Magaalaan Shaggar Masjiidotaa fi Muslimoota kan of keessaa qulqulleessu yoo ta’e Muslimootaaf "rakkina" malee madda boonsaa ta'uu gonkumaa hin danda’u!
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Mootummaan biyyattii kan bulchu lammiiwwan bakka bu’ee, maqaa lammiitiin akka ta’e hundaafuu ifaadha. Osoo kun ta’uu baatee aangawoonni mootummaa hunduu akkuma keenya lammii idileeti; silaa mirga ykn aangoo nurraa adda ta’e hin qabaatan ture.
Biyyattiin kan waloo ta’uun yoo mormame malee qabeenyii fi carraan biyyattiin qabdu hunduu kan walooti. Osoo akkana ta’ee jiruu, magaalota biyya keenyaa hunda keessatti yeroo maastar pilaaniin qophaa’u, warra pilaanicha qopheessu qofa osoo hin taane, hoggantoonni siyaasaas hanga yoomiitti masjida qofa adda baasanii pilaanii keessaa dagatu laata?
Ummanni muslimaa akka lammiitti maastar pilaanii keessatti masjiidonni karoorfamee dagatamuudhaan gaaffileen Muslimootaa masjidaafi hijaaba qofa irratti daangeffamee akka hafu gochuudhaan gaaffilee ummata Muslimaa isaan kana qofa fakkeessanii sochiiwwan amantichaa gufuuleen kan guutaman taasisuun tooftaa dhaabbachuu qabuudha.
Gaaffiiwwan mirgaa bu'uura ta’an kunniin "maastar pilaanii irratti masjidni asitti argama" jechuudhaan osoo hin gaafatamin deebii argachuu qabu turan. Ykn yoo gaafataman gaaffiiwwan salphaatti deebii argachuu qaban turan. Haa ta’u malee, Muslimoonni biyyattii guutuu keessa jiran lafa masjidaa kadhachuun ykn maallaqa isaaniitiin lafa bitanii ibaadaaf itti fayyadamuun, ykn sanarra kutee qabsoofi dhiigaan [qabsoo qabiyyee masjidaa kabachiisuuf godhamu keessatti Muslimoonni humna nageenyaatiin ajjeefaman baay’eedha] masjida aragchuun yoo hin dhaabbanne mirgi Muslimootaa ni kabajama jechuun hin danda’amu.
Namoonni tokko tokko masjiidonni "seeraan ala" waan ta'aniif diigamaa jiru nuun jedhu. Nama ajaa'iba. Warra kanaafi fakkaattota isaanii kan nuti gaafannu masjiidonni "seera qabeessa" jedhaman kam akka ta'an nuuf himaa kan jedhuudha.
Finfinnee dabalatee masjiidonni waggoota kudhanii ol erga itti salaatamee booda carraaqqiifi roorroo meeqaan kaartaan akka kennamu eenyunuu ni beeka.
Masjiidota gurguddaa akka Anwaarii fi Masjida Nuur (Baniin Safar) dabalatee kanneen bara Haylesillaaseetii jalqabee Finfinnee keessa turanillee kaartaa kan argatan 1990moota keessa yeroo Obbo Arkabee Qubaayi kantiibaa turaniidha. Kanumaa wajjin, Masjidni Anwaar bara Xaaliyaanii kan ijaarame yoo ta’u, Masjidni Nuur immoo weerara Xaaliyaaniin dura kan tureedha. Masjiidonni kun qabsoo ummata Muslimaa adda hin cinneen ijaaramanii waggaa hedduuf achitti ibaadaa hojjataa kan turan ta'us waggoota kurnan hedduu booda kaartaa seera qabeessa argatan.
Magaalota baay’ee naannoo lammiileen jiraatan keessatti, bakka bulchiinsonni maqaa ummataatiin aangoo qabatan jiranitti, maastar pilaaniin itti yaadamee masjiidota irraanfachaa kan jiran yoo ta’u, ummanni Musliimaa naannoo sanaa gaaffiin lafa Masjidaa isaan dadhabsiifnaan qabeenya ofii baasanii lafaafi mana bituudhaan kanuma itti salaataa jiran “masjiidummaaf hin eeyyamamne” jechuudhaan diiguun irra deddeebiin mul’achaa ture. Qorannoofi yaadannoo baay’ee booda adeemsa seeraatiin lafa mana amantii biroo irra baay’ee xiqqoo taate kennuun, kana jechuun bifa loogiin guutameen adeemsi tokkoof kaareedhaan kaaniif immoo hektaaraan kennuu dhaabbachuu qaba.
Adeemsiifi hojimaanni loogiin guutaman kuniifi kanneen isaan fakkaatan hunduu qabsoo yeroo gabaabaa, giddu galaafi dheeraa majlisniifi Ummanni Muslimaa godhuun maletti jijjiiramuu hin danda’u.
Masjiidonni har'a "seeraan ala" isaan jedhan kunniin halkan tokkotti ijaaramanii bulan osoo hin taane, inumaayyuu, osoma ummanniifi fi mootummaan beekuu Hawaasni Muslimaa waggootaaf itti fayyadamaa turan.
ادامه مطلب ...