cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Sagalee Kiristoos Iyyasuus

" Yaa mucaa namaa! Ati macaaficha ani amma siif kennu kana nyaadhuu garaa kee guuttadhu!" naan jedhe; ani yommuun nyaadhes afaan kootti akka dammaa in miyaa'e." Hisqi'el 3: 3 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ @kitaabaqulqulluu @kitaabaqulqulluu ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
3 518
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
آرشیو پست ها
SHARE GOCHUUN WALIIF QOODAA! Ayyaanotaa fi Soomaa bara 2013 Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura quiqulluu Waaqa tokko Amen. Baga bara Yohaannis irraa gara bara Maatewoositti nagayaan dabartan. Bara 2013 (2020/21) guyyoonni ayyaanotaa fi soomaa akka armaan gadii ooluu 1, Masqaalaa Fulbaana 17/2013 ---> (09/27/2020) 2, Dhaloota Gooftaa Mudee 29/2013 ---> (01/07/2021) 3, Soomaa nanawee Guraandhala 15/13. ----> (02/ 22 /2021) 4, Soomaa Gooftaa Bitooteessa 29/13 ----> (03/ 8/ 2021) 5, Tulluu Ejersaa Ebila 26/13 --->(04/ 4 /2021) 6, Hoosaanaa Ebila 17/2013 ---> (04/25/2021) 7, Guyaa Faannoo Ebla 22/13 ---> (04/30/ 2021 8, Ka'uumsa Gooftaa Ebla 24 ---> (05/2/2021) 9, Walgayii Lubootaa Caamsaa18 ---> (05/26/ 2021) 10, Ol bayiinsa Gooftaa Waxabajjii 3 2013 ---> (06/10/2021) 11, Pharaaqlixoos waxabajjii 13/2013 ---> (06/20/2021) 12, Soomii duuka bu'ootaa waxabajjii 14 ---> (06/ 21/2021) 13, Soomaa Fayyinaa waxabajjii 16 ---> (06/ 23 /2021) Waaqayyoo nagaa nuuf haa keenu
نمایش همه...
Barri kun bara nageenyaa, fayyinaa, badhaadhinaa fi qalbii jijjiirrannaa akka nuu ta'uuf heeyama waaqayyo qulqulluu haa ta'u!! Ayyaanna gaarii iddee jirtaanittii.
نمایش همه...
" Inni yeroo, kutaa baraas in geddara, mootota mootummaa irraa in buusa, isaan in moosisas; warra ogeessotaaf iyyuu ogummaa, warra beektotaafis hubatanii beekuu isatu kenne." (Macaafa Daani'el Raajichaa 2: 21)
نمایش همه...
نمایش همه...
Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo argachuuf Jaarraa meeqa eegnu? Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu Jaarraa tokkoffaa keessaa xumurame.Sana booda Afaan gara garaatti hiikame. Jaarraa Afraffaa boodas lakkoofsi Kitaaba Qulqulluu Qannoonaadhaan daangaee beekamee murtaae. walumaagalatti kitaabota 81 tae kan qabatu. Afaanota jalqaba Kitaabni Qulqulluun itti hiikame keessaa Giiziin tokko ture. Haa tau malee Afaan Giizii dhimma hawaasummaaf qaamni dhimma itti bahu waan hin turreef jaarraa 19ffaa keessa Afaan Amaaraatti Kitaabi Qulqulluu Guutuun monoksee Abbaa Abirahaam jedhamaniin hiikkame.Yeroodhuma jaarraa 19ffaa kana keessaa Oneesmoos Nasiib Kitaaba Qulqulluu Abbaa kitaabota 66 Asteer Gannootiin walgargaaruun Afaan Oromotti hiikee Kitaabichi bara 1899 Magaalaa London keessatti maxxane. Kitaabni 66 Afaan Oromoo kun kan maxxanee fi hiikame haala barsiisa amantaa Protestaatiitiin(Onesmoosiin leenjisanii,barsiisanii kan cuuphan mishinaroota pirotestaantiti(Lutheran)ota Swidish waan taaniif),kitaabichis