cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

DHANGAA OROMUMMAA

Hundinuu jira nooraaโค๏ธ๐Ÿ’šโค๏ธ Ispoortii, odeeffannoo haqaa, amanamoo, Kitaabbilee asoosamaa, xiinsammuu, walaloo, weedduu jaalalaa suurawwaan mimmiidhagoo hunduma nubiraa argattuu Yaadaaf ๐Ÿ‘‰ @firaaol4 nuquunnamaa

Show more
Finland1 984The language is not specifiedEducation43 931
Advertising posts
2 319Subscribers
+724 hours
+337 days
+11130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

2.3k. Thank you โค๏ธโค๏ธโค๏ธ
Show all...
โค 7๐Ÿ‘ 3
Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama Kakaasan: โ Gaaffileen jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaaโ€™ina hawwu tokkoof baayโ€™ee murteessoo dha.  โƒ Ani eenyu ? โƒ Maalifan Uumame? โƒ Ergamni koo maali? โƒ Karoorri koo maali? โƒ Mul'anni koo maali? โƒ Kaayyoon koo maali? โˆš Eessaan dhufe? โˆš Eessan Jira? โˆš Eessan Deema? โˆš Har'a maalin hojjedhe? โˆš Maal hojjechuun qaba? โˆš Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira? โ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi! โˆš Your Future is on your hand! โˆš Success is behind you! @haqummaaf
Show all...
โค 5
1, Mammaaksa: Namni dhara dheesse galgala dhugaatti baha. Hiika Mammaaksaa: 1ffaa, Kan waan sirrii hin taane mormu gaafa tokko dhugummaan isaa iffatti mul'ataafi. 2, Mammaaksa: Amma dhugaan dhufutti sobni barcuma guuttee teessi. Hiika Mammaaksaa: 2ffaa, Amma dhugaan mul'atutti sobni iddoo qabata. 3, Mammaaksa: Adiifi aduun hin dhokatu. Hiika Mammaaksaa: 3ffaa, Dhugaan yeroof dhoksanillee gaafa tokko mul'achuun isaa hin hafu. 4, Mammaaksa: Ammaaf malee baraaf malee sombi kan sareeti. Hiika Mammaaksaa: 4ffaa, Yeroodhaaf haa dukkanooftu malee dhugaan ooltee bultee ni mul'atti. 5, Mammaaksa: Qullaa lafaafi dhugaa Waaqaa hin dhoksan. Hiika Mammaaksaa: 5ffaa, Waan boru ifatti mul'atu tokko dhoksuun dansaa miti jechuudha. 6, Mammaaksa: Qamuu maaf hin godaanne jennaan dharri dalagaa keessani jette. Hiika Mammaaksaa: 6ffaa, Karaan sobaan darban deebiitti nama rakkisa. Mammaaksa: Citan malee citaa hin haaman Hiikaa; Rakkatanii yoo hojjetan rakkina keessaa ba'u Mammaaksa: Otoo hin hubatiin harkaa hin gubatiin Hiikaa; Waan tokko osoo gadi fageenyaan hin ilaaliin hojjechuun namarratti rakkina akka fidu agarsiisa Mammaaksa: Godaantuun qalbii hin qabne ibidda feetee godaanti Hiikaa; Rakkina baballisuu, waan hin taane raawwachuu agarsiisa Mammaaksa: Namni shaniin kenne; shan hagabuu hin bulu Hiikaa: Nama rakkina nama oolcheef bara rakkina isaa namni hunduu ni dirmataaf Mammaaksa: Ofii haasoftee ana rukuchiifta jedhe mataan afaaniin Hiikaa: Rakkina qaamni tokko uumeef kan biraa itti rakkachuu agarsiisa Mammaaksa: Bayyanatteen abbaa biyyaa of seeti Hiikaa; Kan rakkinaa baate kan ishii caalu jira hin seetu, gadheen namaan nama hin jettu. Waan darbe hin yaadattu. Hunduu kiyya jetti. Mammaaksa: Ani gaggabe jennaan danfa tokkoon si qaqqabe, jette maseenni Hiikaa; Maseenni rakkina namaaf hin gadditu, ykn hin naatu jechuuf mammaakame ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

