cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Sagalee Kiristoos Iyyasuus

" Yaa mucaa namaa! Ati macaaficha ani amma siif kennu kana nyaadhuu garaa kee guuttadhu!" naan jedhe; ani yommuun nyaadhes afaan kootti akka dammaa in miyaa'e." Hisqi'el 3: 3 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ @kitaabaqulqulluu @kitaabaqulqulluu ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
3 518
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام
أرشيف المشاركات
#3 "በሰማያት ያለውን የአባቴን ፈቃድ የሚያደርግ እንጂ፥ ጌታ ሆይ፥ ጌታ ሆይ፥ የሚለኝ ሁሉ መንግሥተ ሰማያት የሚገባ አይደለም። በዚያ ቀን ብዙዎች፦ ጌታ ሆይ፥ ጌታ ሆይ፥ በስምህ ትንቢት አልተናገርንምን፥ በስምህስ አጋንንትን አላወጣንምን፥ በስምህስ ብዙ ተአምራትን አላደረግንምን? ይሉኛል። የዚያን ጊዜም፦ ከቶ አላወቅኋችሁም፤ እናንተ ዓመፀኞች፥ ከእኔ ራቁ ብዬ እመሰክርባቸዋለሁ። ስለዚህ ይህን ቃሌን ሰምቶ የሚያደርገው ሁሉ ቤቱን በዓለት ላይ የሠራ ልባም ሰውን ይመስላል። ዝናብም ወረደ ጎርፍም መጣ ነፋስም ነፈሰ ያንም ቤት ገፋው፥ በዓለት ላይም ስለ ተመሠረተ አልወደቀም። ይህንም ቃሌን ሰምቶ የማያደርገው ሰው ሁሉ ቤቱን በአሸዋ ላይ የሠራ ሰነፍ ሰውን ይመስላል። ዝናብም ወረደ ጎርፍም መጣ ነፋስም ነፈሰ ያንም ቤት መታው፥ ወደቀም፥ አወዳደቁም ታላቅ ሆነ።" ማቴዎስ 7:21-27 "Iyyesuus , "Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti. Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, 'Yaa gooftaa, yaagooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti, 'Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!' jedheen mul'inatti isaanitti hima" jedhe. Iyyesuus , "Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama. Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, manasanatti bu'an; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne. Namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hin hojjenne hundinuu garuu, nama gowwaa mana isaa hundee malee lafa cirrachaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama. Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, mana sanatti bu'an; manichis in jige; jiguun isaas badduu baasa ta'e" jedhe." Mat. 7:21-27
إظهار الكل...
#2 "ጌታ ቸር መሆኑን ቀምሳችሁ እንደ ሆነ፥ ለመዳን በእርሱ እንድታድጉ አሁን እንደ ተወለዱ ሕፃናት ተንኰል የሌለበትን የቃልን ወተት ተመኙ።" 1ኛ የጴጥሮስ መልእክት 2:2-3 “Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharra'aa!” — 1Phe. 2:2
إظهار الكل...
# 1 "ወንድሞች ሆይ፥ እኔ ገና እንዳልያዝሁት እቈጥራለሁ፤ ነገር ግን አንድ ነገር አደርጋለሁ፤ በኋላዬ ያለውን እየረሳሁ በፊቴ ያለውን ለመያዝ እዘረጋለሁ" ወደ ፊልጵስዩስ ሰዎች 3:13 “Obboloota ko, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa'u. Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha.” — Filp. 3:13
إظهار الكل...
Suuqiin Waldaa Duuka Bu'ootaa Gamoo Koolleejjii Sillaasee(4kilo) irratti argamu maaliif cufame?
إظهار الكل...
👍 34
👎 10
"Mikaa'el ergamoota gurguddoota warra duraa keessaa inni tokko, na gargaaruudhaaf in dhufe" Daan 10:13
إظهار الكل...
" Yommus inni anatti dubbachaa ture, "Yeroo sanatti Mikaa'el ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu in ka'a; yeroon rakkinaas in ta'a; sanyiin rakkinichaas erga sabni jiraachuutti ka'ee jalqabee, hamma bara sanaatti argamee kan hin beekne in ta'a; sabni kee warri maqaan isaanii macaaficha keessatti caafame garuu adduma addaan isa jalaa in ba'u." (Macaafa Daani'el Raajichaa 12: 1)
إظهار الكل...
