cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Ifnan Tube (RVUMSJ ADAMA)

For All Comment @Rvumsj_bot Rift Valley University Muslim Students Jamea @RVUMSJ Life of youth https://www.youtube.com/@Ifnantube

نمایش بیشتر
أثيوبيا12 442زبان مشخص نشده استدین و مذهبی116 797
پست‌های تبلیغاتی
284
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+17 روز
+730 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
👍 2
Assalaamu aleeykum warahmatullahi wabarakaatuuhu kabajamtoota jaalatamtoota miseensoota jama'aa RVUMSJ hundaaf Wal kabajuun wal jaalachuun wal irraa dhagahuun dirqama islaamummaan teenya nu barsiiftedha. Inshaa allaah guyyaa Har'aa ykn jumu'a Har'a kana sa'atii 10:00 irraa eegallee bifa adda ta'een wal argaan jama'aa RVUMSJ sagantaalee bashannansiisoo garagaraa halaal Aartiidhaan qabatee isin eega jira. Isaanis walaloo dorgommii fi diraama gabaaba "Obsi malee"jedhu qabatee isin eegaa jira Isinis hiriyyoota keessan faana argamtanii daqiiqaa 40-50tif shaa shambaa osoo jettanii sammuu haaromsuuf baay'ee gaaridha Inshaa allaah isinis dhiiraa shamaraan irratti argamtanii akka boohartan,akka barnoota irraa fudhattan kabajaan affeeramtanii jirtu Hundi keenya rabbiif jechaa  dirqama  islaamumma haa bahanun dhamsa qophii keenyati. Inshaa allaah RVUMSJ waliin gara fuunduraa
نمایش همه...
Namni gariin ummata Shii'aa kanaan sobamuu isaatu natti mullata Hin sobaminaanii Nutii fi Isaan amantii garagaraa qabna ------------------------------------------------ Namni alarraa laalu tokkumma nu seha nutiifi isaan waan bu'uraa hedduurratti wal dhabna, wanti bu'uraa sunimmoo gariin waan islaamarraa nama baasu faa taha. Shii'aan gaafa jalqaba uumamtu ilaalcha Aliyyii abubakrii fi Umarirra caalchisuutiin gad dhaabbattus san booda gama fitqaalee hedduutti gargar baate, san keysaa warri khilaafaa lammeen dide Raafidaa ifiin je'an, raafidaan tun warra boodarra Abubakrii fi Umar akkasumas guutuu sahaabotaa nama 5 malee ilaamummaa kheysaa bahan jechuutti amanan. Yoo sahaabaan guutuun islaamummaarraa bahan eenyutu Muslimaahuu ree, Islaamummaa eenyutu dabarsee nuun gahe ree. Asumaanuu jarri mootummaa Fursii tan waggoota kumaatama biyya hedduu bulchaa turte Umar dhufee cabsinaan hijaa/haaloo saniitiif islaama haariya uummatan islaama amantii 3 if keysaa qabu Majuusiyyaa/Yahuudaa fi Islaama. Shii'aa Iiraan tana jechuunimmoo Raafidaa dha, eenyummaa isaanii as gaditti dubbisi. - Shii'aan Iiraan warra qur'aanni rabbii sirrii miti kan nu harka jiru kun qur'aana dogongoraati kan sirrii Saahibuzzamaan harka jiraatti amanu. Namni qur'aana keessaa aayatni 1 dogongora ja'e guutumaa guutuutti islaamummaarraa baha maalayyaa nama qur'aanni guutuun dogongora jechuutti amane. Kitaaba isaanii gurguddaa akka Bihaarul Anwaar fi Faslul Khixaab Fii tahriifi kitaabi rabbilarbaab faa keessatti aalimman jaraa kan akka Majlisii Xuusii fi Khumeynii dabalatee akka quraanni amma nu harka jiru khun sirrii hin tahin raggaasisan. Qur'aana guutuu miti namni aayata 1 khijibsiise islaamummaarraa bahuu ammoo qur'aanaatu hime. - Warra Abu bakrii fi Umar abaaraa oolee haadhamanaa ergamaa rabbii Aaishaa arrabsaa abaaraa bulu. Namni ummaa teenya Aaishaa sakkaba munaafiqootaa san deebi'ee isiirra khaa'e qur'aana kijibsiiseeti Islaamummaarraa baha, jarri Shii'aan iiraan garuu sakkaba dur munaafiqni ja'e qofaa miti sakkaboota hahhaarawa ummaa teenyarra khaayaniiti Islaamarraa if baasan. - khijibni rabbiin islaamummaa kheysatti dhoorke isaan biratti aqiidaa taheeti Islaamummaa kheysaa utubaan guddaan tuqyaa/soba tahuu kitaabban gurguddaa akka Kaafii fi Maa laa yahduruhuu illal faqiih faa kheysatti khaayan. Namni soba hin sobne/tuqyaa hin qabne islaamummaa hin qabu je'an, kunimmoo faallaa ergamaa rabbii deemuudha. - saahibban ergamaa rabbii gurguddaa jannanni baaylamameef hunda isaanii aliyyi malee warra ibiddaa taasisaniiti, sahaabaa nabii nama 124,000 kheysaa nama 5 fii jara Aalalbeytii qofatu islaamummaa kheysa ture malee jarri khaan waakkattoota jechuu dubbatan, khanammoo kitaabban isaanii amma yaadachuu dhabus kitaabban hedduu qubaan hin lakkaawamne kheysatti gabaasanii raggaasisan. MEE UMMATA AKKANA JIRU, MAAL ISAANIITU MUSLIMA LAATA?
