cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Wisdom From Above

Seek wisdom from above.

Больше
Рекламные посты
4 016
Подписчики
Нет данных24 часа
-127 дней
-8330 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Affeerraa! Chaanaalii seenaa keessan jijjiiru seenuu ni barbaadduu? Yoo gara chaanaalii kanaa dhuftan: √ Dhimmoota amantii, √ Dhimmoota hawaasummaa, √ Dhimmoota xiinsammuu, √ Gorsa hariiroo jaalalaa, √ Barnootaa fi milkaa'ina, .... √ Gorsa fedhii ofiin ofirraa baasuu (masturbation) dhaabuu irratti, √ Keessattuu gaaffilee dhuunfaa bifa icciitiin keessan eeggameen deebii fi gorsa ajaa'ibaa ni argattu. Gorsa dhimmoota garaagaraa irratti 𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 (𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊, 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂, 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒕𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂) kennamaa jiru argachuuf liinkii armaan gadii kana tuqaa seenaa! 👇👇 https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 Baga nagaan dhuftan! Welcome! Anaa dhufu!
Показать все...
𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒆𝒎𝒂𝒚𝒆𝒉𝒖 𝑯𝒐𝒕𝒆𝒔𝒔𝒂🇪🇹

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! You can contact me at @DrAlemayehuHotessa

Dhuguma gaafan yuuniversiitii deemu si'a tokko qofa na hoqqisiise. Sana booda abbaan koo Waaqayyo anarraa balleesse. Galanni bara baraan isaaf haa ta'u. Abbaa koo! Gama biraatiin immoo harki koo yeroo dheeraadhaaf baay'ee diilalla'a ture. Namootni gaafa nagaa wal gaafannu "maal firiijii keessa bulte moo?" naan jedhu turan. Haalli kun baay'ee ana aarsa ture. Rakkina kanas qabadheen gara Waaqayyoo deeme. Narraa gate kaa abbaan koo! Ulfina haa fudhatu inni. Macaafi Qulqulluun (Far 34:4): "Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase." Egaa Waaqayyo warra garaa guutuudhaan gara isaatti dhiyaatan ni gargaara. Baay'een keenya gaafa nu beela'u nyaatuma argachuuf gara Waaqayyoo dhufna. Gara Waaqayyoo kan dhufuu qabnu waan barbaanne argachuu qofaaf osoo hin taane gara isaatti dhufuu keenya waan inni barbaaduufiidha. Ani gaafa yuuniversiitii eebbifamee bahe akkuma nama kamiiyyuu hojii barbaadaan ture. Beeksisa bahu hordofaa Waaqayyoon kadhadha ture. Haa ta'uu malee guyyaa tokko wanti hanga har'aatti ana ajaa'ibu tokko keessa kootti dhufe. Innis "Waaqayyo akka hojii naaf kennu qofaafin isa kadhadha moo?" kan jedhu ture. Yaadni kun dhugaa dubbachuudhaaf hariiroo ani Waaqayyo waliin qabu guutumaaguutuutti jijjiire. Sana booda maal jedhee akkan kadhadhe beektuu? "Yaa Waaqayyo ati yoo barbaadde ammaan tana hojii naaf kennuu ni dandeessa. Haa ta'uu malee waan ati hojii naaf kennituuf miti kanin si duukaa bu'u. Kana booda yoo barbaadde hojii naaf kenni; yoo hojii argachuu baadhes ani si jalaa hin ka'u" jedheen kadhadhe. Gaafa ilaalcha koo akka kanatti jijjiire Waaqayyo yeroo torbaan hin guunne keessatti hojii naaf kenne. Isaayyuu iddoo ani kadhannaaf deemetti beeksisni ana ilaallatu bahee argadhe. Wow! Maal ajaa'ibni akkasii! Kanaafuu, ija keenya waan argachuu barbaannu sana irraa kaasnee Waaqayyo irratti haa godhannu. Ija kee dafqa sana irraa kaasii Waaqayyoon barbaacha isa jalatti jilbeeffadhu. Dhuguma haalli kun hundi isaa jijjiiramee argita. Carraa gaariin siif hawwa! Waan gara koo dhufteef guddaa galatomi. Egaa yaada siif kenne kanaan waan gaarii irra akka geessu abdiin qaba. Waaqayyo waan yaada keetii siif haa kennu. Eebbaaf ta'aa! Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. ( https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 ) Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan @DrAlemayehuHotessa jedhaa naaf barreessaa. Ergaalee dabalataa argachuuf immoo miidiyaalee armaan gadii kana fayyadamuu ni dandeessu. Feesbuukii:- https://www.facebook.com/alex.hotessa?mibextid=ZbWKwL You tube:- https://youtube.com/@AlemayehuHotessa?si=fi4xmBmHk8Z8Pu0_ Tiktok:- https://www.tiktok.com/@dralemayehuhotessa?_t=8kGcDmUs6Mf&_r=1 Telegram:- https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 Eebbifamaa! 👆👆 𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑳𝒂𝒍𝒍𝒂𝒃𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂
Показать все...
𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒆𝒎𝒂𝒚𝒆𝒉𝒖 𝑯𝒐𝒕𝒆𝒔𝒔𝒂🇪🇹

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! Contact me at @DrAlemayehuHotessa

Haaluma kanaan namootni dubartii sodaatanis ni jiru. Sodaan akkasii jiinoofoobiyaa (gynophobia) jedhamuun beekkama. Sodaan akkasii kun yeroo baay'ee kan uumamuu danda'u miidhaa karaa dubartootaa dhufa jedhanii yaadan sana sodaatanii gaafa isaan dubartoota irraa baqachuu jalqabaniidha. Namootni tokko tokko amala akkasii kana maatii yookiin naannoo isaanii irraas ni baru. Yeroo tokko tokko dubartootni miidhaa qaama dhiiraa yookiin dhiirummaa nama tokkoo irraan gahu raawwachuu ni malu. Namni daa'imummaa isaatti gochaa gadhee akkasii kana arge sodaa dubartootaa (gynophobia) horachuu ni danda'a. Yeroo tokko viidiyoo wayii akka tasaa naaf ergamee ture. Viidiyoon sun gochaa dubartootni (shan?) ta'anii dhiira tokko irratti raawwatan kan agarsiisu ture. Isaanis namticha tokko mataa isaa gad dhudhulchanii qullaa isaa fannisanii qaama saalaa isaa (penis) akka inni ka'u (erecting) godhu turan. Akka inni hin iyyineef afaan isaan pilaasteriidhaan hidhanii mana namni hin jirre keessa turan. Sana booda qaama isaa kaasanii ofii isaanii "masturbate" godhu turan. Yommuu fedhiin isaa dhufutti (sperm) mataa isaa gad gombisanii fannisaniiru waan ta'eef dhangala'aan sun akka afaan isaatti dhangala'u godhan. Gochaa baay'ee sodaachisaa fi jibbisiisaa ture. Gochaa kana kan raawwatan warra feeministoota (feminists) akka ta'an nan bare. Amma namni gocha kana arge sodaa dubartootaa (gynophobia) keessa galuu ni danda'a. Guyyaa tokkos dhugaa bahumsa dargaggeessa tokkoo dhaga'een ture. Innis akkas ture. Osoo inni karaa deemaa jiruu intalli garmalee bareeddu tokko konkolaataa qabattee itti dhufte. "Koottu sin gaggeessaa" jettee konkolaataadhaan fuutee deemte. Gurbichis bifa ishee kanas waan jaallateef ishee hordofee duukaa deeme. Egaa gara manaa seennee buna dhugdee deemta jettee gara gibbii bareedaa tokkoo lixan. Gaafa mana seenan dargaggoota akka ishii sadi malee namni biraa mana hin turre. Afran isaaniiyyuu ijoollee dubaraa waan ta'aniif gurbichi balaan ana irra gaha jedhee akka hin shakkine dubbata. Achumaan gurbicha gara kutaa ciisichaatti galchan. Qoricha qaama saalaa kaasu (Viagra) nyaachisan. Kana booda harka isaa hidhanii wal qunnamtii saalaa akka inni raawwatuuf dirqamsiisan. Hin raawwadhu akka hin jenneef rukuttaan jiru baay'ee ulfaata. Sodaa kanaan qaamni isaa akkamitti ka'a akka hin jenneef qoricha nyaachisaniiru. Akkaataa kanaan guyyaa meeqaaf akka ta'e hin beeku jireenya gurbichaatti