" Kana hundumaa keessatti Mikaa'el ergamaa guddaa isa isiniif dhaabatu malee, tokko illee kan anaa wajjin jabaatee dhaabatu hin jiru! Haa ta'u iyyuu malee, ani wanta macaafa isa dhugaan keessatti argamutti caafame sitti nan hima" jedhe." (Macaafa Daani'el Raajichaa 10: 21)
إظهار الكل...
Kitaabini qulqulluun waa'ee ergamoota maal jedha?
إظهار الكل...
" Kana booddee ergamoota torba warra fuula Waaqayyoo dura dhaabatan nan arge; Isaaniifis malakanni torba in kennamaniif. " Mul'ata Yohannis 8: 2
إظهار الكل...
" Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas." (Macaafa Faarfannaa 34: 7)
إظهار الكل...
" Ergamoonni Waaqayyoo lamaan galgala gara Sodoom in dhufan; Looxis karra kellaa Sodoom dura in taa'a ture; Loox yeroo isaan arge, simachuudhaaf ka'ee itti adeemee, hamma mataan isaa lafa ga'utti qoomma'eefii," (Seera Uumamaa 19: 1)
إظهار الكل...
Ortoodoksii Ishee Dhugaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉 @Ortodoksiidhugaa 👈 👉 @Ortodoksiidhugaa 👈 ️☝☝☝☝☝☝☝☝☝ ✥••┈┈┈••●◉ ✞ ◉●••┈┈┈••✥ https://t.me/joinchat/AAAAAFBPDrD-IHb_dz8cEw
إظهار الكل...
-Kuni kan abaluuti, sunis kan abaluuti jennee wal hammeessuu haa dhiisnu. Isa kana warra kanatu boodeedhan jira, isa kana ammo warra kanatu duuba jira jennee, laphee kiristaanotaa buusuu haa dhiisnu. Waan nu fayyadu irraa haa qayyabannu. Wanta nuuf hin malu jennee yaadnus haa dhiisnu. Garuu kuni kan abaluuti, kunimmoo kan abaluuti jechuun mana kiristaana akeenya takkittii xiqqeessuf yaaluun nurraa hin miidhagu,..Tarii miidiyaawwan dabalataas si'achi ni qabaanna ta'a// @Naa Himii
إظهار الكل...
Ani akkanattan yaada: Miidiyaan mana kiristaanaa keenya sa'aatii 24 tamsaasan sadi(sadi) gahaniiru jedheen yaada. Isaanis 1. Kan Mana Kiristaanaa Waliigalaa(EOTC) tiin hoogganamu 2. Kan Mana Lubummaa Oromiyaa(OCN) tiin hoogganamu 3. Kan Mahabara Qiddusaanii(EOTCMK) tiin hoogganamu Kana hunduma qabaachuu keenyatti nan gammada.Hundumti iyyuu kan keenya akka ta'ettan yaada. wantoota achirratti darbanis sa'aatii qabuun nan hordofa. Of tuulummaan bu'aa hin qabu. Mana kiristaanaa takkittiitti qircuudhan 'natu wayya' natu wayya' jechuunis bu'aa hin buusu. Yaadni keenya akka kiristaana laphee takkaa fi yaada takka qabutti ta'uu qaba. Tokkummaan kiristaanotaa ni barbaachisa. Of tuulummaa hirdhisuun, amala farisummaa, Saduuqummaa fi barsiisota seeraa ofirraa hoirdhisuun waan humna keenya dhugaa mana kiristaanaa keenyas muldhisuu, wal barsiifachuu fi wal hubachiifachuu irratti haa xiyyeeffannu.
إظهار الكل...
“Gaaf tokko bartoonni Yohannis gara Iyyaasuu dhufanii, "Nuyii fi Fariisonni maaliif soomna? Bartoonni kee immoo maaliif hin sooman?" jedhaniin. Iyyaasuu deebisee, "Dhirsi misirroo hamma isaan bira jirutti warri cidhaa gadduu danda'uu ree? Guyyoonni dhirsi misirroo itti isaan duraa fudhatamu dhufuuf jiru; isaan yeroo sanatti in soomu. Homtinuu erbee haaraa takkaa , hin miicamin uffata moofaa irratti hin erbu; erbichi haaraan uffata moofaa sana irraa in tarsaasa, tarsa'aan isaas isa duraa irra kan caalu ta'a. Akkanuma immoo daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqan; kana yoo godhan, qodichi in dho'a, daadhichi in dhangala'a, qodichis in bada. Daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu malee; daadhichis qodichis akkasitti in oolu" isaaniin jedhe.” — Mat. 9: 14-17 Sooma Milkii nuu yaa ta’u !!
