cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

🎓FORGO SPECIAL TEAM🎓

"Mixiin wal qabattee Arba hiitee jedhe"Oromon

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
190Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Seenaan Nama Jabaa kanaa dheeraadha. Gaggabaabseen kutaa kutaan isiinif qoodu yaala. Kutaa 1ffaa Ernesto Che Guveeraa jedhama. Gabaaninaan "Che" jedhamees ni waamama. Che jechuun "Hiriyaa" akka jechuuti. Mee anis Che jedheen isa waama gabaabsee. Ega Chen kan dhalate Arjentiinaatti bara 1928 ALA tti ture. Barnoota isaas achuma biyyasaa Arjentiinaatti barate. Umurii saafelummaa isaa kaasee kitaabota umuriin isa caalan hedduu dubbbisuun dabarse. Nama qabana'aa fi ofitti amanus ture. Yeroo Yunivarsiitii baratu gara dhumaatti fedhii biyyoota dawwachuu qabaachu isaarraa kan ka'e doqdoqqeedhaan imaluu jalqabe. Imala isaa kanaanis Arjentiinaa dabalatee Ameerikaa Kibbaa keessa biyyoota garaa garaa deemuun hiriyaa isaa faana doqdoqqeedhaan dawwataniiru. Gaafa qarshiin harka dhumu hojii humnaa dabalatee waanuma argame hojjetu. Bakka bulaan gaafa dhaban poolisoota kadhatanii mana hidhaa keessa bulu turan. Gaafiin immoo hospitaala deemuun dhukkubsattoota gargaaraa bulu. Baatiwwanif akkasitti dabarsan. Imalli kunis imala jireenya isaa kallatti biroo irra qajeelche ture. Chen yeroo imalaa ture kanatti bu'aa ba'ii jireenya dhala namaa baay'ee caqase. Haqa dhabuu, nyaata dhabuu... fi kkf. Garaagarummaan jireenya keessaan hagam akka jiru sirriitti hubate. Yeroo kana dhalaa namaaf sirni bulchiinsaa barbaachisaa ta'e akka jiraatu yaade. Sanas tumsuudhaaf murteesse. Yeroodhaan boodas qabsa'aa biyyaa kan ta'e Fidel Kaastiroo waliin meeksikootti wal arguun maree geggeessan. yaadi isaanis waan baay'ee irratti wal fakkaate, walii galanis. Walumaan dirree qabsoo hidhannootis socho'an. Chen yeroo qabsoo hidhannootti makameen dura, meeshaalee yaala fayyaa hiriyoota isaa yeroo miidhaan irra ga'u ittiin yaalu qaba ture. Fudhatees dirree qabsootti seene. Yeroo tokko bakka loltoonni Che faa buufatanii turanitti lolli jabaan itti baname. Lolichaanis Fidal Kaastiroo fi Che dabalatee namoota 80 turan keessaa namoota 12 qofatu lubbuun hafe. Chen rasaasaan rukutamee waan tureef, qawwee isaafi meeshaalee yaala fayyaa isaa wal faana baatee fiigee miliquuf hin mijanneef. Waa tokko filachuun dirqama itti taate. Yookaan ogummaa isaa yookaan immoo qawwee isaa. Jireenya isaa keessatti kun murtoo jabaa akka ture Chen dubbatee ture. Sana booda Chen qawweesaa fudhatee jaallan isaa faana fiiganii harkaa miliqan. Ergasii loltummaa akka gaariitti leenji'e. Yeroo gabaabaa boodas loltuu cimaa jedhamee aangoo Komaanderummaas argate. Lola irrattis adda durummaan ba'u jalqabe. Waggaa lamaa oliif qabsoo jajjaboo geggeessaniin booda mootummaa biyyatti kuffisan. Fidel Kaastiroon minsteera muummee ta'uun yoo mudumu, Che nis ministerummaa dabalatee angoo gurguddoo aragatee ture. Biyyikoo bilisoome jedhee hin teenye Chen ammas biyyoota mootummaa abbaa irreen bulan deemuun finciluu murteesse. Akkuma jedhes gara Afrikaa biyya koongootti imalee. Mootummaa biyyatti irratti fincila geggeesu yaadus hin milkoofne. Ammas Chen gadi hin teenye gara..... Itti fufa Dubbisi dubbisuun waa baruufi! Share👇👇👇 @Dubbisaan_Hayyuudha @Dubbisaan_Hayyuudha #Comment👇👇
Show all...
