cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

VOA Afaan Oromoo

ODUULE VOA AFAAN OROMOO [Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu. 🅿 Yaada @admiinii_bot

Show more
Finland135The language is not specifiedPolitics2 582
Advertising posts
25 822Subscribers
No data24 hours
+777 days
+25230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Komishinni Araaraa Ibsa Baasee Jira https://www.voaafaanoromoo.com/a/komishinni-araaraa-ibsa-baasee-jira/6855059.html Komishiniin marii biyyoolessaa kan Itiyoophiyaa walakkeessa waggaatti ajandaalee marii, hawaasa irraa walitti qabuu akka eegalu beeksisee jira. Komishinini kun ibsa har’a baaseen, bulchiinsa naannoo Tigraay irraa kan hafe naannolee hundatti imaluun dhimma walta’iinsa irratti qooda fudhattoota waliin mari’achuu isaa beeksisee. Miseensi koomishinichaa kan ta’an Dr. Yonas Adayee RSA akka ibsanti, dhimma naannoo Tigraay tti imaluun  danda’amu irratti, bakka bu’aa olaanaa gamtaa Olusheeguun Obaasaanjoo waliin mari’achaa turuu isaa beeksisanii jiru. Mariin kun hunda kan hirmaachise ta’us, qaamotni qabsoo hidhannoo keessatti hirmaatan mootummaa waliin mari’achuun meeshaa waraanaa lafa kaa’uu fi qaama marii biyyoolessaa ta’uu akka danda’an komishinichi akeekeera. Komishinichi namoota naannoo waldhabdee keessa jiraatan karaa aadaatiin akka wal argu beeksiseera.
Show all...
Komishinni Araaraa Ibsa Baasee Jira

Komishiniin marii biyyoolessaa kan Itiyoophiyaa walakkeessa waggaatti ajandaalee marii, hawaasa irraa walitti qabuu akka eegalu beeksisee jira. Komishinini kun ibsa har’a baaseen, bulchiinsa naannoo Tigraay irraa kan hafe naannolee hundatti imaluun dhimma walta’iinsa irratti qooda fudhattoota...

Walgahiin Waa’ee Bulchiinsa Intarnetti Irratti Dubbatu Finfinnee Keessatti Jalqabamee jira https://www.voaafaanoromoo.com/a/walgahiin-waa-ee-bulchiinsa-intarnetti-infinnee-keessatti-jalqabame/6855002.html Foramiin Bulchiinsa Intarneetii kan waggaa inni 17ffaan Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jira. Sirna baniinsa walgahii har’a kana irratti mummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad biyyi isaanii gatii waliinii fi itti fayyadama interneetii gaarii ta’e irratti qooda fudhachuuf cicha qabdu fi  bu’uura ta’e ibsan. Jijjiirama guddaa hawaasa addunyaa keessatti ta’aa jiru akkasumas kanaan wal qabatee jijjiramnii dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaaf walgahii akkasitu nu barbaachiisa jedhan.sababiin isaas akkaataa itti gargaarama intarneetti fi bulchiinsa isaa yaada akka walii qoodnu taasiisaa jedhan. Gama biraatiin ammoo ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets kan waa’ee Saayibarii fi Imaammata Dijitaalaa Naatnaa’eel Fiik gara Finfinneetti imaluun konfiraansii kana irratti hirmaachuu fi gitoota isaanii kan  Afrikaa waliin wal arguuf jiru. Ambaasaaddar Fiik paanaalii sadarkaa olaanaa wal amantaa fi nageenya, akkasumas bulchiinsa odeeffannoo fi iccitii eeguu irratti ni dubbatan. Mootummaan Itoophiyaa, akka keessummeessaa walgahii Bulchiinsa Intarneetii Dhaabbata Tokkummaaa Mootummootaa ta’eetti,  akkasumas,  waliigaltee Diinummaa Dhaabuu Adoolessa 2 irratti tumameen, naannolee walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti tajaajilli telekoomii – Intarneetii dabalatee – deebiuun akka saffisiisu Yunaaytid Isteees gaafattee jirti gaafatti.
Show all...
Walgahiin Waa’ee Bulchiinsa Intarnetti Irratti Dubbatu Finfinnee Keessatti Jalqabamee jira

Foramiin Bulchiinsa Intarneetii kan waggaa inni 17ffaan Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jira. Sirna baniinsa walgahii har’a kana irratti mummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad biyyi isaanii gatii waliinii fi itti fayyadama interneetii gaarii ta’e irratti qooda fudhachuuf cicha qabdu fi...

