cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

FURTUU JIREENYA

Show more
Finland1 316The language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
2 151Subscribers
No data24 hours
-27 days
-2030 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Finfinneetti Ragaa Gaa'eelaa malee Dhiiraafi dhalaan siree buluu hin danda'an jedhame. Waliif TV ( Fulbaana 22/2023) Finfinnee Dhiiraa fi dhalaan waraqaa ragaa fuudha yoo hin qabaanne siree Hoteelaa kirreefachuu akka hin dandeenye himame. Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti waraqaa ragaa dhiirsaafi Niitii mirkanneesssuu yoo hin qabaanne dhiiraaf dubartiin Siree Hoteelaa qabatani buluu akka hin dandeenye seerri ba'e. Manni Qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee,akkuuma Qulqullina magaalichaa eeguun itti gaafatamummaa isaa baha jiruun,xiinsammuu fi jireenyaa hawwaasummaas to’achuu waan irraa eegamuuf dhiraaf dubartiin waraqaa ragaa fuudhaa malee mana siree buluu akka hin dandeenye labsiin haaraan bara kana keessatti hojii irra akka oolu beeksiseera. Ammaan booda warrii abbootii qabeenyaa mana ciisichaa qabanii fi waardiiyootaaf xalayaan akkeekkachiisaa akka isaaniif kennamu Mana Qopheessa magaala Finfinneetti kutaan beeksiisaa addeessee jira. Biiroon magaalichaa sababni ibsa kana baaseef ammoo waggaa darbee keessatti magaala Finfinnee keessatti gaa’illi laakkoofsaan hedduun kan raawwatame yoo ta’u kutaa mana qopheessaatti kan galmaa’e garuu 302 ta’u isaa hubachiisee jira. Ragaan akka aggarsiisutti gaa’ila 302 keessaa gaa’iilli 250 lammiilee Itiyoophiyaan yoo ta’u, kan kanarraa hafan ammoo lammiilee biyya biraa ta’uu biiroon magaalicha mirkanneessee jira. Dabalataaniis bara darbee keessatti daa’imman kumaataman lakkaawaman yoo dhalatan,mana qopheessaa magaalichaatti kan beekaman garuu daa’iman 2033 qofa ta’u hubachiise jira. Manni qopheessa magaalaa Finfinnee ragaa fuudhaa,dhalootaa fi du’aa erga qopheessu eegale waggoonni hedduun darbani jiru. Tajaajila kana si'ataa gochuuf Ragaaleen kunneen waraqaan ragaa kaffaltii malee kan raawwatamuu ta'uu Ibsee Jira. Kanaafu namoonni kana hubatanii waraqaa raga barbaachissoo ta’an qabachuun bu’aan isaa isinumaaf jechuun beeksiisee jira. Akkasummas dhiraa fi dubbartiin magaalaa Finfinnee malee bakka biraa irra dhufan waraqaa ragaa jedhame kana yoo hin qabaanne siree tokko irra waliin buluun akka hin dandaa’amne manni qopheessa magaala Finfinnee ibsa baaseen akkekkachiisse jira. Durgoo daa’imaa argachuuf,dhaala seera qabeessa argachuuf,soorama bahuuf laakkoofsi umurii murteessaa waan ta’eef galmaa’uun barbaachisaadha jechuun hubachiisee jira. Gaazexaa Addis Zemen Fulbaana 17 bara 1964 bahe Irraa kan fudhatame. Girmaa Guddisaatiin Maddi:DhPI Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇 Facebook-Waliif TVV Youtube- www.youtube.com/@waliiftv Telegram- https://t.me/waliiftvofficial Tiktok- www.tiktok.com/@waliiftvofficial Waliif TV Ilaalcha Haaraa @furtuu_jireenyaa
Show all...
