cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Biiroo Barnoota Oromiyaa

Show more
Finland136The language is not specifiedEducation5 067
Advertising posts
27 379Subscribers
+2424 hours
+1157 days
+23530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

​#BEEKSISA 12/06/2016 Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf. Akkam Jirtan? #Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna. #A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti, #Barattootni_kutaa_6ffaa; Dhiirri - 386,703, Dubartiin - 345,540, waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu. Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina . #Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u; 1.Afaan Dhalootaa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5. (Barnoota Gadaafi Safuu ) #Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a. #B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee; Barattootni Qormaata Fudhatan - Dhiirri 347,313 - Dubartiin 323,963 Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama. Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u , #Yeroon_qorumsaa #Waxabajjii 3-7/2016 ta’a . #Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us; 1.Afaan Dhalootaa 2.Afaan Lammaffaa 3.Afaan Ingilizii 4.Herrega 5.Saayinsii Hawaasaa 6.Saayinsii Waliigalaa 7.Barnoota gosoota hunda galaa (Gadaa fi Lammummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna. Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan Isin hubachiifna. Biiroo Barnootaa Oromiyaa. Guraandhala 12/2016 FINFINNEE OROMIA EDUCATION BUREAU 🔎.https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
Show all...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

"Kuullee¿¿¿" Tibba kana "Qubee Afaan Oromoo" haaraa "uumne" miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa jiru irratti namnni keenya walqoodee yaadaan walitti bu’aa jira. Namootni tokko tokkos biirooleen dhimmi ilaallatu ibsa osoo itti kennanii jechuun keessaan nu gaafachaa jirtu.Waan al-idilee akkanaa kanaaf deebii idilee kennuun barbaachisaadha jennee hinamannu. Garuu akka qaama hawaasa kanaatti yaadan kenna. “Foon lafa jiruuf allaattiin samii irratti walnyaatti, “ akkuma jedhamu yoo ta’e malee dhimmi Qubeefi Afaan Oromoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhimma tumamee bubbuleedha . kana jechuun Qubeen Afaan Oromoo rakkoo qaba jedhameetuu osoo itti amanamee qorachiisee uummata mariisisee kan heera kana jijiiru caffeedhuma malee nama dhuunfaa tasuma ta’uu hindanda’u . Kanaaf yaada qorataa tokkoo irraa ka’ame akka dhimma guddaa tokkootti hafarsuun badaa barbaachisaa miti . 'Academic excercise' ta'a akka hinjenneef rakkoo Qubeen Afaan Oromoo kana jedhee waan ibse hinqabu. Dhimmi kun karaa al-idilee ta’een deemaa jira malee qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gaye hinjiru.Kanaaf akka allaattii samii irraa waan lafa jiruuf walfixuun barbaachisaa miti. Hubannoof akka toluuf; biyya addunyaa 195 keessaa 141 ykn 72.3 % qubee Laatiniitiin fayyadamu. Kun kan ta’e sababa malee miti . Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin maaliif dhimma bahuun barbaachise kan jedhu Dr.Abdulsamad Mahaammad namoota guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gayee qaban kan akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad faa waabeffatuun haalaan Katabeera. Hubannoo keessan bal’ifachuf yaada isaa websaayitii irraa dubbisaa . Dr.Abdulsamd Mahaammad Afaan Oromoo wayita hojii jalqabu Afaan Oromoo waaltessuu keessatti jira wiirtuu jedhamee beekamu keessatti nama gayee guddaa qabuudha. Hayyoota kana lamaan Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad Mootummaan Naannoo Oromiyaa gayee isaan guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gumaachan hubachuun siidaa yaadannoo dhaabeefii jira. Warri "Kuullee" ammoo qubee waggaa 31 hojii irra oole kana kan biraatiin bakka buusnee akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaa seenaa beekamtii argannaaf yoo ta’e 1ffaa kun aangoo eenyuu akka ta’e hubadhaa 2ffaa Wanti isin fiddan kun haraa irraa gaafa jalqabnu baasii inni gaafatu hubadhaa (waan woggaa 31 keessatti Hojjatame hunda gara qubee keessanii Kamatti jijjiiruuf nama leenjisuu baasii guddaa gaafata) . 3ffaa Qubee addunyaa gara guddaan fayyadamu irraa nu fageessa 4ffaa Gayee qaroo saba keenyaa kan akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mahaammad Rashaadfi namoota kumaaf kitila qubeef jedhanii aarsaa kafalan xiqqeessa 5ffaa Saba keenya addaan qooda. Kanaafuu osoo waan kana gadi teessanii ilaallatanii … Sanbata Gaarii, #DrTolaaBariisoo https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo 1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500
Show all...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