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hidhattoota “Shanee” Ittiin Jedhu Waliin Akka Marii Araaraa Taa’uu Hin Dandeenye Dubbate   https://www.voaafaanoromoo.com/a/6853566.html Mootummaan naannoo Oromiyaa humna “shanee” jedhee waamu ka Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhu waliin marii gaggeessuu akka hin dandeenye dubbate. Obbo Hayiluu Addunyaa, hoogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Mootummaa Oromiyaa har’a ibsa gaazexeessitootaaf kennan keessatti humni kun humna wal dhaga’ee gumaa’ee deemu waan hin taaneef mootummaan marii araaraa waliin ta’uu hin danda’u, jedhan. Dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo idila addunyaa - Obbo Odaa Tarbii dubbiin kun olola jechuun deebii kennan.  
Show all...
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hidhattoota “Shanee” Ittiin Jedhu Waliin Akka Marii Araaraa Taa’uu Hin Dandeenye Dubbate  

Mootummaan naannoo Oromiyaa humna “shanee” jedhee waamu ka Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhu waliin marii gaggeessuu akka hin dandeenye dubbate. Obbo Hayiluu Addunyaa, hoogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Mootummaa Oromiyaa har’a ibsa gaazexeessitootaaf kennan keessatti humni kun humna wal...

Oromiyaa fi Bulchiinsa Naannoo Somaalee Giddu Falmii Daangaa Jiru Furuuf Walii Galamee Jira https://www.voaafaanoromoo.com/a/6853281.html Qondaaltonni fi maanguddoonni bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kan naannoo Somaalee walitti bu’iinsa  aanaalee wal falmisiisoo Guraa Damolee furuuf waliigalaniiru. Anaan Zonii Liiban kan naannoo Somaalee fi godiina Baalee kan Oromiyaa waliin wal daangessitu ji’oota muraasa darban keessatti dhiiga dhangala’uu fi miidhaa qabeenya irra ga’eera. RSA rakkoo kana ji'a 2 dura gabaasee ture. Diinummaan hawaasa lamaan gidduutti yeroo ammaa waliigalame akka dhaabbatu itti aanaa pireezidaantii naannolee lamaan ilaalameera. Naannoleen lamaan yaaliin naannoo babal’isuuf godhamu kamuu dhaabuuf, akkasumas meeshaaleen waraanaa bakka wal falmisiisoo ta’anti qabachuu dhaabuuf waliigalaniiru” jechuun itti gaafatamaan biiroo kominikeeshinii naannoo Somaalee Abduqaadir Reshid RSAtti himaniiru . Oduu gabaasaan RSA Addis chekool dhimmi kana irratti Angawoota Oromiyaa haasa'uuf yaalaa akka jiru gabaasee jira.
Show all...
Oromiyaa fi Bulchiinsa Naannoo Somaalee Giddu Falmii Daangaa Jiru Furuuf Walii Galamee Jira

Qondaaltonni fi maanguddoonni bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kan naannoo Somaalee walitti bu’iinsa aanaalee wal falmisiisoo Guraa Damolee furuuf waliigalaniiru. Anaan Zonii Liiban kan naannoo Somaalee fi godiina Baalee kan Oromiyaa waliin wal daangessitu ji’oota muraasa darban keessatti dhiiga...