SEENAA JOE BIDEN IRRAA MAAL BARANNA❓ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Ijoollummaa isaatti seeraan dubbachuu waan hin dandeenyeef namoota biratti fudhatama dhabe. ➲ Guyyaa lammaffaa Nelia (haadha manaa isaa duraa) waliin restaurant tokkotti wal qacaree gatii nyaataaf waan kanfalu dhabee, Nelian teessoo jalaan $20 itti laattetti. ➲ Raayyaa waraanaa keessatti qacaramuuf jedhee dhukkubni ‘Asthma’ isa rakkisee utuu hin qacaramin hafe. ➲ Bara 1988 Biden yaalii baqaqsanii yaaluu ujummoo dhiigaa kan sammuu (surgery for a brain aneurysm) taasise. Ji’a sadii booddees irra deebi’ee surgery ta'e. ➲ Haadha manaa fi mucaa isaa balaa konkolaataan dhabe. Kana hordofee rakkoo sammuu godhachuudhaan hanga ajjeechaaf of saaxiluutti deemee ture. ➲ Joe Biden Pirezidaantii (president-elect) United States 46ffaa ta'uuf filatameera. Namoota wantoota baay’ee rakkisoo ta'een wal qabanii jiraniif dhaamsi isaa kanadha. Yaadadhaa “Yeroon baay’ee cimee nama rakkisu hanga dhumaatti hin jiraatu, namni cimaan garuu ni jiraata.” Seenaan isaa baay'eedha yeroo biraa baldhinaan isiniif dhiyeessuu yaala. ➦ Gαℓαтσσмαα!!! Υєʀσσ Gααʀιι sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa 🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Show all...
Dubbisaan Hayyuudha: Umurii isaa 33 tti aangoo qabate. Waggoota afuriif biyyattii bulche(1983-1987). Maqaa biyya isaa bara kolonii Faransaayii 'Apper Volta" jedhamaa ture Burkinaafaasootti jijjiire. Lammiiwwan biyyattii burkinaabee jedhamanii akka waamaman taasise. Burkinaabee jechuun namoota qajeeloo jechuu yoo ta'u, Burkinaafaasoon biyya namoota qajeeloo akka jechuuti. Leellisaa Pan-Afrikaanizimiiti. Imperiyaalizimiif jibba olaanaa qaba. Kunis, Qarriffaa biyyoota dhihaa jala isa galchee ture. Jechasaa "He who feeds you, controls you" jedhuun beekama. Hiikni jechichaa kan si sooretu si to'ata akka jechuuti. Kanaafis, gargaarsa alaa kamuu hin barbaadu jedhe. Akkuma jedhes humna biyyaa ijaare. Bu'uraalee misoomaa adda addaa humna biyyaatiin waliin ga'e. Barnoota, geejjiba, fayyaa irratti baldhinaan hojjete. Umurii ji'oota sadii keessatti lammiilee biyyattii 35,000(kuma soddomii shan) ol ta'an barnoota bu'uuraa barsiisuun barreessuufi dubbisiisuu dandeesise. Waggoota afur biyyatti bulche keessatti uwwisa barnootaa biyyattii % 13 irraa gara % 73 tti akka ol guddatu taasiseera. Torban tokko keessatti