cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Fataawaa NuuralHudaa

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Show more
Finland269The language is not specifiedReligion & Spirituality4 654
Advertising posts
17 814Subscribers
+524 hours
+567 days
+43830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from Nuuralhudaa
#BreakingNews RAMADAAN MUBAARAK Baga ji’a Ramadaanaatiin isin gahe. Baatii ji’a Ramadaanaa guyyaa har’aa mul’attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 ta’a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu ta’a. Rabbi warra ji’a kanarraa fayyadamu nu haa taasisu. Nuuralhudaa
Show all...
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta. #Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
Show all...
📍Baafataalee ​Fataawaa NuuralHudaa📍
📍Al risala tube📍
238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa? Gaafii: Yoo warra kiyya waliin rafee itti qanani’ee ka an osoo hin dhiqatin natti azaaname janaabaa sani ittumaanin salaata moo ni dhiqadha? Deebisaa: Janaabaadhaan salaatuun hin jiru sitti azaanamee azaanamuu baatee janaabaa ufirraa buusanii seera isaa hunda guuttatanii, eega istinjaa godhanii booda wudu’ataanii, gara mirgaatti bishaan buufatanii, eegasii qaama ufii hunda bishaan waliiniin gahanii haga qeensaaf rifeensaan baatuu waliin gahanii dhiqatanii ka’anii salaatan. Azaanamee azaanamuu baatee janaabaan namarraa ba’u malee hin ta’u ka dhiiraatis ka dubartiitis jechu ✅Sheikh Alii Jimmaa🎵
Show all...

237: Nikahaan fagootti telefoonaan ni tahaa? Gaafii: Yoo namni tokko biyyarraa kaadhimaaf yoo na barbaade ka nuti gargar jirruu telefoonaanillee nikaha wal hidhachuun ni ta’aa jedhee ka inni haasawu yoo taate, an ammoo biyya dhufee wal arginee wal hubannee kaanee haa nuu ta’uu ka ani jedhe, ka inni tattaaffatee daliila wayii natti barbaadee akkam jedheetiin ufirraa isa amansiisaa? Deebisaa: Wal argaan biyyatti wal arganiif ka ammaan tana maatiin walbeekee ijoolleen biyyaa walbeekanaii diinii qabaachuu isaa, iimaana qabaachuu isaa, footoo isaa gartee qaama guutuu gartee ka fayyaan isaa guutuudhaa ta’uu argitee yoo itti gammadde rakkoo hin qabu sun isin lamaanitti hidhaa qabdi. Yoo isin lamaan gammachuu qabaattan fageenyi jiraachuuf nikaahan rakkoo hin qabu telefoonaanis nikaha walgodhachuunis numa ta’aa jechuudha. Walitti dhihaatanis sun irra caalaadhaa rakkoo hin qabu. Biyya dhaqee nikaha godhadha jechuun kankee yoo ka mahrama malee karaa kophaa deemtu taate, nikaha godhattee yoo danda’e inni bikka ati jirtutti sitti dhufee mahrama argattee galuudhatu irra sii jira malee kophaa karaa deemuun gaarii miti. Ammoo yoo daruuraan dubartiin gara biyya abbaa warraa galuu taanaan, yooka biyya kaafiraa irraa godaanuu taanaan gala isii yeroo takkatti galtu daruuraadhaaf ulamaan hayyamanii jiran. Garuu wanni irra siif jiru bakkuma jirtutti nikaha sii godhanii halaala kankee argattee mahrama kankeetiin wajjiin galutu sirra jira. Haala fuudhaa heerumaa keessatti nikahan fagoottis nima ta’a jechudha. ✅Sheikh Alii Jimmaa🎵
Show all...

236: Dubartiin eega hiikamtee booda herumuuf hangam turutu isii irra jira? Gaafii: Intalti yoo uf hiikte; abbaan manaa hiikuu didee jeennaan ka uf hiiktu yoo taate, yoom heerumuun isiidhaa isiidhaaf malaa? Deebisaa: Dubartiin takka yoo hiikkaa tartiibaatiin hiikamte Rabbiin akkuma qur’aanaan dubbatetti dhiiga sadi argiteeti irraa qulqullooftee kaatee iddaa isii fixattee heerumti. Yoo abbaan manaa irraa du’e ji’a afuriif guyyaa 10 teessee gufufa fixattee heerumti. Hikmaan Rabbiin waan kana dubbateef akka garaa keessa waa jiraniif haqqiin nama kanaa nama birootti akka hin dabarreef haga isiin gargar baatuuf haga ulfi beekamuuf yoo ka jiraatu taate saniif Rabbiin akkas godhe. ✅Sheik  Alii Jimmaa🎵
Show all...