ilaalchuma fi duuboodhuma sanaan Oromiffatti waan hiikameef iddoo hedduutti hiikkaawwan jalqaba beekamaniifi manni kiristaanaa keenya beektun garaagarummaa akka qabaatu beekamudha.Warra Pirotestaantiif garuu sirriidha. Nuuf ammoo iddoo hedduutti sirrii miti. Dabalataan ammoo baayinni Kitaabotaa Kitaaba Qulqulluu Ortodooksii kessatti hammatamanii lakkoofsan 81 malee 66 qofa miti. Haa tau malee manni kiristaanaa Ortodooksii Kitaaba Qulqulluu abbaa 81 Afaan Oromootti hiikkattee hin qabdu.Sababa kanaan namoonni hedduun Kitaaba abbaa 66 sanatti fayyadamaa waan jiraniif dogongora hiikkaatiif saaxilamaa jiru. “Lakki isa hin fayyadaminaa” jechuuf ammoo nuti hamma yoonaa hirriiba hooa keessa waan jirruuf dhimmi wangeela hiikuu kun nu hin quuqne,waan maxxanfannee harka qabnu hin jiru.Yoo xiqqaate wangeela Afran Kutaa kitaaba Qulqulluu keessaa dursanii hiikuun hordoftoota amantichaa biraan gahuun ni dandaama ture. Ammayyuu hiikkaan kitaaba qulqulluu Afaan Oromoo Abbaan 81 eessa gahe yoo jennu…karaa jira jedhama malee homaa arguu hin dandeenye….Akkuma Qiddaasen Afaan Oromoo waggoota 17 dura Lixa Wallaggaatii kaee, Ambotti itti dhihee, hanga yoonaa Arsii,Harargee fi Baale gahuu dadhabee karaa bulaa jiru jechuudha. Kuni hanga yoomitti taa? Egaa hangafa Kitaabotaa..mootii kitaabotaa kan tae kitaaba Qulqulluu osoo hin qabaatin kitaabota biraa haguma feene barreessinu maal buaansaa? Maalirraa caqasnas?Maal kauumsa taasifatas dhaloonni kun? Dhaloonni akkamiin hubatas?Kana hojjechuuf ammoo ergama Waqaayyoo isa koola qabu samiirraa eegnamoo?Dhaloota kanas amantaa jijjiirrate jennee komachuun keenya osoo hin barsiisin akkamitti taa? Dhuguma ammoo amma hiikkaa kanaaf manni kiristaanaa keenya waggoota kuma lamaa ol(2000) erga turte kana booda ammoo jaarraa hagam eegnaree?Yaada barbaada…hardha..bisootii` baayyiste naan hin jedhinaa malee….
نمایش همه...
Hiikkaa Jechoota Kitaaba Qulqulluu. 1)Haalleeluyaa=Waaqayyoon Galateeffadhaa 2)Hizqi'eel=Waaqayyo jabina ni kenna 3)Musee =Kan bishaan(galaana) irraa argamee. 4)Milkiyaas=Naman ergadhu 5)Mikaa'eel =Kan akkaa waaqayyoo eenyu 6)Mikiyaas =kan akkaa uWaaqayyoo jiruu eenyu. 7)Maanuhee =Boqonnaa 8)Maatiyaas =bakkaa bu'aa 9)Ruhaamaa =Dhiifama 10)Raamaa =Ol ka'aa 11)Roobeel =Kunoo ilmi dhiiraa 12)Roobi'aam =Uummanni haa baay'atu 13)Samaariyaa =Gamoo eegduu 14)Solomon =Nageenyaa 15)Saaraa =Olaantuu 16) Saamu'eel =Waaqayyoo na dhagahe 17)Sinodosii =Yaa'ii 18) Seedeqiyaas =tola Waaqayyoo 19) Soosinnaa =Gugee 20) Soomsoon =Waaqayyoof isaa haaraa 21) Bartelemewoos = ilma talamewoos 22)Beeteliheem =Mana buddeenaa 23)Beetel =Mana waaqayyoo 24)Soofoniyaas =Waaqayyo dhokse 25) Qarmeloos =Iddoo firi qabu 26)Qaadees =Qulqulluu 27)Qeedar =Jabaa 28)Baabiloon =Walitti mammakamaa 29)Baarok =Eebbifamaa 30)Beezaa =Bakkaa buusa/Beenyaa 31)Teewufiloos =kan waaqayyoo jaalatu 32)Tomaas =Lakkuu 33)Hatersaataa =Kan biyyaa bulchu 34)Heenook =Haarawa 35)Naahom =Jajjabachuu
نمایش همه...
