cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Jaalala♡Qulqulluu💖

Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣ Na qunnamuu yoo barbaaddan @J_QulqulluBot gubbaan na argattu !

Show more
Finland451The language is not specifiedReligion & Spirituality7 326
Advertising posts
12 294Subscribers
+6124 hours
+2847 days
+58930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

"Yoo aarees bakka dhaqu hin qabu hin deebi'aa, yoo mufattees bakka dheeyxu hin qabdu hin deebitii Kuni amaluma isaati/ishiiti" jattanii wal qabatuufii dhiifama wal gaafatuu irraa duubatti harkifatuun adda fageenya humtuu isa dhiheessuu hin dandeenye uumuu mala guyyaa tokko. Namni tokko tarii yeroo baay'ee deddebisee dhiifama si gaafatuu danda'a kan badiin ta isaanii hin ta'in illee, kan badiin teetii yeroo mara dhiifama of gaafachiisuuf yoo yaalte guyyaa tokko muratee sitti argisiisuu mala, namni bifa kanaan murate abadan deebi'ee jireenya kee keessa dhufuu dhabuu mala, namni San yeroo San siif gala, sitti hin barfatin ! Wal hin gabbarru🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
Show all...
🥰 17🙏 3👍 1
Amman Si Jaaladhu Anaaf Rabbit Beeka Callisee Hundumtuu Maalumaaf Nu Jeeqa Orma Hin Dhaga'in Anuma Siif wayya Illillee Jannataa Yaa Bareedduu kiyya ♡ Jaalalli badii miti 🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
Show all...
🥰 11👍 9
Urgaa gaarii natti biiftee Ati dhufnaan fuula iftee Rakkinni koo na dhokata Onneen kiyyas ni boqota Miira gaddaa narraa qola Kolfeen seeqa natti tolaa Burqaa kootu ol mirgisaa Haamileen koos ni lalisaa ~ Kanaafuu Kanin baase sitti himadhu Fuulla ifaan na simadhuu❤️‍🔥 𝔖𝔬𝔯𝔦 ♡ @A4mulaa_jireenyaa
Show all...
23👍 8
Nama ulfeessee si laalu, Kan si kabaju, Kan dubbii teetiif bakka laatu, kan yeroo ati itti aarte fardeeffatee si araarsuuf yaalu, kan xiqqeefatee salphisee si hin laalle kan dantaa si dhabne qabda yoo tahe ati carra qabeessadha. Kana hunda faallatti kan sirratti argisiisuu waliin yoo jiraatte nama akkatti si laalu hanga argattuu kophaa tee jiraadhu hiriyyaa malee. Kabajaan jaalalaa Oli🥰 :¨·.·¨:  `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
Show all...
10👍 9
Narratti bilbilteeti abbaan kiyya si Kannu malee nan jachu jira gurbaan ameerkaa irraa dhufee nan jatte. Duboo atoo akm jatteeniin ja'een, aniis abbaa kiyya harka darbuu dadhabeetiin tole jaiinii nan jatte, Tolekaa bultii gaariin siif hawwaa ja'eetiin bilbila kiyya dhaamsadhe, amma narra deddeebisu jirti, aniis jalaa hin kaanse amma text barreessitee "hanganuma waliif qabnaa, takkumatti hayyee jattee na ga lakkiftaa?" Naan jatte, jaalala ishii itti argisiisuuf gamoo irraa utaaluun qaba moo🙃 Jireenyi qaalahe dhunkurtiin kiiloon 150 seenee jira akkaan isiillee ifitti godhee if hin boochisne. @Jaalala_qulqulluu
Show all...
😁 22
Mee wahumaafiin siin ja'aa channel kana👇join godhi @alfalahdawagrp @alfalahdawagrp
Show all...
👍 16 7
Guyyaa 1kka ka'abaa si wajjiinin xuqa🤍🕋. Insha allah
Show all...
👍 37 16
Barataan jaalalaan qabame 80% ka gahu barnoota isaa irratti 0 taha. Jaalalti hundi dawaa miti, jaalalli garii diina galma keetiiti. Jaalalaan sakaalamtee fuul duree tee dukkaneessaa jirta yoo tahe odoo yeroon sitti hin kunne "kuni fala gooytaatii miti falfala sheeyxaanaati" jaiitii ifirraan qaarsi. Qeerroon sababa qarreetiin qaroo dhabuun qaroomaa miti ! 🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀 @Jaalala_Qulqulluu
Show all...
👍 27 15🙏 2😘 2
Du'a malee wanti gargar nu baasu hin jiru jannee waadaa waliif galle, duutiniis dhufuu didde nutiis waliif galuu dadhabne dhiiroo akkami mee malli maali? @Jaalala_Qulqulluu
Show all...
👍 8😢 6
Gaafii heddummaachuu isii irraa kan ka'e Nyaachu jirtaa naan jatte, eehiin ja'een, maal nyaachu jirta naan jatte, paastaan ja'een, suugoo ni qabamoo ka wal keessaatii naan jatte ni qabaan ja'een, soogiddi irra kutemoo akkami naan jatte, lakkii akka bareedatti itti godhameehiin ja'een. Taate yeroo nyaataa gaarii qabaadhu hbby naan jatte, hayyee galatoomi hbbtyn ja'een, duboo Odeessi maali jirta naan jatte ammaas😢😢😢😢 Ammaas irra deebi'eetiin paastaa itti himamoo, baqqaa wal janajjanuun akkanumaa😅 @Jaalala_Qulqulluu
Show all...
😁 28👍 10🔥 1