๐Ÿ‘ 6
Dhugaan maal? Namoonni baay'een waa'ee dhugaa ni dubbatu.Falaasfonni baay'eenis dhugaafi jireenya wal bira qabanii dubbataniiru.Lafa kana irra hangan jirutti dhugaadhan ala kan biroo baay'ee hin fedhu kan jedhu Maatama Gaandiin waa'ee dhugaa yeroo dubbatu namoota baay'ee irra keessa gadi fageenyaan dubbachuudhaan beekama. Dhugaa argachuu jechuun of argachuu jechuudha jedha Gaandiin. Itti dabalees jecha bareeda kana illee ni qaba."Sagaleen namummaa keessa koo jiru guyyuu guyyuudhaan waa'ee kana natti dubbata; lafa kana irra qofaa kee illee yoo hafte warreen cubbuu sitti hojjatan waliin walii hin galin!Addunyaan tuni ija yoo sirraa libsatte illee ati garuu seeqa kee arjoomiif; hin sodaatin! Sagalee dhugaa onnee keetii qofatti amani. Sagalichi ammoo akkana jedha...'hiriyyaan kee,maatiin kee ...hundinuu yoo si dhiisaniyyuu kan jiraattuuf, kan du'uufiif of qopheessite dhugaa qofaaf ragaa ba'i.Hiikaan jiraachuus isa kana!" jedha Mahaandas Karaamachand Gaandiin. Isin hoo dhugaa akkamitti ibsitu laata? @haqummaaf
Show all...
๐Ÿ‘ 12
Akkas akkas taane egaa! Gajamoo citte taane Hidda muruu dadhabne Xaddee dulloomte taane Tabba baโ€™uu dadhabne Bona nuuf darba jennaan Hongeen lafaan nu dhaโ€™e Ganna nuuf darba jennaan Dhoqqeen mataa nu gaโ€™eโ€ฆ. Fooyyee dhabne takkuma Tollis - lollis yakkuma! Quncee foโ€™uun nu dhibe Duunees booโ€™uun nu dhibe! Ajjeesaa imimmaan cobsu Garaan koo maalitti haa obsu? #Waloo_Leta Goota dhugaaf dhiige! Tulluu haqa sabaaf jige. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