​Qabxiin Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa12ffaa fudhatanii Dhaabbilee Barnootaa Leenjii Ogummaafi Teeknikaa(TVET) Galanii Barachuu Danda'an Beekameera. ---------------- BBO- Sadaasa 06/2016 Ministeerri Hojiifi Ogummaa qabxii barattoota dhaabbilee leenjii teeknikaafi ogummaa galanii barachuu danda'an ibseera. Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsa isaanii keessatti, barattoonni gara dhaabbilee leenjii ogummaafi teeknikaatti dhufan bakka deeman kan dhaban osoo hin taane dandeetti qaban baasanii akka fayyadamaniif kan gargaarau ta’uu himaniiru. Dhaabbileen Ogummaafi Teeknikaa lammiileef carraa hojii uummuuf gahee olaanaa akka qabanis himaniiru. Barana yeroo jalqabaafis leenjitoota sadarkaa 6 simatamanii kan leenji’an ta’uu eeruun, bu’uura ulaagichaan naannoleetti ramaddiin leenjitootaa ( barattootaa) kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru. Haaluma kana bu'uura gochuun, bara leenjii kana(bara 2016) barattoonni 632,000 ol fedhii gabaafi humna namaa jiru giddu galeeeffachuun sadarkaa 1-6tti akkaataa qabxii isaaniin ramadamanii akka leenji’an ibsameera Qabxii darbiisaa kaa’ameenis, - - #Sadarkaa 1fi 2’n leenjitoonni 110,015, - #Sadarkaa 3fi 4’n leenjitoota 412,557 - #Sadarkaa 5’n leenjitoonni 110,015 akka leenji'an himaniiru. -#Sadarkaa 6’n immoo, leenjitoota 2000 ta’an simachuuf qophiin taasifamuu ibsameera. Walumaa galatti sadarkaan leenjii 1-8 kan jiru ta'uu ibsuun bara leenjii kanaaf garuu sadarkaa 1-6 kan jiran qofa akka simatan dubbataniiru. #Bara_leenjii_2016_qabxii darbiinsaa qophaa’ee barattoota qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan bara #barnootaa_2015_fi_2014 #fudhatanirratti_kan_hojiirra_oolu ta’uus himaniiru. Bara 2014’n dura barattoonni qormaata kutaa 12ffaa fudhatan immoo bu’uura qabxii darbiinsaa bara leenjiitiin akka keessummeeffaman beeksisaniiru.. #Gabateen_Qabxii_Darbiinssaa Ministeera Hojiifi Ogummaa irraa dhufe armaan gaditti ilaaluun ni danda'ama. https://t.me/Oromiyaa_Education_Biiroo
Show all...
Oromia Education Bureau

1. OBN Education TV Position 8.0⁰ West Satellite Eutelsat/hotbard 8 West B Frequency 11512 Polarization Vertical Symbol rate 27500 2. MOE Television Position: 8.0⁰ West Satellite Eutelsat 8 West B Frequency 12520 Polarization Vertical Symbol rate:- 27500

Sign in and get access to detailed information

We will reveal these treasures to you after authorization. We promise, it's fast!