+++ Baga sooma haadha keenya qulqulleetii dubroo Maaramii nuun gahee +++ Haatii keenya qulqulleetiin dubroo Maaramii waggaa 64 biyya lafaa kana irra erga jiraatee booda, gaafa guyyaa boqonnaan ishee gahuu gooftaan keenya samii irraa eergamoota isaa waliin dhufee ishee boqochiiseera. Guyyaa boqonnaa ishee kana duuka bu'oonni bakka jiranii duumessaa yaabbatanii akka walitti qabaman Gooftaan taasisee ture. Duuka bu'ootni foon ishee awwaaluuf yemmuu deeman Yihuudoonni 'isheenis immoo akka ilma isheetti du'aa ni kaati' jedhanii hinaafanii akka hin awwaalle dhoorkan. Isaan keessaa ammoo Tawufaaniyaa kan jedhamu utaalee siree isaan foon ishee irratti baatanii deeman qabe. Yeroo kana ergamaan Waaqayyoo harka isaa irraa mure; harki isaa lamaanis siree irratti rarra'ee hafe. Tawufaaniyaanis "balleeseera dhiifama naaf godhi" jedhee yemmuu kadhatutti Qulqulluu pheexiroos harka isaa bakkatti deebiseeraafii. Sana booda foon ishee ergamoonni fuudhanii karra jannataa dura muka jireenyaa jala teessisan. Yohaannis ammoo waliin ture. Yohaannis gara lafaatti deebi'ee bakka foon dubroo Maariyaamii jiru duuka bu'ootatti yemmuu himu "nuti ammoo akkamitti foon ishee akkuma Yihuudonni nu bittinsan kanatti hin awwaalin hafnaa" jedhanii gaddan. Qulquluun Yuuhaaniis osoo subayee gallee Gooftaan keenyii foon qulqulleetii harmee keenya nuuf kennaa isaaniin jedhee, isaaniis(bartootnii Gooftaa) torbee lamaaf kadhannaaf subaaye galan. Gooftaan keenyiis kadhannaa isaanii dhagahee foon giiftii keenyaa kennef. Isaaniis kabajaan nii awwaalan. Haadha hunduuma kan taatee isheen awwaalamtee akka haftuu fedhii Waaqa hin turee,kanaaf akkuma abbaan ishee Daawiit "Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka'i atii fi Taabonni mana qulqulluummaa kees" (Faaruu 132/133:8) jedheeti,Taaboota(Buultoo Waqayyoo) kan taatee isheeniis boqonnaa isheeraa ka'uun raajii qulqullootaan kan himamees waan ta'eef boqonnnaa/du'a irraa humna Waaqaan nii kaatee. Yeroo isheen du'aa kaatee gara samiitii deemtuu,bartoota 12'n keessaa tokkoo kan ta'e qulqulluun Toomaas biyya Hindii barsiisee duumeesaan osoo gara Iyyeruusalem deebi'uu,Haatii keenya faaruu ergamootaan ol osoo deemtuu argee. Yeroo kanas yeroo Ilmii kee Gooftaan keenya du'a ka'e anii hin ilaalee,ammas yeroo ati du'aa kaatuu anii hin ilaalee jedhee aaree. Haatii keenya qulquleetiin dubroo Maaramiis bartoota Gooftaa keessaa kan na ilaalee hin jiruu sii qofaatuu na