cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

DHUGAA

Channel keenyarratti barumsa M/qulqulluu guyyaa guyyaatti isiniif qoodna waan ta'eef, join godhaatii nu hordofaa! “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti; Efes 2:8

Mostrar más
Publicaciones publicitarias
201
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
-230 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Yoo mo'amuu sodaatta ta'e injifachuun siif hin malu. @Dhugaa
Mostrar todo...
Jireenya keessatti wantoota ulfaataa ta'an keessaa tokko jechoota dubbachuu hin dandeenye garaa kee keessaa qabaachuudha. —James Earl Jones ━━━━━━━━━━━ 🖋️@Dhugaa🖌️
Mostrar todo...
FILANNOO BILISUMMAA Waaqayyo waaqa bilisummaa ti. Namni waan hundumaatiin akka isa jaalatu, isa kabajuu fi isa waaqefatu fedha Waaqayyoo ti. Namni karooraa fi yaada gaarii Waaqayyo isaaf qabu akka beekuuf barbaadatus Uumaan isaa in fedha. Waaqayyo nama uumuun isaa yaada ofii isaatii tiif: gammachuu jaalala isaa, ayyaana isaa, ogummaa isaatii fi ulfina isaa akka namni hirmaatu in barbaada. Haa ta‟u iyyyuu malee, jaalalli fedhiin kan godhamu dha. Humnaan ykn dirqiidhaan jaalalli hin argamu. Eenyu illee namni tokko isa biraa akka inni jaallatu dirqisiisuu hin danda‟u. Ulfeessuu fi waaqefachuun illee akkuma kana fedhii dhaan ta‟a. Kana jechuun immoo jalachuunis ta‟ee waaqefachuun filmaata bilisummaatiin ta‟a. Namni yeroo hundumaa waan iddoo guddaa keennuufii fi jaalatu filata; kanneen biro mara irra caalchisee iddoo kennaf akkasumas waaqefata. Filannoo dhaan! Garuu filannoon miidhaa / balaa illee of keessaa qabaachuu ni danda‟a. Kana jechuunis namni gaarii ykn hamaa, jireenya ykn du‟a, ifa ykn dukkana filachuu ni danda‟a. Egaa wanti gaafatamuu qabu, “nan filadhaa ykn immoo nan waaqefadhaa?” otuu hin ta‟in , “Eenyuun?” kan jedhu ta‟a. “karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa duu‟aa ti.” Fakk. 14:12. Seexxanni mormii filate; kunis akka inni gadi darbatamu isa taasise. Isa. 14: 12-15‟n dubbisi! filannoon dogongoraa dhumni isaa baay‟ee kan nama gaddisiisu ta‟uu ni danda‟a. Jaalala, dhugaa fi gaarummaa Waaqayyoo tufachuun bu‟aan isaa jibba, dogoggoraa fi waan hamaa haammachuu/sassaabachuu dhaan nama ga‟a. Isa tokko filachuun isa biraa immoo tuffachuu ta‟a. Kan Waaqayyo caalaatti, Hewaan sagalee bofichaa Addaam immoo sagalee haadha mana isaa dhaga‟uu filatan. Bu‟aan filannoo dogongoraa kun Waaqayyottii adda ba‟uu yookiin du‟a ta‟e! FAYYINNI MAALIIF BARBAACHISEE? Fayyina argachuun rakkina cubbuu irraa kan ka‟e nu irra ga‟eef furmaata ta‟a. Isa qulqullaa‟aa yaada fi karoora Waaqayyoo keessaa kan nu baasu cubbuu dha. “…namni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga‟e.” Rom. 5: 12. Gatiin cubbuuf kanfalamu jira. Innis Waaqayyo irraa gargar bahuu dha yookiin immoo du‟a dha. “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du‟a; kennaan Waaqayyoo garuu jireenya bara baraa ti.” Rom. 6: 23. Waaqayyo karaa Hizqi‟el Raajichaa(18:4,10), “… lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du‟u!” jedheera. “Nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa (Yesuus) irra kaa‟e.” Isa.53: 6. Gara nutti fakkaatetti karaa irraa goruun kun du‟atti adeemuu ta‟a. “karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du‟aa ti.” Fak. 14:12. @Dhugaa