Michoonni Waraana Federaalaa Itiyoophiyaa Tigraay Keessatti Namoota Hidhaa fi Saamiinsa Gaggggeessaa Jiran Jedhame https://www.voaafaanoromoo.com/a/igraay-keessatti-hidhaa-fi-saamiinsi-gaggggeessaa-jirachun-himame/6853252.html Michoonni waraana federaalaa Itiyoophiyaa ta’an Tigraay keessatti qabeenya saamaa fi hidhaa jumlaa gaggeessaa akka jiran namoonni ijaan arganii fi hojjettoonni gargaarsaa himan. Maddeen kunis gocha hammeenyaa jedhame kana irratti yaaddoo haaraa kaasan kun, erga qaamoleen wal waraanaa turan waliigaltee mallatteessanii torban sadii caalaa booda. Dippilomaatonni fi namoonni biroo naannoo lola keessa jiru fi namoonni miliyoona Shanii ol keessa jiraatan Tigraay keessatti xumura gidiraa ni fida jedhanii abdataa turan. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Adoolessa 2 Afrikaa Kibbaatti mallattaa’e booda gargaarsi gara Tigraayti geessuun deebi’ee eegalamus, kutaan suun ammallee Itoophiyaa hafe irraa baay’inaan addaan citee jirti. Qorattoonni mirga namoomaa Tigraay keessa seenuun isaanii daangeffameera ykn gonkumaa hin jiru.Humnoonni Itoophiyaa naannoo sana amm aiyyu to'achuu itti fufanii waan jiraniif gaazexeessitoonni fi namoonni biroo Tigraay irraa odeeffannoo argachuun rakkisaa ta'eera. Waraanni Eertiraa fi Loltoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa dhufan kanneen waldhabdee Tigraay keessatti gama waraana federaalaa Itoophiyaa dhaabchuun lolaa turan magaalaa ji’a tokko dura to’atan Shiree keessatti manneen daldalaa, qabeenya dhuunfaa, konkolaattota, fi kilinika fayyaa saamuun isaanii hojjettoonni gargaarsaa achi jiran lama dhaabbata oduu Ashoosheetid preesiif  kan ibsan yoo ta’u sababa yaaddoo nageenyaatiin maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru. Shiree keessatti dargaggoonni hedduun waraana Eertiraan butamuu hojjattoonni gargaarsaa beeksisaniiru. Hojjataan gargaarsaa Tokko akka jedheetti, eega magaala shire to’atanii booda, dargaggoonni 300 ol loltoota federaalaa Itoophiyaan jumlaa hidhamuu isaanii argeera jedhe .Shireen, namoota biyya ofii keessaa buqqa’an baay’inaan kan keessa qubatan qabattee jirti. Naannoo magaalattii iddoowwan namoota qabaman keessa tursan adda addaatu jira,kan jedhan hojjetaan gargaarsaa kun, loltoonni federaalaa kan Itoophiyaa namoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF) waliin hidhata qaban jechuun amanan hidhaa akka turanis hubachiisaniiru.
Show all...
Michoonni Waraana Federaalaa Itiyoophiyaa Tigraay Keessatti Namoota Hidhaa fi Saamiinsa Gaggggeessaa Jiran Jedhame

Michoonni waraana federaalaa Itiyoophiyaa ta’an Tigraay keessatti qabeenya saamaa fi hidhaa jumlaa gaggeessaa akka jiran namoonni ijaan arganii fi hojjettoonni gargaarsaa himan. Maddeen kunis gocha hammeenyaa jedhame kana irratti yaaddoo haaraa kaasan kun, erga qaamoleen wal waraanaa turan...

