cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Ferhan Abdulselam

Show more
Finland68The language is not specifiedPolitics1 635
Advertising posts
40 798Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Baay’ee nama dhukkuba! Garaagarummaa siyaasaa kamuu yoo qabaate wanti amma Oromoorra gahaa jiru Oromoo kamuu dhukkubsuu qaba. Waggoottan dabre kana warri kaabaa miidiyaa irratti duula walirraa hin cinne godhaa ture. Amma kunoo gochaan argine. Gocha bineensiyyuu nama irratti hin raawwanne. Kuni hatattamaan fala hin argatu taanaan baalaan as deemaa jiru tilmaamuuf nama suukaneessa.
Show all...
Gaafa jarri Finfinnee Oromoo irraa fudhatanii kan ofii godhachuuf qabsaa’an lafa isii maqaa isaaniitti jijjiiran, jaarmayoota dhalootatti daddarbu maqaa gootota isaanii itti moggasan. Lafa dhiisii maqaa nama Oromootuu dirqamaan maqaa isaaniitti geeddaran. Kan isaan waggaa 100 dura maqaa isaaniitiin ijaaran har’as osoo garaan nu gubatuu itti fayyadamaa jirra. Kanaaf Finfinnee keessatti maqaa Oromootiin waa ijaaruun, maqaa gootota Oromootiin jaarmayoota dhalootatni daddarbu ijaaruun qaama qabsoo akka tahe yoo hin hubanne wal hubachiisuun barbaachisaadha. https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid033H6Brp8ENBKFU5B2yUEBSmNwwBiaNEUSkFd1gorNXvPCCnHrcUgRYRxp2FxMFEJwl&id=1662034707
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Gaaffii ummataa dhageeffatanii deebisuun akkana! Maqaa goota keenya Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaatiin Finfinnee keessatti minni Barumsaa ijaaramee jira. Dhalootni maqaa goota kanaa bara baraan akka yaadatu hojii seena qabeessa kana hojjachuu isiitiif adde Adaanech galata qabdi! https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid02VfZTeWxiT6gendjSq9wKnBkrhsezjLU2hcXPkE8KV57RmvL8DWDGHfv9pCZpaeo1l&id=1662034707
Show all...
Nama galata guddaa Oromoo biraa qabu Yaadataa (Muraad) - Dubai geessaa waldhaansisaa ture - Adeeroon erga Dubai irraa deebi’es sagaleen cufamee ture - Ammas Turkey geessee waldhaansisee sagaleen Adeeroo akka duritti deebitee fayyee gale - Adeeroon xiqqo erga bubbulee booda ammas dhukkubni itti jabaate - Ammas baatii tokko guutuu Adeeroo waldhaansisuuf hospitaala ture - Yaadataan carraaqqii guddaa godhus tan rabbii dhuftee Adeeroon boqote; rabbi jannataan haa qananiisu. Yaadataan galatoomi jennaan! https://www.facebook.com/photo/?fbid=10226148511693577&set=a.2285031899569
Show all...
Abbootii Gadaa Karrayyuu qawwee isaanii irraa fuudhanii qawwema isaaniitiin ajjeesuu quba qabduu? Araarasaa fi Awwaluu Abdii gaafas naannoo san turan. Ajaja jaraatiin alatti waan tahee miti. Garuu hanga ammaa kan itti gaafatame hin jiru. Dhimmi kun akkamitti callifame?
Show all...
Suuraalee Jawar fi Baqqalaa haaraa
Show all...
Waldhabdee garee Taayyee fi Shimallis gidduudhaa Abbootiin Gadaa karrayyuu harka mootummaa naannoo Oromiyaatiin ajjeefamuu ofumaa wal saaxiluun jaraa ni yaadatama. Amma ammoo ‘Ethiopian Human Rights Commission’ ajjeechaa kun kan raawwatame ajaja hoggantoota olaanoo humnoota mootummaa naannoo Oromiyyaatiin tahuu mirkaneesseera. Yakka hammana gahu kan ifatti hoggantootni naannoo Oromiyaa raawwachuun beekame irra utaaluun hin tahu. Dhimma kana ummatni gaafachuu qaba. t.me/FerhanAbdulselam
Show all...