نمایش همه...
👍 2🥱 1
As wr wb jirra jirtu? fayyaa keessanii? baga jiraattan Guyyan shaakala halaal aartii wiixata fi roobii 5:30 irraa hanga sa'ati 7:00. Jimaata ammoo sa'ati 8:30 irra hanga 9:30tti ni shaakalama jedhamee jira Jimaatuma sa'aatii 10:00 irraa eegalee walaloo,diraama gabaaba,fi sagantaalen qabaman jimaata jimaata yeroo kamuu kan agarsiifamu ta'a Hundii keessanuu gahee isinirra islaamumman akkasumas obbolummaan eeydu bayadhaa Tolee? Rabbiin nutti haa laaffisu
نمایش همه...
SHEEKH SHUREEYM KHUXBAARRATTI AKKANA JA’AN !!! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• → Gatiin meeshaa yommuu Qaalawee jirutti → Dubartootni qaama qullaa yommuu deemaa jiranitti → Masjiiddan Rabbii yommuu duwwaa hafanitti → Ajajjan Rabbii yommuu haqamaa jiranitti → kanhatu yommuu jajamaatiin jirutti → Mujaahidotni yommuu sibiilaan hidhamaa jiranitti → zinaan halaala yommuu tahaa jirutti → Bultii ijaarachuun yommuu hafaa jirutti → Biyyootiin islaamaa yommuu harka diinnaniitiin qabamaa jiranitti → yommuu hiyyeeyyiin rooba keessa 'xilaa' malee dhaabbataa jiranitti ... mallattoolee qiyaamaa keessaa xinnoma qofatu hafee jira. Yommuu kanatti wanti nurraa hafe toowbaa gochuu qofa dha. Yaa ummatal islaam Maaloo afuuffee jala isaatiin urame irraa of eeggadhaa! → Salaataaf jennee wudu'a ni goona haatahuu garuu <> kun afuuffee jalaan uramee dha. → Miskiinaa fii namoota rakkataniif mallaqa ni kennina. Gama birootiin immoo <> Kun afuuffee jalaan uramee dha. → Leeylii dhaabbannee salaanna, Guyyaa ni soomanna, wanta Rabbiin nu ajaje raawwanna. Garuu duniyaa bu'aa hin qabne tanaaf <> kunis afuuffee jalaan uramee dha. → waqtii soomanaa sooma keenyaaf jecha beelaan sobrii goona. Haatahuu garuu <> Kunis afuuffee jalaan uramee dha. → Dubartiin uffata ishee irratti abaayaa fii hijaaba ishee uffattee garuu <> kunis afuuffee jalaan uramee dha. → keessummaa simannee bifa gaariin keessummeessinee yommuu gadi bahu garuu <> Kunis afuuffee jalaan uramee dha. Maaloo yaa obboleewwan koo, yaa obboleettiiwwan koo, dalagaa kheeyrii itti ifaajjan afuuffee jalaan urame keessatti walitti hin sassaabinaa. Maaliifuu keessaa jigee bilaasha isin jalaa taha waan taheef! Yaa jama'aa kasaaraa akkana
نمایش همه...
👍 4 2
#ማ ስ ታ ወ ቂ ያ የመውጫ ፈተና Re-exam የምዝገባ ጊዜን ስለማሳወቅ በ2016 ዓ.ም ሰኔ ወር ላይ የሚሰጠውን የመውጫ ፈተናን በድጋሚ (Re-exam) ለመውሰድ በመጠባበቅ ላይ ለምትገኙ አመልካቾች በሙሉ፣ ምዝገባ የሚከናወነው ከግንቦት 14 – 21/2016 መሆኑን አውቃችሁ የምዝገባ ክፍያ 500.00 ብር በመክፈል በ https://exam.ethernet.edu.et በኩል መመዝገብ የምትችሉ መሆኑን እንገልጻለን። ማሳሰቢያ፤ 1.ለመጀመሪያ ጊዜ የመዉጫ ፈተና የምትፈተኑ እጩ ተመራቂዎች ምዝገባ የምታካሂዱት እና የአገልግሎት ክፍያ የምትፈፅሙት በተቋማችሁ በኩል መሆኑን እየገለጽን አስፈላጊው የመፈተኛ መረጃዎች በተቋማችሁ የሚደርሳችሁ መሆኑን እናሳውቃል። 2.የ ድጋሚ (Re-exam) ተፈታኞች የአገልግሎት ክፍያ (500.00 ብር) በቴሌ ብር ብቻ የሚከናወን ይሆናል። ትምህርት ሚኒስቴር https://t.me/Rift_valley_university
نمایش همه...