Poolisiin Maalaawii Awwaalcha Jumalaa Biyyattiitti Argameen Wal-qabatee Ilma Budeenaa Prezidaatii Duraanii Hidhe  https://www.voaafaanoromoo.com/a/6850469.html Dhimmaa reenfwwan  awwalchaa jimilaa keessaa argamaniinn walqabatee ilmaa buddeenaa prezidaanti biyyatti duraanii too’annoo jala olchuu isaa poolisiin Maalaawii beeksiiseeraa.  Mucaan haadha warraa prezidaanti Maalaawii duraanii Piter Mutihaarikaa kan maqaa Taadikiraa Maafubizaatiin beekamuu kan qabame dhimma namoottan seeraan ala daddabarsuu keesaa harkaa qaba jidhamee shaakamuudhaan akka ta’e kan  himaan dubbi himaa poolisii Maalawii Piter kallayaa, awwaalli jimlaa kutaa Mziimbaa jedhamuu keessatti argamee kan namoottam 30 akka ta’eef kan lamiilee Itiyoophiyaa warren gara Afrika Kibbatti hojii barbaachuudhaaf adeemaa yuranii akka ta’uu hin oolle himuun isaanii gabaasameeraa.  Qorannoo jalqabaa taasifaameen  waraqa yeroo kan karaa ittiin adeeman fi Siimii bilbilaa harkaa kan Itiyoophiyaa reenfaa namootaa sana wajjin argachuu isaanii haanga’oonii ibsaniiru.  Dubbii himaan poolisii maalawii qorannoo ogeessota fayyaa akkaataa namoonii sun itti du’an agarsiisu   irratti yaada kennuu akaa hin barbaanne VOA ti himaniiru.  Dhimichii prezidaanti duraanii Mutihaarikaa wajjin walqabachuuf dhiisuu isaa irratti poolisiin wantii jedhe hinjiru.  Dubbi himaan Paartii prezidaantii duraanii kan ta’anii fi al tookko tokkoo maatii prezidaantii duraanii bakka bu’uudhaan kan dubbatan  Shaadreek Namalomba hidhamuu mucaa buddeenaa Prezidaantii duraanii irratti yaada kennuu akka hin barbaanee himaniiru.     
Show all...

Hoggantoonnii Marii Araaraa Tigraay Deeman  https://www.voaafaanoromoo.com/a/6850451.html Gaafa Afrikaatti bakkaa bu’aan addaa gamtaa Afrikaa fi Hogganaan marii nageenyaa mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa fi mootummaa naannoo Tigraay giduutti faasifamee, prezidaantin Naayijeeriyaa duraanii Oluseegun Obasanjo fi Itti aantun prezidaanti Afrikaa kibbaa duraanii Fuumiziili Milaamboo Nigichuka kamisaa kaleessaa nannoo Tigraay magaala maqalee dhaqanii jiru.  Miseensa garee marii nageenyaa mootummaa naannoo Tigraay kan ta’an Obbo Wandimmuu Asaminewu akka miidiyaalee naannichaa ti himanitti kaayyoon daawwaannaa garee obasanjoon hogganamuu akkaataan adeemsaa waligaltichaa akkamitti akka hoojii irra olaa jiru hubachuudhaf .  Dhimma kana irrati ibsa kennamee irraa akka hubachuun danda’ameetti, ajajjidoonni waraanaa gareewwan lammanii guyyoottan lamman ykn guyoottan sadan dhufan keessatti magaalaa Shire keessatti walarganii dubbatu.  Dhimoottan biro irratti yaada kan kennan Obasanjoon wa’ee waraanni Eertiraa Tigraayin gad lakkisee bahu irrattis dubbachuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.   
Show all...

Godinaa Guraageetti Komaandii Poostiin Dhaabbate  https://www.voaafaanoromoo.com/a/6850438.html Bulchiinsa naanoo kibba Itiyoophiyaa jala kan jiruu Godinni Guraagee guyaa Har’aatii kaasee komaandi poosti umnoottan feederaalaa fi unmaa addaa naanichaatiin hogganamu jala akka buluu waajjirii nagaa fi tasgabbi naanichaa beeksiseera.  Komaandi poostichi kan labsamee dhimma nagenyaa nannoo sana muudate umna nageenyaa Idileetin too’achuun waan hindanda’amneef akka ta’e itti gaafatamaan wajiraa nageenyaa fi tasgabbii naanichaa oboo Alemaayyoo Baawuudii sagalee Amerikaatti himuu isaanii Yoonaatan ZebdiYoos Hawaasaa irra gabaaseera.   Labsichii ji’oottan lamman dhufaaniif hojii irra akka olu kan himan oboo Alemaayyoon , labsii Kanaan namoottan akka jiraattonni hojii isaanii hin hojjanee taasisan akka too’annoo jalaa olchaman himanii, yeroo kana keessatti, alaabaa seeraan alaa qabachuun, beeksisaawwan nama kakaasan maxxasuun , karaa cufuun, walga’idhaa fi hiriirrawwan hin eeyyamanne taasisuun dhorkaa akka ta’e ibsaniiru.  Jiraattonii VOAn haasofsiisefi maqaan isaanii akka hin dahamne gaafatan jiraattonni godinichaa 200 ol ta’an hidhamuu isaanii ibsaniiru.  Dhimmaa kana irratti kan gaafataman obbo Alamaayyon namoonni 70n too’annoo jala oolani akka qorannoon irratti taasifamee jiru himaniiru.  Gaafiin mootummaa naannoo qabaachuu godina Guraagee keessatti akka dhihaachaa jiru gabaasaa turuun keenyaa ni beekama. 
Show all...
Godinaa Guraageetti Komaandii Poostiin Dhaabbate 

