cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Gola jaalalaa

Gola jaalalaa kana keessatti jaalala #qolaan ibsuu dha.

Show more
Finland2 402The language is not specifiedLinguistics14 573
Advertising posts
216Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Kan itti aanee ta'e, Gabira Ewustarewosiim biliisa baasanii fudhatanii galuuf hayyamsiisuu ta'e. Kumsaanis ni hayyameef. Gabira Ewustarewos lallabaa Pirotistaantii ta'us, sababa Afaan Oromoofi seera amantii beekuuf Fitawaraar waliin luba Bataskaana Maaramii Karkarroo ta'uuf duuka ka'e. Hawaasni Boojjii Birmajjiis luba Pirotistaantiitiin mana amantaa Bataskaanaa keessatti sagalee waaqayyoo afaan Oromootiin dhaga'uu eegalan. Kun Waxabajjii 1892 ture. Ergasii utuu hedduu hin turin, waggoota booda Onosimoos Nasiib, Daani'eel Dabalaa, Asteer Gannoofaas dhufanii itti dabalaman. Dirree Wallaggaa keessattis afaan ofiin tajaajilamuun karaa amantaa Pirotistaantii itti fufe. Bataskaana keessatti garuu ni dhorkame. Qeesonniifi phaaphaasonni Goojjam Onosimoosiinis, Gabira Ewustarewos mana murtiitti himatanii adabsiisaa, Afaan Oromootiin akka hin lallabamne taasisaa turan. Kun hundi ta'us garuu hawaasni hi gad jedhee hin beeku. Akkuma luba Pirotistaantii kan ta'an Luba Gabra Ewustarewos Bataskaana keessatti sagalee waaqayyoo barsiisaa turan, Erga Bataskaannittiin, afaan Oromootiin akka hin lallabamne labsiin dhorgitee booda, Fitawaraar Dibaabaa dabalatee hordoftoonni Ortodoksii hedduu Afaan isaaniin tajaajilamuuf gara Pirotistaantiitti deemuu tajaajilamaa turaniiru. Dhimmicha dhimma amantaa qofa osoo hin taane, dhimma eenyummaa ta'uus hubatan. Sababa seenaa kanaatiin Sinoodoosiin Ortodoksii Itoophiyaa bataskaana seena qabeettii Maaranii Karkarroo kan seenaa waggaa 130 olii qabdu kana hanga har'aatti dagatanii, hin haaressin jiru. Sinoodosiin Oromiyaa garuu seenaa guddaa kana giddu galeeffachuun, bataskaana kana akka haaressu ni amanna. Obboloonni keenya amantaa Ortodoksii hunduu baga gammaddan. Nutis akkuma Fitawaraar Dibaabaa Bakaree, Akkuma luba Gabra Ewustarewos, Daani'eel Dabalaafi Abbaa Gammachiisitti dhimmichi dhimma eenyummaa ta'uu beekuun, isin cinaa jirra. Suurri argitan kun kan Bataskaana Maaramii Karkarroo isa waggaa 139 dura ijaarameefi suuraa Fitawaraar Dibaabaa Bakareeti. Seenaan Fitawaraar Dibaabaa kana qofa miti. Isaan bu'ura sabboonummaafi qabsoo Oromooti. Yoo mijate yeroo biraa itti deebina. Nagaan bulaa.
Show all...
