cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Sagalee Kiristoos Iyyasuus

" Yaa mucaa namaa! Ati macaaficha ani amma siif kennu kana nyaadhuu garaa kee guuttadhu!" naan jedhe; ani yommuun nyaadhes afaan kootti akka dammaa in miyaa'e." Hisqi'el 3: 3 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ @kitaabaqulqulluu @kitaabaqulqulluu ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Advertising posts
3 518Suscriptores
Sin datos24 hours
Sin datos7 days
Sin datos30 days
Archivo de publicaciones
Akkam jirtu maatiin Waaqayyoo ? channel kana gara group https://t.me/Ortodoksiidhugaa jedhutti jijjiiruuf jira mee yaada keessan itti kennaa!!
Mostrar todo...
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan Afuura qulqulluu waaqa tokko Ameen ERGAMAA QULQULLUU MIKAA'EEL Bara sanatti waa'ee ijoollee saba keef kan dhaabatu Inni hangaftichi mikaa'eel ni ka'a (Dan 12:1) Hiikaan jecha mikaa'eel jedhu "kan akka waaqayyoo enyuu?" Jechuudha. Ergamaa qulquullu mikaa'el ergamoota jiran hundamaaf hangafa ta'ee kan muudameedha. Ergamaan kun kan luba iyyaasuu kan gargaare (Iyaasuu 5÷13 ) kan israa'eloota yemmuu masiri gara kana'aanitti imalan masakaa/geggeessaa ture dha raajaan daani'eel waa'ee ergamaa kana akkas jechuun debbate "Kunoo warreen hangaafoota jajjaboo keessaa tokko mikaa'eliin nagargaaruuf dhufe (Dan, 10 : 13 ) Waxabajjii 12 guyyaa kana qulqulluu mikaa'eel Afoomiyaa harka seexanaa jala kan itti baasedha. Akkasuma guyyaa baari'anin xalayyaa du'aa isaa gara jireenyati jijiiredha kanaf waxabajjii 12 halaa adda ta'en ni yaadatama ykn ni kabajamee olaa. Kabajamtoota fi jaalatamtotaa obboloota koo kan gartuu mikaa'el tatan martuu baga ittin isin Gahee ergaama qulqulluu mikaa'eel hamaa hunduma irraa nuhaa eegu Ameen
Mostrar todo...
" Kana hundumaa keessatti Mikaa'el ergamaa guddaa isa isiniif dhaabatu malee, tokko illee kan anaa wajjin jabaatee dhaabatu hin jiru! Haa ta'u iyyuu malee, ani wanta macaafa isa dhugaan keessatti argamutti caafame sitti nan hima" jedhe." (Macaafa Daani'el Raajichaa 10: 21)
Mostrar todo...
Egaa namni biyya ormaa dhaquuf yaadu kamuu waan kana lamaan guuttachuu qaba jechuudha. Jireenya keenyanis nuti kara deemtota. imaltoota samiiti. Teenna biyyi samiidha akka jedhe qulqulluu Phaawulos.(Fil 3:20) Biyya lafa kanarratti dhalanna malee, asuma irratti hin hafnu. Foon keenya biyyoo ta’us lubbuun keenya imaltuudha. Imalli keenya fi hawwiin keenya kun ammoo mootummaa Waaqayyoo dhaaludha, Jannata galuudha. Jannata galuuf ammoo paaspoortii fi viisaa bakka sanaaf malu qabaachuun dirqama. Haa ta’u malee viisaa fi paaspoortii akka biyya lafaa irratti biyya tokkoo gara biyyaa deemnu kanatti fayyadamna miti. Waraqaas miti. Paaspoortii fi viisaan keenya amantii keenyaafi hojii gaarii keenyadha. Paaspoortii baafachuun keenya kiristaanummaa keenyadha. Kan Ilma hin qabaaanne(Iyyasuus) kan hin qabaanne jireenya hin qabu(1Yoha 5;12) akka jedhame, inni isa jalqabaati. Amantii keenya sana irratti ammo viisaa hojii gaarii rukuchiifachuu qabna. Maqaaf kiristaana taaneef qofa fayyinni akkasumaan hin jiraatu. Hojii itti dabaluu qabna. Hojii gaarii wangeelli qulqulluun ajaje sana dabaluu qabna. Kan beela’e nyaachisuu, kan dheebote obaasuu, kan daareti uffisuu, kan hidhame gaafachuu, kan dhukkubsate yaalchisuun fi kkf viisaa imala samiif barbaachisanidha. Egaa paaspoortii keessan maddiitti viizaa rukichiifadhaa, mootummaa samii ishee misirroo jedhamteef of qopheessaa// Ergaa fi Ergama @nhf
Mostrar todo...
