cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Oshoo Official

kaayyoon chaanelii kanaa Sammuun dhaloota kanaa akka xiinxalu taasisuudha.Yaada keessaniif @Wakjirabraham link:https://t.me/+F29iJnDKops5Y2Fk Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=61557676583508

Більше
Рекламні дописи
7 827
Підписники
+9124 години
+1117 днів
+21230 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Namoonni tokko tokko akkamitti dubartiin Jalloodha! Jetta jechuun na komatu. Dhugaa qabu.Mirgaas qabu. Waa'ee jallina jaraa itti deebina. Yoo lubbuun jiraanne nama hubatuuf,Jallinni dubartii ilma dhiiraatif faayidaa guddaa qaba. Miidhama guddaas qaba.Waan lama qofa.Milkaahuu yookaan Maraachuu.Garaagarummaa kana kan fidu ciminaa fi dadhabina Dhiiraati.Yoo jallina ishee dandamachuu dandeesse Dhiira jabaa taatee baata.Garuu Carraa xiqqoo qabda.Waaqni jabina siif haa laatu.Akkasuma yoo jallina ishee dadhabde,Sammuun kee nyaatameeti,maraattuu nuuf taata.Yoo jabaattee jalaa baate,jallinni Dubartii akka Aduutti guddisee si muldhisa.Harka yoo kannite immoo kophaa haasawaa of argita.Kanaafuu jabaadhu.Afaan isheetis baradhu.Adabaas goradhu.Ishee waliinis morkii hin galin.Jallina isheetiis amaniiti waliin jiraadhu.Sossobaa horadhuun.Dubartiin ati jalloo miti jettee quba natti qabdu,kan ishee uumeetu "Lafee jalloo" irraa uumamuu ishee siif hime.Anarraa bu'i.Dhugaa qeebali.Dubartiin akka Lafee jajalloo cinaachaati.Amma yaa'ii dhiisi.Naaf qajeelchi jetteetis hin kadhatin.Waan hin qajeelle hin gaafatin.Ati qajeeliif.Anaas qajeelchiif jedhii karadhu.🏃🙆
Показати все...
Namoonni tokko tokko akkamitti dubartiin Jalloodha! Jetta jechuun na komatu. Dhugaa qabu.Mirgaas qabu. Waa'ee jallina jaraa itti deebina. Yoo lubbuun jiraanne nama hubatuuf,Jallinni dubartii ilma dhiiraatif faayidaa guddaa qaba. Miidhama guddaas qaba.Waan lama qofa.Milkaa'uu yookaan Maraachuu.Garaagarummaa kana kan fidu ciminaa fi dadhabina dhiiraati.Yoo jallina ishee dandamachuu dandeesse dhiira jabaa taatee baata.Garuu Carraa xiqqoo qabda.Waaqni jabina siif haa laatu. Akkasuma yoo jallina ishee dadhabde,Sammuun kee nyaatameeti,maraatuu nuuf taata.Yoo jabaattee jalaa baate,jallinni Dubartii akka aduutti guddisee si muldhisa. Harka yoo kennite immoo kophaa haasawaa of argita.Kanaafuu jabaadhu.Afaan ishees baradhu.Adabas godhadhu.Ishee waliinis morkii hin galin. Jallina ishees amaniitii waliin jiraadhu.Sossobaa horadhuun. Dubartiin ati jalloo miti jettee quba natti qabdu,kan ishee uumeetu "Lafee jalloo" irraa uumamuu ishee siif hime. Anarraa bu'i.Dhugaa qeebali.Dubartiin akka Lafee jajalloo cinaachaati.Amma yaa'ii dhiisi.Naaf qajeelchi jettees hin kadhatin.Waan hin qajeelle hin gaafatin.Ati qajeeliif.Anas qajeelchiif jedhii kadhadhu.🏃🙆
Показати все...
👍 34🥰 8 5🤝 2
Gurbaan wayii,guyyaa wayii ni dhalate.Ni barate.Ni guddate. Gurbaan kun...Hedduu yaadeeti,xiqqo jiraate.Jaartii fuudhee,ilmaanis ni argate.Ni dulloome.Alarraa ol gale. Manatti gatame.Manatti dagatame.Kophsatti dhiibamee,kophaa isaatti hafe.Caldhisee jiraatee,caldhisa keessatti dhabame.Hedduu dadhabeeti,jireenya xinnoo jiraate.Mana keessa jiraatee, Alatti awwaalame.Gurbaan guyyaa wayii dhalatee, gammadneef,guyyaa wayii du'ee boonyeef.🛌😭😭
Показати все...
👍 20😭 16 5
Kophaa koon deemaa jira.Osoon deemaa jiruu,kophaa koo karaa koo irratti arge.Anis kophaan jira.Aniin kaaniis kophaa jira.Anaa fi ani Yeroo jalqabaatiif wal arguu keenya. Waggoota hedduuf wal barbaadaa turre.Wal dheeboonnee jirra.Walitti maramnee wal dubbifne.Gad teenye.Ija kiyya keessa wal ilaalle.Yeroo duraatiif iji koo akka bareeddu amma arguu kooti.I love u ija koo.Bareedina keetif nan wareegama.Xiqqoo tureen, ija koo keessatti jireenya koo arge.Nan gadde.Dafeen ija koo cufadhe.Ija Onnee kootii banadheen jireenya koo arge.Nan gammade.Rabbii koof galata nan galche.Isa ija Onnee kiyyaatiin jireenya gammachuu natti muldhiseef galanni haa ga'u.Ija koo nan banadhe. Kophaattin of arge.Kophaa koos bakka teenyuu nan dhabe. Kophaatti na dhiisee dhabame.🏃🏃🙆
Показати все...