Waliif Television

Waliif TV, Ilaalcha Haaraa

#Baga_Geessan Kabajamtootni fi hordoftootni chaanaalii keenyaa hundi keessanuu baga bara haraa bara 2016'n isin gahe isiniin jechaa barri haaraan; Kan gammachuu, Kan jaalalaa, Kan milkii, Kan badhaadhinaa, Kan itti sooramtan, Kan itti quuftan, Kan kaayyoo qabattan galmaan ittiin gahattan...isiniif akka ta'u hawwii qabnu isiniif ibsina. #2016 #Ayyaana_Gaarii #like #share #join_us 👇 share💯share💯share @furtuu_jireenyaa ©🌹 @furtuu_jireenyaa©🌹
Show all...
🌻🌼🎄🎄 Baga jala bultii geessani 🌿🎋🪴🌾🌻🌻🌼🌼 @furtuu_jireenyaa
Show all...
Show all...
@SIMBOO JIIREENYAA

Fuula group kana iirratti simboo yesuus qabuufi macaafa waa'ee simboo ibsuu barreessuufi, video daabaltee haasa'uu fi ibsuuti namootaa laafoo akka hin taaneef cimsinee isinniti himaa!!!! Jaallatamtootaa obbollotaa koof ergaan anii qabuu kanadhaa,!!!!

HAADHA MANAA ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Halkan tokko utuu barattoonni ga'eessonni barataa jiranii ogeessi xinsammuu tokko kutaa seenee, har'a tapha qabna jedhe. ■ Barattoonnis tapha akkamii jedhanii gaafatan. Barsiisaanis barataan fedhii isaatiin ka'u jennaan barataan dhiiraa tokko ka'e. Barsiisaanis barataa sanaan namoota baay'ee jaalattu 30 gabatee gurraacha kana irratti barreessi jedheen. ■ Baratichis maatii isaa irraa eegalee, oollaa isaa, fira isaa fi hiriyoota isaa hamma nama 30tti barreesse. Barsiisan, kana keessaa namoota si hin fayyanne 3 balleessi jedhe. Innis maqaa ollaa isaa balleesse. Ammas maqaa nama 5 balleessi jennaan baratichi namoota fagoo ta'an fira isaa keessaa balleesse. ■ Akkuma kanaan maqaa barreesse hunda balleessee fixee maqaa haadha, Abbaa, haadha manaa fi ilma isaa qofatu hafe. Ammas barsiisan maqaa arfan kana keessaa maqaa nama 2 balleessi jedheen. Barataan sun baay'ee na'ee akka nama dirqamaan balleessisee maqaa haadha isaa fi Abbaa isaa balleesse. ■ Barsiisan dhuma irratti warra hafan 2 keessaa maqaa nama 1 akka balleessu itti hime. Ammas baratichi sammuun isaa baay'ee jeeqamaa, harki isaa hoollachaa, sodaachaa maqaa ilma isaa keessa balleesse. ■ Barsiisaan gad taa'i ittiin jedheen. Achiin booda daqiiqaa muraasa booda barsiisichi: ➛ "Maaliif maqaa haadha manaa kee hambifte? ➛ Maatiin kee siif nama ati yeroo hunda itti of abdattudha. ➛ Ilmi kee qaama kee nama baay'ee sitti aanudha. ➛ Haadha manaa garuu kan biraa fuudhuu dandeessa. ➛ Maaliif hunda isaaniirra haadha manaa kee caalchifatte?" Jedheen. ■ Barataan sunis suuta jedhee akkas jedheen: ▷ Tarii guyyaa tokko maatiin koo na dura biyya lafaa kana irraa darbuu danda'u. ▷ Ilmi koo immoo gaafa guddate sababa barumsaaf yookiin hojiin na dhiisee deema. ▷ Bara jireenya koo guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraadhutti kan na bira jiraachuu danda'u haadha manaa koo qofa jedheen. Yeroo kan barattoonni kutaa guutuun harka rukutaniif. ➦ #Dhugaadha. Hundi keenya iyyuu maatii keenya hammam