Yaa imaltuu Jannataa! Paaspoortii qabattee? Viisaa imalaa hoo rukuchiiffateertaa? Addunyaa kana irratti akka seera biyyootaatti biyya tokko irraa gara biyya dhibii deemuuf paaspoortii qabaachuun, paaspoortii sana irratti ammoo heyyama biyya biraa akka galtuuf(daangaa biyya biraa akka qaxxaamurtuuf) irratti chaappeffamu qabaachuun dirqama. Jalqaba irratti biyya jiraaturraa paaspoortii baafatta. Bakka dhaqxetti, eessaa akka dhufte paaspoortiin sun ni hima. Viisaan paasporticharratti siif rukutamu ammoo sababa dhufteef hamma tokko ni ibsa. Haaluma sanaan fudhatama argattee daangaa biyya tokkoo keessa seentee baata. Paaspoortii fi viisaa malee garuu eegdonni si hin dabarsan. Si qabanis gara mana hidhaatti si gashu,yookaan yakkaan si gaafatu.
Mostrar todo...
“Guyyoonni sun utuu gabaabbachuudhaa baatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo'amaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru.” — Mat. 24:22
Mostrar todo...
“Eenyutu jaalala Kiristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree? Sababii keetiif namoonni guyyaa guyyaatti nu keessaa in ajjeefamu, akka hoolota qalamuuf jedhaniitti lakkaa'amnee jirra" kan jedhu caafameera.Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna. Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Iyyesuus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu."   — Rom. 8:35-39
Mostrar todo...
“Hisoophiidhaan cubbuuttii na qulleessi, anis nan qullaa'a; na dhiqi cabbii irras nan addaadha!” — Far. 51:7
Mostrar todo...
" Iyyesuus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee, iddoo isaatti erga deebi'ee booddee, "Waanan isiniif godhe hubattuu ree? 'Barsiisaa, gooftaas' jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta'eera." Yoh 13:12-15 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ 💚 @kitaabaqulqulluu 💚 💚 @kitaabaqulqulluu 💚 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Mostrar todo...
" "Inni furu, gara Xiyoon, sanyii Yaaqoob keessaa gara warra irra-daddarbaa isaaniittii deebi'anii in dhufa" jedhe; Waaqayyo kana dubbateera. " Isa 59: 20
Mostrar todo...
"Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo'a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraatti isa in eega, hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha." Isa 9:6-7
Mostrar todo...
Baga Geessan!!! Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen Kabajamtoonni maatiin Waaqayyoo ijoollee waadaa Haadha hunda keenya Dubroo Maariyaam hundi bakka jirtanitti baga nagaa fi jaalalaan guyyaa Ayyaana waggaa kan Siidiraaq Miisaaqii fi Miisaa'eel jabina amantaa isaanii fi humna Waaqayyootiin laboobina abiddaa sodaachisaa fi ulfaataa ta'e keessaa gargaarsa hangafa Ergamootaa qulqulluu Gabri'eelitiin fayyaniin isni ga'e. Maqaa isaani duraan Siidiraaq Miisaaqii fi Miisaa'eel kan jedhamani booda Anaaniyaa Azaariyaa fi Miisaa'eel jedhamanii kan moggaafaman dargaggoonni kunneen waanuma amantaa fi kadhannaatti jabaatan qofaaf seexanaa fi biyya lafaa biratti darbatamani. Waaqayyoo jabina isaaniirra akka baranuuf jecha hamma dhumaatti isaan jabeessee ergamicha qu/ Gabri'eeliin ergeefi abidicha keessaa isaan fayyiseera. Maarree nutis yoo hamma dhumaatti amantaatti jabaanne jiraanne Waaqni keenya Waaqni Anaaniyaa Azaariyaa fi Miisaa'eel qorumsa fi gubaannaa biyya lafaa kana keessa nufayyifata. Arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan haadha keenya dubroo Maariyaam kadhannaa fi gargaarsi Eergamaa Gabri'eel hunduma keenyaa haa gargaaru. Waggaatii hamma waggaatti nu haa jiraachisu. Ameen
Mostrar todo...