Mostrar todo...
Qabxiillee jajjaboo kudha tokko(11) Lukkuu Haadhoo irraa Barataman👌 ** 1. Osoo hin hammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti ☞KAROORA QINDAA'AA 2.Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu/hammattu sochii ni xiqqeessiti ☞NAAMUSA. 3.Sababa hanqaaquu ishee hammachuutiin Nyaatni hir'achuu irraa kan ka'e ulfaatinni qaamaa hir'ata ☞WAREEGAMAA FI OF KENNUU 4.Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi. ☞ALLOOGUMMAA FI ARJUMMAA. 5.Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti.   ☞AMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU 6.Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti   ☞XIINXALAA FI HUBANNOO. 7.Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee tan qabdu kunuunsuu eegalti ☞OGUMMA, DAMMAQINA FI DHUGAA 8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu ☞KUNUUNSAA FI JAALALA. 9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi ☞TOKKUMMAA FI KAAYYOO. 10.Ilmoolee ishee osoo of hin dandeenye kophaa hin dhiistu ☞ITTI GAAFATAMUMMAA 11.Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti. from Girma @Dhugaa
Mostrar todo...
Dhugicha🎤: KENNAAWWAN WAAQAYYO NAMOOTA HUNDUMAAF WAL-QIXA KENNE:- " = Waaqayyo kennaawwan hedduu namoota hundumaaf wal-qixatti kenneera. Kun arjummaa Waaqayyoo isa safara hin qabnerraa waan ta'eef lakkoofnee fixuu hin dandeenyu. Xiqqoo xiqqoo akka fakkeenyaatti yoo ilaalle: ➢ Qilleensa ➢ Roobaa fi aduu ➢ Ifaa fi dukkana ➢ Hirribaa fi sammuu yaaadu, akka fakkeenyaatti ilaaluu dandeenya. Addumaan amma wantoota shan irratti xiyyeeffachuun akka itti aanutti kan ilaallu ta'a. ,, Kennaawwan hiyyeessis dureessa waliin qixa fudhate, wallaalaan beekaa waliin qixa kan fudhate_ garuu namni hundinuu kan ofii ofii kan fudhate_ kennaa gati-jabeessa kanneen haa ilaallu. ,, Kennaawwan kunniin: ☑️ Yeroo keenya ☑️ Humna keenya ☑️ Dandeettii keenya ☑️ Mul'ata keenya ☑️ Amantii keenya " = Waaqayyo kennaawwan gati-jabeeyyii kanneen nuuf kennuu qofa osoo hin taane ni to'atas. Kanaaf seeraan (akka ta'uu qabutti) akka itti dhimma baanu barbaada. Kunis: ➢ Iddoo sirriitti, ➢ Namoota sirrii waliin, ➢ Haala sirrii keessatti, ,, [1] 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖:- yeroon kennaa guddaa Waaqayyo hunduma keenyaaf kenneedha. Waaqayyo yeroo nuuf kenneera. Yeroon Waaqayyo nuuf kenne immoo kaayyoo fi sababa mataa isaa ni qabaata. Yeroon keenya hundinuu ulfina Waaqayyootiif akka oolu barbaada Waaqayyo. Kun ta'uuf immoo: 1.1 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙞𝙙𝙙𝙤𝙤 𝙣𝙪𝙮𝙞 𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙙𝙖𝙗𝙖𝙧𝙨𝙞𝙣𝙪 (𝙖 𝙥𝙡𝙖𝙘𝙚 𝙬𝙝𝙚𝙧𝙚 𝙬𝙚 𝙨𝙥𝙚𝙣𝙙 𝙤𝙪𝙧 𝙩𝙞𝙢𝙚):- " Yeroon kee sekoondii fi daqiiqaa Waaqayyo siif kenneedha; sa'atii fi guyyoota, torbanootaa fi ji'oota, waktiilee fi waggoota jireenya kee kan Waaqayyo siif kenne sanadha_ yeroon kee. Yeroo siif kenname kanatti, Waaqayyo eessatti akka dabarsitu murteesseera. Iddoon Waaqayyo itti si barbaadu ni jira; akkasumas iddoon Waaqayyo itti sin barbaannes ni jira. Iddoo Waaqayyo itti si barbaadu yeroo dhaabattu akka muka bishaan bira dhaabameetti