إظهار الكل...
“ani hafuura koo isin keessa nan kaa'a, isinis in jiraattu; biyya keessanittis isin nan galcha' yommus ani Waaqayyo kana akkan dubbadhe, akkan godhes isin in beektu" jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.” — His. 37:14
إظهار الكل...
❝¹ Ayyaanni guyyaa shantammaffaa inni "Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. … ³ Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an. ⁴ Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.❞ Hojii Ergamoota 2:1-4
إظهار الكل...
❝Waaqayyo ammas, ''Bara booddeetti ani hafuura koo nama hundumaa irratti nan dhangalaasa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu, maanguddoonni keessan abjuu in abju'atu.❞ Yoe. 2:28
إظهار الكل...
💐Ayyaanota gooftaa💐 (itti fufa kutaa xumuraa #share ) @Pheniel_tewahido 6⃣ Guyyaa gooftaa Iyyasuus itti fannifame: Ayyaannii kun sagadaa fi kadhannaa guddaadhaan kan kabajamuu gooftaa Iyyasuus ilma namaatiif jedhee guyyaa fannoo irra oole yaadchuu fi guyyaa inni fannoo irratti lubbuu isaa jaalala dhala namaatiif jedhee dabarsee itti kenne waan ta’eef, haala guddaadhaan kabajama.Guyyaa gooftaan addunyaadhaaf aarsaa of godhee itti of qopheesse yaadachuuf kabajama. Guyyaa kana guyyaa guutuu sa’aatii sa’aatiidhaan ni sagadama,dubbisniwwan dhagahamanis gadadoo rakkina, fi dadhabbii gooftaa kan ibsan, dadhabbii fi reebamuu isaa kan ibsani, dhiigni nuuf dhangala’uu isaa kan ibsaanii fi kan biros ni jiru.Kan kabajamus yeroo mara guyyaa Jimaataati. Dhuma irrattis hordoftoonni amantichaa cubbuu torban sana keessa hojjetan lubatti ni himatu.Lubootnis baala ejersaatiin dugda ni rukutu, akka sagadanis ni ajaju.kunis fakkeenya abboommii fi ajajamuu ti. 7⃣ Ayyaana Du’aa ka’uu Goofta Iyyasuus: Ayyaanni kunis gooftaa Iyyasuus erga awwaalamee booda, awwaala naaf banaa kafanii naaf hiikaa osoo hin jedhin du’a moo’atee ni ka’e, ilkee du’aas ni cabse. Du’a jalaa walaba nu baase waan ta’eef gammachuu guddaadhaan kabajama. “Homtuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu anumatu ofii kootiin kenna malee” akkuma jedhe(Yoh 10:17). Ayyannii du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus Kiristaanota hundaaf akka guyyaa walabummaa fi injifannootti fudhamatma. Nagaa walgaaffiin torban kana keessaas ‘Kiristoos du’aa k’e’, kan jedhu yoo t’u namootni deebisanis “Eeyyen dhugumaan ka’e” jedhanii deebisu. Guyyaa kana soomnis ni hiikkata.Guyya kanarraa hanga guyyaa 50 ffaa soomni wayiituu guyyaa Roobii fi Jimaatas dabalatee hin jiru.Sagaduunis dhoowwadha, guyyoota gammachuu waan ta’aniif. Namootnis gammachuun waliin dabarsu malee kophaa nyaachun dhorkadha. Qiddaaseen halkan sa’aatii 6 eegalee sa’aatii 9 itti raawwatama.Gooftaan halkan qixxee sa’aatii 6 tti du’aa ka’e waan ta’eef. 8⃣ Ayyaana ol fudhatamuu (ol ba’uu): Kun immoo gooftaa Iyyasuus guyyaa 40 booda bakka mootummaa isaatti akka fudhatame kan ibsu dha.Gara Abbaa isaatti ol fudhatame. Erga du’aa ka’ee booda hanga guyyaa 40 kana keessattis