“Innoo Waaqayyo keenya, nuyi saba harka isaa jala jirruu dha, hoolota inni tiksuu dhas har'a sagalee isaa utuu dhaggeeffattanii attam gaarii dha!” — Far. 95:7
Mostrar todo...
''Yaa Waaqayyo saba keetiif oo'i, saba kee warra dhuunfaa kee ta'an, saba warra kaan gidduutti nama ga'oo fi nama mammaaksaa hin godhin!” — Yoe. 2:17
Mostrar todo...
“Ati saba kee oolchi, warra kan keetiis eebbisi! Bara baraan tiksee isaanii ta'iif, ol fuudhii isaan baadhus!” — Far. 28:9
Mostrar todo...
Kitaabni Sinkisaaraa bara 1993 Afaan Gi'izii irraa gara Afaan Amaariffatti jijjiramee wagga Digdaman booda Waldaa Duuka Bu'ootaan gara Afaan Oromootti jijjiramee gabaarra oleera. Galatni Waaqayyoof haa ta'u. Baga gammaddani 🙏🙏🙏🙏
Mostrar todo...
👍 142
👌 21
🙏 74
Waaee gochoota Irreecha irratti raawwatamuu hin barbaachifnes yoo ibsan “Oromoon ayyaanni narra bu’e jedhee mukatti of hin buusu; lafaan of hin dhawu. Kuni kan Oromootii miti. Ani ayyaantuudha jedhees kanan amanu, hafuura adda tahe tokko malee warra waa beeku, kan bitaa fi mirga taa’ee, ilaalee ‘ati kana godhi ati sana godhi’ jedhu malee kan itti gabbaranii fi jalatti kufan miti. Kiristaanummaas da’oo godhatanii warri afuura qulqulluudhan guuttamne jedhanii raagduu of fakkeessuuf lafatti of tuman sirrii miti. Afuura Qulqulluun dhukkubsataa kan fayyisu malee kan fayyaa afaan qabee lafaan dhahuu miti; kan kufe kan kaasu malee kan kuffisu miti. Fakkeenyaaf ani kanan beeku yoo qotiyyoon wal loltee tokko jalaa miidhame, ayyaantuun ni araarsa; nama kabajamaa jechi isaa dhaga’amuu fi dhugaa dubbatu malee nama dalagee kanaa fi san naaf fida jedhu miti; ani akkanattan amana. Gama biraatiin horii bishaanitti gatuun, dhadhaa mukaa fi dhagaa dibuunis akka kiristaanummaatti fudhatama hin qabu. Tokko tokko ammoo aadaa boodatti hafaanis jiru; isaan akkasii sirrii miti. Kan fuulduratti nu deemsisan qofa haa fudhannu. Amantaa biraa gar malee ceepha’uun wal diddaa uuma, nageenya booressa. Abbaa Gadaa Maccaa kan taan Taakkalaa Dhiinsaa waaee irreessaa yeroo ibsan “Irreessa jechuun nageenya, marga jiidhaa harkatti qabatanii marga sana malkaan tuqee ittiin eebbifata, kuni Oromoo waliin kan dhalateedha. Guyyaa kana Kallachaa fi Caaccuu malee wanti addaa gara malkaatti hin geeffamu, galata waan taeef namni Waaqayyoof galata malee wanta biraa gochuufii hin dandau” jedhan. Abbaan Gadaa Tuulamaa Duraanii Naggasaa Nagawoos waaee irreechaa yeroo ibsan “Irreechi galateeffannaadha, galata Waaqayyof dhiyaatudha” jedhan. Egaa haala kanaan yaada abboota Gadaas taee gocha irreecharratti raawwatamu yemmuu ilaallu,irreechi aadadhas amantaas of keessaa qaba jennee deebisuu dandeenya. Amantaa wanti inni of keessaa qabuuf galata Waaqayyof dhiyaatu,Waaqayyoof galata dhiyeessanii oolmaa isaa dubbatanii,isa gara fuuladuraaf isa abdachuudha,kuni ammoo aadaa miti;amantaadha malee.Garuu amantaa warra isa kamiiti? yoo jenne