Bulchiinsa naanoo kibba Itiyoophiyaa jala kan jiruu Godinni Guraagee guyaa Har’aatii kaasee komaandi poosti umnoottan feederaalaa fi unmaa addaa naanichaatiin hogganamu jala akka buluu waajjirii nagaa fi tasgabbi naanichaa beeksiseera. Komaandi poostichi kan labsamee dhimma nagenyaa nannoo...

Oromiyaa Keessatti Dhibeewwan Choleeraa fi Gifiraa Lubbuu Galaafataa Akka Jiran Himame https://www.voaafaanoromoo.com/a/6850302.html Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon gargaarsa namoomaa, ammas dhibeen koleeraa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti lubbuu namaa galaafataa akka jiru beeksisee jira. Biiroon sun ibsa kaleessa baaseen haga ammaatti dhibeen kun lubbuu namoota 20 galaafachuu fi kana booda babal’achuu akka malullee dubbate. Gama biraan rakkoo nageenyaa lixa Oromiyaa keessa tureen wal-qabatee, keessumaa Wallagga Lixaa keessatti dhibeen gifiraa babal’achuu fi daa’imman galaafachuu jiraattonni fi ogeeyyiin fayyaa himanii jiru.  
Show all...
Oromiyaa Keessatti Dhibeewwan Choleeraa fi Gifiraa Lubbuu Galaafataa Akka Jiran Himame

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon gargaarsa namoomaa, ammas dhibeen koleeraa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti lubbuu namaa galaafataa akka jiru beeksisee jira. Biiroon sun ibsa kaleessa baaseen haga ammaatti dhibeen kun lubbuu namoota 20 galaafachuu fi kana booda babal’achuu akka...

Torban Dabre Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa Keessatti Keessatti Hidhattoonni Namoota Hedduu Ajjeesan, Jedhu Jiraattonni   https://www.voaafaanoromoo.com/a/6848973.html Bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Wallagga Bahaa, aanaa Kiiramuu keessattii hidhattoonni Jimaata dabre kana haleellaa raaw’ataniin namoota nagaa fi humnoota naga-eegumsaa mootummaa ajjeesan, jechuun kanneen jiraattota bakka sanaa tahuu dubbatan Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Haaluma wal fakkaatuun, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa, Jaartee, Magaalaa Aliiboo keessatti, torbee darbe hidhattoonni "finxaaleyyii Amaaraa" ta'an "namoota hedduu ajjeesaniiru; Manaa fi qabeenyallee gubaniiru," jedhu namni naannoo sanarraa buqqa'anii magaalaa Shaambuu keessa akka jiran dubbatan tokko.  
Show all...
Torban Dabre Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa Keessatti Keessatti Hidhattoonni Namoota Hedduu Ajjeesan, Jedhu Jiraattonni  

Bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Wallagga Bahaa, aanaa Kiiramuu keessattii hidhattoonni Jimaata dabre kana haleellaa raaw’ataniin namoota nagaa fi humnoota naga-eegumsaa mootummaa ajjeesan, jechuun kanneen jiraattota bakka sanaa tahuu dubbatan Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Haaluma wal...