taphatanii konkolaataadhaan fuudhanii iddoo wayiitti gatanii biraa deeman. Gurbaan kun torban tokko guutuu mana yaalaa ciisee akka yaalamaa ture dhugaa baha. Ergasii sodaan dubartootaa (gynophobia) akka isa qunname himata. Gochaa akkasii kana namni argu foobiyaan isa qunnamuu danda'a. Gama biraatiin immoo hawaasa keessatti haala dhiirrii fi dubartootni akka walitti hin makamneef dhoowwu keessatti namootni guddatan foobiyaan akkasii isaan argachuu danda'a. Amalli nama tokkoos gara foobiyaatti nama geessuu ni danda'a. Kana jechuun sammuu keessatti ilaalcha hin taane keessummeessuun balaa mataa isaa qaba. Kanas ta'ee sana sodaan dubartootaa rakkina mataa isaa danda'eedha. Amma sodaan kun eessaa dhufe jennee faana soquu (qoruu) osoo hin taane haala gurbaan kun sodaa kana keessaa bahu fala faluufii wayya. 2. Fala: Sodaan dubartootaa (gynophobia) karaa hedduun jireenya namaa miidha. Hariiroo hawaasummaa fi gaa'elaa miidha. Hojii keenya miidha. Barnoota keenya miidha. Hirmaannaa jireenya waliinii miidha. Kanaafuu, maal gochuu qabna? a) Wal'aansa haasaa (talk therapy): Namni sodaa dubartootaa (gynophobia) qabu tokko wal'aansa akkasii kana fudhachuu qaba. Haasaan jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaadha. Namni tokko kophaa isaa hin jiraatu. Nama waliin jiraata. Nama tokkoon dirqama mana tokko keessa jiraachuu hin qabu. Hariiroo gaarii nama kamiiyyuu waliin qabaachuun gaariidha. 👇👇
Показать все...
Kiristaanaaf sodaa jechuun "Waaqayyo hin jiru" jechuu wajjiin wal hin caalu. Mee akka nama Gooftaa Yesuus amanee fayyeetti maal gochuu qabna? e1. Waaqayyo akka si waliin jiru beekuu: Kiristaanni Waaqayyotti amanee isatti irkatee jiraata. Waan Macaafi Qulqulluun jedhuun gaggeeffama. Macaafi Qulqulluun maal jedha? (Isa 41:10): "Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba." "Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?" Faarfannaa 118:6. Namni waadaa ajaa'ibaa akkasii kana qabu gaafa sodaatu maal jedhama? Namni osoo sagalee Waaqayyoo akkasii kana dhaga'uu waan tokko sodaatu dhuguma Waaqayyotti amaneera jedhama? Mee of madaalii ilaali. e2. Waaqayyotti amani: Carraan nuuti waan tokko itti sodaanne carraa ittiin Waaqayyotti amannuudha. Yeroo tokko tajaajilaaf halkan guutuu deemaa bulla turre. Lafti isaa baadiyyaa waan ta'eef gaafi gaafi osoo tajaajilluu lafti bariiti. Gaafi immoo halkan sa'aatii sagal faatti sagantaa xumurree daandii dheeraa kophaa koo gara manaa deema. Harka koo irraa Macaafa Qulqulluu malee homaa hin qabadhu. Keessi koo maal akka jedhu beektaa? Osoo bineensi halkan kanaan anatti dhufee iyyuu