cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Imaanaa

Abbaa abjuu! Imalli gara milkaa'inaatti 🚶🚶

Больше
Рекламные посты
204
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
-330 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
@AKKOO_MANOOYYEE Bar-durii giiftiin biyya bulchitu, maqaanshee Akkoo Mannooyyee jedhamtu tokkotu turte. Giiftiin kun uummata garmalee rakkisaa turte. Namni hundumtuu Odaa jalattii walgaa’eeti Waaqayyoon galgalaa ganama harka isaanii gara samiitti olkaasanii yoo kadhatan, “Yaa Waaqi, giiftii gidiramtuu kana nurraa buqqisi” jedhanii kadhataa turan. Gaaf tokko, uummata walgayii waamtee, “Namoota gagabaaboo ta’an mara akka fixxan” jettee labsii (ajaja) dabarsite. “Maaliif?” jechuun uummanni ishee gaafannaan, “Aangookoo keessa galanii waan jeeqaniif meeshaa waranaa qabdan hundaatti fayyadamuun balleessaa!” jettee ajaja dabarsite. Ummannis sodaachuun namoota gaggabaabaa fixanii, tokko hafnaan isas ajjeesuu dhaqan. Yeroo kana namichi yeroo rakkinaafan isin fayyadaa na hambifadhaa! Mootittiin kun gaaffii isin deebisuu hindandeenye isin gaafachuuf jirti. Yerosiif ani qoricha keesan nan ta'a na hambifadhaa!" jedheen. Jarris gabaabaa tokkicha kana qofa geessanii holqa Odaa keessa dhofkatan.Akkoon Manooyyee erga kana raawwachiifte booda, otoo deemtuu kanniisni ishee hidde. Achuumaan galtee, “gaagurafi kanniisa” lafa kana irra akka balleessitan jettee labsii dabarsite. Uummannis namicha gabaabaa mala akka himuuf dhofkatan san mala gaafatan. “Mucaa isheetifi isheef damma laadhaa!” jedhee uummata gorse. Uummanni akkuma gorfameetti damma hoggaa ishiif laatu “Gaaguraafi kanniisa hintuqiinaa” jettee labsii duraan kennite diigde.Yeroo gabaabaa erga turtee booda, uummata yaa’ii waamte. Uummanni yommuu walga’u, teessoo ishiirraa kaateeti “Manan itti boqodhu samiif ardii gidduutti atattamaan akka naaf ijartan,” jettee uummata akeekkachiifte. Sana booda, uummanni gara lixu dhabe. Ni yaadan, nidhiphatan, waan godhan wallaalun namicha gabaabaa san bira dhaquun mala gaafatan. Namichi gabaaban sunis akkas jechuun gorse.“Akka aadaa keenyaatti utubaa abbaatu dhaabbata, kottuu dhabbadhu; isarratti hundoofnee siif ijaarra” jedhaniin. Isheenis, utubicha dhaabuuf yaalte, garuu ta’uu dide. Kanaafuu, ajaja kanas diigdee ajaja biroo dabarsite. Ajajni kan biraanis akkana jedha ture: “Tuulluun gamasii sana biyyoota bulchu ilaaluu waan nadhooweef tullicha diriirsaatii dirree taasisaa!” jettee ajaja dabarsite. Ummaannis gorsa namicha abshaalichaa irratti hundaa’uun yeroo ishee hirribni fudhate balbala cufaatii karaa tulluun hin mullanneen balbala baasan. Barii yeroo kaatu gama ishii yoo laaltu dirreen itti mullannaan, “ajajnikoo amma kunoo fiixaan ba’ee”, jettee gammadde.Qajeelfamni ishii kun darbee yeroo xiqqoo erga turtee booda, uummata walitti qabdee, “biyyakoo ilaalee waliin ga’uu waan dadhabeef, bineensa gafarsa jedhamu qabaa fidaaatii kooraa itti naaf fe’aa” jettee ajajje. Uummannis mala barbaada nama gabaabaa sana bira dhaqan. Namichi gabaabanis akkas jedheen: “Waaqayyo furmaata isiniif kennuuf” jedheen. “Akkamitti?” jechuun gaafatan. Namichi gabaabanis akkas jedheen,”funyoofi shiboo qopheessaatii gara bosonaa deemaa gafarsa marsaa qabaatii akkuma isheen jettetti kooraa irrattii fe’aafii. Achuumaan ishees irratti jabeessaa hidhaa!” jedheeti uummata gorse. Uummaannis akkaatuma gorfameen gafarsa qabuun irratti ishee hidhe. Daandii isheen irra deemtu irratti darbee darbee boolla waan tureef gafarsichi otumaa deemu boolicha yoo lixu, rifatee utaalee ba’uun Akkoo Manooyyee fudhatee bosona keessa bade. Yeroo kana, ishee kuffisee lafarra harkisee allayyaa buusuun lubbuu ishee dabarse. Uummannis sana booda nagaa argatee jireenya haaraafi gaarii jiraachuu jalqabe jedhama. Yaada qabaannan (@km61224) Haga xumuratti waan dubbiftaniif galatoomaa!🙏 https://t.me/Imanakh
Показать все...
Imaanaa

