cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Personal Development

Wanta barbaaddu argachuuf gatii baasu qabdu baasi. Deemsi karaa dheeraa tarkaanfii 1 irraa egala

Show more
Finland557The language is not specifiedNews & Media12 460
Advertising posts
9 923Subscribers
-124 hours
-47 days
-6830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Milkaa’inni adeemsa dheeraafi bu'aa ba'ii guddaa booda argaama'' #Winisteen_Charchil ''Badhaadhina qabeenyaa caalaa badhaadhina sammuuf dhama’i'' #Albarti_Inistaayin ''Ofiin jaalalatti kuftee harkisa dachee hinkomatin'' #Albarti_Inistaayin ''Fuulli ifaan daandii jalqabaa gara jaalalaatti geessuudha'' #Maazar_Tireezaa ''Hiriyaa gaariin waliin haasa’uu waggaa tokkoo osoo hintaane gocha sa’atii tokkoon hubatama'' #Pilaatoo ''Gammachuun wanti yaadan, dubbataniifi raawwatan yoo walfaana mullatedha'' #Maatama_Gaandii ''Namni beekaan ofdhoksa, namni wallaalaan ofbeeksisa,'' #Wiiliyaam_Sheekispeer
Show all...
👍 10 1
Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti #Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte. Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan. Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate. Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha. Henerii Foordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba! Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera! Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti! Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa! Egaa jedhaa! Walitti deebina yeroo biraa! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattiidha!
Show all...
👍 1
👍 3
Hubadhu🌟 1. "𝗪𝗮𝗻𝘁𝗮 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝘁𝘁𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗿𝗸𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗶𝗻. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗮𝗯𝗷𝘂𝘂 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝘂 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗱𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝘂 𝗰𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮" :- 𝗔𝗹𝗯𝗲𝗿𝘁 𝗘𝗶𝗻𝘀𝘁𝗲𝗶𝗻 2.  "𝗛𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗱𝗮𝗹𝗮𝗴𝗱𝘂𝘁𝘁𝗶 𝘄𝗮𝗮𝗻 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮'𝗮𝗺𝗻𝗲 𝗳𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮":- 𝗡𝗲𝗹𝘀𝗼𝗻 𝗠𝗮𝗻𝗱𝗲𝗹𝗮 3.  "𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼𝗻 𝗸𝗮𝗺𝘂𝘂 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶𝗱𝗵𝗮 𝘄𝗮𝗮𝗻 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝗲 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳":- 𝗠𝗮𝗿𝘁𝗶𝗻 𝗟𝘂𝘁𝗵𝗲𝗿 𝗸𝗶𝗻𝗴 𝗝𝗿. 4.  "𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗼𝗳 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝘂𝘂 𝗼𝘀𝗼𝗼 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮'𝗶𝗻 𝗼𝗳 𝘂𝘂𝗺𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮" :- 𝗞𝗮𝗻 𝗵𝗶𝗻 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗸𝗮𝗺𝗻𝗲 5.  "𝗗𝗮𝗾𝗶𝗶𝗾𝗮𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗯𝗮𝗿𝗳𝗮𝘁𝘂𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝘀𝗮'𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶 𝘀𝗮𝗱𝗶 𝘁𝘂𝗿𝘂𝘁𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗰𝗮𝗮𝗹𝗮":- 𝗪𝗶𝗹𝗹𝗶𝗮𝗺 𝗦𝗵𝗮𝗸𝗲𝘀𝗽𝗲𝗮𝗿𝗲 6.  "𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗴𝗮𝗮𝗳𝗮𝘁𝗮𝗺𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗯𝗼𝗿𝘂 𝗯𝗮𝗵𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗱𝗵𝗮𝗯𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳 ;𝗵𝗮𝗿'𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗵𝗶𝗶𝗯𝗶𝗻 ":- 𝗔𝗯𝗿𝗮𝗵𝗮𝗺 𝗟𝗶𝗻𝗰𝗼𝗹𝗻 7.  "𝗨𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗗𝗮𝗮𝘄𝘄𝗶𝘁𝗶𝗶𝘁𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗸𝘂𝗻𝘂𝘂𝗻𝘀𝗶 𝗮𝗸𝗸𝗮𝘀𝘂𝗺𝗮𝘀 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶𝗶 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗶": 𝗡𝗻𝗮𝗺𝗱𝗶 𝗚. 𝗢𝘀𝘂𝗮𝗻𝗴𝘄𝘂 8.  "𝗛𝘂𝗻𝗱𝗶 𝗸𝗲𝗲𝗻𝗻𝗮𝗮 𝗯𝗼𝗼𝗹𝗹𝗮(𝗯𝗼'𝗼𝗼) 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗻𝗻𝗮,𝗴𝗮𝗿𝘂𝘂 𝗺𝘂𝗿𝗮𝗮𝘀𝗻𝗶 𝗸𝗲𝗲𝗻𝗻𝗮 𝗴𝗮𝗿𝗮 𝗨𝗿𝗷𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗹𝗮'':-𝗢𝘀𝗰𝗮𝗿 𝗪𝗶𝗹𝗱𝗲 9. "𝗦𝗼𝗱𝗮𝗮𝗻 𝘄𝗮𝗮𝗻 𝗮𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗱𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝘄𝗮𝗮𝗻 𝗮𝘁𝗶 𝗳𝗲𝗱𝗵𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮. 𝗕𝗮𝘀𝗵𝗮𝗻𝗻𝗮𝗻𝗻𝗶 𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼 𝗼𝗳𝘂𝗺𝗮 𝗞𝗮𝗻 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶":- 𝗝𝗲𝗰𝗵𝗮𝗺𝗮 𝗖𝗵𝗮𝗮𝘆𝗶𝗻𝗮𝗮
Show all...
👍 6
#Baga gammaddan #namootni hundu Wabii tokko malee Liqaa Yeroo jalqabaatiif kennamu#appi qofaa #Install godhachuun liqeeffachuu dandeessu liinkii asii gadii tuquun bakka #Install jedhu tuquun buufadhaa #Baankiin haala isiniif mijeessera liinkin isaa isa kanadha 👇✅ liinkii Appicha ittin argattan 👇✅ 👇✅👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://elelana.com/2024/01/27/insurance-various-types-and-our-role/
Show all...
HUMNA ARRABAA┃ Power Of Tongue! ❏ Ampoolii fi Generetara har'a itti nuti itti fayyadamnu kana beekan uume Tomas Alva Edsen jedhama. Hayyuun kun ijoollummaa isaatti rakkina harkifata sammuu (autism) qaba ture. ■ Guyyaa tokko dura taa'an mana baruumsa isaa xalayaa barreessee "haadha keetti kenni!" jedhee itti kenne. Barreessuu fi dubbisuu kan hin dandeenye Edsen ergicha haadha isaa biraan ga'e. Haati isaas xalayicha dubbistee teessee yeroo boossu argee "Haadha koo maalif boossa xalayichi maal jedha?" jedhee gaafate. ■ Haati isaa deebistee "Mucaan kee SAMMUUN ISAA BAAY'EE GUDDAA WAAN TA'EEF MANA BARUMSAA KANATTI BARACHUUN ITTI XIQQAATA KANAAF OFII KEEF MANATTI QO'ACHIISI!" jedha jettee itti himte. Toomasis baay'ee gammadee haadha isaatin barachaa qaamanis sammuudhaanis guddachaa dhufe. ■ Sana booda Argannoowwan gurguddoo addunyaa kana jijjiiran 15 addunyaa keenyaf gumaache. Teknolojiiwwan 1093 ta'anis fooyyessee beekamtii guddaa argateera. Waggaa dheeraa booddee gara mana itti guddatee dhaqee waraqaa