ammoo hundumti isaa Waaqa na uume jedhee keessa isaatti kan amanutti galata dhiyeessa waan taeef,amantaa adda qoodamee kan Kiristaanaa, kan Islaamaa kan abaluu, kan Yihudii ….osoo hin taane,warra Waaqaayyo jira jedhanii amanan maraaf kan dhiyaatu waan taeef akkuma amantaa amantaa isaanittidha jechuudha.Gama biraatin maqaan Kiristoos bakka itti hin waamamnetti gaaffii jedhuuf, Kiristaanni jalqaba Waaqa tokkotti amana, yeroo iccitiiwwanitti seene ammoo Sadummaa isaa hubata. Irreecha irratti sirni galateeffannaa, yookin kadhata abbaan dhiyeeffatu malee kadhanni dheerate seerri itti raawwatamu waan hin jirreef, abbaanis keessa isaatti Waaqayyon kan itti galateeffatu waan taeef, kiristaanotaaf, maqaa Waaqa tokkicha keessa maqaan Kiristoos akka jiru beekuuni fi yoo galateeffatus isuma akka tae keessa isaatti hubachuu qaba. Oromoon sirna amantaa keessa galee maaliif iccitii sadummaati amanta jedhe mormus ayyaanicharra hin jiraatu, kanaaf haala kanaan Waaqayyoon galateeffachuu jechuun kiristaanotaaf Waaqa addaati akka warra hin amaneetti galateeffatu jechuu miti. Kanaa olitti garuu manni galateeffannaa kiristaanaa mana kiristaanaa isa iccitiin itti raawwatu waan taateef kiristaanni bakka sana kan dhaquuf galateeffannaaf qofa osoo hin taane, akka aadaa isaatti, tokkummaa Oromoota waliin qabu agarsiisudhaafis. Keessumattuu yeroo ammaa dhimma amantaa irra dhimma aadaatu irreessarratti calaqqisa. Aadaa uffannaa garaa garaa, uummata Oromoo kallattii garaa garaan dhufu, agarsiisa garaa garaa, aartii garaa garaa fi k.k.f tu muldhata waan taeef akka aadattis ni fudhatama.
Mostrar todo...
Yeroo ammaa wanta Oromoo walitti fidu keessaa tokko ayyaana irreessaati. Sababni isaas amantaa kamuu yaa hordofuu amma irreessarratti argamee waa’ee biyyasaa fi tokkummaa, balaa itti dhufurraayis Waaqa kadhatee walitti gammadee wal argee gala. Kuni biyya jiraachisuuf, miira jaalala biyyaa ibsuu keessatti buaa olaanaa qaba. Egaa tokkummaa akkasii keessaa kiristaanotni hafuu qabuu? Ammoos wanti dagatamu hin qabne,fakkeenyaaf irreecha hora Arsadii keessatti warri sirnicha baatee asiin gahe caalatti hordoftoota amantaa kirristaanaa tauunis waan dagatamu miti. Namoonni irreecha dhaquun akka xaaota dhaquuti jedhanii yaadan yaadni isaanii sirrii miti; malkaa gahee margaan bishaan ofitti facaasee Waaquma itti amanu sana bakka bishaan jirutti galateeffate(guyyaa sanaaf bakka galateeffannaa jijjiire) jechuudha malee Waaqa biraati barbaacha dhaqe yaadni jedhu sirrii miti, xaaotatti buluu kan jedhu waliin wal hin argatu. Marga lalisaa qabatee malkaa bua, bishaan ofitti facaasee gala Sirni jiru kanuma gabaabbinaan; hin qalu,hin falu,hin fagu(dalagu), afuura addaa hin waamu. Kanaaf hubannoo kanaan ayyaana irreessarratti hirmaachun kiristaanotaf miidha qaba miti;argamuu dhabuunis ammoo mirga, garuu akka waan xaaotatti buluutti fudhachuunis sirrii miti.