👍 35 7🤔 1
Dhaloota kanaaf boo'uu barbaadee yeroon isaanif boo'u dhabe.
Показати все...
😢 36😁 9👍 6
Gara Samii ol ba'een dachee kana gad daawwachuu barbaadeen ture.Hin dandeessu jedhameen hafe.Turtii keessa eyyama nan argadhe.Eyyama daqiiqaa muraasa qofaaf ta'e.Qaama koo dhiiseen,ruuhii kootin ol ba'e.Nan rifadhe.Ol ba'uu kootti nan gaabbe. Dachee kanarra yeroon turetti wantoota arguuf fagoo natti ta'an baayyeen arge.Hammeenyi Ilmaan namaa dukkana keessatti akka urjii guyyaa keessa akka aduutti ifee muldhata.Gara jabeenyaa fi cubbuun warra dachee.Jallinaa fi jibbiinsi warri lafa keessa jiran ajab na jechisiise.Afaan qabadha jedheen,afaan koo dachee keessatti dhiisee dhufuu koo yaadadheen dhiise. Obsi warra Samii na dinqe.Gara baldhina Uumaa nan dinqisiifadhe.Amma Daqiiqaan koo dhumee jira."Deemiitii ganda keetti deebi'i" Naan jedheen.Ani nan dide.Gurra koo qabanii gad na darban.Kunoo amma gad deebineeti, hammeenya keenya waliin gaarii ta'uuf tattaafachaa jirra.Gaarii nu taasisiin kadhaa kooti.🤲
Показати все...
👍 29 13🤣 1
Waaqayyoon ni jaalattaa? Jedheen gaafadhe.Inniis "eeyee nan jaaladha" Naan jedhe. Maaliif jaallatta? Nan gaafadhe.Innis Naaf deebise! "Waan na uumeef jaalladha." "Kanumaa?" Eeyee kanuma Naan jedhe. Aniis deebiseen gaafadhe! Utuu si uumuu baatee hoo ni jaalattaa? Innis jaalala waaqayyoof qabu ibsachuu waan barbaadeef "eeyee nan jaalladhaan! naan jedhe.Anis Gurbaa uumame kana argeen, isa hin uumamin sana tuffadhe.
Показати все...
👍 23😁 9🤔 4🥱 2 1💩 1
Gaazexessituun Laura jedhamtu tokko af-gaaffii Paulo Coelho waliin dhimma kitaaba isaa irratti gooteefiin gaaffii akkas jedhu dhiheessiteef:-) "Paulo duuti naannoo koo jira jettee ni amantaa? " Paulo :" Eeyyeen duuti yeroo hunda barcuman irra taa'urra,siree ani rafurra,waanan raawwadhu maraa keessa jira.Amma yoon si waliin dubbadhu kana iyyuu barcuma ani taa'aa jirurra na waliin taa'aa jira" jedhee deebiseef. Gaazexessituun sun seeqxee " Du'a akkamitti hubatta? Akka keetti duuti siif maalidha" jettee gaaffii biraa dhiheessiteef. Paulo'n " Ani du'a akka dubartii bareedduuttin ilaala." jedhee deebii ajaa'ibaa deebiseef. Gazexeessitittiin gaaffii itti fuftee:) "Amma maal siin jechaa jirtiree dubartiin bareedduun kun?" jettiin Paulo'n " Si dhungachuun barbaada naan jechaa jirti.Ani immoo amma akka ati na dhungattu hin barbaadu jechaaniin jira. Garuu,isheen akka gaaf tokko na kaadhimmattee natti heerumtu natti himtee jirti. Anis gaafa guyyaan isaa ga'u akka isheen na kaadhimmattee natti heerumuu dandeessun waadaa seeneef" jedhee deebiseef. Maalan jechuu barbaade beektuu duuti asuma jirti jechuu yaadeeni. Ammoo obboloonni keenya dhiiraa dubartii bareedduu arganne jettanii itti hin gaggabiinaa farra badisaa isinii ta'uu dandeessi akka jechuuti. Piroofeesar siif duuti maalidha? 😆🤝
Показати все...
👍 29🤔 2🤣 2🙏 1
Yeroo tokko tokko qofaa kiyya dabarsuun barbaada.Mufadhee ykn gaddeen miti. Qofaa kiyya dabarsuun natti tola.Sababni isaa yemmuu san sagalee naannoo kiyya jiran dhiiseen sagalee keessa koo jiru dhaggeeffadha.Ofii kee waliin dabarsuuf yeroo hin dhabin.
Показати все...
👍 60 17🥰 3👏 3
Wanti na gaddisiisu Isa namoonni jireenya jireenya hin jedhamne gammachuun jiraataniidha!🤣 ☝️ Irra deebi'ii Dubbisi
Показати все...
👍 23 4🥰 4🤔 2
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.