jireenyi kee ni lalisa. ➢ Iddoo Waaqayyo itti si barbaadetti lolli yoo sitti ka'e yeroo hundumaa ni mo'atta. Waaqayyo yeroo sana dhaabattee akka loltuuf humna siif kenna, haala siif mijeessee si injifachiisa. ➢ Iddoo Waaqayyo itti sin barbaannetti, Waaqayyotu lola sirratti dammaqsa; yeroo sana Waaqayyo akka ati achii deemtuuf karaa sitti mul'isa. Keessa keetti deemuu akka qabdu sitti dhageessisa. Yeroo akkasii iddichi iddoo itti Waaqayyo si barbaade miti. Naannoon nuyi keessa jiraannu jireenya keenya bocuu keessatti ga'ee guddaa qaba. ,, 1.2 𝙮𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙣𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙣𝙪𝙪𝙣 𝙬𝙖𝙟𝙟𝙞𝙣 𝙙𝙖𝙗𝙖𝙧𝙨𝙞𝙣𝙪 (𝙬𝙞𝙩𝙝 𝙬𝙝𝙤 𝙬𝙚 𝙨𝙥𝙚𝙣𝙙 𝙤𝙪𝙧 𝙩𝙞𝙢𝙚):- " Waaqayyo namoota hundumaa akka jaallannuuf yoo nu abboome iyyuu, eenyu waliin deemnee akka milkoofnu immoo nu gorsa. Namoonni Waaqayyo waliin akka adeemnu barbaadu ni jira. Namoota eebbi keenya isaan harka jiru ni jiru. Kanaaf, eenyu waliin akka yeroo keenya dabarsinu filachuun barbaachisaadha. Akkasumas namooni Waaqayyo waliin nu hin barbaadne ni jira. Waaqayyo sababa namoota sana jibbuuf osoo hin taane, namoonni sun namoota nuun waliin milkoofnu waan hin taaneefidha. "Ati namoota waliin ooltu nattimi; animmoo eenyummaa keen sittimaa!" jedha jechamni tokko. Kanaaf, namoonni nuun waliin oollu nuuf murteessoodha. " Kanaafuu, akka gorsaatti kanan dubbistootaaf dhaamu:- ➡ Namoota waan gaarii irraa barachuu dandeessan_ filadhaa waliin yeroo keessan dabarsaa! ➡ Namoota ogummaa irraa argattan, namoota kallattii sirrii isinitti agarsiisan, namoota mul'ata keessanitti isin jajjabeessan, namoota isin gorsuun daandii jal'inaa irraa isin deebisan,... waliin oolmaa keessan godhadhaa! " 1.3 𝙔𝙚𝙧𝙤𝙤 𝙆𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙃𝙖𝙖𝙡𝙖 𝘼𝙠𝙠𝙖𝙢𝙞𝙞 𝙆𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙩𝙩𝙞 𝘼𝙠𝙠𝙖 𝘿𝙖𝙗𝙖𝙧𝙨𝙞𝙣𝙪:- " Obboloota ko! Yeroon qoosaaf, gaabbiif, aariif, haalloof, jal'ina hojjechuuf, waawummaaf,... nuuf kenname hin jiru. Akka karoora Waaqayyootti, yeroon nuuf kenname hundinuu karoora mataa isaa waliin nuuf kenname. Kanaaf yeroo keenya karoora Waaqayyootiif qoodnee yoo ilaalle, umuriin keenya guutummaatti Waaqayyoon tajaajiluuf qofa akka nuuf kenname argina. Nuti yeroo mataa keenyaa hin qabnu.
Mostrar todo...
Nuti gammachuu mataa keenyaa hin qabnu. Nuti karooraa fi kaayyoo ofii keenyaas hin qabnu. Yeroo Waaqayyootti, kaayyoo Waaqayyo nutti kenne, karoora isaatiin hojjennee_ gammachuu isaa gammadna. Gammachuun keenya guutuu kan ta'u, yeroo kaayyoo Waaqayyo nu uumeefitti hojjennuudha. Kanaaf, nuun gammachuu guutuu argachuuf yeroo dhufutti beellamuu caalmaa, ammuma irraa murteeffannee kaayyoo Waaqayyootti hojjechuuf yoo tarkaanfanne_ gammachuu guutuu argachuu ni dandeenya. " Kanaafuu,... Yeroo keessan haala kam keessatti danarsaa akka jirtan ilaalladhaa! Haalichi haala Waaqayyo itti gammadu moo itti gadduudha? jennee gaafachuun gaaffii barbaachisaadha. " ➡ Walumaagala, yeroo keenya iddoo sirriitti, namoota barbaachisoo waliin, haala sirrii keessatti dabarsuu qabna! " Waaqayyo isin haa eebbisu! " @Dhugicha1 " Itti fufa.... @Dhugaa
Mostrar todo...
Mostrar todo...
Si kan naaf kadhatu-Dawit_Girma new