Mostrar todo...
Seensaaf: Ayyaanni Irreechaa ayyaana sabni Oromoo akka guddaatti kabajatu keessa isaa hangafa. Irreechi ayyaana tokkummaa Oromooti. Kauumsi Irreessaa Waaqayyo ganna nagaan nu baaftee fuula ifaa nu agarsiifte,bishaan taliila nu agarsiifte,taliilatti baanee si galateeffanna jechuudha. Kanaaf irreessi ayyaana galateeffannaati. Irreessi Irreedhas jedhu.Waaqayyoon yoo kadhannee gammadne irreen keenya ni haaroma jedhu. Akkasumas irreessi marga lalisaa harkatti qabatamee Waaqayyoon ittiin galateeffannudhas. Irreessa qabadheen dhaqe jedhama.Walumaa galatti ayyaanichi ayyaana ifaan namootni gamtaan waliin raawwatanidha.Namootni hedduun irreessi aadaadhamoo amantaa isa jedhurratti wal falmu?Hubannoon barreessan kun qabu ammoo Irreessi amantaadhas aadadhas kan jedhutti kan adeemu taa.Gaaffin kan kau irreessi erga dhimma amantaa of keessaa qabaatee akkamiin bakka maqaan Kiristoos hin waamamnetti kiristaanni amantaa addaa qabaachuu malaree kan jedhutti dhufa.Akkasuma ammoo namoonni amantaa waaqeffannaa hordofan, irreessi amantaadha malee aadaa miti jedhu. Kanaaf yaada kana lamaan baldhinaan hubachuun gaarii taa. Barreeffama kana keessattis hubannoo abboota amantaa dabalatee guduunfaa gama barreessaa kanaan jirus xummura irratti kan ilaallu taa. Waaee Irreechas yemmuu ibsan Luba Balaay: Waaee irreechaa irratti abboota mana kiristaanaa irratti yaada baldhaa kennan keessaa tokko Luba Balaay Makonnin yemmuu taan, isaanis sirna irreessaa kana irratti bara baraan argamuudhan ni kabaju yaadni isaanii dhimma irreechaa irratti qabanis: “Irreecha jechuun irreeffachuu, araara buusuu, wal arguu jechuu dha. Irreeffannaan galateeffannaadhas.Garuu irreechi gaafa tokko qofa kan raawwatamu miti. Ganni halkani. Nama Waaqayyo hayyameefitu ganna baha. Dur namoonni holqa keessa muka jala fa’aa jiraatu akka ammaa kana mana sirriitti qophaa’ee kan ijaarratee miti. Kanaaf lolaan dhufee tasa nama fudhata fa’aa waan taheef. Tibba gannaa lagnis ni guuta, lolaatu waa fudhata, bakakkaatu jira. Yoo birraan bari’e kan boora’e taliile, ‘baga isin baase’ jedhee walitti bahee gamaa gamanaa irreeffata. Baga baatan baga baane waliin jedhee deebi’a. Kana jechuun ammoo cubbuu wayiituu hin qabu;booqa birraa nama hundi hin gahu waan ta’eef. Iddoo bishaan jirutti irreeffachuunis ammoo, uumamni lafa kanarraa bishaan malee hin jiraatu waan ta’eef, isa ibsuuf achitti bahu. Yoo irreeffatu ammoo waliin irreeffata. Akkuma yeroo masqalaa bakka tokkotti gubaa guban jechuu dha. Bishaanitti bahuun isaa ammas bishaan Waaqa jechuu miti; hiikkaan duratti jedhe qaba malee. Oromoon bishaanii fi Waaqa adda baaseetu beeka. Margi mallattoo lalisaati.Isa bishaaniin tuqee ofitti facaasa. Inumaayyuu namatu baay’ate malee hundumtuu of cuuphee dhiqachuu qabaayyu, akkasi seerri. Oromoon muka gogaa qabatee hin irreeffatu; hiika qaba waan taheef. Marga lalisaan