Gaafiif deebii Isaayyaas Yaya Beshir cuunfee nuun gaheera —— Gaaffii fi deebii Prezdant Isaayaas Afawarqii ERITV waliin godhan keessaa waan nu laallatu kan cuunfame. Gaaffii fi deebii kana keessatti dhimmi irra guddaan ibsame siyaasaa Itoophiyaa keessaa kan laallatu dha. Seenaa gaaffii fi deebii jaarsaa keessatti isa duraa jedhamuu danda'a. ======= - Rakkoon amma Itoophiyaa goolaa jiru imaammata jaarama sabummaa (ethnic institutionalization) waggoota 30n dabraniiti. Wayyaaneetu diriirse. - Bara 1992tti conference FF irratti yeroo hirmaanne yaaddoo qabna turre. Dhaabonni hirmaatan dhaabota sabaa turan. - Bara 1994 yeroo heerri biyyattii wixinamu wixinee san na agarsiisanii turan. Baay'een rifadhe. Keeyyata 39 qofa osoo hin taane irra hedduun qaama heera sanii yaaddessaa fi kan itoophiyaaf hin taane tahuun hubadhe. Yaaddoo koos ibseen ture. Rakkoon amma dhufe achirraa eegale. - Lola tokko itti amantee qofa osoo hin taane osoo itti hin amanne of ittisaaf jettee seenta. Sadaasa 2020 keessa lola TPLF nurratti bane qolachuuf jecha itti seenne. TPLF maniiwwan (targets) 100 ol Eritrea keessaa haleeluuf karoora qabatee ture. - Jijjiirama amma Tophiyaa keessatti dhufe kana baraaruuf qooda keenya gumaachaa jirra. Jijjiiramni kun yoo milkaahe balaa waggaa 30n dabre diriiraa ture hambisuuf gargaara. Garuu boru iftaan itti milkoofna jennee kan ibsinu miti. Qormaata baay'ee qaba. Haa tahuutii dandeettii fi muuxannoo qabnu hunda fayyadamnee waliin hojjechaa jirra, yerootu tura malee itti milkoofna. - Caasaa siyaasaa amma Toophiyaa keessa jiruun akka biyyaatti wal cinaa jiraachuun (co-existance) nuuf qormaata. Dhimma keenya miti jennee biraa deebi'uu hin dandeenyu. Ibidda mana ollaa keetii gubu nan laallatu jettee usuu hin dandeessu. Filmaata biraa hin qabdu. Cehumsichi akka nu gargaarutti milkaahuu qaba. - Rakkoo siyaasaa Tophiyaatiin biyyi lammaffaan miidhamtu Ertiraa dha. Kallattiidhaan nu laallata. - Wayyaaneen jaarama sabummaa kana kan diriirse ''oftuulummaa Amaaraa'' olola jedhu gad dhaabuudhaan. Dhugaa dha sun ni ture, garuu sana afarsuun jibba saboota gidduutti uume. Amaara qofa osoo hin taane ''shaabiyaa shaabiyaa'' jechuun ummata Tigraay nu fi ummata Itoophiyaa biratti jibbamsiise. Ummanni Tigraay murna TPLF ofirraa didu malee nagaa hin argatu.
Show all...
Jawar ammatti dhaqanii dubbisuun nageenya isaatiif gaarii miti waan taheef akka gara mana Jawar hin deemne dhaamamaa jira.
Show all...
Nageenya isaatiif jecha hanga tasgabbaa’anitti eegdonni mana Jawar waan nama hin seensifneef namni Jawar dubbisuuf gara manaa dhaqee akka hin dararamne abukaatotni Jawar dhaamanii jiru.
Show all...