duuka buutota isaa barsiisa ture.kitaaba irrattis “Dubbii kana dubbates otuma isaan ilaalanuu gara Waaqatti ol fudhatame, duumessi isa simate ija isaanii duras ni dhoksee” (Hojii duuka bu’ootaa 1:9) Akkuma Isxiifaanos “kunoo ani bantiiwwan waaqaa banamanii ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabate nan arga” jedhe (Hojii duuka bu’ootaa 7:57) gara abbaa isaatti ol fudhatame. Guyaan kun kan kabajamu ayyana du’aa ka’uu gooftaa irraa guyyaa 40 irratti yoo ta’u yeroo mara guyyaa kamisaa irra oola. Ayaanni kun halkan guutuu kadhaadhan yaadatama, hordoftoota amantaa biratti garuu itti qophiin mana keessaa bay’ee hin muldhatu. 9⃣ Ayyaana Pharaqlixoos: Pheenxeqostee jedhames beekkama. Guyyaa shantammaffaa jechuu dha afaan Giriikitiin. Guyyaan Kun guyyaa Hafuurri qulqulluun itti bu’e dha, duuka bu’ootni isaas kan jabina itti argataniidha, Afaan addunyaa heddus itti dubbatani dha. Pharaqlixoos jechuun immo cinaa kan dhaabatu, kan jajjabeessu, kan nama gargaaru jechaa dha, kitaaba Qulqulluu irrattis akanatti barraa’e “Dingata huursan Waaqa irra akka bubbee bubbisutti dhagahamee, manicha isaan kessa jiranis guute” jedhameera. Guyyaan kun guyyaa dhaloota mana kirsitaana ti jedhuun abbootni. Lallaba Pheexroos dhagahanii namootni kuma sadi guyyaa sanatti cuuphamaniiru (Hojii duuka bu’ootaa 2:14) ‼️ Egaa kuniin ayyanota gurguddoo akka kabajnuuf abboomame malee ayyaanonni xixinnoon biros ni jiru. Dabalataanis ji’a ji’aan guyyaa 29 ffaa dhaloota gooftaa Iyyasuus yaadachuudhaan akka kabajamu abbootni qannoonaadhaan abboomanii jiru. 🌺 Galanni waaqayyoof 🌺 👇👇👇👇👇❤️👇👇👇👇 👉 @Pheniel_tewahido 👈 👉 @Pheniel_tewahido 👈 🌺🌺🌺🌺❤️🌺🌺🌺🌺
إظهار الكل...
......itti fufa @Pheniel_tewahido 5⃣ Ayyaana Hosaa’inaa: Hosaa’inaa jechuun qoricha jechuudha. Iyyasuus harree fi ilmoo harree irra taa’ee gara Iyyeruusalemitti ulfinaan seene. Yeoo sana namootni uffata ofii kuun immoo dame baala qabu lafa irra fifirsanii afaniif(zanbaabaa). Guyyaa kana gooftaa Iyyasuus gara mana qulqullummaa seenuudhaan namoota mana qulqullummaa Keessatti calla geggeeddaranii fi taa’umsa warra gugee gurguranii gadi gagagalche, “Manni koo mana kadhataa ti jedhamee ni waammama, isin garuu mana hattuu isa godhattan isaanin jedhe. (Matat 21:13) Ijoollen mana qulqullummaa keessa turanis sagalee isaanii ol fuudhanii “Hosaa’inaa ilma Daawitiif” jedhan. Mucoolii fi daa’imman akka si galateeffatan goote jedhamee kan bara’es ni raawwate(Far 8:2). Guyyaa kana namootnis akkuma faarsaa Daawitiin ni himame, “Hosaa’inaa ilma Daawitiif, inni maqaa Waaqayyoo gooftatiin dhufu galateeffamaa dha.hosaa’inaa ol waaqa gubbaatti” (Mat 21:9 akkasumas Far 118:26). Kanaaf ayyaanni kun yoo kabajamu, baala muka zanbaaba mataatti godhatu, addatti hidhatu qubaarrati kaawwatu. Fafarafannan gara garaas itti dhagahama. Guyyaa kana torban ‘Himamaatii’ keessa nama du’e lubootaan hiikuun waan hin jirreef kadhaan torban sanaas guyyuma kanatti raawwata. @Pheniel_tewahido
إظهار الكل...
