cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

Більше
Фінляндія3 439Мова не вказанаОсвіта103 433
Рекламні дописи
377
Підписники
+424 години
+237 днів
+4730 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

#Exit_Exam Akkaataa fayyadama walii galaa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam, akkaataa itti password jijjiirtan, akkaataa itti gaaffiilee itti jalqabdan fi kannneen biroo. Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! IJOOLLEE SALAALEE
Показати все...
Exit Exam Software exercise bbbb.pdf5.21 KB
👍 2
#Exit_Exam Sagantaa Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam kaadhimamtoota barattoota Digirii jalqabaa bara 2016 Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! https://t.me/IjSalaalee2016
Показати все...
EXIT EXAM Schedule FINAL 12 (1).xls2.81 KB
👍 4
Itoophiyaan waancaa Afrikaa isa bara 2029 qopheessuuf hojiilee dursanii hojjetamuu qaban irratti qophaa'aa akka jirtu beeksifte. Ministirri Ispoortiifi Aadaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa yaada BBCf kennaniin dorgommii kubbaa miilaa guddicha Afrikaa qopheessuuf karoorri qabamuu beeksisan. ''Waancaa Afrikaa gara Itoophiyaatti fiduu qabna jennee akkuma mootummaatti murteessine, hojiimmoo ni barbaada'' jedhan Obbo Qajeelaan. ''Dorgommiin bara 2029 gara Itoopihyaa akka dhufu gaafachaa jirra, irratti hojjechaa jirra, qunnamtii jalqabneerra.'' Ministeerichi qajeelfama amma dura kennamee ture irratti galtee dabaluun qophii Waancaa Afrikaa qopheessuuf godhamurratti roodmaappii qopheesse Ministeera Karooraafi Misoomaa biyyattiif dhiyeesseera. Murteen Itoophiyaa Waancaa Afrikaa qopheessuuf qabdu kun ifa kan ta'e gareen biyyaalessaa dorgommiiwwan idila addunyaa silaa Itoophiyaa keessatti taphachuu qabu dirree alagaarratti taphachuuf wayita dirqamee jirutti. Sababni kun ta'eef ammoo sadarkaan Istaadiyeemiiwwan Itoophiyaa ulaagaa CAF kaahe hin guutne jedhamuun dhorkamuu isaaniiti. Obbo Qajeelaan karoorri kun wayita qabamu hojiileen hojjetamuu qaban hedduu ta'uu hubachuun akka ta'e dubbatan. Dorgommii kanaaf istaadiyoomiiwwan shan kan ijaarsi isaanii amma dura eegalamee jiru sadarkaasaa haala eeggateen xumuruuf hojiin hojjetamuu akka eegale dubbatan. IJOOLLEE SALAALEE
Показати все...
👍 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
"Yuunivarsiitiiwwan walakkeessa baatii Fulbaana irraa eegalee barnoota akka jalqabaniif hojjatamaa jira." :- Birhaanuu Naggaa (Prof.) Ministirri Ministeera Barnootaa Birhaanuu Naggaa (Pr.) akka ibsanitti, bara dhufu walakkeessa baatii Fulbaanaa irraa eegalee yunivarsiitiiwwan barnoota akka eegalaniif sochii cimaan hojjatamaa jira jedhan. Dabalataan, waltajjii qophaa'ee irrattis raawwii hojii Ministeera Barnootaa irratti bal’inaan mari’atamuu ibsaniiru. Bara baajataa 2016tti sagantaa Barnoota dhalootaaf deeggarsa hawaasa irraa argameen manneen barnootaa haaraa kuma 22 ijaaramuu fi suphamuu isaanii beeksisuun keessumattuu qormaanni sirreeffamaa barattootaaf eegaluu isaa beeksisaniiru. Qormaanni ba’iinsa yuunivarsiitii torban lamaan itti aanan keessatti akka kennamuu fi barsiisota qormaataaf leenjiin gahaan kennamaa jiraachuus ibsaniiru. Qormaanni kutaa 12ffaa baranaa waraqaa fi toora interneetii irratti waan kennamuuf qophiin gahaan kana gargaaruuf taasifamaa turuu ibsaniiru. Haaromsi yunivarsiitiiwwanii hojiiwwan yeroo gannaa keessa hojjetan keessaa tokko waan ta’eef hojiin kun ciminaan kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
Показати все...
IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