Macaafa kanaan isa rukuta innis ni du'a jedhee amana ture. Garuu kan isin ajaa'ibu guyyaa tokko iyyuu wanti nama rifachiisu na qunnamee hin beeku. Namootni dukkana sodaatan ni jiru. Sodaan akkasii niiktoofoobiyaa (Nyctophobia) jedhama. Ani garuu dukkana hin sodaadhu. Harmeen koo "maaliif halkaniin deemta?" jettee ana lolaa turte. Dhugaadha. Haa ta'uu malee ani Waaqayyo ana waliin akka jiru waan amanuuf sodaa tokko iyyuu keessa kootii hin qabu ture. Macaafi Qulqulluun (Far 56:3-4): "Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha. Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu. Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?" Kanaafuu, carraa sodaatte kanatti fayyadamii Waaqayyoon amanadhu. e3. Waaqayyo waliin nagaa qabaadhu: Sodaan nagaa keessa keetii balleessee jeequmsa keessa keetti guuta. Ati garuu Waaqayyo waliin nagaa qabaadhu. Nagaa isaas barbaadi. Keessi keeti Waaqayyo waliin nagaa qabaannaan nama waliinis nagaa qabaata. e4. Nama jaalalaa ta'i: Jaalala keessa keetii qabaannaan obboleessa keeti yookiin obboleettii keeti akkuma keetitti jaallatta. Namni jaalala of keessaa qabu sodaa of keessaa hin qabu. Akkamitti obboleettii keeti sodaatta? Mana keeti keessa kan jirtus dubartiidhaam. Haati keeti dubartiidhaam. Sodaan waan gaarii miti. Macaafi maal akka jedhu beektaa? (1Yoh 4:18): "Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti." Jaalala keessa sodaan hin jiru. Ati karaa Kiristoos nama jaallatta waan ta'eef sodaan gidduu kana jiraachuu hin qabu jechuudha. e5. Jabaachuu: Kiristaanni Kiristoosiin waan qabuuf ija jabaataadha. Macaafi Qulqulluunis akka nuuti jabaannu nu gorsa. Mee Waaqayyo maal jedhee akka Iyyaasuu gorse haa ilaallu: (Iya 1:9): "Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin." Wanti Iyyaasuu sodaachisuu danda'u fuuldura isaa jira. Waaqayyo garuu "cimi, ija jabaadhu, ...hin sodaatin" jedhee isa gorse. Iyyaasuun osoo gorsa kana dhaga'uu osoo sodaatee kan itti gaafatamus kan miidhamus isuma. Kanaaf waan Waaqayyo jedhu dhaga'uudhaan hojiitti hiikuu qabna. e6. Waaqayyoon kadhadhu: Barruu keeti keessatti "Waaqayyoon kadhadhees dadhabe" jette. Hin jedhamu akkas. Kadhannaa jechuun akka nuuti yaadnutti "waan barbaanne Waaqayyoon gaafachuu" qofa miti. Yeroo biraa bal'inaan ilaalla isa kana. Haa ta'uu malee ofii kee Waaqayyotti dhiyeessuu qabda. Waaqayyo abbaa gaariidha. Kadhannaa namaa ni dhaga'a. Yeroo jalqaba konkolaataa keessa taa'e nan diddige. Osoo haala kanaan jiruu yuuniversiitii iddoo fagoo na gahe. Egaa haalli kun ana sodaachisnaan Waaqayyoon kadhadhe. 👇👇
Показать все...