magariisa. Akkuma kakuu moofaa kakuu haaraa keessatti Israa’eloonni muka meexxii qabatan jechuu dha. Kana qeequun gaarii miti. Wanta hin beekne irratti dhagaa darbachuun ulee cabaadhaan lola seenudha. Fakkeenyaaf namoonni Taabota qeeqan jiru, wallaalummaadha malee maalii wanti kuni akkamitti dhufe, eessaa dhufe jedhanii dura seenaa isaa baruu qabu. Bara kakuu moofaa abbaan gadaa ni eebbisa, abbaan amantiis mootonnis isuma hojii qonnaa fi siyaasaa, dinagdee hunda kan dura bu’ummaan hoogganus isuma ture. Bara kakuu haaraa kanatti garuu irreeffannaa akka aadattan yaadadha. Waa’ee amantaa kootii garuu mana kiristaanattan hordofa. Bara kanatti waa’ee siyaasaas kan hojjetu mootummaadha malee abbaa gadaa miti. Hojii akkasii keessa baldhinaan hin seenu.”
Mostrar todo...
Irreecha fi Kiristaanummaa Barreeffama kana keessatti: +++Harka caalu kitaaba Ortodooksii Oromiyaatti jedhu kan bara 2010 maxxanfamerratti kan ibsamerraan fudhe. +++Gaaffin namootaa dhimma kanarratti ibsa barbaadan yeroo yeroon keessumattu yeroo kana waan baldhinaan gaafatamuuf hubannoon ani akka nama afuurawaa tokkotti qabu wal biraan gahuun barbaachisaa waan taheef +++Abboota gadaa Oromoo ta biyya gaggeessan fakkeenyaaf abboota gadaa Tuulama kana dura turan waliin,abboota Gadaa Gujii waliin, Yaada abbootii Gadaa Maccaa, manguddoota Oromoo warra amantaa Ortodooksii hordofan waliin waanan ona keessa deddeemee walitti qaqqabadherraa cuunfaa yaada isaanii dhiyeessuun barbaachisaa waan ta’eef +++Luboota amantaa Ortodooksii hordofan kan dhimma amantii fi aadaa irratti hubannoo ni qabu jedhu kanan dubbiserraa; +++Hubannoon ani gochoota Irreechaa madaallii Kitaaba Qulqulluutiin ilaalu irraa waanan dubbise walitti qabadheera. Barreeffama kana dhiyeesseera. Haaluma kanaan hubaannoon koo ++Irreechi aadaadhas, qaama raawwii amantiitis jedheen fudha. ++Waaqa kadhachuun amantii ta’us akka itti Waaqa kadhatan aadaas,amantiis ta’uu mala. +++Uummanni Oromoo amantaa gara garaa keessa osoo jiruu Islaamas ta’ee kiristaanni bakka tokkotti dhimma gara garaaf yoo walgahe, fakkeenyaaf dhimma misooma dubbachuufis haa ta’u yookaan araarafis haa ta’u yookaan mariidhafis haa ta’u,yookaan sirna gaa’elafis yaa ta’u,yookaan lola diinni irratti labseefis haa ta’u,yookaan sirna gammachuu fi gaddaatifis haa ta’u, dura akkuma walgaheen Waaqa kadhata mitii?Yeroo kanatti Waaqa isa kam kadhata?Isa Kiristaanaa ti moo Isa Islaamaati? Waaqayyo silayyuu tokkicha garuu inni kadhatu akkuma amantii isaatti kan ‘Waaqa jedheen sana waammachuu isaati mitii? Kana gaafa ilaallu,gochi irreecha irratti raawwatamu waan addati yookan xaa’ota jechuu ni dandeessisaa? Lakki kuni akka hubannoo kootti hin jechisiisu. +++Kiristaanni kan irreecha deemu, amantii isaa keessatti hirdhinni jiraatetii?Kiristaanummaan kophaa isheetti guutuu mitii? Lakki kiristaanummaan kophaa isheetti guutuudha. Kiristaanni