👍 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Shanan Jiddaa eenyuu fa'i? Horteen latiinsa Jiddaa gosa Oromoo Tuulamaati. Tuulamni ijoollee sadii qaba. a)Daaccii b) Bachoo c) Jillee Daaccii ilma hangafa Tuulamaa yoo ta'u, ilman sadi qaba. a)Galaan b)Obbo c) Soddoo Galaan ilma hangafa Daaccii yoo ta'u,ilman jaha qaba. a) Jiddaa b) Liiban c) Aabbuu d) Ada'aa e) Warraa Jaarsoo f) Gaadullaa Jiddi ilma hangafa Galaan yoo ta'u,ilman shan (Shanan Jiddaa) qaba. a)Kuraa Jiddaa b) Keekuu Jiddaa c) Gaalayyii Jiddaa d)Arrabsaa Jiddaa e) Doyyoo Jiddaa ti Kuraan ilma hangafa Jiddaa yoo ta'uu,ilman lama Lammii fi Alaaltuu qofa dhalche.Latiinsa Kuraa fi Doyyoo xiqqaa dha.Keekuu,Gaalayyii fi Arraabsan hortee latiinsa ilma Jiddaa keessaa warraa har'aa bal'inaan jiraatanidha. Ilmaan Jiddaa kun fafaca'anii kan jiraacha turan yoo ta'u,lafti isaani uffisaani jiraatan Kaabaa bahan laga Jama irraa kaasee Dabra Libanoos, Jirruu,Lammii,Marabitee,kutaa naanoo Amaraa Dabra Birhaanii fi naannawwaa ishee,Qimbiibitti, Alaaltuu,Baarak,Sandafaa Laga Xaafoo-Lagaa Daadhii irraa hanga Finfinnee walakeessa naannoo ammaa Magananyaa fi Boolee kana qabatee yeroo durii laga Jiddaa jedhamuun beekamuu kan Jiddaatti.Lagni Jiddaa kun bakka horiin isaanii bishaan itti obasani dha. Karaa Kaabaan ammoo Jiddaa, Wacaalee,Caancoo fi walakeessaa Sulultaa qabata. Hortee Jiddaa kun Fardaan leenjisuun ,qonnaan,loon horsiisuun fi lolaan beekamoo dha.Keessaattuu lola fardaan kan gitun hin jiru. Qaceewwan Jidda kan Atileetiksiin biyyaa waamsiisan muraasa Ababbaa Biqilaa,Waamii Biraatuu,Silaashii Sihiin,Taamiraat Tolaa,Tsagayee Kabaddaa fa'a kaasuu dandeenya.Gama qabsoo mirgaaf ammoo Hailamariyaa Gammadaa,Waaqjiraa Gammadaa,Jimaa Sanbatee ,Gabayyoo Gurmuu ,Mokkonnon Waasanuu fi ijoollee isaanii keessaa muraasa kaasuu dandeenya.Weelistoota masinqoo Wasaanuu Didoo fi Laggaasaa Abdii fakkeenyaa.Haala bulchiinsa fi caasa ammaatti aanaan Jiddaa kan argamtu Finfinnee irraa KM 71 fagattee argamti.Aanaan tun horsiisaa loon fi bu'awwaan loonii,qonnaa gannaa fi bonaa,fardeen leenjiisuun har'as akkumaa durii beekamtuu dha. Oomisha akka garbuu,baqeelaa,misiraa,talbaa,ataraa,qamadii,Shumburaa,Gayyoo fi kkf omishuun beekamtii.Jal'isiin laga Alaltuu fi roobnii arfaasa ammoo addaa ishee taasisa. Hudha guddaan uummaata aanaa tana Finfinnee fi Shagar funyaan jala ta'ee daandii asfaaltii dhabuun isaa oomisha isaa sirnan gabaatti geeffachuu hin dandeenye. Gaaffii daandii asfaaltii bara mootummaa dargii irraa kan eegalee yoo ta'uu,gaaffii waggaa 40 hanga ammaa deebii dhabee dha. Walumaa galattii aanaan Jiddaa har'aaf xiyyeeffannoo koo haa ta'uu malee aanoolee godinaa ShK(Salaalee) keessaa jiran marti rakkoo wal fakkataa qabu. Oomishtummaa keenyaaf nageenyii fi tajaajilli hawasummaa bu'uura keenyaa.Daandii asfaaltii nuf hojjedhan gaaffii ijoo ummaata keenyaati. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
Показати все...
IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

👍 4
Ayyaanni caamsaa 20 kalaandarii irraa haqameera Manni marii bakka bu’oota uummataa labsii kabaja ayyaana uummataatiin walqabate bahe sagalee guutuun raggaasise. Haaluma kanaanis, Caamsaa 20 ayyaana aadaa ta'ee barteedhaan ayyaneeffatama ture hanbisee jira.  Labsichi akkaataa kabaja ayyaanota akka guyyaa wareegamtoota Itoophiyaa, wareegamtoota Guraandhala 12fi ayyaana sabaafi sabalammoota Itoophiyaa kan labsu ta’a. Labsiin Lakk. 1334/2016 mana marichaaf dhiyaachuun koreen dhaabbataa dhimma fayyaa, hawaasaa, aadaa, Ispoortii, seeraafi dimookraasii erga gamaaggamamee booda akka ragga’u taasifameera. Labsiin kuni aadaa, ayyaana hafuuraafi diinagdee ayyaana hawaasaatiin walsimsiisuufi haala tasgabbaa’een akka kabajaman karoorfatee kan labsame dura taa’aan korichaa Obbo Warqasamuu Maammoo eeraniiru. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
Показати все...
👍 1
#Sagantaa_Reemiidiyaalii Qormaanni barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii oolmaa isaa guyyaa sadaffaa har'aatiin kennamaa jira. Qormaanni kun karaa online kan kennamu yoo ta'u, guyyaa har'aa barattoonni Saayinsii Hawaasaa barnoota History ni qoromu. Qormaanni barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii kan barattoota Saayinsii Hawaasaa guyyaa boruu qormaata Afaan Ingiliffaa kennamuun kan xumuramu yoo ta'u, barattoonni Saayinsii Uumamaa ammoo qormaata Afaan Ingiliffaa guyyaa boruu kennamuun jalqabu. Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! IJOOLLEE SALAALEE
Показати все...
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.