Abbaa abjuu! Imalli gara milkaa'inaatti 🚶🚶

1
Фото недоступноПоказать в Telegram
@Ajaa'iba🏃 Aadaa Gosa Daanii Paapuwaa Giinii jedhamuu biyyaa Indoonishiyaa keessatti🇲🇨Yeroo fuudhaa fi heerumaatti dhiirri quba harka isaakan mirgaa irraa kutee misirroodhaaf akka gaa’ilaatti dhiheessuu qaba.Yoo ishee hiikuu barbaade immoo harka bitaa isaa irraa quba lama kuta, yoo du’e garuu haati manaa isaa amanamummaa isaaf qabduu fi booda dhiira akka hin heerumne agarsiisuuf quba harka ishee kudhan of irraa murti!! Heerumtus, wal hiiktus du'us... quba muramuu qabutu jira. @Kunis_dinqiidha https://t.me/Imanakh
Показать все...
👍 2🥴 1
Repost from N/a
Показать все...
Imaanaa

Abbaa abjuu! Imalli gara milkaa'inaatti 🚶🚶

Показать все...
#Harreen_kee_boolla_gadi_fagootti_kufeera! Namicha Harree qabu tokkotu ture; innis, harree kana xiqqummaasheetii kaasee guddisee itti fayyadamaa ture. Bishaan ittiin waraaba, qoraan itti fe'ata. Namoonni ollaa akka itti fayyadamaniifis ni ergisaaf ture. Waggaa dheeraaf erga itti fayyadamee booda harrrichi dulloomee ba'aas baachuu dadhabe.Dugda isaa irraas rifeensi luqqa'e. Foon isaa irraa harca'ee lafeefi gogaa qofatti hafe.Gadi bahee marga dheeduuf laga bu'ee bishaan dhuguuf illee humna dhabe.Namtichi harree kana guddise, harrichi humna dhabuu isaa waan argeef, akka duraatti kunuunsuu dhiise.Guyyaa tokko harreen kun, suutumaan tiratee bishaan dhuguuf laga bu'e. Erga bishaan dhugee booda, osoo qe'eetti deebi'uuf deemuu boolla gadi fagoo(eela bishaan hin qabne)tokko keessatti kufe; boollicha keessaa, harreen dulloomaan kun haa hafuutii, namniyyuu bahuuf hedduu ulfaata. Namoonni ollaa namichaa jiraatan, "harreen kee boolla gadi fagootti kufeera; kottu! Achi keessaa isa baafnaa!" jedhanii itti himan.Namichis, dubbii kana gaafa dhagahu, homaa tokkoyyuu hin rifanne.Harree waggoota dheeraaf itti gargaaramaa ture kanaaf gaddi tokko illee itti hin dhagahamne. "Yaa jarana, harreen kun kana booda du'ee raqaan naannnoo keenya yoo balleesse malee, waa tokko iyyuuu na gargaaruu hin danda'u; kanaafuu, kottaa bakkuma inni kufetti awwaallaa!" Jedhee gara boollichaatti qajeele.Warri jalqaba "harricha achi keessaa baafna" jedhanis, humna dhabuu harrichaa gaafa dhagahan, namicha deggeranii awwaaluuf murteessan. Edaa isaanis boollicha keessaa baasanii itti fayyadamuuf malee, harricha jiraachisuu yaadanii miti; achumatti awwaaluuf balfaa garaagaraa fi biyyoo boollichatti naquu eegalan.Hammuma isaan balfa kana boollichatti naqan, harreen immoo, balficha sana of jalatti dabarsee ofiif immoo boollicha keessaa gara irra keessaatti olba'aa deeme. Jarri boollicha guutuuf dhama'u; harreen immoo, riqicha godhatee boollicha keessaa ol bahuuf murteesse.Gaafa boollichi balfaan guutamu, harreen gara dirree ifaatti ol bahe.Agartee! Namoonni, yeroo ati humna gahaa qabdu akka sitti gargaaramanii; gaafa ati humna hin qabne immoo, akka qodaa cabaatti darbatanii si gatan! Gaafa harkaa qabduufi fayyaakee jirtu, sileellisu, siif weeddisu, siif geeraru, maqaa babbareedaadhaan si waamu: "goota, leenca, arjaa, abukaattoo fi fira dhugaa" siin jedhu; gaafa ati harka qullaatti haftee fi gaafa ati dhibamtee siree irratti haftu garuu, sirraa goru, ijasaanii qabatu, si baqatu. Maqaa siif hin malleen si waamu: "hiyyeettii, dhibamtuu, bor hin beeknee" siin jedhu, ofumaa sirkaa nyaatanii, nyaattumee si godhu.Yeroo ati haala mijataa keessa jirtu, namummaa keetti gargaaramanii; gaafa ati rakkoo keessa seentu immoo, rakkina kee sirraa bayyaannachiisuu caalaa; ittumaayyuu gad fageessanii, si awwaaluuf dhamahu! Nama gaafa ati dhibamte, lallaafaa qarshii 25 bitee dhukkuba si hin gaafannetu, gaafa ati duutu saanduqa reeffaa qarshii 2,500'n bitee si awwaala.Nama gaafa ati lubbuun jirtu xalayyaa nagaa siif hin barreessinetu, gaaafa ati duute walaloo siif barreessee, boo'ee lammii kee boochisa.Nama gaafa ati, dhukkubdee siree gubbaa ciiftu daqiiqaa 2 qofa siif bilbilee "Waaqayyo si haa fayyisu!" Siin hin jennetu, gaafa ati duute, daandii kiilomeetira 200 imalee, "Waaqayyo lubbuusaa haa gargaaru!" jedhee maraata.🙌Namni uumamaaan, gaafa ati lubbuun jirtu si gargaaruu fi si jajjabeessuurra; gaafa ati duute walwaamee, boo'ee walboochisa.Yaa firakoo! Waan waliif gochuuf walii tahuu qabnu, yeroo isaatti waliif gochuu qabna. Kanaan ala, #bilaasha namoomuun! Maddi : kitaaba "DHALOOTA MUL'ATAA" https://t.me/KilashiHunde
Показать все...
Imaanaa