Ayyaanota Gooftaa Iyyasuus Kiristoos ( #Share ) @Pheniel_tewahido 🌺 Waggaa Keessatti Ayyaannii gooftaa Iyyasuus gurguddoo kan jedhaman lakkoofsan sagal yoo ta’an, ayyaanota xixinoonis immoo sagal akka ta’an manni kirtaana Ortodoksii ni barsifti. Ayyaanota gurguddoo gooftaa Iyyasus gurguddoo Saglan akka arman gadiitti dhiheessinee jirra. 1⃣ Guyyaa gooftaan Foon Uffachuun gadaamessa Maariyaamii keessa bule: Kun guyyaa dhiira malee dubroo Maariyaamiin Hafuura Qulqulluun ulfoofte argamte, guyyaa gooftaa Iyyasuus ulfa guyyaa jalqabaa ta’ee gadaamessa haadha isaa dubroo Maariyaamii keessa bule dha. Bitootessa 29 manni kirstaanaa Ortodoksii ni kabajji, ni ayyaaneffatti. Kunis akkuma ergamaan Gabr’eeliin ni ulfoofta, ilmas ni deessa jedheen battalluma jecha ergamaa booda kan ta’e dha. (Luq 1:31). 2⃣ Guyyaa Dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Gannaa): Kunis gooftaa Iyyasuus Beeteliheem kutaa biyya Yihudaa keessaatii iddoo bultii looniitti dhalate dha .(Luq 2:7;Mat 2:6) .Yeroo mara Muddee 29 kabajama. Jabana Yohannis immoo Muddee 28 kabajama. Beetelehimeetti dhalachuu gooftaa ilaalchisee caaffatni: “Ati yaa Beeteliheem ishee biyya Yihudaa keessaa, ati mandaroota Yihudaa hunduma irra hin xinnaattu,si keessa kan mo’u tokko,saba koo Israa’eliin kan bulchu ni ba’a” kan jedhus ni raawwatame (Mik 5:2,Mat :6). Guyyaa kana ergamootni Waaqayyoos “Hooqubaan Waaqayyoof samii gubbaatti, nagaaniis namoota Waaqayyo itti gammadanuuf lafa irratti “jedhanii galateeffatan. Tiksoonnis akkasuma faarfatan(Luq 2:13) Ogeeyyiin urjii lakkaa’an immoo ba’a biftuutii dhufanii ni sagadaniif, saanduqa isaanii bananiis harka fuudha, warqee ixaanaa fi qumbii kennaniif (Mat 2:11) Gooftaa Iyyasuus mooraa loonii Keessatti dhalachuun isaa gadi of qabuuf, isinis lafa kana irra yoo jiraattan gadi of qabaa jechuu barbaadeti. Yeroo inni dhalatutti wanta ergamootan ta’e kan tiksoonnis godhan, haatii isaa Maariyaamiin dubbii kana garaatti qabatte, itti yaaddi turte (Luq 2:19). 3⃣ Ayyaana Cuuphaa: Ayyaannii cuuphaa, keessaattu haala adda ta’een mana kiristaanaa keenyatti kan kabajamu, guyyaa gooftaan Iyyasuus Kiristoos laga Yordanositti harka Yohannistti cuuphame yaadachuu fi. Yeroo gooftaa Iyyasuus cuuphamus “Samiin banamee Hafuurri qulqulluun bifa guuggeetiin muldhatee irra bu’e,sagaleenis samii irraa akka dubbate,ati ilma koo isa jaalatamaa dha, gamachuun koos sitti ni raawwatama” kan jedhu ni dhagahame(Luq 3:21).Gooftaan waggaa 30 tti(Luq 2:23) cuuphame.(Mat 3:17) Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos raajiiwwan himamaa turan raawwachuuf, nuuf fakkeenya ta’uuf, bishaan eebbisuuf akkasuma cuuphaaf humna ta’uuf Yordaanositti cuuphame. Iyyasuus Kiristoos harka Yohaannisitti cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Yoordaanositti dhufuu isaa agarsiisuuf guyyaa ayyaana cuuphaa kana taabotni teessoo isaanirraa ka’anii lafa bishaan jiru bulu (Mat3:13). Ayyaannii cuuphaas yeroo hunda kan kabajamu Amajjii 11.Ayyaannii cuuphaa kun guyyaa Roobii ykn guyyaa Jimaataa irra yoo oole hin soomamu. Kunis kabaja gooftaa fi ayyanichi kabajni isaa hammam guddaa akka ta’e ibsuu fi. 4⃣ Ayyaana Buhee (Dabra-Taabor): Ayyaannii kun Hagayya 13 yeroo mara kan kabajamu yoo ta’u sababni isaas gooftaa Iyyasuus gaara Taabor irratti duuka bu’oota keessaa Pheexros,Yaaqoobiifi Yohaannis akkasumas abboota kakuu moofa keessa turan kan yeroo sanatti du’aan addunya irraa booqate Muusee fi kan lafa kana irraa fooniin fudhatame Eeliyaas kaasuudhaan wajjin haasa’e. Waaqummaa isaas itti ibse dha. Gaara Taabor irratti qulqulloota kanaaf bifa ulfina isaatiin itti muldhate, fuulli isaas akka biiftuu ife, uffatni isaas akka cabbii addaate balaqqise. Tasa duumessis ni haaguuge, sagaleenis samii irraa ni dhagahame “kun ilma koo isa ani jaaladhu, gammachuun koos isatti ni raawwatama,isa dhagahaa ” (Mat 17:5)kan jedhu ni dhagahame iftis ni ta’e. Guyyaa kana gooftaa Iyyasuus Waaqummaa isaa ni ibse. Itti fufa..... 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉 @Pheniel_tewahido 👈 👉 @Pheniel_tewahido 👈 📣📣📣📣❤️📣📣📣📣
إظهار الكل...