Dawit Girma haaraa

Waaqaffaannaa baayyee nama boqochiisu kana link kana tuquun seenaatii daawwadha waliif share godhaa. 👉https://youtu.be/CrJon0nbwYY?si=gYuMZwcQGdL3LMo0
Mostrar todo...
Hirpha Bahiru -KANKEE GALATA -WORSHIP -Hand Of God Tv -2024/2016

#faarfannaa_afaan_oromoo #oromogospelsong #faarfannaa_haaraa #oboromedia #oromogospelsong #faarfannaa_afaan_oromoo #new #faarfannaa_haaraa #2016 / 2024 #oromomusic #ethiopian #mezmur

Yaadakootti Nan Laatiin - Dawit Girma 2008 E.C Album isaa Jalqabaa Keessa. ✝️JOIN: @Dambaliifaarfanna
Mostrar todo...
Dawit_Girma_Track_05_0VMyDSwA6MQ_140.mp37.54 MB
Inni kan biraan Yesus hafuura hamaa ni ifata (rebuke). Waliin dubbii tokko utuu hin taasisin ifatee geggeessa. Kanas luqqisii armaan gadii irraa arguu dandeenya. “Yesus hafuuricha hamaa sana ifannaan, inni gurbicha keessaa ba`e; gurbichi immoo si'uma sana fayye.” — Mat. 17:18 Faallaa Yesus hafuura hamaa waliin dubbachuu, hafuura hamaatu yeroo baay'ee isa waliin dubbachuuf yaala. Yesus garuu deebii homaa utuu isaaniif hin laatin isaaniin geggeessa. Luqqisii kanneen caqasi! "Yaa Yesus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu balleessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo;" jedhe. -Mar. 1:24 “Isaan immoo kunoo, caraananii, "Maal nuttii qabda? Maaltus dhimma keenya keessa si buuse, yaa ilma Waaqayyoo? Yeroon utuu hin ga'in nu dhiphisuu dhuftee ree?" jedhan!” — Mat. 8:29 Egaa tajaajilli nuti har'a waldaa kristiyaanaa keessatti kenninu faallaa kan Yesus jenna moo nuti akkamiin seexanaaf af-gaaffii dhiyeessina? Har'a tajaajiltoonni keenya seexanaaf gaaffii fi deebii dhiyeessu. Yeroo kana hafuurri hamaan sun waan barbaade odeessa, oduu hafuuricha hamaa wabeeffachuun tajaajiltoonnis ta'e amantoonni, abbaan muuziqaas walitti hoo'isanii lafa ciruun gammadu. Kessumaa waanti baay'ee nama gaddisiisu isa tajaajiltoonni cimina isaaniif wabii haasaa hafuura hamaa dhiyeeffataniidha. Hafuurri hamaan ati cimaadha, tajaajilaa akka abiddaati, siin si dadhabne fi kkf ofiin jechisiifatanii erga amantoota raajeffachiisanii booda of-tuulummaa kuntaala tokko huddeelatanii waltajjii irraa bu'anii deemu. Akka isaan yaadanitti isa hafuurri hamaan dubate sanatu dhugaadha. Seexanni akka kanaan sobdee tooftaan namoota danuu miilla jalaa kaasaa jirti. Maal kana qofa har'a ni tajaajilla kan jedhan namoonni hedduun maallaqa namaaf kennanii akka waan hafuurri hamaan keessa jiru fakkeessuun iyyisiisanii jabina koo amantoota duratti dubbadhu kan jedhanis guutan. Isaan kun warra sobanii namoota irraa waa nyaachuuf haala mijeeffataniidha. Hundaafuu dubbii isinitti hin baay'isuu Seexanaaf waltajjii Waldaa Kristiyaanaa irraa af-gaaffiin dhiyaatu dogoggora guddaadha. Seexanni amantoota jidduudhaa yoo iyye gab jedhee akka deemu taasisuudha. Jechoota inni dubbatu ammoo dhugaa ykn soba gochuuf dhama'uun hin barbaachisu, callisanii akkuma Yesus godhe bira taruudhaan geggeessuudha. Kanaaf namoota Seexanaaf af-gaaffii dhiyeessan ifadhaa, sirreessaa! Ta'uu yoo baate garuu namichi isin irraa nyaachuuf karaa tolfachaa jiraachuu isaa quba qabaadhaa! Via Fb Olifan Marga @Dhugaa
Mostrar todo...