kan irreecha deemu garuu amantii addaa horachuuf yookaan Waaqa Kiristoos irraa adda ta’e barbaachaf,Masaanuu Waaqa itti buluu baafachaaf, osoo hin taane, akkuma dhimma gara garaa kana olitti eerame irratti tokkummaan Waaqa kadhachuu eegalu isa kana ammoo gammachuu isaa uummata Oromoo biraa,kan amantaan illee wal hin fakkaanne waliin qooddachuuf, Waaqa tokkummaan walitti qabee ganna dabarse galateeffachuuf, aadaa ofii gabbifachuuf,tokkummaa Oromoota warra kaan waliin qabu cimsachuufi. Kana gochuu isaatti amantaa isaa irratti wanti dabale yookis hirdhise hin jiru. +++ Bataskaana keessa imaamaa marattee(kan amantaa musliimaa) akkasumas Maskiida keessa Fannoo godhattee amantaa kee gaggeefachuu dandeessaa? Hin dandeessu.Maliif jennaan,yaadrimeen amantichaa gara garaa,seera mataa isaanis waan qabaniif akkuma seera isaanitti raawwatama.amantii ijaa ta’eef. Garuu irreecha gaafa deemtu masqalii ofirraa kuttaa?yookaan wanta amantii kee ofirraa qabdu ofirraa gataa qaamni siin jedhus jiraa?yookaan qaamni ani Waaqa akkas jedhamun asitti siif qopheesse isatti bulu,isa qofa galateeffadhu siin jedhu jiraa? Hin jiru miti? Maarree asitti ammoo akkamitti amantii qofa jennaaniree? Mirga irraa qabaannanuu dhaqxe miti?Waan waa keessaa qabduuf dhaqxe miti. Nama isa amantii kiristaanas Islaamas hin hordofu, ani Waaqeffataadha, irreechi ammoo qaama amantii kootiti jedheen sitti dubbatu ammoo,ati dirqamaan ‘lakki aadaadha!’ jettee ni mormitaanii? Akkamitti abbicharra beektee mormitaaniree? Egaa qabxiiwwan kana kan kaaseef hubanno keenyaa fi akka Oromticha amantii kiristaanaa hordofuu tokkotti hubannoo waloo qabaachuudhaaf qabxiilee nu gargaaran kaasuu barbaadeni. Dubbisichi dheeratus dubbisa gaarii sin hawaa, baga irreecha bara 2013 geessan jechaa, dabalataan ORTODOOKSII OROMIYAATTI kitaaba jedhu kan waggaa sadi dura maxxane yoo dubbisne hubannoo gaarii ni arganna.
Mostrar todo...
" Ergasii Iyyesuus bartoota isaatiin, namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra ka'aate, ana duukaas haa bu'u. " (Maatewos 16: 24) @kitaabaqulqulluu @kitaabaqulqulluu
Mostrar todo...
Guyyaa ebbifama nuuf haa ta'u!!! @kitaabaqulqulluu @kitaabaqulqulluu
Mostrar todo...
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ 💚 @kitaabaqulqulluu 💚 💚 @kitaabaqulqulluu 💚 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Mostrar todo...
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ 💚 @kitaabaqulqulluu 💚 💚 @kitaabaqulqulluu 💚 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Mostrar todo...
“Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata;” — Fak. 18:22 Dn. Dr.Naahimii Fayyisaa Waqayyoo ati tajaajilte Baga guyyaa Cidha keetiin nagaadhaan sii gahe. “ሚስት ያገኘ በረከትን አገኘ፥ ከእግዚአብሔርም ሞገስን ይቀበላል።” — ምሳሌ 18፥22 ዲያቆን ዶክተር ናሂሚ ፈይሳ ያገለገልከው የደከምክለት አምላክ እንኳን ለዚህ አበቃህ። #መልካም የትዳር ዘመን ይሁንላችሁ 🙏🙏🙏
Mostrar todo...
👍 16
🙏🏻 18