argee,deemiiti humna Waaqayyoon du'a ka'u koo obbolaawan keetii himi jette,Sabana ishee kenniteef. Qulqulluun Toomaas gara bartoota Gooftaa dhufuun "waayeen haadha keenyaa maal irra gahee?" jedheen,isaaniis "Foon ishee Gooftaan nuu kennee awwaalee" jedhaniin,inniis "anoo kana hin amanuu" jedheen,isaaniis "kootuu ilaalii" jedhanii gara bakkee awwaalaa deeman,bakkii awwaala duwwaa ta'u isaa arganii nahaan. Yeroo kana qulqulluun Toomaas "anoo yeroo isheen ol-baatuu argeeraa,kunoo sabanii ishees" jedheen isaaniis sabana ishee barakaa dhaaf hiratanii. Du'a ka'u ishee akkuma Toomaas argee nuuyiis arguu qabnaa jedhanii deebisanii ji'a Hagayyaa keessatti subaayee 2f sooman. Sooma isaanii booda ol-bahuu ishee nii argan. Akka fedhii Waqayyootii soomnii torbee lamaaf soomnuu kun sababa kanaafii dha. Nuutiis akkuma abbootii keenya bartoota Gooftaa, keenaa Waaqa keenyaa hunduuma caaltuu "Maaramii" gara jireenya keessa fiduuf mee haa dhamaanuu. Macaafnii "Kennaa ishee caaltuuf dhama'aa" waan kedhuuf. Galanii Waqayyoo Abbaaf Ilmaaf Hafuura Qulqulluuf haa ta'u. Ameen!
نمایش همه...
#18 “እናንተን የሚቀበል እኔን ይቀበላል፥ እኔንም የሚቀበል የላከኝን ይቀበላል። ነቢይን በነቢይ ስም የሚቀበል የነቢይን ዋጋ ይወስዳል፥ ጻድቅንም በጻድቅ ስም የሚቀበል የጻድቁን ዋጋ ይወስዳል። ማንም ከእነዚህ ከታናናሾቹ ለአንዱ ቀዝቃዛ ጽዋ ውኃ ብቻ በደቀ መዝሙር ስም የሚያጠጣ፥ እውነት እላችኋለሁ፥ ዋጋው አይጠፋበትም። — ማቴዎስ 10፥40-42 "Namni isin simattu ana simaachuu isaa ti, namni ana simattus isa ana erge simaachuu isaa ti. Namni, raajii tokko raajii ta`uu isaatiif sime, gatii raajii tokkoo in argata; namni nama qajeelaa tokko qajeelaa ta'uu 'isaatiif simes, gatii nama qajeelaa tokkoo in argata. Dhuguman isinitti hima, eenyu illee isaan xixinnayyoo kana keessaa isa tokkoof, waan inni bartuu koo ta'eef, bishaan qabbanaa'aa willee tokko illee yoo kenne, gatii isaa hindhabu" — Mat. 10:40-42
نمایش همه...
#17 “ኃጢአታቸውን ይቅር ያላችኋቸው ሁሉ ይቀርላቸዋል፤ የያዛችሁባቸው ተይዞባቸዋል አላቸው።” — ዮሐንስ 20፥23 “Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru" isaaniin jedhe.” — Yoh. 20:23
نمایش همه...
#16 “ከመረጥሁት ጋር ቃል ኪዳኔን አደረግሁ፥ ለባሪያዬም ለዳዊት ማልሁ፦” — መዝሙር 89፥3 "Isa ani fo'adheef kakuu galeera, Daawit garbicha kootiif kakadheera;” — Far. 89:3
نمایش همه...
#15 “ስለ ባሪያዬም ስለ ዳዊት ይህችን ከተማ አድናት ዘንድ እጋርዳታለሁ።” — 2ኛ ነገሥት 19፥34 “Garbicha koo Daawitiifis jedhee, mandara kana nan eega, nan oolchas" — 2Mot. 19:34
نمایش همه...
#14 “ ነቢይ ነውና፥ ስለ አንተም ይጸልያል፥ ትድናለህም።” — ዘፍጥረት 20፥7 “ Innoo raajii dha! Inni siif in kadhata, atis in fayyita." — Uma. 20:7
نمایش همه...