daa'imman biyyattii miliyoona 2.5 ta'aaniif talaallii dhukkuboota gara garaa akka argatan taasise. Abbootii qabeenyaa irraa lafa fuudhee qonnaan bultootaaf hire. Kanaanis nyaataan akka of dandaa'an taasise. Aangoon isaaf uummata tajaajiluudha. Akkuma nama kamuu biyyattii jireenya gadi aanaa jiraachaa biyyattii geggeessee bulchaa ture. Qabeenyi isaa Konkolaataa dulloomtuu tokko, biskileetii tokko, gitaarota sadii fi wantoota bu'uuraa namni kamuu jiraachuuf barbaaduudha. Ijoolleen isaa mana barnootaa mootummaatti ijoollee hiyyeessaa waliin baratu. Haati warraan isaa hojjetuu mootummaa tahuun hojjetti. Ministeeroota biyyattis jireenya irraa hafaa barsiifatan dhiisisee galii biyyattii hundaan jijjirama biyya isaa irratti xiyyeeffate. Kun hundi hojiiwwan inni bara bulchiinsa isaa waggaa afurii keessatti hojjete keessaa muraasa. Dacheen kun namoota qajeeloofi Onnee isaanii irraa biyya isaanii jaalataniif yeroo hin kennitu. Onkoloolessa 15, 1987 shira nama waahila qabsoo isaa ture Bilyeezi Kampaworeetiin fonqolchi mootummaa irratti taasifamuun ajjeefame. Dargaggeessichiifi qabsa'aan sabaa jaalalaa fi kabaja uummata isaaf qabu waliin umurii isaa waggaa 37 tti dachee kanarraa du'aan adda ba'e. Innis, TOOMAAS SANKAARAA jedhama. Dubbisi dubbisuun waa baruufi! Share👇👇👇 @Dubbisaan_Hayyuudha @Dubbisaan_Hayyuudha
Show all...
﷽ 🌺#Gaaffii_fi_Deebii_Marsaa_2ffaa🌺 ①.Akka hadiisaan nutti himametti; irra caalaan muslimaa jechuun _ ? A. Qur'aana ka barate B. Qur'aana kan barsiise C. Qur'aana baratee kan barsiisee D. Deebi hin qabu ②.Du'a Nabi Muhammad(s.a.w) booda ji'a jahaffatti intalli nabi muhammad tan duute maqaa isii eenyu? A.Ummu Kulsuum(r.a) B.Zeeynabaa(r.a) C.Faaxumaa(r.a) D.Aa'ishaa(r.a) ③.Qur'aannii yeroo jalqabaatiif kan kitaaba tokkotti waliqabamee yeroo khalifaa kamiiti? A. Aliyyi (R.A) B. Usmaan (R.A) C. Umar (R.A) D. Abubakri (R.A) ④.Nabiyyiin Rabbiin dhukkubaan qormaatee Obsaan galatoomfate eenyu? A.Nabi Ibraahim(A.S) B.Nabi Aayyuub(A.S) C.Nabi Yuusuf(A.S) D.Nabi Iissaa(A.S) ⑤.Shuruuxa Salaataa keessatti kan hin ramadamne kami? A.Islaama ta'uu B.Gara qiblaa garagaluu C.Najisa ofirraa deemsisuu D.Salaama baafachuu ⑥.Nabi Muhammad(s.a.w) waggaa meeqatti haadha-warraa fuudhan? A.40 B.23 B.25 D.63 ⑦.Obboleettii adaadaa teetii,garuu adaadaa tee tan hin taane tami? 📮Deebii keessan 👉 @Abdiibey_bot @A4mulaa_jireenyaa @seyfal_islaam2nd
Show all...
