KARAA WAAQAYYOO BEEKI
Ibroota 3:7-12
✅Kabajamoo Ijoollee Waaqayyoo, Waaqayyo dhangala'uu dhiiga ilmasaan ilmaan isaa kan isin godhate,Nagaan Waaqayyoo bakkuma jirtanitti isiniif haa tahu.
❇️Waaqayyo warra gurra isa dhagahu qabanitti karaa kamiin iyyuu ni dubbata.Atis yaa nama barreeffama kana dubbisaa jirtuu, Gurrakee Bani Waaqayyo sitti dubbata.
✅Akkuma mata dureen keenya jedhu Mee waa'ee karaa Waaqayyoo waliin haa ilaallu.
✅Karaa Waaqayyoo hubatteettaa?
Waaqayyo saba karaa isaa wallaaletti ni dheekkama. dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf karaa Waaqayyoo beekuun isa angafa.Yeroo baayyee waa'ee araaraa Waaqayyoo malee waa'ee dheekkamsa Waaqayyo baayye hin qorannu. garuu hubachuu kan qabnu Waaqayyo Araarri isaas guddaa, dheekkamsi isaas immoo akkasuma.
❇️Sabnikoo karaakoo hin barre jedha Waaqayyo...
Sabni kun saba Israa'eel.Waaqayyo saba kanatti akkaata isaan fedhan caalaatti itti of mulliseera.
🟢Yeroo isaan abdii kutatanii biyya Gibxii keessatti rakkatan achii isaan baase
🟢Daandii erga eegalaniis Galaana duraa gogseera.
🟢Yeroo beelaatti maannaa kenneef
🟢Yeroo dheebuutti kattaatu bishaan burqeef.
✅Egaan utuuma Waaqayyo akkasitti isaan geggeessuu, halkan utubaa ibiddaan guyyaas utubaa duumessaan utuu isaan geggeessu, Sabni kun ammayyuu karaa Waaqayyoo wallaale,Waaqayyoon qoree ilaale,Waaqayyo irratti guungumes.
❇️Hojiin sabni kun hojjetus Waaqayyoon Aarse! Sababni isaas Isa beekuu waan dadhabaniif, Kunis Akka Waaqayyo isaanitti dheekkamu isaan taasise.
Waaqayyo Warra karaa isaa beekuu didan kanatti dheekkame.
✅Egaan kun kan saba bara sanaati.Harra immoo Abbaan ergaa Ibroota Waa'ee saba Israa'eliin qabee, nuun barsiisaa jira. Bara sanatti karaan sabni Sun irra imalaa turan isa Kanaa'anitti Geessuudha.Biyyi Abdii Isaanis biyyichuma.Dheekkamsi Waaqayyo isaanitti dheekkames,Biyyicha dhabuu isaaniiti.
❇️Harra garuu karaan Waaqayyo akka barru fedhuufi akka irra adeemnu fedhu tokkicha. Innis Yesuus isa inni fayyisaa biyya lafaa godhee kenne beekanii, Daandii isaarra deddeebihuudha. Egaan harras Akkuma durii sana Waaqayyo Warra karaa isaa kana beekanii hin hordofnetti ni dheekkama. Dheekkamsi inni harraa kun isa durii sanarraa baayyee kan ulfaatuudha. Namni dhugumatti Karaa Waaqayyo kanarra hin deemne Du'a barabaraatti deema. Egaan dheekkamsa ulfaataafi duubdeebii hin qabne kana jalaa ooluuf,namootas oolchuuf karaa Waaqayyoo beekuun barbaachisaadha.
Eebbifamaa...
Kutaa 2ffaa isaa itti fufaa...
Eebiifamaa.
#Isin_Irra_Isiniif
kan bareessee: eli4jesus (tg user name)
Share 💯 Share 💯 Share 💯
♨️
@faaruko ♨️
♨️
@faaruko ♨️
#Stay_ConnectedShow more ...