yoo jaalanne iyyuu guyyaa tokko dhiisnee deemna. Maaliif yoo jennee haadha manaa yookiin Abbaa manaa fi Ijoolleen keenya hammam yoo nu jaallatan iyyuu nu dhiisanii deemu. Dhuma irratti kan nu biratti hafu haadha manaa keenya yookiin Abbaa manaa Keenya. ■ #Eyyeen obboloota koo. ➦ Haati manaa kennaadha malee filannoo miti. ➦ Haadha manaa fuudhun barbaachisummaan isaa galgala galgala sitti yaadatama yoo ta'e ati fuudhuu barbaadda osoo hin taane nama wajjin bultu barbaadda. ➦ Haadha manaa fuudhun kan sitti dhaga'amu yeroo uffati kee, manni kee, xuraa'u qofaa yoo ta'e, ilaalchi kee galma murtaa'aa namni hiriyaa gaa'elaa qabaachuuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu irraa kan fagaatedha. ➦ Haadha manaa qabaachuun kee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa yookiin ijoollee godhachuuf qofa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu. Ergaa dabalataaf ✅JOIN GODHAA        ━━━━━━━━━━━ ✒ @furtuu_jireenya |  ✍🏻 | Tap tap Reaction ❤️👍 ♻️ Share waliif godhaa 😉Galatoomaa
Show all...
Gaafan corroqaa dhugee Daaraa keessaa ciisee Miilan fagaadhus sirraa Yooman sii yaaduu dhiisee Siifan okkolaa deema siifan dhukkubsadha Siif fayyuu dadhabeen onnee kulkulfadhaa Yaaddoo jaalala keetiif mataan naa nanna'aa Coba bishaan jaalala keenan Akkatti mama'aa Ekamee sareetoo elamee yaa tiruu Kan akka koo sii jaalatuu- kan biraan hin jiruu Gaafa dogoggortuu harkaa-sii rukutuu Duuban Akka saree-dhoksee siin kukkuutu Siin suphaa madaakee malee-sin waraanu Madaa keef qorsaa ta'ee-ana kan wal’aanuu Waa’ee keef keessiikoi tasaa hammeenya hin baatuu Garaa kee sii ciibsuudhaf Kan yeroo hunda kaatu Dirraa koorraa baaseen-dirra keetti uwwisaa Daba nattii yaannaan-dhugaa sii cubbisaa Ati hin du'in jedheen-harkaa kiyyaa dhiigee Utuun arguu abidattii-si oolchufaan fiigee Jabaa jaalala keef-siif diriirsee ceekuu Siif gaarummaa malee-an hammeenyaa hin beekuu Gatii qoodaa jaalala-naaf laattus summii jibbaa Utuun sii mararsiifadhuu-narraan geessus dhiibbaa Tarii natuu dabee- hammeenya kee yaadee Jedheen gubaa jaalala kee- dhoksattii qadaadee Haphii arraba keen- as labdee achii labdee Qoodan siif yaaduu gaarii- ati nattii dabdee Yoon siif kennee dibaabe- keessaa deemuu aduu Ati kan dhamaatu-  akkan du'ee badu .. #Boom
Show all...
Yaa ummataa dhiffamaa rakkoo nuu mudddatee hundaaf
Show all...
Jechoota mimmiidhagoo ✍Jireenyi patternii mataa ishee qabdi,Hack gochuun gahee keeti. ✍Namoonni hedduun osoo eenyummaa kee hin hubatin jireenya kee karaa heddutti hiikkatu. 👌Namni biraa akka si jaallatuuf of hin jijirin;Namni dhugaa akka si jaallatuuf of tahi. 👉Gatii osoo hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiraatu. ✍iImi namaa gaafa gad jettuuf si tuffata. Garuu, Waaqni gaafa jinbilfattuuf ol si qaba. ✍Kan baatu ni ulfaata yoo jedhu.Kan baachiisu salphaadha jedha 👌Namoota nu cunqursanif dhiifama gochuun mooyamuu osoo hin taane,Jaalala barsiisudha.