Amma ati rakkinni akkasii kun si qunnamee jira. Rakkina si qunname kana keessaa bahuuf wal'aansa kana seeraan sitti fayyadamuu qabda. Amma ati dubartoota waliin haasa'uu nan sodaadha ilaalcha jedhu of keessaa baasuuf yaali. Yoo oolmaan keeti mana barumsaa keessa ta'e ijoolleen dubaraa baay'een ni jiru waan ta'eef isaan duukaa haasa'uu jalqabi. Hunda caalaa garuu "intentionally formed team" osoo qabaattee gaarii ta'a. "Intentionally formed team" jechuun garee dhimma ta'e wayiitiif beekaa uumne jechuudha. Gareen kun garee qo'annaa Macaafa Qulqulluu (Bible Study Group) ta'uu danda'a. Garee qo'annaa barnootaa ta'uu danda'a. Garee dhimma biraas ta'uu ni danda'a. Garee akkasii kana keessa seenii hariiroo uumi. Yeroo kanatti bilisaan haasa'uuf yaali. Ati amma nama fayyuu barbaaduudha. Kanaaf ija jabaachuu qabda. Tapha ijoollee shamarranii of keessaa qabu uumuudhaan taphachuun ni danda'ama. Nuuti yeroo tokko tokko ijoollee waldaa keenyaa waliin taanee laaqana waliin nyaannee sana booda walitti qabamnee ni taphanna. Haalli kun akka ati isaan waliin haasa'uuf carraa bal'aa argattu taasisa. b) Wal'aansa of saaxiluu (Exposure therapy): Namootni rakkinni akkasii isaan qunname yeroo baay'ee of qabuudhaan beekkamu. Haalaa fi haasaa kamiiyyuu irraa of qusatu. Haa ta'uu malee rakkina kana keessaa bahuu yoo barbaadde ofii kee saaxiluu qabda. Of saaxiluun ati gochuu qabdu haaluma kamiiniyyuu balaaf si saaxiluu hin qabu. Isa kana irratti sirriitti of eeggachuu qabda. Fakkeenyaaf ijoollee waldaa keetii waliin bilisaan taphachuu ni dandeessa. Gaaffii gaafachuu ni dandeessa. Yaada isaan dhiyeessan irratti atis bilisaan yaada keeti dhiyeeffachuu ni dandeessa. Gareewwaan dhiirotaa fi dubartoota walitti fidan yoo jiraatan isaan kanatti of saaxiluu qabda. Of qusachuu hin qabdu. Gama biraatiin immoo ijoollee dubaraa naannoo keeti jiran waliin taphadhu. Haasaa gara cubbuutti isin hin geessine haasa'uudhaan rakkina kana keessaa of baasi. c) Wal'aansa amalaa (Behavioural therapy): Yeroo tokko tokko amalli keenya gufuu nutti ta'uu ni danda'a. "Intala barnoota hin hojjannetti hin dhiyaadhu" ilaalcha jedhu of keessaa qabda. Ilaalchi kun immoo gara amaleeffannaatti guddatee jira. Amala kana sirreessuun gaarii dha. Ilaalcha kana of keessaa baasuun dirqama. Dhiirri hunduu barumsa irratti cimaa akkuma hin taane dubartootni hundis barumsa irratti cimoo miti. Nama tokko akkuma amalaa fi dandeettii isaatti qabachuun barbaachisaadha. Amalli namaa haalaa fi yeroo eeggatee jijjiiramuu ni danda'a. Yeroon kun yeroo ati ilaalcha hin taane of keessaa baastuudha. Jibba osoo hin taane jaalala ijoollee shamarraniitiif qabdu mul'isuu qabda. Ani amala kootti ijoollee dubaraa waliin taphachuu baay'een jaaladha. Amalli kun durumaa jalqabee