Bataskaana Afaan Oromoo jalqabaa Bara 1892 hanga 2023 Taateen ajaa'ibsiisaa kun erga raawwatee waggoonni 138 darbaniiru. Barrisaa 1892 keessa ture. Baballina mootummaa Kumsaa Morodaa kan gara Siibuutti taasifame booda, Bulchaa Mootii Wallaggaa jalatti qooda fudhachuun Fitawaraar Dibaabaa Bakaree bulchaa Boojjii Birmajjii ta'anii muudamaniitu garas ergaman. Hawaasa naannoo Boojjii Birmajjii biratti kabajaafi jaalalaan kan yaadataman Fitawaraar Dibaabaa Bakaree, gaaf tokko Bataskaana Lubaafi taabota hin qabne, kan Maaramii Karkarroo jedhamu ijaarsisan. Akka seera yeroo sanaattis lubni ykn qeesiin afaan Amaaraa dubbachuun dirqama ture. Kanaaf Goojjam ykn Finfinnee irraa hanga dhufutti eegama. Fitawaraar Dibaabaa garuu wanta kana tole jedhanii hin fudhanne. Bataskaana akkuma ijaaranii xumuraniin "luba Afaan Oromoo beeku naaf ergaa" jechuun gara qeesii bstaskaana yesuus Naqamtee kan Dajjaashamaach Kumsaa Morodaatti dhaammatan. Kana godhanis garuu deebii gaarii hin arganne. Yeroo sanatti "lubni Afaan keessan beeku hin jiru. Waaqayyos afaan Oromoo hin dhaga'uu" deebii jedhutu qeesii kutaa lallabaa walaggaarraa ergameef. Deebiin kun afaan isaan hin qabachiifne. Fitawaraar Dibaabaa farda isaanii fe'ataniitu, qeesii Waaqni Afaan Oromoo hin beeku jedhe kana arguuf gara Naqamteetti miilla kaafatan. Eegdonni isaanii duubaafi duraan, Fitawaraar ammoo gidduu adeemaa Dhidheessa qaxxaamuranii Leeqaa seenan. Achi qaqqabanii "luba Afaan Oromoo qaddasu akka naaf ergitaniif, qeesii gaafannaan, waaqayyo afaan Oromoo hin dhaga'u deebii jedhu naaf ergan. Kanaaf qeesii afaan waaqaa gara afaan keenyaatti nuuf hiikee nitti himu fudhachuufan dhufe" jechuun miira aariin akka qoosaatti Kumsaa Morodaa gaafatan. Dajjaash Kumsaa Morodaas itti kolfaniitu, ammas akka argachuun cimuu malu itti himanii, harka qullaa duuba deebi'uurra, kanuma afaan hin beekne akka fudhatee galu gorsan. Fitawaraar Dibaabaa garuu tole hin jenne. Deebii ajaa'ibsiisaa kenneef. "Afaan mootiin hin beekne, kan qeesiifi waaqnisaa qofti beekuun naaf kadhatama ta'ee, natti kadhatama ta'ee maalin beekaatan, 'ameen' jedha?. Ani Bataskaana ijaareera; abbaan fedhe akka fedhetti itti haa sagadatu malee, afaan hin beekne qalaadii kootti fuudhee hin galu. Waaqni afaan keenya hin beeknes durumaa maal itti nuu godha; maal nuuf buusa" jechuun duuba deebi'uuf murteessan. Gidduutti oduun aagaa tokko afaan Dajjaash Kumsaarraa gurra isa buute. Innis baqataan biyya Ertiraarraa dhufe tokko kan afaan Oromoo danda'uufi, daawwiti Afaan Oromoo dubbatu dubbisu tokko, naga eegdotaan qabamee mooricha fidamuusaa akkasumas garuu daawitii inni dubbisu kan Bataskaanaa akka hin taane itti himan. Yoo kana Fitawaraar Dibaabaa itti siqanii haasofsiisuuf hayyama gaafatan. Yoo hayyamamuuf gara namichaa dhaqan. Baqataan Ertiraarraa dhufe kun, Gabra Ewustarewos jedhama. Afaan Oromoo, Amaariffaafi Tigiriffa haalaan danda'a. Kitaabota hedduu baateetu jira. Goojjamirraan Wallagga seenuuf osoo adeemuu eegdotaan akka qabame dubbatata. Maalif dhuftee jedhamee yoo gaafatamus, Onosimoos Nasiibfaa waliin wangeela lallabuuf dhufaa osoo jiranii, daandii gubbaatti walirraa baduu erga himee booda, yeroo ertiraarraa ka'aan Biyya Oromoo Wallaggaa jedhamu dhaqna jedhanii waan ka'aniif, tasa akka carraa yoo asitti isaan argeef, barbaacha akka dhufe itti hime. Yoo kana Fitawaraar Dibaabaa Bakaree, "Afaan Oromoo akkamiin barte?" jedhanii gaafatan. Gabira Ewustarewos Onosimoos irraa barachuu itti hime. Dabalatayyuu jedhee boorsaa isa keessaa Daawitii baafatee, kitaaba xiqqoo Onosimoos duraan hiike tokko dubbiseef. Macaafa faarfannaa keessaas afaan oromootiin ni faarfateef. Yoo kana Fitawaraar Dibaabaa fuula isaaniitu akka aduu ganamaatti ife. Miira raajamuutiin afaan qabatanii, "Kitaabni Afaan Oromoo ni dubbataa?" jedhanii gaafatan. Gabira Ewustarewos: "Eyyee" deebii jedhu kenneef.
