cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

E-s-h-e-t-u😆😆😆🙏

Qube generation(quunnamaa).....Warri chaanaali kana hordoftanii odeeffannoo waytaawwaa fi tapha garagaraa ni argattu.

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
162
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

✍🏼Matshona Dhliwayo
نمایش همه...
🖕🤣🤣🤣🤣🤣🤣👍👍
نمایش همه...
Deemsa Milkaa'inaaf...✍ ═════❖••❖═════ Qilleensi na fuudhee Bubbeenis na kuffisu Qoraattiin hiddamee Gufuunis na dhiigsu ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨ Haalli hamaan dhufee Yoo na miidhes barri Gufuun baraa hammaattee Natti cufamus karri ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨ Nan xumura malee Hin hifadhu kaayyoo koo Gaafa guyyaan koo gahe Numan gaha galma koo . . .✍️ Getu Abera https://t.me/joinchat/AAAAAEUJcA_XOy0gMk_Kcw
نمایش همه...
E-s-h-e-t-u😆😆😆🙏

Qube generation(quunnamaa).....Warri chaanaali kana hordoftanii odeeffannoo waytaawwaa fi tapha garagaraa ni argattu.

Charlie Chaplin Koomeediyaanii beekamaan Chaarli Chaapliin waggaa 88 addunyaa kanarra jiraate keessatti himoota ajaa'ibaa afur(4) nuuf gumaacheera. 1👉 Rakkinoota keenyaan alatti, addunyaa kanarra wanti barabaraan turu hin jiru. 2👉 Rooba keessa deemuu nan jaalladha sababni isaas namni tokkollee imimmaankoo arguu hin danda'u. 3👉Guyyaan nuti jireenya keenya keessaa dhabne inni guddaan guyyaa nuti hin kolfineedha. 4👉Doktaroota/hakiimota gaarii ja'an(6) addunyaa...: a) 𝐀𝐝𝐮𝐮 b) 𝐛𝐨𝐪𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮 c) 𝐒𝐨𝐜𝐡𝐢𝐢 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 d) 𝐍𝐲𝐚𝐚𝐭𝐚 e) 𝐨𝐟𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮𝐮 f) 𝐇𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚
نمایش همه...
Jechoota Barsiisoo ┈┈┈••''''••┈┈ ➪ Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta! ➪ Nama si sobu wajjin gammaddee kolfuu irra, nama dhugaa sitti himee wajjin gadditee boo'uu siif wayya! ➪ Nama carraa gaarii qabu osoo bishaan galaanaa keessatti darbanii iyyuu, qurxummii afaanitti qabatee keessa baha! ➪ Hiyyeessa jechuun nama qarshiin hiyyoome osoo hin taane nama sammuun hiyyoome dha! ➪ Nama of beeku tokko gammachiisuus ta'ee gaddisiisus hin dandeessu! ➪ Namoonni hedduun dhugaa barbaadu malee dhugaa hin jaallatani! Daandii dhugaa irras hin deemani! ➪ Kaleessi kee boruu kee murteessuu hin danda'u. ➪ Namoota nama arrabsanitti hin qabamiin isaan eenyummaa isaanii ibsaa jiru malee eenyummaa kee ibsaa waan hin jireef! ➪ Callisuun yeroo malee fi dubbachuun yeroo malee balaa guddaa fida! ➪ Waan yaaduu qabdu qofa yaaduu yoo dandeesse waan irraanfachuu barbaaddu in irraanfata. Iyyaasuu Tarrafaa https://t.me/joinchat/AAAAAEUJcA_XOy0gMk_Kcw
نمایش همه...
E-s-h-e-t-u😆😆😆🙏

Qube generation(quunnamaa).....Warri chaanaali kana hordoftanii odeeffannoo waytaawwaa fi tapha garagaraa ni argattu.

Guyyaan borii bareedaa ta'a jennee yaaduun, Dhukkubbii guyyaa har'aaf qoricha ta'a! — Dr. Gurmeessaa
نمایش همه...
#ODUU_AMMEE Ergaa Ministeera Sayiinsii fi Barnoota Ola'noo irraa Beeksisa kanaan dura manxansineen Baratoonni Bara kana Ebbifamtan hundi Fuulbana 23--30tii Waamicha Isiniif gochuun keenya ni yaadatama, Haata'uuti garuu taatee Akka biyyaatti umameen Biyyatti keessa Nageenyi Amansiisaan wan hin jirreef, Baratoonni Bara kana Ebbifamtaniifi Baratoonni Yunivarsitii hundi bara kana Waan Isin waamnu Nutti hin fakkaatu kanaafuu Hundi keessan Iddoo jirtanitti Carraalee armaan gaadii kana keessaa Akka Filattan Isin beeksiisna. 1:- Hojii Yoo argattan barbaadadha. 2:- Bultii ijarrachuu warri barbaaddan ijaaradha 3:- Baqachuu warri barbaaddan baqadhaa 4:- Activists tahudhan Otuu dadhabne hifannee hin jedhin Nama Siyaasaa Cimaa tahun Hojii keessan itti fufaa 5:- Gara Moora Ykn Gibbii ni deebinaa jettanii xiqqollee hin shakkinaa 6:- Turtii Hanga ammaa nu waliin gootaniif Galatooma🙏🙏🙏. SHARE & JOIN:- @Orosarcasm @Orosarcasm
نمایش همه...
GOOTA ISA DHUGAA║TRUE HERO Utuu Si Ta'ee Akkas Gootaa? ════════════ ➥ Atileetiin biyya Keeniyaa Abel Mutai Fiigicha Dheeraa tokkoffaa irratti fixuu dhaaf sarara dhumaa irraa tarkaanfii muraasa yommuu isa hafu waan xumure itti fakkaatee dhaabbate. Atileetiin biyya Spain Ivan Fernandez immoo isumatti aanee lammaffaa irra duuba isaa kan ture Atileetiin Keeniyaa confused ta’uu isaa waan hubateef “hin dhaabatiin itti fufii xumuri!” jedhee itti iyye. ➥ Atileetiin Keeniyaa sun garuu afaan Spanish waan hin dhageenyeef ammas isaaf hin galle. Sana booda Atileetiin Spain Fernandez akka isa hubataa hin jirre waan isaaf galeef Atileetii Keeniyaa sanaan gara fuulduraatti achi isa dhiibee, sarara qaxxaamursee tokkoffaa isa taasise. ➥ Gochi kun kan qalbii isaanii hawwate Gaazexeessitoonni itti dacha’anii “Maaliif kana gootee? Ati ofii kee maaliif tokkoffaa hin baanee?” Jedhanii gaafatan. ➥ Atileetiin biyya Spain Ivan Fernandez deebisee “Abjuun koo guyyaa tokko Jireenya Hawaasaa kana keessatti namoonni duubatti wal harkisuu dhiisanii, gara fuula duraatti wal dhiibanii, wal gargaaranii, Mo’ataa yommuu wal taasisan arguu dha” jedhe. Hedduu nama dhiba (Ajaa'iba). ✍️Madda:leadership Tg page
نمایش همه...