ana keessa ture. Ejjaaf isaan hin barbaadu malee waliin taphachuuf, waliin qo'achuuf, waliin tajaajiluuf, waliin bunaafi shaayii jechuuf baay'een isaanitti dhiyaadha. Maaliif isa kana siin jedhe beektaa? Osoo hafuura ejjaa keessa hin galin qulqullummaan ijoollee dubaraa waliin yeroo dabarsuun ni danda'ama. Rakkinni dhiiraa fi dubartootaa garuu walitti dhufnaan waanuma wal qunnamtii saalaa kana yaadu. Nuuti akka nama Kiristoositti amanee fayyeetti laphee qulqullaa'aa qabaachuu qabna. Intala takka waamtee kaaffee teessanii yoo buna waliin dhugdan maal rakkoo qaba? Amala ejjaa keessa hin seenin malee ofiifis Waaqayyoofis isheedhaafis amanamtee waliin taphachuu qabda. d) Wal'aansa fayyaa (Medical therapy): Haalli kun sirraa fooyya'uu yoo dide mana yaalaas deemtee yaalamuu qabda. Yaalli fayyaa ogummaa Waaqayyo namaaf kenneen dhimma fayyaa keenyaatiif bakka fala itti argannuudha. Ogeessota fayyaa itti siqnee dhimma kana mariisisuu qabna. e) Wal'aansa hafuuraa (Spiritual therapy): Wal'aansi baay'ee barbaachisaa fi kan ati xiyyeeffannaa itti kennuu qabdu wal'aansa hafuuraati. Sodaan waan alaan arginuun yookiin dhageenyuun miira keessa keenyatti uumamuudha. Sodaan kun immoo amantii keenyaan faallaa kan deemu taanaan balaa guddaaf nu saaxila. Hafuurri nama tokkoo sodaadhaan rukutamnaan jireenya mo'ichaa jiraachuun hin danda'amu. 👇👇
Показать все...
"...sodaa dubartootaa qaba...." Jireenyi namaa bu'aa bahii hedduu qabdi. Kuun bu'aa bahii kana injifatee saggoo milkaa'inaa irra dhaabbata. Inni kuun immoo keessatti kufee gangalachaa jiraata. Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta'u. Chaanaaliin kun ba'aa hin taane kan sammuu dhalootaa qabee isaan ajjeessaa jiru irraa kaasuuf kan hojjatuudha. Ji'oota muraasa keessatti chaanaaliin keenya namoota kumaatamaan lakkaa'aman gargaaruu isaa walumaan beekna. Ammas carraa argattan hundumaan chaanaalii kana beeksisaa. Sagantaan kun dhiyootti gara "you tube" tti waan guddatuuf liinkii dhuma barruu kanaa irra jiru fayyadamuun "subscribe" godhaa. Akka yeroo viidiyoon haaraan gad dhiifamu akkasumas yeroo tamsaasa kallattii seenu isin jala hin dabarreef "notification" isaa banaatii "all" jedhaa. "Like" fi "comment" gochuudhaan chaanaalii kanas haa guddisnu. Karaa dandeessan hundaan na cinaa dhaabbadhaa! Gaaffilee jireenya dhalootaa jeeqaa jiru karaa eenyummaan isaanii hin beekkamneen deebii itti kennaan jira. Deebii nama tokkoof kennamuun namootni baay'een barnoota argachaa akka jirtan shakkii hin qabu. Namootni haaraan gara chaanaalii kanaa dhufaa jirtan immoo osoo gaaffii keessan hin dhiyeeffatin dura barruulee kanaan duraa ol seenaa dubbifadhaa. Gaafa gaaffii naaf erguuf barbaaddan yaada keessan akka anaaf galutti godhaa barreessaa. Bifa barreeffamaa (𝐟𝐨𝐧𝐭) kana (𝐟𝐨𝐨𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚) fayyadamtanii yoo gaaffii naaf ergitan isin hin keessummeessu. Foontii normaalii (normal font) fayyadamaa. Egaa har'as yaada haaraa qabadhee gara keessan dhufeen jira. Yaadni obboleessi koo naaf erge akka armaan gadii kanatti isiniif dhiyaatee jira. "Nama waaqayyoo dhalootaaf kaasee edheen, amana. Dr, gaafii tokko qaba. Dhiifama guddaa wajjiin, Akka naa deebistan fedha. Sodaa shamarrani,(phobia). Sodaa akkasi  jireenya koo irra Akka jiruu, yeroo dhihoon bare.  ijollumma kootti, jalqabnee hangan kutaa11 gahuutti, shamarra Kan hamma tokko jalladhu, yoo isheen barumsa hojjetti tahee duwwadha. Sababa ilaalcha dogogoraan kanaan, shamarra, yoo isaan barumsa hin yaalle, ijaan hin ilaaluu. Ilaalaalchi Kun dogogoraa ta'uu isaa, fi Namni kamuu akkata kanaan Akka hin madaalamnee , yeroo kutaa 12,hubbadhe. Egaa ilaalcha dogogoraa sana waani guddadheef, still shammarra duuka face to face haasahuu hin danda'uu. Kaninin hasahu, tgm fi social media qofani. Sun immo dhibba waan qabuu gara dhumaa kana dhiisa dhufe. Egaa gaafa shamarra tokko fulaa ta'uu, Akka nama saafa keessa jirutti dafqii narra yaa'aa yeroo kaan narra hin jiru. Yeroo shamarra biraa ta'ee gaafii jalalaaf, haasa'a jedhu, dhaqni koo guutuun naasuun rukutama. Iratti kadhadhees Nan dadhabee. Dafqaa kana qoricha qabaa jedhee , mana yaala deeme ture. Qorichi hin jiru, dafqii koos dhukuba Akka hin taanee natti Himani. Rakko kana keessaa bahuuf, wantoota Ani godhe baay'edha. Ogeessa psychology bira deemeera. Faalii hin jiru.Sabab sodaadhuuf, hariiroo jalala kamuu jalqabuu hn barbaanne. As iratti dhimma biraa hasa'u(dhimmota barumsa fi Kan biraa yoo haasofnee)hin sodaadhu. Garuu dhimma jalaala hin haasahuu. Tarii waaqumatuu natti ergeera kan jedhus, Nan yaada. Kanaaf, maal naa wayya??" Yaada obboleessa koo kan armaan gadii kana hubattanii jirtu jedheen yaada. Mee yaada gorsaa nama kanaaf kaa'uun barbaada. Dubbisa gaarii! 1. Sodaa: Sodaan miira namatti hin tollee fi baay’ee cimaa kan ta’e kan balaan jiraachuu isaa tilmaamuun ykn beekuudhaan namatti dhufuudha. Sodaan uumamuma namaa keessa jira. Sodaan gaariin akkuma jiru sodaan gaarii hin taanes ni jira. Waa'ee sodaa irratti wanti nama ajaa'ibu yeroo baay'ee wanti nuuti sodaannu tokko waan nurra hin geenneedha. Sodaan baay'een yaada (imagination) namaa keessatti uumama. Sodaan daangaa darbe foobiyaa (phobia) jedhamuun beekkama. Foobiyaan sodaa waan tokkoo ykn haala tokkoo kan itti fufiinsa qabuu fi cimaa ta'ee jechuudha. Namootni dhiiga sodaatan ni jiru. Inni kun heemoofoobiyaa (hemophobia) jedhama. Namootni tokko tokko immoo bofa sodaatu. Innis "ophidiophobia" jedhama. Sodaa "OPDO" akka hin jenne garuu kkkk. 👇👇
Показать все...