Show all...
Sodaa: Oliin sodaa bakka gurguddoo lamatti qooda. Isaanis: Sodaa sababawaa(rational fear) fi sodaa sababa maleessa(irrational fear) dha. Mee xiqqoo gargaarummaa isaanii haa ibsu. Sodaa sababawaa jechuun sodaa wantoota ati to'achuu dandeessuuf sodaa itti gaafatamummaa baachuu irra maddudha. Sodaa sababa maleessa jechuun immoo sodaa sababa qabatamaa hin taaneef wantoota ati to'achuu hin dandeenye irraa sodaa maddudha. Sodaa inni kun sodaa baay'ee hamaa to'achuu yoo hin dandeenye imala jireenyaa ati taasiftu keessatti gufuu sitti ta'udha.Sodaa kanaaf miira kee,yaada kee,sammuuf ilaalcha kee eeyyamuun kiyyoo jireenyaa hamaa sitti ta'a.Karaa biraa ibsuuf,sodaa inni kun amaluma(nature) dhuma isaarraa yoo kaane sababa malee calluma jedhanii sodaachudha.Kun immoo sodaa dabeessotaa ykn lugnootaa isa taasisa. Namni sodaa kana sodaatu kamuu jireenya isaa keessatti lugna ykn dabeessa in ta'a. Warra kanaaf milkaa'ina gonfachuun baay'ee ulfaata.Sodaa inni ani jalqaba irratti kaase yks sodaa sababawaa inni ani jedhu sodaa baay'ee gaarii ta'eef,sodaa akka ati qophooftu,itti gaafatamummaa jireenyaa baachuuf,sodaa madda jabinaaf humnaa ta'ee si gargaarudha. Sodaa inni kun sodaa namoonni milkaa'an of keessaa qabaniidha. Gootonnis sodaa kana of keessaa qabu. Fakkeenyaaf,hiyyuma nan sodaadha.Hammeenya hiyyumaarraa kaanee yoo yaanne,namni sodaa kana sodaatu,sababa qabeessa akka ta'e ni hubanna. Sodaa kana of keessaa qaba taanaa, inni isaa halkaniif guyyaa hojjetee waanjoo hiyyumaa cabsuu in ta'a.Nama yeroo hundaa fiiguus in ta'a.Garuu sodaa kana of keessaa hin qabu yoo ta'e,hiyyumatti madaqee jiraachuu malee,wanti isa kaasu, onnachiisuufi dammaqsu hin jiru.Sodaa kana of keessaa dhabuun,jireenya keessatti addagummaa akka ati shaakaltu godha. Jechi "addagummaa jireenyaa" jedhu,akkas jechu kooti jireenya keessatti "dhimma dhabuu" jechuudha.Akkas, namoota akkasii biratti sooressa ta'anii hiyyeessa,beekaa ta'anii wallaalaa,goota ta'anii dabeessa,jaallatamanii jibbamanii dhimma isaanii miti. Amalli kun jireenya keessatti kufaatii guddaafi addagummaa jireenyaa isa hamaadha. Hiriyya! Amaloota kana hin qabaatin. Wantoota sababaan sodhaadhu...ergasii immoo deemsa kee dhabda utuu hin taane "sodaakee" irra dhaabbadhuu murtee sirriif tarkaanfii gaarii fudhadhu malee sodaa sababawaa of keessaa dhabu kee qofan,wantoota hin taanee jireenya keetti hin madaqsiin. Addagummaa jireenyaa irraa of eeggadhu. Sodaa kee gara ibidda gootummaa isa boba'ee hin dhaamnetti jijjiiri.Sabbaba malee immoo hin sodaatin; bizinesii hojjechuu barbaaddee kisaaraa sodaattee hin dhiisin. Barnoota sadarkaa olaanaa