#13 “እግዚአብሔርም፦ በሰዶም በከተማይቱ ውስጥ አምሳ ጻድቃን ባገኝ ስፍራውን ሁሉ ስለ እነርሱ እምራለሁ አለ።” — ዘፍጥረት 18፥26 “Waaqayyo immoo deebisee, "Mandarattii Sodoom keessatti namoota qajeelota shantama yoon argadhe, isaaniif jedhee guutummaa iddoo sanaaf nan dhiisa" jedhe.” — Uma. 18:26
نمایش همه...
#12 “ቅዱሳን በዓለም ላይ እንዲፈርዱ አታውቁምን ?” — 1ኛ ቆሮንቶስ 6፥2 “Warri Waaqayyoof qulqullaa'an biyya lafaatti akka faradan isin hin beektanii ree?” — 1Qor. 6:2
نمایش همه...
#11 “የጻድቅ ሰው ጸሎት በሥራዋ እጅግ ኃይል ታደርጋለች።” — ያዕቆብ 5፥16 “ Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.” — Yaq. 5:16
نمایش همه...
#10 “የጻድቅ መታሰቢያ ለበረከት ነው፤ የኀጥኣን ስም ግን ይጠፋል።” — ምሳሌ 10፥7 “Seenaan nama qajeelaa eebbaaf, maqaan nama jal'aa immoo abaarsaaf in ta'a;” — Fak. 10:7
نمایش همه...
#9 “የጻድቅ መታሰቢያ ለዘላለም ይኖራል።” — መዝሙር 112፥6 “Namni qajeelaanoo bara baraan in yaadatama.” — Far. 112:6
نمایش همه...
#8 “ስለዚህ እኛ ከአሁን ጀምሮ ማንንም በሥጋ እንደሚሆን አናውቅም፤ ክርስቶስንም በሥጋ እንደ ሆነ ያወቅነው ብንሆን እንኳ፥ አሁን ግን ከእንግዲህ ወዲህ እንደዚህ አናውቀውም። ስለዚህ ማንም በክርስቶስ ቢሆን አዲስ ፍጥረት ነው፤ አሮጌው ነገር አልፎአል፤ እነሆ፥ ሁሉም አዲስ ሆኖአል። ነገር ግን የሆነው ሁሉ፥ በክርስቶስ ከራሱ ጋር ካስታረቀን የማስታረቅም አገልግሎት ከሰጠን፥ ከእግዚአብሔር ነው፤ እግዚአብሔር በክርስቶስ ሆኖ ዓለሙን ከራሱ ጋር ያስታርቅ ነበርና፥ በደላቸውን አይቆጥርባቸውም ነበር፤ በእኛም የማስታረቅ ቃል አኖረ። እንግዲህ እግዚአብሔር በእኛ እንደሚማለድ ስለ ክርስቶስ መልክተኞች ነን፤ ከእግዚአብሔር ጋር ታረቁ ብለን ስለ ክርስቶስ እንለምናለን።" — 2ኛ ቆሮ 5፥16-20 “Egaa nuyi ammaa jalqabnee, eenyuun illee akka alaan ilaalamutti hedanna miti; Kristosin iyyuu akka alaan ilaalamutti hedanne yoo ta'e, si'achi akkasitti isa hin hedannu. Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera. Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta'e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne. Kunis,Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne. Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; "Waaqayyotti araaramaa!" jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna" — 2Qor. 5:16-20
نمایش همه...
Baga Guyyaa Ayyaana kabaja angafa ergamoota Qulqulluu Gabri'eelinni nagaan nuu gahe. “Dubbii kanaan kadhachaa utuun jiruu, Gabri'el inni nama fakkaate ani duraan mul'atatti arge, yeroo aarsaa galgalaatti dadhabee utuun jiruu balali'ee na bira ga'e. Inni na hubachiisuudhaaf anatti dubbatee, Yaa Daani'el, ani amma si qalbifachiisuudhaaf, si hubachiisuudhaafis ba'ee nan dhufe.” — Dan. 9:21-22 🔥🔥 Ayyaana gaarii isiif yaa ta’u bakka jirtanuu hundatti !!!!!!🔥🔥
نمایش همه...