﷽ 🌺#Gaaffii_fi_Deebii_Marsaa 1ffaa🌺 ①.Arkaana Salaataa keessatti kan ramadamu isa kami? A.Yeroon salaataa gahuu B.Faatiharraan itti dabalee qara'uu C.Tashahuuda duraaf taa'uu D.Duraa duuba eeguu ②.Suuraan "onnee qur'aanaa" jechuun beekkamtu tami? A. Suratul Baqaraa B. Suratu Yaasiin C. Suratul Mulk D. Suratul Iklaas ③.Qur'aana keessatti Nabiyyiin yeroo irra baay'ee deddeebi 'ee dubbatame eenyu? A. Nabi Muhammad (SAW) B. Nabi Iisaa (AS) C. Nabi muusaa (AS) D. Nabi Ibraahiim (AS) ④.Sahaabonni ergamaa rabbii(SAW) yeroo jalqabaaf eessatti godaanan?? A. Makkaa B. Madiinaa C. Habashaa D. Baghdaad ⑤.Nabiin sallallaahu aleeyhi wasallam yeroo du'an Umuriin isaanii meeqa? A.40 B.60 C.63 D.25 ⑥.Nabiin sallallaahu aleeyhi wasallam erga ergamanii booda waggaa hangam makkaa keessaa jiraatan? A.3 B.10 C.9 D.13 ⑦.Yoo nyaatu kan jiraatu; yoo dhugu kan du'u maali? 📮Deebii keessan 👉 @Abdiibey_bot irratti maqaa keessan waliin walqabsiisun hanga boru guyyaa sa'aatii 10tti ergaa. @A4mulaa_jireenyaa @seyfal_islaam2nd
Show all...
Mootichaaf Abbaa Murtii!! Bara durii keessa mootiin islaamaa kan haqaafi walqixxummaan biyyaa hoogganu tokkotu ture, Guyyaa tokko osoo namoonni abbaa murtii biyya biraa irraa haqummaaa fi wal qixxummaa isaa, akkasumas namni kamiyyuu akka abbaa murtichaa sobuu hin dandeenye yeroo waliin dubatan dhagahe, Mootichis dubbii kana dhugeeffachuuf gara abbaa murtichaa deemuuf karoorse, gaafa deemsaaf ka’us uffata mootummaa uf irraa baasee daldalaa fakkaatee farada isaa yaabbatee gara magaalaa abbaan murtichaa itti argamutti fuula deeffate, Mootichi osoo deemuu karaa irratti nama dadhabaa waa kadhatu tokko argee waa kenneef, namichi dadhabaan kun erga waa harkaa fudhatee ka’ees irraa hafuu didee duuba deeme, mootichis maal rakkatte? Qarshii siif kenneera jedheen, namichis akkas jedhe ee dhugaadha qarshii naaf kenniteetta, garuu ammas tola tokko akka naaf ooltu barbaada jedheen, Mootichi maal si gargaaru jedheen namichis akkas jedhe waan baay’ee na dhukkubaa jiruuf faradakee xiqqoo na yaabbachiisi jedheen, mootichis tole jedhee irraa bu’ee namicha dadhabaa kanaaf farad ufii irraa bu’ee kenneef, Namichis yaabbatee karaa dheeraa deemus irraa bu’uu dide, mootichis dallanee gaafate maaf irraa hiin buutu sin ga’uu? Jedheen. Namichis lakki irraa hin bu’u fardichi kiyya jedheen. Mootichis baay’ee dallane. Wal mormiinis gidduu jaraatti ni jabaate, ummannis itti yaa’ee maaltu akka uumame erga baree booda gara abbaa murtii akka deeman ajajan, achitti murtii akka argatanuuf, silumaa mootichis kan inni manaa ba’eef abbaa murtichaa bira deemuufi. Amma mootichii fi namichi dadhabaan sunis dabaree eeggatanii gara abbaa murtiitti dhiyaatan. Mootichis himannaa isaa akkana jechuun eegale, ani daldalaadha osoon karaa deemuu …. Jedhee waan isa mudate hundaa abbaa murtiitti himate. Abbaan murtichaas gara himatamaatti as deebi’ee atoo maal