barachuu barbaaddee kanfaltii sodaattee hin dhiisin. Namoota gargaaruu barbaaddee madda galii kee sodaattee hin dhiisin. Yoo akkas goote,sodaa sababa maleessa sodaachaa akka jirtu hubadhu. Kun immoo amala kee utuu hin taane amala dabeessotaa waan ta'eef hin sodaatin. Jabaadhuu gara fuulduraatti adeemi. Maal sodaachuu akka qabduuf hin qabne adda baasii hubadhu. Goota isa jireenya isaa tarkaanfachiisu ta'i malee yuuyyee iddoo hundumtuu itti tolu hin ta'in. Jecha ani armaan gadiitti jedhu kana hubadhu: "Yeroo sodaattu yoo xiqqaatee xiqqaate sababii sodhaachaa jirtuuf beekuun dirqama. Sodaa sababa hin qabne hin sodaatin." ———— Jabaadhuu itti gaafatamummaa jireenyi sirra kaa'u haalaan bahi.—-Yaadicha kan qoode: 𝕧𝕚𝕒: Olii Xaafaa
Show all...
Jaalalli dhugaa kan akkamiiti?. Saaykoloojistoonni yaada armaan gadiiti, hiika sadii jaallatan kanneen armaan gadiiti Naannawa kana jira. Mallattoo jaalala dhugaa.. . 1. Miira gadi fagoo (fedhii) Wantan ani jalladhu, dinqisifadhu fi dinqisifadhu tokko yeroon jaalalle koo argu. Dirqama qaba. Ani waan sana filadha kan miira addaa na godhu. Yaa zomaa Rifeensa ishee.. . Yaa ifaa seequu ishee.. Oh dukkana blenos.. . Yaa bareedduu Qaamni ishee baay’ee bareeda.. . Ykn kan biraa. Miirri gadi fagoon kun amala/namummaa caala. Physical appearance gaarii fakkaata. Sirba Mohammed Ahmed kan armaan gadii kana. Namoonni tokko tokko miira kana sirriitti ibsuu danda’u.. Bareedinni maali mee natti himaa jarana Gara ishee ilaaleen baay’ee eebbifame. 2. Intimacy (intimacy). Jaalalleen koo hiriyaa gaarii naaf ta’uu qabdi. Iccitii nu gidduu jiru Wanti fedheyyuu jiraachuu hin qabu. Baay’inni walitti dhiyeenya akka hiriyaa dhiiraa/dubaraa dhiyooti. Gosa ta’uu barbaada. Hiriyaa koo jaalladhu jalaa dhokate, himachuuf qaana’e. Walumaagalatti waa’ee koo waanan jedhu hin qabu. Hiriyaa koo jaalalleef tokko ta’uun Eeyyee. Afaan birootiin qorachuu jechuun kana. (Nama sirriitti beekuuf wanta namni sun yeroo fi haala adda addaatti agarsiisu) Amala ilaalamuu qabu. Maaltu si gammachiisa/ Ajaa'iba, maaltu isa gaddisiise, maal Nama aarsa, maaltu isa sodaachisa, maal ilaalchi isaa waan adda addaaf Fi namicha wajjin yeroo dheeraf bashannana jirra wantoota kana fakkatan baruuf Sirritti barbaadama 3. Kutannoo/itti fufiinsa (commitment). Jaalallee koo waliin yeroo dheeraa turuun barbaada (my life time) ykn? Gaaffii kanaaf yeroo hunda dhugaan jira. Keessa keenya dhaggeeffadhu. Deebiin waan nuti kenninu irraa fagoo miti. Jaalala miira gadi fagoo fi walitti dhiyeenya malee waliin jiraachuuf murannoo qabu Namoonni xiinsammuu jaalala duwwaa jedhanii waamu @furtuu_jireenyaa
Show all...