235: sujuuda irraanfachuun akkam? Gaafii:  Namni tokko sujuuda tokko irraanfatee yoo irraa ol ka’e, eega ol ka’ee ammoo yoo yaadate maal godhuu qabaa? Deebisaa:   Waa hunda dura wanni nuti beekuu qabnu salaata keessa waa lamaatu jira. Rukniifii waajibaatatu jira. Waajibaatni saddeeti, waa saddeeti keessa yoo waa keessaa dhiifte salaanni kee akka sirraa hin banne ka godhu Sujuudassahwii;  osoo hin salaammanneen duratti sujuuda lama. Yoo wanni ati dhiifte ruknii taate, rukniin salaata keessatti waa kudha afurii kudha afran keessaa ta dhiifte san yoo deebitee fuute malee salaanni kee bade. Sujuuda lammeessaadhaa yoo dhiifte gad deebitee teessee sujuuda san sujuuddee olkaatee aakhira salaata sanii irratti Sujuudassahwii lama sujuuddee salaammachuu qabda. Yee eega salaammattee yaadatte sujuuda dhiifte san akka ulamaa’iin murtii godhanitti raka’aa zaa’idaa jedhaaniiti fakkeenyaaf salaanni kee afuri takkaahu sadi oluma kaatee raka’a biraa haarawa tokko Allaahu Akbar jettee raka’aa tokko haarawaan dhuftee Faatihaa qaraatee rukuu’a gootee sujuuda lamaan walitti dhaabdee sujuuddee achi boodaan attaahiyyaata teessee osoo hin salaammanne Sujuudassahwii ufirraa sujuuddee salaammatta. Sujuudassahwiin bakka rukniidhaa hin dhaabbattu waa lamaan kana addaan baradhaa. ✅Dr.Liwaa’ulislaam🎵
Show all...

234: Namni maatiin ijoollummaan hin qaraasisin dilii isaatiif akkamitti toowbata/eenyutu itti gaafatama? Gaafii:  Abbaa kiyya anaa ijoollee ka ufi hin beeyne addunyaa tanarraa du’ee garuu humaa na hin barsiifne, ani ammoo humaa hin beekuu waan hin qara’iniif akkamitti toowbadha? Deebisaa:   Abbaan kankee si’ii ijoollee sirraa du’ee osoo jiraateeyyuu maal si qaraasisa mee? Waa si barsiisuun amatuma torba booda. Keessahuu amatuma 10 booda. Wanni ijoolummatti nama barsiisan takkalleen hin jirtu, wanni uf sigaaltullee hin jirtu, eega ballagdee boodatti waa barachuun simarratti waajiba. Eega ballagdee boodatti yoo badiin sirra jiraatte abbaa kiyyatu na nin barsiisin jechuun dogongoraa badii dalagdeef sumatu toowbata. ✅Dr.Liwaa’ulislaam🎵
Show all...

234: Namni maatiin ijoollummaan hin qaraasisin dilii isaatiif akkamitti toowbata/eenyutu itti gaafatama? Gaafii:  Abbaa kiyya anaa ijoollee ka ufi hin beeyne addunyaa tanarraa du’ee garuu humaa na hin barsiifne, ani ammoo humaa hin beekuu waan hin qara’iniif akkamitti toowbadha? Deebisaa:   Abbaan kankee si’ii ijoollee sirraa du’ee osoo jiraateeyyuu maal si qaraasisa mee? Waa si barsiisuun amatuma torba booda. Keessahuu amatuma 10 booda. Wanni ijoolummatti nama barsiisan takkalleen hin jirtu, wanni uf sigaaltullee hin jirtu, eega ballagdee boodatti waa barachuun simarratti waajiba. Eega ballagdee boodatti yoo badiin sirra jiraatte abbaa kiyyatu na nin barsiisin jechuun dogongoraa badii dalagdeef sumatu toowbata. ✅Dr.Liwaa’ulislaam🎵
Show all...

233: Intala eega butanii zinaa irratti dalaganii booda Nikahaan ni tahaa? Gaafii:  Gaaf tokko na butanii ganda gurbaa na geessanii achitti gurbaan hamtuu natti dalage, warri keenyas dafaniillee na hin dhaqbnee nallee hin barbaannee. Garuu akka aadaatti wajjiin haasawanii hamtuu natti dalages na hin gaafanne nikahuma qofa irra buusanii, nikaahan kun akkami? Deebisaa:   Yaa gabritti Rabbii wanni gaafachuun sirra jiru gurbaan tokko akkanatti zinaa natti dalagee badii tiyya sanirraa akkamitti toowbadha jechuu gaafachutu sirra ture. Ta duraatii sirratti baditu jira. Gurbaa irrattillee badiitu jira. Toowbaan teessan osoo hukmiin shari’aa jiraattee xiilaa dhibba dhibba dhukkee isin irraa kaasanii amata tokko biyyarraa isin baasu. Waan hukmiin shari’aa akkasitti hin jirreef jecha bakka jirtanitti toowbaa qulqullii toowbachuudha. Achi boodaan nikaha haarawatti isin godhuudha. Isinii zinaa walitti godhee jiruu nikahaan keessan fayyaa hin ta’u. ✅Dr.Liwaa’ulislaam🎵
Show all...