garaagaraa utuma ilaaluu waggaa dheeraa dura xalayaa haadha isaatif barreeffame sana argate. ■ Gaafa dubbisu akka haati isaa jetteen utuu hin taane faallaa isaati "MUCAAN KEE SAMMUUN ISAA HARKIFATAA WAAN TA'EEF LAMUU AKKA MANA BARUUMSA KEENYATTI HIN ERGINE." Jedha. ■ Yeroo sana haati isaa ati BEEKA DHA jettee beekaa akka isa goote, ati GUDDAA DHA jettee guddaa akka isa goote hubatee yaadannoo isaa irratti ➲ "Toma's Alva Edsen nama sammuu harkifataa ta'ee dhalate tattaafannaa haadha isaatin garuu BEEKAA GUDDAA jedhame." Jedhee barreesse. ■ Obbolee namichi kun gaafa dhalatu fayyaa isaa dhabee dhalate biyyaan jibbame. Kun baratee nama in ta'u jedhamee ari'ame. Jechi isaan jedhame manatti isa deebisee namaa gadi isa godhee akka inni uumamuu isaayyuu jibbuuf ture. Garuu kan nama dhibu arrabuma maaddii barumsa isaa irraa ariisisee kichuutti kutee isa hambisuuf hima hadhaa'aa itti darbateetu deebisee ati BEEKA DHA ATI GUDDAA DHA. Jedhee, abdii isaa lalisiisee, eenyummaa isaa isa keessaa itti agarsiisee humna addunyaa jijjiire kana keessa kaa'ee, maqaan isaa seenaa keessatti akka dinqiitti akka haasa'amu isa godhe. ■ Nuti hoo har'a arraba keenyan beekaa biyyaaf ta'u baay'ee isaa cabsinee haamilee isaa, hunkuteessinee, haala isaa har'aa ilaallee ati "nama in taatu" jennee manatti deebisaa, jirra moo hir'ina isaa itti himaa, jabina inni qabuuf immoo ● "Ati cimaa dha, ● Ati nama guddaa dhas, ● Sichis guddaa taata, ● Ati beekaa dha, ● Jabaadhu, ● Haamileen kee in bu'in, ● Si bukkee jirra" jennee abdii isaa borii itti agarsiisaa ■ Kana qofa miti dargaggeessi baay'een humna biyyaa ta'uuf male, tajaajilaa baay'een dhibaa'ummaa arraba isaa keessaa yaa'un ofuma isaatif of cabsee golatti deebi'e baay'eetu jira. Baay'een keenya humna nu keessa jiru utuu hin beekin ofuma keenyaf gatii of dhabsiisna. ■ Yeroo baay'ee jechoonni arraba baay'ee keenya irra yaa'an: • Ani gatii in qabu, • Ani abdii in qabu, • Ani nama gadiidha, • Ani nama akkasumaanidha, • Ani baduufan jedha, • Ani dhukkubsataadha, • Ani nan du'a fi kkf dha. ➲ Obbolaa koo arrabni humna guddaa qaba. Dhaabbitti ajjeesus, abdii namaa lalisiisee du'aa kaasus ni danda'a. ➲ Lafee hin qabu garuu lafee ribuu hunkuteessa. Arraba gaarii fi abdii dubbatu arraba caba namaa fayyisu Waaqayyoo nuuf haa baay'isu.
Show all...
#Liinkii Isiniif keenye liinkii Cuqaasuun Itti gargaaramaa 👇✅warreen feetan qofti https://elelana.com/2024/02/21/how-to-access-free-online-courses-in-ethiopia/
Show all...
ODUU OBN Afaan Oromoo Ministeerrii dhimma Dargaggoo fi Hawaasumma Dhaabbata "Breakthrough Trading S.C" waliin hojjechuuf waliigalee! Waggoottan saddeettan dhufan dargaggoota miiliyoona 20’f leenjii kennuuf waliigalteen kaayyeeffate mallatteeffameera. Waliigaltichis “Dhalootaa jijjiiramaa” kan jedhamu, Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa fi Waldaa Aksiyoonaa “Break Through Trading” jedhamu gidduutti mallatteeffameera.
Show all...