Exit exam | Registration

Ministry of Education | Exitexam registration portal

Beekumsa! beekumsi ulfina. Qomaafi sammuu namaa bal'isa. Qajeelumaaf sababa guddaa taha. Rabbiitti nama dhiheessa. Beekumsi hunda caalu beekumsa diiniiti. Haguma diinii kee beektun ibaadaan kee bareeda. Haguma Beekumsa Rabbiif qabduu dabalaa dhufeen sodaan Rabbiif qabdu dabalaa dhufa. Haguma Rabbiin sodaatten daangaa isaa eggatta, badii irraa fagaatta, ajajawwan isaa raawwatta. Beekaa ykn hayyu jedhamuuf hin baratiin. Akka beektu namoonni haa beekaniif beeksiisuuf hin cinqamiin. Beekumsi tokko haga hojirra olutti beekumsa hin jedhamu!  Beekumsi Rabbiin biratti ragaa sif taha akkasumas ragaa sirratti taha. Yoo wanta beektun hojjatte beekumsi kee sif ragaa taha. Yoo wanta beektun hojjachu baatte beekumsi kee sirratti ragaa taha.  Kanaaf hojjachuudhaaf male beekumsa kusachuudhaaf qofa hin baratiin.   يَرْفَعِ ٱللهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنكُمْ وَٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ دَرَجَٰتٍۢ ۚ وَٱللهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌۭ Rabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaa baay’ee isaan ol kaasaRabbiinis waan isin hojjattan keessa Beekaadha. @RVUMSJ
نمایش همه...
Akka hafuurri naman ajooyne ilkaan suwaakan, akka haasawni naman ajooyne jecha gaarii filatanii dubbatan 🤲Rabbi nu haa urgeysu🤲 Cal'isuu caala haasawaatu of eeggannaatti haajama. Akkuma gaafa dubbachuu qaban callisuun nama sheeneysu caala, gaafa callisuu qaban dubbachuun quba nama nyaachisa. Khanaaf ture ergamaan rabbii irra deddeebiin khan dubbii arrabaa sahabaa fi nu gorsaa turan. Qur'aannis mallattoo warra jahannamirraa tokko waan isaan hin laallanne maraodeysuu akka tahe dubbate. {وَكُنّا نَخوضُ مَعَ الخائِضينَ} "Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre;" [المدثر - آية ٤٥] Ergamaan rabbiis hadisa sahiiha tahan hedduu kheysatti dhoorkan. "من كانَ يُؤْمِنُ باللَّهِ واليَومِ الآخِرِ فلا يُؤْذِ جارَهُ، ومَن كانَ يُؤْمِنُ باللَّهِ واليَومِ الآخِرِ فَلْيُكْرِمْ ضَيْفَهُ، ومَن كانَ يُؤْمِنُ باللَّهِ واليَومِ الآخِرِ فَلْيَقُلْ خَيْرًا أوْ لِيَصْمُتْ." رواه البخاري ومسلم " Namni rabbiifi guyyaa boodaatti amane ollaa isaa hin dararin/rakkisin, Namni rabbiifi guyyaa boodaatti amane keessummaa Isaatti tola haa oolu/ha keessummeessu, Namni rabbiifi guyyaa boodaatti amane waan gaarii ha dubbatu yookin haa callisu!" Kanaaf of haa eeggannu, dhahichi qaama wal'aanamu laaleysa/madeysa, arrabni garuu nama si dhihoo fageysa. Akkuma hafuura afaan keetii qulqulleessuuf guyyaatti yeroo hedduu suwaakkattu caala, yeroo dubbattus jechoota kee miiruu/gingilchuun dirqama taha. 🤲 Rabbi nu haa tiysu 🤲
نمایش همه...
1
‏قال الشيخ حافظ الحكمي -رحمه الله:- ‏« ماهلكت الأمم الغابرة وأُعدّت لهم النيران في الآخرة إلا بالشرك والإباء عن التوحيد» Dunyaa kanarratti badinsa kan fide akkasumas guyyaa qiyaamaas Ibiddi qabamsiifamtee kan qophoofte warra tawhiida dideefi shirkii dalageefi.
نمایش همه...
Assalaamu aleeykum warahmatullahi wabarakaatuuhu kabajamtoota jaalatamtoota miseensoota jama'aa RVUMSJ hundaaf Wal kabajuun wal jaalachuun wal irraa dhagahuun dirqama islaamummaan teenya nu barsiiftedha. Inshaa allaah guyyaa boru ykn jumu'a boru kana sa'atii 10:00 irraa eegallee bifa adda ta'een wal argaan jama'aa RVUMSJ sagantaalee bashannansiisoo garagaraa halaal Aartiidhaan qabatee isin eega jira. Inshaa allaah isinis dhiiraa shamaraan irratti argamtanii akka boohartan,akka barnoota irraa fudhattan kabajaan affeeramtanii jirtu Hundi keenya rabbiif jechaa  dirqama  islaamumma haa bahanun dhamsa qophii keenyati. Inshaa allaah RVUMSJ waliin gara fuunduraa
نمایش همه...