiraatuuf gahee isaa kan bahatan ta’uu miseensonni kunneen ibsaniiru. Sirna Gadaa keessatti hadhooliin siinqee waraana dhaabu kan danda’aan Siinqeen… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/dubartoonni-miseensa-mana-marichaa-fi-caffee-oromiyaa-waamicha-nageenya-dhiyeessan/
Show all...
👍 15 6
Photo unavailableShow in Telegram
Obbo Ashaadiliin Paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin mari’atan Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan Paartilee morkattootaa naannicha keessa socho’an waliin mari’ataniiru. Obbo Ashaadiliin, Paartiileen morkattootaa naannicha keessa socho’an nageenya ummataa fi misoomaaf dursa kennuu akka qaban ibsaniiru. Rakkoolee nageenyaa waggoottan darban naannicha mudateen bu’uraaleen misoomaa hedduun barbadaa’uu himaniiru. Paartiileen Morkattootaa dhimmoota tokkummaa ummaataa cimsanirratti mootummaa waliin… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/obbo-ashaadiliin-paartilee-siyaasaa-naannicha-keessa-sochoan-waliin-mariatan/
Show all...
3
Photo unavailableShow in Telegram
Lammiileen kumni 1 fi 199 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’an Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa turan kumni 1 fi 199 har’a balalliiwwan sadiin gara deebi’aniiru. Ebla 4, 2016 eegalee hanga ammaatti lammiilee kumni 28 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarra argame ni mul’isa. #Oromia #Ethiopia https://www.fanabc.com/afaanoromoo/lammiileen-kumni-1-fi-199-saaud-arabiyaarraa-deebian/
Show all...
👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
Nageenya qe’ee keenyaa tikfachuun nageenya Oromiyaaf murteessaadha – Obbo Abdurahmaan Abdallaa Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Mariin dhimma nageenyaa fi misoomaarratti xiyyeeffate Godina Booranaatti gaggeeffameera. Maricharratti sadarkaa Itti Aanaa Pireezdaantiitti Qindeessan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Abdurahmaan Abdallaa ,nageenya qe’ee ofii tikfachuun nageenya naannoo fi biyyaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Jiraattoonni Godina Booranaa ijaaramuun nageenya qe’ee isaanii tiffachuu akka qaban dhaamaniiru. Hojiilee nageenya waareessuuf hojjetamu keessatti misoomaan utubaa deemuun… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/nageenya-qeee-keenyaa-tikfachuun-nageenya-oromiyaaf-murteessaadha-obbo-abdurahmaan-abdallaa/
Show all...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Oromiyaatti hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5.8 dhiyaachuun qonnaan bulaaf raabsamaa jira jedhame Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa kana xaa’oo kuntaala miiliyoona 8.8 dhiyeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 5.8 dhiyaachuun raabsamaa jiraachuu Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa ibse. Bara kana sadarkaa Naannoo Oromiyaatti callaa guddistuu yeroodhaan qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf qaqqabsiisuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Hoogganaan Ejensii… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/oromiyaatti-hanga-ammaatti-xaaoon-kuntaalli-miiliyoonni-5-8-dhiyaachuun-qonnaan-bulaaf-raabsamaa-jira-jedhame/
Show all...
👍 4
Photo unavailableShow in Telegram
Dhibeewwan daddarboo hin taane seektara fayyaarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsame Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Dhibeewwan daddarboo hin taane seektara fayyaarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise. Dhiyeessa qorichaalee dhibee Kaansarii fooyyessuuf qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffameera. Sadarkaa biyyaalessaatti Dhaabbilleen Mootummaan kumni 1 fi 400 Talaallii, Qorannoo fi yaala Kaansarii fiixee gadameessaa kennaa jiraachuu marichaan ibsameera. Mootummaan waggaa waggaan dhiyeessa qoricha dhibee Kaansariif Birrii… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/dhibeewwan-daddarboo-hin-taane-seektara-fayyaarratti-dhiibbaa-uumaa-jiraachuu-ibsame/
Show all...
👍 5🥰 2
Photo unavailableShow in Telegram
Itiyoophiyaan Ijaarsa Diinagdee Dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti – Obbo Tamasgeen Xirunaa Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Ijaarsa Diinagdee Dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsaniiru. Argisiisa Istiraayid Itiyoophiyaan hojii Ijaarsa Diinagdee Dijitaalaa qormaatilee hanga ammaatti jiruu fi karoora yeroo itti aanirrattu mariin paanaalii gaggeeffameera. Misoomni diijitaalaa carraa misoomaa gara fulduraa biyyaa fi fayyadamummaa tokkoon tokkoo lammiilee biyyattii… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/itiyoophiyaan-ijaarsa-diinagdee-dijitaalaaf-xiyyeeffannoo-kennitee-hojjechaa-jirti-obbo-tamasgeen-xirunaa/
Show all...
👍 2 2
Photo unavailableShow in Telegram
Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Magaalaa Dambii Dollootti dhimmoota misoomaafi nageenyaarratti hawaasa waliin mari’ate Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Dollootti dhimmoota misoomaafi nageenyaarratti hawaasa waliin mari’ateera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa itti dhiyeenyaan mariisisuun hudhaalee darbanii darbanii gama nageenyaafi misoomaan mul’atan hiikuun galma karoora xiiqii qabate milkeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera. Bara kana Godinichatti… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/jilli-obbo-awwaluu-abdiin-durfamu-magaalaa-dambii-dollootti-dhimmoota-misoomaafi-nageenyaarratti-hawaasa-waliin-mariate/
Show all...
👍 7😁 1
Photo unavailableShow in Telegram
Tigraayitti Indaastiriiwwan haaraan 227 hojii eegalan Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Naannoo Tigraayitti baatiwwan saglan darban Indaastiriiwwan haaraan 227 hojii eegaluu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru. Bara baajataa kana oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu fi daldala alaa deeggaruun sharafa alaa hir’isuuf hojii jajjabeessan hojjetamuu eeraniiru. Oomishaaleen Meetirik Tooniin 2.2 Birrii biiliyoona 3.1 baasaan kan biyya… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/tigraayitti-indaastiriiwwan-haaraan-227-hojii-eegalan/
Show all...
👍 4 3
Photo unavailableShow in Telegram
Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf Dhaabbileen Miidiyaa gahee isaani bahachuu qabu – Ambaasaaddar Mahammad Diriir Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Milkaa’ina Marii biyyaalessaaf dhabbiileen Miidiya qajeelummaa dhugaafi amanamummaan gahee isaanii bahachuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii marii Biyyaalessaa komishinar Ambaasaaddar Mahaammad Diriir. Komishiniin marii biyyaalessaa mata dure “milkaa’na Marii biyyaalessaaf gahee miidiyaalee” jedhuun ogeeyyii fi Hoggaansa Miidiyaalee waliin mari’ataa jira. Mariicharratti Ambaasaaddar Mahaammad akka ibsanitti, milkaa’ina marii biyyaleessaaf haaldureewwan turan adeemsa… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/milkaaina-marii-biyyaalessaaf-dhaabbileen-miidiyaa-gahee-isaani-bahachuu-qabu-ambaasaaddar-mahammad-diriir/
Show all...
👍 4