#7 “እግዚአብሔር ሰንበቴን ስለሚጠብቁ ደስ የሚያሰኘኝንም ነገር ስለሚመርጡ ቃል ኪዳኔንም ስለሚይዙ ጃንደረቦች እንዲህ ይላልና፦ በቤቴና በቅጥሬ ውስጥ ከወንዶችና ከሴቶች ልጆች ይልቅ የሚበልጥ መታሰቢያና ስም እሰጣቸዋለሁ፤ የማይጠፋም የዘላለም ስም እሰጣቸዋለሁ።” — ኢሳይያስ 56፥4-5 “Egaa Waaqayyo, "Xu'aashota Sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif, kakuu koo jabeessanii eeganiifis, ani mana qulqullummaa koo keessatti, kellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraa fi durba qabaachuu irra kan caalu, maqaa bara baraan hin badnee fi seenaa isaan ittiin yaadataman nan kennaaf.” — Isa. 56:4-5
نمایش همه...
#6 "በስድስተኛውም ወር መልአኩ ገብርኤል ናዝሬት ወደምትባል ወደ ገሊላ ከተማ፥ ከዳዊት ወገን ለሆነው ዮሴፍ ለሚባል ሰው ወደ ታጨች ወደ አንዲት ድንግል ከእግዚአብሔር ዘንድ ተላከ፥ የድንግሊቱም ስም ማርያም ነበረ። መልአኩም ወደ እርስዋ ገብቶ፦ ደስ ይበልሽ፥ ጸጋ የሞላብሽ ሆይ፥ ጌታ ከአንቺ ጋር ነው፤ አንቺ ከሴቶች መካከል የተባረክሽ ነሽ አላት። እርስዋም ባየችው ጊዜ ከንግግሩ በጣም ደነገጠችና፦ ይህ እንዴት ያለ ሰላምታ ነው? ብላ አሰበች። መልአኩም እንዲህ አላት፦ ማርያም ሆይ፥ በእግዚአብሔር ፊት ጸጋ አግኝተሻልና አትፍሪ። እነሆም፥ ትፀንሻለሽ ወንድ ልጅም ትወልጃለሽ፥ ስሙንም ኢየሱስ ትዪዋለሽ። እርሱ ታላቅ ይሆናል የልዑል ልጅም ይባላል፥ ጌታ አምላክም የአባቱን የዳዊትን ዙፋን ይሰጠዋል፤ በያዕቆብ ቤትም ላይ ለዘለላም ይነግሣል፥ ለመንግሥቱም መጨረሻ የለውም። ማርያምም መልአኩን፦ ወንድ ስለማላውቅ ይህ እንዴት ይሆናል? አለችው። መልአኩም መልሶ እንዲህ አላት፦ መንፈስ ቅዱስ በአንቺ ላይ ይመጣል፥ የልዑልም ኃይል ይጸልልሻል ስለዚህ ደግሞ ከአንቺ የሚወለደው ቅዱስ የእግዚአብሔር ልጅ ይባላል። እነሆም ዘመድሽ ኤልሳቤጥ፥ እርስዋ ደግሞ በእርጅናዋ ወንድ ልጅ ፀንሳለች፥ ለእርስዋም መካን ትባል ለነበረችው ይህ ስድስተኛ ወር ነው፤ ለእግዚአብሔር የሚሳነው ነገር የለምና። ማርያምም፦ እነሆኝ የጌታ ባሪያ እንደ ቃልህ ይሁንልኝ አለች። መልአኩም ከእርስዋ ሄደ። ማርያምም በዚያ ወራት ተነሥታ ወደ ተራራማው አገር ወደ ይሁዳ ከተማ ፈጥና ወጣች፥ ወደ ዘካርያስም ቤት ገብታ ኤልሳቤጥን ተሳለመቻት። ኤልሳቤጥም የማርያምን ሰላምታ በሰማች ጊዜ ፅንሱ በማኅፀንዋ ውስጥ ዘለለ፤ በኤልሳቤጥም መንፈስ ቅዱስ ሞላባት፥ በታላቅ ድምፅም ጮኻ እንዲህ አለች፦ አንቺ ከሴቶች መካከል የተባረክሽ ነሽ፥ የማኅፀንሽም ፍሬ የተባረከ ነው። የጌታዬ እናት ወደ እኔ ትመጣ ዘንድ እንዴት ይሆንልኛል? እነሆ፥ የሰላምታሽ ድምጽ በጆሮዬ በመጣ ጊዜ ፅንሱ በማኅፀኔ በደስታ ዘሎአልና። ከጌታ፤ የተነገረላት ቃል ይፈጸማልና ያመነች ብፅዕት ናት።” — ሉቃስ 1፥ 26-45 "Ji'a ja'affaatti, ergamichi Gabri'el Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame. Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkootti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte. Ergamichi isheetti mul'atee,"Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira'o, nagaan siif haa ta'u, yaa ayyaana-qabeettii!" ittiin jedhe. Maariyaam nagaa kana yommuu dhageesse, yaadaan dhiphattee, "Kun maal jechuu dha?" jettee of gaafatte. Yommus ergamichi isheedhaan, "Yaa Maariyaam, Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin! Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Iyyesuus jettee moggaasiita. Inni guddaa in ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo'a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu" jedhe. Maariyaam yommus, "Anoo amma illee durba, kun attamitti ta'uu danda'a?" jettee ergamicha gaafatte. Ergamichi immoo, "Hafuurri qulqulluun si irra in bu'a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama . Kunoo, firri kee isheen sitti aantu Elsaabex, dhabduu jedhamaa kan turte, bara dulluma isheetti ilma godhachuudhaaf erga ulfooftee, ji'a ja'affaa ishee ti. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru" jedhee deebiseef. Kana irratti Maariyaam, " Ani garbittiin gooftaa kunoo, asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa ta'u!"jetteen. Kana booddee ergamichi iddoo dhufetti in deebi'e. Kana booddee utuu hin turin Maariyaam kaatee ariifattee baddaatti ol baatee, gara mandara Yihudaa dhaqxe. Mana Zakaariyaasitti ol galtee, Elsaabexin nagaa gaafatte. Yeroo Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuudhaan garaa ishee keessa burraaqe. Elsaabex yommus hafuura qulqulluudhaan in guutamte. Sagalee ishee ol fudhattee dhageessiftees, "Ati dubartoota hundumaa irra eebbifamtuudha; mucaan ati garaatti baattus eebbifamaa dha. "Amma garuu haati gooftaa kootii dhuftee akka na dubbiftuuf, ulfinni hammana ga'u eessaa anaaf ta'e? Akkuma sagaleen nagaa kee gurra koo keessa bu'een, mucichi gammachuudhaan garaa koo keessa burraaqe. Abdiin gooftaan kenne akka raawwatamu beektee, kan amante, attam kan ayyaanomtee dha!" jette.” — Luq. 1:26-45
نمایش همه...
Yaadaa qabdu ??? @Tufamuna
نمایش همه...
#4 “ወንድሞቼ ሆይ፥ እምነት አለኝ የሚል፥ ሥራ ግን የሌለው ሰው ቢኖር ምን ይጠቅመዋል? እምነቱስ ሊያድነው ይችላልን? ወንድም ወይም እኅት ራቁታቸውን ቢሆኑ የዕለት ምግብንም ቢያጡ፥ ከእናንተ አንዱም፦ በደኅና ሂዱ፥ እሳት ሙቁ፥ ጥገቡም ቢላቸው ለሰውነት ግን የሚያስፈልጉትን ባትሰጡአቸው ምን ይጠቅማቸዋል? እንደዚሁም ሥራ የሌለው እምነት ቢኖር በራሱ የሞተ ነው። ነገር ግን አንድ ሰው፦ አንተ እምነት አለህ እኔም ሥራ አለኝ፤ እምነትህን ከሥራህ ለይተህ አሳየኝ፥ እኔም እምነቴን በሥራዬ አሳይሃለሁ ይላል። እግዚአብሔር አንድ እንደ ሆነ አንተ ታምናለህ፤ መልካም ታደርጋለህ፤ አጋንንት ደግሞ ያምናሉ ይንቀጠቀጡማል። አንተ ከንቱ ሰው፥ እምነት ከሥራ ተለይቶ የሞተ መሆኑን ልታውቅ ትወዳለህን? አባታችን አብርሃም ልጁን ይስሐቅን በመሠዊያው ባቀረበ ጊዜ በሥራ የጸደቀ አልነበረምን? እምነት ከሥራው ጋር አብሮ ያደርግ እንደ ነበረ፥ በሥራም እምነት እንደ ተፈጸመ ትመለከታለህን? መጽሐፍም፦ አብርሃምም እግዚአብሔርን አመነ ጽድቅም ሆኖ ተቈጠረለት ያለው ተፈጸመ፤ የእግዚአብሔርም ወዳጅ ተባለ። ሰው በእምነት ብቻ ሳይሆን በሥራ እንዲጸድቅ ታያላችሁ። እንደዚሁም ጋለሞታይቱ ረዓብ ደግሞ መልእክተኞቹን ተቀብላ በሌላ መንገድ በሰደደቻቸው ጊዜ በሥራ አልጸደቀችምን? ከነፍስ የተለየ ሥጋ የሞተ እንደ ሆነ እንዲሁ ደግሞ ከሥራ የተለየ እምነት የሞተ ነው።" — ያዕቆብ 2፥14-26 " Yaa obboloota ko! Namni tokko, "Ani amantii qaba" jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo] hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree ? Fakkeenyaaf obboleessi tokko obboleettiin tokkos bututtuu in uffatu akkasumas guyyaa guyyaatti nyaata ga'u hin argatan ta'a; isin keessaa tokko immoo,waan namummaa isaaniif barbaachisu utuu hin kenniniif, "Nagaadhaan dhaqaa isinitti haa ho'u, quufaas!" yoo ittiin jedhe, bu'aa maalii qabaaf ree? Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha. Namni tokko garuu, "Inni tokko amantii qabaatee, inni kaan immoo hojii gaarii yoo qabaate maal ta'a?" in jedha; ani immoo, "Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee na argisiisi! Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin argisiisa. Waaqayyo tokkichi akka jiru ati in amanta mitii? Ba'eessa goote! Isa kana hafuuronni hamoonni iyyuu in amanu, in roqomus. Namicha gowwaa nana! Amantiin hojii gaarii yoo argisiisuu dhaabaate, waa'ee kan hin baafne¹ akka ta'e beekuu in barbaaddaa?" nan jedha. Abrahaam abbaan keenya ilma isaa Yisihaqin, iddoo aarsaa irratti yeroo dhi'eesse, hojii isaatiin qajeelaatti lakkaa'ame mitii ree? Kana keessatti amantiin isaa hojii isaa isa gaarii wajjin wal gargaaraa akka ture, amantiinis hojiidhaan fiixaan akka baafame in argita. Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa, "Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaa'ameef" jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in waamame. Egaa namni amantii duwwaadhaan utuu hin ta'in, hojii gaariidhaan qajeelaatti akka lakkaa'amu in argitu. Akkasuma Rahaab ejjituunis yeroo warra ergamanii dhufan sana simtee, karaa biraa akka ba'an goote, hojii gaariidhaan qajeeltuutti lakkaa'amtee turte mitii ree? Akkuma dhagni hafuurri keessaa ba'e, du'aa ta'e akkasuma amantiin hojii gaarii hin argisiifne du'aa dha.” — Yaq. 2:14-26
نمایش همه...
#5 “ስለዚህ፥ ወዳጆቼ ሆይ፥ ሁልጊዜ እንደ ታዘዛችሁ፥ በእናንተ ዘንድ በመኖሬ ብቻ ሳይሆን ይልቁን አሁን ስርቅ፥ በፍርሃትና በመንቀጥቀጥ የራሳችሁን መዳን ፈጽሙ፤” — ፊልጵስዩስ 2፥12 “Kanaafis yaa michoota ko! Yeroo hundumaa akkuma abboomamtan, yeroon isin bira jiru duwwaa utuu hin ta'in, caalaadhumatti yommuun isin bira hin jirre akkasuma godhaa! Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa!” — Filp. 2:12
نمایش همه...