cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Zak Dube

TV show host at Oromo Media Network

Show more
Finland376The language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
12 387Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Show all...
At Craft Knowledge, we are dedicated to empowering our students to achieve their career goals and take their place in the world of technology

At Craft Knowledge, we are dedicated to empowering our students to achieve their career goals and take their place in the world of technology. Our online and onsite bootcamps are designed to provide students with the hands-on experience and real-world skills they need to succeed in today's competitive job market.

Fuulli Facebook koo 2ffaas cufamee jira. Worri Facebook dubbachuu mitii cal’isuus nu dhoorkee jira. Ammaaf fuula instagram armaan olii kanaan ala fuulli social media maqaan kootiin jiru kamuu kankoo akka hin taane isiin beeksiisu barbaada.
Show all...
Account Facebook koo haaraa link kana tuquun argattu- https://www.facebook.com/abdurazak.dube.3
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Beeksisa!- Worra Facebook irraa maaf block nu goote jettaniif deebiin isaa kunoo! Tibba kana Facebook namoota dhuunfaa fi media heddu cufame! Ammaaf account kana fayyadamaa jira. https://www.facebook.com/abdurazak.dube.3
Show all...
Eessa badde? Jirra! ======== Woggaa 6 oli biyya kana jiraadhe keessatti yeroo baay’ee Hojiidhuma hawaasummaa keessatti dabarse. Hojiin akka saba ofii tajaajiluu gammachuu sammuu namaaf kennu hin jiru. Garuu immoo hojii kana bareechuuf gama hundaan ofi danda’uu fi yeroo maatiin kee, sabni kee dhimma adda addaaf si barbaadu humna cimaa isaan bira Itti dhaabbattu horaachuun barbaachiisaa dha. Jiruu kee gama hundaan madaalaa ( balance ) gochaa deemuu feesiisa. Nama ofiin dhaabbachuu danda’utu saba ofii bira dhaabbata. Rakkoo guddaan siyaasa Oromoo keessatti arge keessa jireenya dhuunfaa fi siyaasa addaan baasuu dhabuudha. Gama hundaan keessattu karaa dinagdeen ofi cimsuun baay’ee barbaachiisadha. Kana yoo goote (at least financially) maxxantummaa gartuu siyaasaa kamuu jalaa baata. Sammuu qulqulluun dhugaa dubbachaa saba kee tajaajilta.kuni immoo baay’ee barbaachiisaadha. Hojii Oromia Media Network woggoota 2f dhaabbatan tajaajilaa turee irraas fedhiidhuma kiyyaan dhaabe. Wanta media Oromoo dabalatee dhaabbilee Oromoo kamuu keessatti baratamu qabu keessa inni guddan nagayaan tajaajila kennanii nagayaan wol-gaggeessuudha. Anaaf OMN yoomuu addaan hin baanu. Gama kamiinuu hojii media kana utubuu keessatti nan hirmaadha. Maatii OMN waliin maatummaan koo itti fuufa. Kan Hojjataa dhaabbataa ture Sanatu hafa malee. Hojii sabaa hin ganneess hin dagabnees. Yeroodhaaf ji’oota muraasaaf barumsa gabaabaa irra ture. Isa xumuree hojii eegalee. Jijjiiramoonni Asi keessatti uumamaniin baay’ee busy ta’ee media Hawaasaa kana akka durii sana irra hin turre. Akka durii sana Amma boodas irra turas natti hin fakkaatu. Wonti hundi karaa tokko qofaan hin deemu. Akkuma guubatti eere waan saba kanaaf ta’u karaa hedduun gochuun danda’ama. Maaltu ture jedhee hiriyyoota koo yoon gaafadhu hundii baguma asi irraa badde naan jedhu. Atakaaroo fi wol-arrabsoo bu’aa hin qabne irratti yeroo qaalii keenya gubuun barbaachiisaa miti. Akka uumamaatti kennaa saammuu qabnutti fayyadamnee waan bu’aa ofiifis maatiifiis, sabaabafiis buusu irratti xiyyeeffachuun baay’ee barbaachiisaadha. Ammaaf kanumaaf guyyaa takkaaf dhufe. Akka gara fulduraa wolitti deebinutti Nagayaatti- Hubaachiisa- Worri karaa messenger na qunnamuuf yaaltan, cufaa waan ta’eef isiinii hin deebisne. Ammas messenger hin qabu! Galatoomaa!
Show all...
Show all...
BARO AUGUST 2022 PROJECT BOOTCAMP

Please fill out your contact information for internal use.

Dubbiin tibba kana deemaa jirtus Haasaa Baqqee fi Jawaar kana irraa fagoo Moti!
Show all...
Amma Woraana kaayyo maleessaa Abiyooti fi Shimallisitu Ijoollee kana Kaayyoo Loltuuf beektu kana balleessaa? Woraanni kaayyoo hin qabne,waan loluuf hin beekne hamilee mo’annaa akka hin qabne dhiyeenyuma agarre!
Show all...
#Iyyaafannoo Maqaan isaa Hamzaa Abdulqadir Ganamoo jedhama. Bakki jireenya Adaamaa ganda 02 jiraata. Erga gaafa guyyaa kiibxataa 25/8/2014 ykn gaafa Ayyaana Iidaa barii isaatti manaa bahee manatti hin deebine. Maatiin hedduu waan cinqamee barbaadaa jiruuf, namni argitan yoo jiraate lakkofsa bilbilaa armaan gadii irratti nuuf bilbiltanii akka nu beeksiftan kabajadhaan isin gafaanna.🙏 Lakk. Bilbilaa:- 0910279454 0912250387 0938113923
Show all...
Haadha manaa ( Ulfa ji’a 7) fi Abbaa manaa bakka tokkotti Woraana Abiyootiin Gindabaratitti Ajjeefaman. Lamaanuu barsiisoota dha! Abiyoot Oromoo lafarraa duguugee xumuruu Malee Rafee bulaa hin jiru. Mee jarri kuni Osoo miseensa maatii keetii ta’anii maaltu sitti dhagahama? Maaloo kaadiree Bilxiginnaa garaaf bultuuf Osoo maatii isaanii akkanatti ajjeessanii akkanuma sirna kanaaf dhaabbatuu! Oromoo mana hunda keetii Osoo hin seenne jara Qabsoo waloon ofirraa buqqisi!
Show all...
Sign in and get access to detailed information

We will reveal these treasures to you after authorization. We promise, it's fast!