Repost from WAALIIF PROMOTION
𝑩𝒆𝒆𝒌𝒔𝒊𝒔𝒂! 𝑵𝒂𝒈𝒂𝒂𝒏 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒖𝒎𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒊𝒊𝒇 𝒉𝒂𝒂 𝒕𝒂'𝒖. 𝑩𝒂𝒈𝒂 𝒏𝒂𝒈𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒓𝒂 𝒄𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒖𝒇𝒕𝒂𝒏. 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊𝒏 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝒈𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝒈𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒆𝒓𝒈𝒂𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒄𝒊𝒄𝒄𝒊𝒎𝒐𝒐 𝒇𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒂𝒅𝒅𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒕𝒆𝒆 𝒊𝒔𝒊𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒉𝒂𝒂 𝒋𝒊𝒓𝒂. 𝒀𝒐𝒐 𝒈𝒂𝒓𝒂 𝒄𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒖𝒇𝒕𝒂𝒏 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒅𝒊𝒊 𝒕𝒐𝒍𝒂𝒂𝒏 𝒏𝒊 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒕𝒕𝒖: 1) 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 √ 𝑯𝒂𝒓𝒊𝒊𝒓𝒐𝒐 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒂𝒂 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂 √ 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒇𝒖𝒓𝒎𝒂𝒂𝒕𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 √ 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒅𝒖𝒓𝒂𝒂 𝒅𝒂𝒓𝒈𝒂𝒈𝒈𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒇 2) 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒙𝒊𝒊𝒏𝒔𝒂𝒎𝒎𝒖𝒖 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 3) 𝑱𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒊𝒏𝒂𝒂 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖 4) 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒍𝒆𝒆 𝑴𝒂𝒄𝒂𝒂𝒇𝒂 𝑸𝒖𝒍𝒒𝒖𝒍𝒍𝒖𝒖𝒕𝒊𝒊𝒇 𝒅𝒆𝒆𝒃𝒊𝒊 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 5) 𝑫𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒉𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒇𝒖𝒓𝒎𝒂𝒂𝒕𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 6) 𝑴𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂 𝒎𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏 7) 𝑵𝒂𝒎𝒂 𝒋𝒊𝒋𝒋𝒊𝒊𝒓𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒕𝒂'𝒖𝒖 8) 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒊𝒊𝒃𝒃𝒂 𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖 9) 𝑰𝒋𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒕𝒕𝒊𝒊 (𝒄𝒂𝒑𝒂𝒄𝒊𝒕𝒚 𝒃𝒖𝒊𝒍𝒅𝒊𝒏𝒈) 10) 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖 11) 𝑪𝒂𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒃𝒊𝒚𝒚𝒂 𝒂𝒍𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 (𝒔𝒄𝒉𝒐𝒍𝒂𝒓𝒔𝒉𝒊𝒑) 𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒈𝒖𝒖𝒕𝒂𝒏 12) 𝑻𝒆𝒌𝒏𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝒎𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂 13) 𝑶𝒈-𝑾𝒂𝒂𝒒𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 (𝑻𝒉𝒆𝒐𝒍𝒐𝒈𝒚) 14) 𝑺𝒊𝒓𝒏𝒂 𝑨𝒅𝒅𝒖𝒏𝒚𝒂𝒂 𝑯𝒂𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝑰𝒍𝒍𝒖𝒖𝒎𝒊𝒏𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 666 (𝑵𝒆𝒘 𝑾𝒐𝒓𝒍𝒅 𝑶𝒓𝒅𝒆𝒓 𝒂𝒏𝒅 𝑰𝒍𝒍𝒖𝒎𝒊𝒏𝒂𝒕𝒊 666) 15) 𝑲𝒊𝒕𝒂𝒂𝒃𝒊𝒍𝒆𝒆 𝒋𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂𝒇 𝒏𝒖 𝒇𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒏 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒌𝒆𝒏𝒏𝒖𝒖 𝒇𝒊 𝒌𝒌𝒇 𝑲𝒐𝒐𝒕𝒕𝒂𝒂! 𝑫𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒐𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒐𝒐 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒖𝒎𝒔𝒂 𝒐𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒉𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂. 𝑴𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝒉𝒊𝒓𝒊𝒚𝒐𝒐𝒕𝒕𝒂𝒏 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒓𝒂 𝒄𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒘𝒂𝒂𝒎𝒂𝒂. Galatomaa
Показать все...
𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒆𝒎𝒂𝒚𝒆𝒉𝒖 𝑯𝒐𝒕𝒆𝒔𝒔𝒂🇪🇹

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! Contact me at @DrAlemayehuHotessa

Фото недоступно
𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊❤️ √ 𝑯𝒂𝒓𝒊𝒊𝒓𝒐𝒐 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒂𝒂 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂 √ 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒇𝒖𝒓𝒎𝒂𝒂𝒕𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 √ 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒅𝒖𝒓𝒂𝒂 𝒅𝒂𝒓𝒈𝒂𝒈𝒈𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒇
Показать все...
😍Gorsa Gaa'elaa😍
❤️LOVE ❤️
🥰Jaalala dhugaa🥰