​​📣📣📣📣📣📣📣📣📣📣📣 Baga yaadannoo ji'aa abbaa keenya Qulqulluu, Fayyisaa Addunyaatin nu gahe. ( #Share) @Pheniel_tewahido "Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara isaatti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise." (Tiitoo 3÷5) 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉 @Pheniel_tewahido 👈 👉 @Pheniel_tewahido 👈 📣📣📣📣 ❤️📣📣📣📣
إظهار الكل...
Ortodooksii Ishee Dhugaa 💚💚 💚💚 💛💛💛💛💛💛 💛💛💛💛💛💛 ❤️❤️ ❤️❤️ ❤️❤️ ❤️❤️ TAWAAHIDOON BARA BARAAN HAA JIRAATTU "Kitaabni qulqulluun dhala namaa hundaaf kan dhiyaate Abbaa keenya waaqayyo irraa tokkoon tokkoo keenyaaf dhuunfaa dhaan kan safarame,ergaa kna qabatee fi tokkoon tokkoo keenyaa maqaa keenyaafi bakka jireenyaa keenyatti kan barreeffame Macaafa Mana Kiristaanaati" ABBAA TAADIROOS GIBSTAAWI ❤Garee keenyatti makamuuf magariisa Armaan gadii Tuqaa JOIN OUR GROUP...ይቀላቀሉን 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷 🌷 @Ortodoksiidhugaa 🌷 🌷 @Ortodoksiidhugaa 🌷 🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷 እናመሰግናለን!! GALATOOMAA!!
إظهار الكل...
👉#Dᴜʙʙɪsᴀᴀ! Tᴏᴏʀᴀ (ᴘᴀɢᴇ) https://www.facebook.com/OromummaaFiOrtodooksummaa ᴊᴇᴅʜᴜ #Lɪᴋᴇ ғɪ #Sʜᴀʀᴇ ɢᴏᴅʜᴀᴀ! https://www.facebook.com/OromummaaFiOrtodooksummaa/posts/154531082765391
إظهار الكل...
❝Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse.❞ —HoE. 1: 9
إظهار الكل...
❝Waaqayyo gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee fiinootiinis ol ba'eera;❞ —Far. 47: 5 ❝Ati Waaqayyo gooftaan, achi jiraachuudhaaf, warra booji'aman fudhattee, iddoo ol jedhaa sanatti baateetta; namoota gidduudhaa, warra mormanii si irratti ka'an irraa iyyuu kennaa fudhatteetta.❞ —Far. 68: 18 ❝Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan,"Inni gara waaqaatti yeroo o1ba'e, boojuu booji'ee dhaqee, namootaafis kennaa kenne" in jedha.❞ —Efe. 4: 8 ❝ Kana booddee Iyyesuus mandaricha keessaa baasee, hamma Bitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lachuu ol fuudhees isaan eebbise. Utuma isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa gargar ba'ee, gara waaqa keessaatti ol bahe . Isaanis sagadaniifii, gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebi'an;❞ Luq. 24 :50-52 Baga guyyaa ol ba'uu Gooftaa kenya Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nagaan nuu gahe. Ayyaana Gaarii !!!
إظهار الكل...