Show all...
Bishaan laga alaltuu Ganna nama hin ciisisuu Jaalallikee gubaadhaa Halkan nama hin teesisuu Akkan sii jaaladhus Onneekee hubachiisi Hidhiikee muxxeessii Qabii na dhungachiisi Ijakee keessa ilaalaa Dhungoo ishee akka dammaa Gororakeen dhudhudhaasa Tokko miti lamaa
Show all...
#dhugaa_amma_bahutti ANi hin deemu irreecha Amma sobni baqutti Inni sobee yaabes Amma lafa gahutti Ani hin deemu irreecha Dhugaakoon barbaadaa Utuun miidhaan jiruu Maaliifan of saadaa?? Wallaggi utuu dhiiguu Gujiin utuu boo'uu Irreechaa adeemuuf Garaankoo nan ho'uu Dhaqaa irreeffadhaa Warri irree qabdanii Anoo irree hin qabuu Harkakoo cabsanii Maree jechaa deemaa Hora finfinneetti Walitti baayyadhaa Akka waa hin finnetti Margaalle qabadhaa Dhibaayyyu baafadhaa An dhugaakoo badeefan Waaqakoo kadhadhaa Haqakoo barbaachaan Qorraan tattaafadhaa Irreeffadha galaa Booka keessan dhugaa An dhugaa barbaachan Miillikoo na dhukaa Dhaqaa hora harsadee Irreeffadhaa galaa Hormi lammii qabee Mormaa gadi qalaa Hin dhaquu irreechaa Dhugaan amma dhuftuutti Haceenis boqotee Amma booka dhugutti Bilisummaan dhufee Sobni amma kufuutti......ummataaf
Show all...
#eecha_keecha_keecha Na dhoskitee keechee Isa duuba mana keechaa Maalo abasan nan argee Eecha keecha keechaa Barbaadatan turee Ergaa guyyoo kaleechaa Nan dhoksini fidii Nan dhoskini maleechaa Maalan baaleeche jennaan Kan natti oorituu Kaleecha nagaadhaa Maaliif hin oolchituu Egaa xalaayaan bareechaa Erguma kaleechaa Biriinkoos hin dhumte Ijumashee keechaa Maaloo nan badekaa Maalinan barreechaa Silaa maqaa kee sana Tooranan tarreechaa Suuta suuta jedheen Qalamaan bareechaa Na fidi qubeekoo Kan kaleecha keeche Maaloo nan dhoskinii Eechumammoo keechee Na kenni waanofiikoo Eecha keecha keechee
Show all...
#sanyii_kootu_galgala Darabaa jiraadhee Maafan safuun ooda Isa ta'uus qabee Isa hin taanes qooda Nan baadha lamaansa Kennaa waan hundaatii Isheenu gaafa yerooshee Waliishee dhudhaatii Hin jeeqamu anoo Obseetan jiraadhaa Isa na caaluttis Gad jedheen hirkadhaa Ijikoo hin ilaalaa Galma isa borii Inni amma yoo ta'ee Wal gadhiisee toorri Ijaarsan qaba olii Isa hin diigamnee Kiraa fidi jedhee Isa nan himannee Manan qaba anoo Ol gubbaa waaqarraa Gaaf tokko ol baaneeti Walumaan agarraa Waaqayyoo tokkichaa Alhaa waaqubarii Akka feeten waamtees Inni tokko barii Waaqni inni uumaan Uumaan waaqaaf lafaa Nuuf kennaa simbooo Wal qoodiyyuu hafaa Maafan gaddaa ta'aa Maafan cufa balbalaa Anoo biyyaan qabaa Sanyii kootu galgalaa......du'a booda
Show all...
#kaabinee_boojii_dirmajjii Haa gahuu nagaan koo Firootakoo biyyaa Utuun ormaa jedhuu Keessan keessaan iyyaa Calliseera yeroo baayyee Amma isin gaafadha gaaffii Yoo amma deebiftaniif Lamuu hin dhufu gaabbiin Guca baaroo tumsaa ibsee Guddinaatuu bobeessee Kan guddinaan bobeessee Luba ballinaatu qajeelche Kan lubnimmoo qajeelchee Obbo bulchaatu bareechee Kan obbo bolchaan bareechee Baqqalaa garbaatu qacceessee Isin maaluma hojjettuu Maalitti jeekkartuu Ummataaf dhiiftanii Eenyuudhaaf deggartuu Isin gurra qabnuun Gurra guddatanii Nannoodhaan wal qeequuf Maaliif wal tumtanii Utuu wal nyaattanii Lafi babbaqaqee Utuu isin teessanii Dhugdanii araqee Seenaa maaliif nyaattuu Seenaa maaf awwaaltuu Uummataaf dhiistanii Ekeraaf awwaattuu??? Egaa maal jennaree Silaa humna hin qabnuu Garuu amma beeknuu Dubbii xiqqoo hin dhabnuu Kottaa akkas godhaa Ummataaf hojjennaa Lafa keenya badeef Araarakee jennaa Qarshii waliin qabnus Walitti qabannaa Lafa keenya badees Walitti suphannaa Callistanii teenyaan Keessan booda moojii Isinan jedhaa Kaabinee warra boojjii
Show all...
#utuu Utuu galaan daakuu taatee Daaraatu bitamaa Dhoqqeetu lafaati fuudhamee Fuulatti diibama Utuu qeensaa gurguranii Qeransatuu soorama Nuun doofaa nuu godheetu Ofiisaa duroomaa Utuu dhiiga bituun dhufee Silmiitu bada turee Isa sila loon daguuguu Silaa lafa ura turee Utuu biyyoo bituu dhufee Iddoo awwaalaatu dhiba Namni haadhoosaa fuudhee Abbiddatti dibaa Utuu ifi hin jirree Dukkanni hin owwaatuu Utuu dukkannis hin jirrees Biiftuun as hin baatu Utuu nuuf qorichaa Qoricha gaabbiidhaa Nutti haa hoo'ituu Akkuma gaabiidhaa Utuu nuuf jiraadhuu Nyaarakee guuriitii Akka waan deebistuu Yaadaan nu furiiti Nuus luka ballifannee Maddi keenya qabnee Cininnannee teenyaa Gaabbiidhaaf callisnee Xiinxaluuf walii keenya Utuu utuun hin jiraannee Gaabbiin hin dhufuu silaa Maaf akkas akkamitti ta'ee Namni waan godhetti jiilaa
Show all...
Link kana seenaatii qarshii 100 badhaafamaa
Show all...
Show all...
Acorns

🔥ለተጨማሪ መረጃ ቻናላችንን ይቀላቀሉ⬇️ 🔗 @Acorns_Channel 🔗 @Acorns_Channel 🔗 @Acorns_Channel

Sign in and get access to detailed information

We will reveal these treasures to you after authorization. We promise, it's fast!