Akkana jedhe Sooqiraaxis Yeroon dargaggeessa ture, ganama yeroon hirribaa ka'uu hin jaalladhun ture.Harmeenkoo immoo amalakoo kana baay'ee na'rratti jibbiti, waan Daldalaa Sooressa akkan ta'uuf naaf abjottuuf. Guyyaa tokko Harmeenkoo faayidaa ganama yeroon hirribaa ka'uun qabu akka natti himuuf, Ana faana gara Barsiisaakoo dhufte. Barsiisaa: Sooqiraaxis, Seenaa bareedaa tokkon sitti hima, atimmoo seenicha'rraa waan baratte naaf himta, tolee! Sooqiraaxis: Haa ta'u. Barsiisaa: Simbirroota lamatu turan, Isheen ganamaan kaate raammoo funaannattee nyaattee ilmoolee ishees soorte. Isheen lammaffaarratti barfattee kaate immoo, waan nyaattu homaa'llee hin arganne, ni beelofte. Seenicharraa maal baratte, Sooqiraaxis! Sooqiraaxis: Raammoowwan warri ganamaan dafanii ka'an Simbirrootaan nyaataman. An deemeera Nagaatti!๐Ÿ˜ @haqummaaf
Show all...
โค 8๐Ÿ˜ 3๐Ÿ‘ 1๐Ÿคฉ 1
#Hin_inaafin Namoonni tokko tokko umrii waggaa 22tti Digiriidhaan eebbifamanii, hojii gaarii argachuuf waggaa 5-10 eegu. Namoonni tokko tokko umrii waggaa 25tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii waggaa 50tti addunyaa tana nagaa itti dhaamatu. Tokko tokko immoo, umrii waggaa 50tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii ganna 100 jiraatu. Namoonni tokko tokko mana barumsaa hin beekan, Manni barumsaas isaan hin beeku, garuu jireenya baay'ee bareeda jiraatu. Tokko tokko immoo, Sadarkaa barumsaa hunda fixanii jiru, garuu jireenya gammachuu qabu hin jiraatan. Namoonni tokko tokko ammayyuu jireenya leexaa (single) jiraatu, kan inni/isheen dur waliin baratan immoo Akkayoo fi Akaakayyuu ta'anii jiru ta'a. #Obaamaan waggaa 55tti Soorama bahe, #Joe_Biden immoo umrii ganna 78tti Pirezedaantii Ameerikaa ta'e, ammas umriin isaa ganna 81tti Pirezedaantummaa itti fufuuf morkachaa jira. Namni hunduu hiree mataa isaa jiraata. Namoonni naannoo kee jiran tokko tokko kan si duursan, kun immoo dubduuba kee kan jiran sitti fakkaachuu danda'a. Haa ta'u malee, hunduu dorgommii isaanii, yeroo isaaniif kennametti fiigaa jiru. Tasuma itti hin inaafin!! Atis jireenya kee, isaanis jireenya isaanii jiraachaa jiru. Kanaaf, gammadi, wanta gochuu qabdu godhi. Ati hin barfanne. Ati hin ariifanne. Atis, Innis, Isheenis yeroo isiniif kennameen deemaa jirtu. Galatoomaa!!! โœDr. Chala Dida @haqummaaf
Show all...
๐Ÿ‘ 8
Gaaffii gaafateef Deebii Ruumiin kenne โถSummiin maali? Wanta nu barbaachisu ol wanti ta'e hundi summii dha.Aangoo, qabeenya, hiyyummaa, aarii, araada, dadhabina, jibba, ofittummaa, jaalala, xiiqii ykn waan biraa taโ€™uu dandaโ€™a. โทSodaan maali? Innis qabatamaa ykn sirrii ta'uu keenya fudhachuu dadhabuudha. Yoo sirrii ta'uu dhabuu keenya fudhanne sodaan duโ€™a taโ€™a. โธInaaffaan maali? Waan gaarii namoota biroo fudhachuu dhiisuudha.Waan gaarii namoota biroo yoo fudhanne nu kakaasa. โนAariin maali? Wantoota to'annaa keenyaan ala ta'an fudhachuu dhiisuudha. Sana yoo fudhanne obsaa ta'uu keenya agarsiisa. โบ Jibbi maali? Jibba jechuun nama akka jirutti fudhachuu dadhabuudha. Haalduree tokko malee nama fudhachuu yoo dandeenye garuu jibbi sun jaalala ta'a. "Waan tokko gadi fageenyaa fi gadi fageenyaan yoo hubatte waan isa keessa jiru hunda ni hubatta." @haqummaaf
Show all...
๐Ÿ‘ 7
#NAMNI โžฎAjandaa siif qopheessee akka ati Ajandaa mataa keeti hin qabaanne si godha โžฎMudannoo siif uumee akka ati mudannoo hin tannee (badaa) hojjettuuf ganamaaf galgala sirratti hojjeta โžฎCooma si nyaachisee akka ati qaaman ga'eessa hin taane akkaasumas umurii dheeraa akka hin jiraanne si godha โžฎYeroo malee si fiigsee iddoo hin taanetti humnii kee akka dhumuuf sirratti hojjeta โžฎNama gita kee hin taanee waliin wal'aansoo si qabsiisee kufattii keef harkaa siif rukkuta โžฎGindii ykn muka qonna isaa fannisee kan kee qoraan gochuuf warraa qottoo qaban sitti duulchisa โžฎBaasii isaatiin tikeetii siif bitee akka ati gara dirree hunkuramaatti ol seentuuf si erga โžฎMana daawwitiin golgame keessa taa'ee jechaan si madeessa; akka ati aartee dhagaa itti darbatuuf mira kee kakaasa , isa booda erga ati dhagaa darbattee daawwitii isaa cabsiteef immoo hidhee si kolaasa. Ati garuu bara jiraattu keessatti nama hubataa ta'i ! Yoo siif danda'ame nama hundaa wajjin nagaattii jiraadhu! Wanti ati guyya guyyaatti hojjettu hundi jiraachuu kee boriif wabii wan ta'eef waan gootu Hundumaa utuu sammuu keen hin xiinxalin gonkumaa hin raawwatin! Gara wanta sammuun kee itti hin amanneetti tarkaanfachuuf gonkumaa miilla kee hin kaasin. Tapha sammuun kee irratti waliif hin galle irratti hirmaachuufis ta'e ol seenuuf miilla Kee gara dirree taphichaatti ol hin galchin. Namaafis jettee tapha hin taane hin taphatin sababni isaa nama Hundarraa waan gaarii waan hin arganeef.Ati ilaalcha namaa utuu hin taane eenyummaa kee isa dhugaa irratti xiyyeeffachuu qabda. Eenyummaa kee hin dagatin.Xaa'oo (kosiin) warshaa keessatti walitti daakamee lafa borqii ykn lafa midhaan baasuu didee tokko misoomsuf qote bulaaf akka raabsamu beekamaadha.Erga xaa'oon lafa midhaan ykn callaa gaarii kennuu dide tokko akka callaa gaarii argamsiisuuf lafatti faca'ee deebisee gabbisee,ati immoo akkamittiin jireenya kee jijjiruuf humnaaf dandeetti dhabdaree? Kanaafuu kaayyoo keef cichi. @haqummaaf
Show all...
๐Ÿ‘ 6
Eid Mubarak
Show all...
๐Ÿ‘ 3