jetta jedheen, namichi akkana jedhe dubbiin isaa hunduu kijiba, dubbiin dhugaa akkana jedhee waan ofii godhe hunda akka waan isa irratti tahetti faallaa godhee dubbate. Abbaan murtichaas erga falmii bitaafi mirgaa dhagahee booda, farda asitti dhiisaatii amma deemaa bor ganama deebi’aa jedheen. Bulanii yeroon beellamaa geenyaan dhiyaatan. Abbaan murtichaas akkana jechuun isaan gaafate, fardakee fardoota walfakkaatoo 20 keessaa adda ni baafattaa? Jedhe. Mootichis eeyye sirriitti jedheen. Akkasuma namichis anillee sirriitti adda baafadha jedhe. Abbaan murtichaas lamaan isaanii fudhatee dallaa fardoon walfakkaataan 20 ni keessa jiru isaan geese, abbaan murtichaas mootichaan dhaqii fardakee fudhu jedheen, inni haqa keeti, namicha kanammoo 50 garafaa jedhee murtee dabarse, Abbaan murtichaa akkanatti erga hojii isaa xumuree booda mootichi gara isaa deemee iccitii inni itti dhugaafii soba adda baafatu gaafate. Abbaan murtichaas akkana jedhe yoo dhugaa dubbanne keetii fi kan namichaa murtee kennuuf baay’ee ulfaataadha, yeroon gara dallaa fareenii san isin geessu lamaan keessanuu fardicha akka adda baafattan beeka, an garuu yeroo san isin osoo hin taane fardicha ilaalaa ture, yeroo ati gara isaa deemtu fagoo irraa si laalee morma isaa gadi siif qabe, garuu yeroo namichi itti deemu akka itti hin dhiyaanneen gurra raasaa ture, akkanatti akka haqa kee ta’uu adda baafadhe jedheen. Mootichis abbaa murtichaa galateeffatee sababa dhufeefis itti hime, akka mootii ta’es itti himee, kenna wa’ii kenneef garuu abbaan murtichaa harkaa fudhachuu dide, waanan gaheekoo ykn dirqama narra jiru raawwdheef kennaa nan barbaachisu jedhe, Xumurame! By- Abdussalaam Idriis (Seyfal-Islam) Dubbisuu Keessanniif Galatoomaa, .
Show all...
#Osoo_Nyaattanii_Hin_Dhugiinaa! (DHUGAA HIN NYAATINAA!) Wal gahii! Kutaan wal gahichaaf qophaa'ee ture angaa'ota mootummaan qabamee jira. Manichi haala ajaa'ibaan kan faayame; taa'umsi irra taa'amu ergamootaaf akka waan qophaa'eeti! Qooddattoonni walgahichaa uffata addeeffatanii, kuffiyaa wal fakkataan mataa dhokfachaa, gaggeessaa wal gahichaaf gurra ergisuutti jiru. Gaggeessichis ija isaan hunda isaanii edda waraabbatee booda, miirasaa sodaan dhuunfatame dhoksuuf kolfa hinjirre qocee walitti qabaa ilkaan isaa hamma ta'e agarsiisaa, sagalee qaratee ergaa baga nagaan dhuftaniin sagantaa eegalchiise. Sagantaan itti aanu dabaree qajeelfamni itti kennamudha. Sagantaa gorsaa! Gorsa ogeessa fayyaa! Affeerraa nyaataa jidduutti ta'uuf jiru wal qabatee hubannaa kennuufi. Ogeessichi, "Bishaaniyyuu haata'uutii, osoo nyaattanii dhuguun akka seera fayyaatti eeyyamamaa miti. Kanaafuu, dhugaa hinnyaatiina! Wayita nyaataa dhugdan yookan dhugaa nyaattan, 'inzaayimoonni' afaan keessaa nyaata bulleessuuf jiran, bishaaniin bulbulamanii gadi darbu. 