Abbaa abjuu! Imalli gara milkaa'inaatti 🚶🚶

Фото недоступноПоказать в Telegram
Фото недоступноПоказать в Telegram
2
Фото недоступноПоказать в Telegram
Barnootawwan 10n kitaaba "Anummaan Diinadha" 1. Anummaan ("Ego") diina barachuuti. Yeroo anummaa keenya irratti garmalee xiyyeeffannu namoota biroo irraa barachuu hin dandeenyu.Anummaan akka waan hundumaa dursinee beekneetti akka yaadnu nu taasisa. 2. Anummaan diina kalaqaati. Yeroo waa'ee anummaa ofii keenyaa garmalee yaadnu yaada haaraadhaaf banaa hin taanu. Yaadni mataa keenyaa isa hundarra caalu jennee akka yaadnu nu taasisa. 3. Anummaan diina hojii gareeti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu namoota biroo wajjin akka gaariitti hojjechuu hin dandeenyu. Isaan waliin wal tumsuu dhiisnee isaan waliin dorgomuu irratti akka xiyyeeffannu nu taasisa. 4. Anummaan diina milkaa'inaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu kaayyoo keenya galmaan gahuu hin dandeenyu. Hojii mataa keenyaa irratti xiyyeeffachuu mannaa namoonni biroo waa'ee keenya irratti maal akka yaadan yaadda'uurratti xiyyeeffanna. 5. Anummaan diina gammachuuti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu gammachuu argachuu hin dandeenyu. Namoota biroo wajjin wal bira of qabuun ga'umsa akka waan hin qabneetti akka nutti dhaga'amu godha. 6. Anummaan diina hariirooti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu hariiroo fayyaalessa qabaachuu hin dandeenyu. Ofii keenyaaf dursa kennuu fi fedhii namoota biroo ilaaluu dhiisuu irratti garmalee qabamnee akka jiraannu godha. 7. Anummaan diina nagaa ti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu nagaa argachuu hin dandeenyu. Namoonni kaan maal akka nutti yaadaniifi namoota biroo biratti akkamitti akka nu ilaalan irratti garmalee yaaddofna. 8. Anummaan diina bilisummaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu bilisa ta'uu hin dandeenyu. Namoota biroof of mirkaneessuu akkasumas akka isaan nu irraa eeganitti jiraachuu akka qabnuutti garmalee nutti dhaga'ama. 9. Anummaan diina gara laafinaati. Yeroo garmalee anummaa ofii keenyaa irratti xiyyeeffannu namoota biroof gara laafina qabaachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaaduun garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa. 10. Anummaan jireenya keessatti waan gaarii ta'e hundumaaf diinadha. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu, wantoota gaarii jireenya keessatti mul'atan argachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaadda'uudhaan garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa. Via Tilahun Gemëchu @WABIISG https://t.me/KilashiHunde
Показать все...
Imaanaa

Abbaa abjuu! Imalli gara milkaa'inaatti 🚶🚶