'Inzaayimoonni' kunneen, afaan keessatti malee garaachaafi mar'immaan keessatti nyaata bulleessuu hindandaa'ani. Akkanaan, bullaa'insi nyaataa jeeqamuun rakkoo fayyaaf nama saaxila. Yeroo nyaattanis, hamma hindabarsiinaa. Hamman olnyaachuun garaa ofii olkaafachuun nidandaa'ama, garuu wayita garaan akka malee dhisamu ujummoolleen dhiigaa qimmiidamuun dhiigni amma ta'uu qabuun hindeemu. Kan 'oksijinii' rabsu dhiiga waan ta'eef, 'oksijiniiin' akka eegamuun qaama hundatti hinrabsamu. Qaamota kanaan miidhaman keessaa tokko sammudha. Sammuun miidhamnaan immoo, maaltu akka ta'u tilmaamuun nama hinrakkisu. Kanaafuu, osoo nyaattanii hindhugiinaa (DHUGAA HIN NYAATINAA!), garaa olkaafachuuf jecha sammuu keessan hinmiidhiinaa! Kan sammuun miidhame namaaf rabbi irraa fagaataadha!" jedhee, dabareesaa xumuree taa'e. ATIS..... HIN NYAATIIN! Reposted! ©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021 ~~~~ @A4mulaa_jireenyaa @A4mulaa_jireenyaa
Show all...
Jecha Hayyoota islaamaa. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Qur'anni kan buufameef akka itti dalaganiifi, garuu namni hedduun Qur'aanuma qara'uu qofa dalagaa godhate, itti dalaguu irraanfatee. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Yeroo garii hin beeku jechaas bari, yoo ni beeka ni beeka baay'ifte gaaffiin sitti heddummaatti hamma wallaale jettu takkaa, Laakin ammo hin beeku jechaas yoo beeyte, si barsiisu fa'a taya hamma beektutti. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Dubbiin faallaadha! Gaafa garaan nyaate quufu, qaamni biraa ni beelaya, Arrabni hamatti jarjara, gurri badii dhaggeeffata waan akka muuziqaa fa'a, ijjis haraaama obsuu dadhabdee laaluuf jarjarti. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Show all...
Repost from TajMan Graphics
Beeksisa Ariifachiisaa Gamtaa barattootaa Yuunivarsitii Amboo irraa nuuf ergame. Barattoota Mooraa Guddichaa Yuunivarsitii Amboo Maraaf Barattoota Rakkina Diinagdee qaban Muraasaaf deeggarsa kennuuf waan karoorfameef akkaataa Ulaagaa 1ffaa Waraqaa Ragaa hiyyummaa ibsu 2ffaa Iyyata deeggarsaa kan galfatu 3ffaa Bara 2014tti eebbifamaa kan hin taane Iddoo galmee kutaa Tajaajila barattootaa(Student service directorate) Guyyaan galmee 28-29/08/2014 hanga sa'a 6:00tt Calalliin guyyaa borii Waaree booda 29/08/2014 sa'a 7:30 irraa kaasee waan ta'eef barattoonni ulaagaa guuttanii galmooftan kutaa tajaajila barattootaatti argamuu qabdu. #Yuunivarsitii_Amboo
Show all...
Repost from ABDII SABAA
#Itiyoo_Teeleekoom Ityoo Teeleekoom neetwoorkii moobaayilii dhaloota 5ffaa (5G) Wiixata hojiirra akka oolchuu beeksiseera. Kanaanis qophiin barbaachisaan xumuramuu ibsameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA @ABDII_SABAA 📩Yaada📩 @YaadaafQeeqabot @YaadaafQeeqabot 📹YOUTUBE📹 https://www.youtube.com/c/Abdii_Sabaa?sub_confirmation=1
Show all...
Sign in and get access to detailed information

We will reveal these treasures to you after authorization. We promise, it's fast!